Lucas 6

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Guyyaa Sanbataa tokko Yesuus lafa qotiisaa midhaanii keessa darbaa ture; barattoonni isaas asheetii midhaanii ciratanii harka isaaniitiin sukkuummatanii nyaachuu jalqaban.
1 Aconteceu que, num sábado, passando Jesus pelas searas, os seus discípulos colhiam e comiam espigas, debulhando-as com as mãos.
2 Fariisota keessaas tokko tokko, “Isin maaliif waan Sanbataan hojjechuun hin eeyyamamne hojjettu?” jedhanii gaafatan.
2 E alguns dos fariseus lhes disseram: Por que fazeis o que não é lícito aos sábados?
3 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Isin waan Daawit yeroo innii fi miiltonni isaa beelaʼanitti godhe sana takkumaa hin dubbifnee?
3 Respondeu-lhes Jesus: Nem ao menos tendes lido o que fez Davi, quando teve fome, ele e seus companheiros?
4 Inni mana Waaqaa seenee buddeena qulqulleeffamekan luboota qofaaf eeyyamame fudhatee nyaate. Warra isa wajjin jiraniifis kenne.”
4 Como entrou na casa de Deus, tomou, e comeu os pães da proposição, e os deu aos que com ele estavam, pães que não lhes era lícito comer, mas exclusivamente aos sacerdotes?
5 Yesuusis, “Ilmi Namaa Gooftaa Sanbataa ti” isaaniin jedhe.
5 E acrescentou-lhes: O Filho do Homem é senhor do sábado.
6 Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture.
6 Sucedeu que, em outro sábado, entrou ele na sinagoga e ensinava. Ora, achava-se ali um homem cuja mão direita estava ressequida.
7 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan.
7 Os escribas e os fariseus observavam-no, procurando ver se ele faria uma cura no sábado, a fim de acharem de que o acusar.
8 Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate.
8 Mas ele, conhecendo-lhes os pensamentos, disse ao homem da mão ressequida: Levanta-te e vem para o meio; e ele, levantando-se, permaneceu de pé.
9 Yesuusis, “Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?” isaaniin jedhe.
9 Então, disse Jesus a eles: Que vos parece? É lícito, no sábado, fazer o bem ou o mal? Salvar a vida ou deixá-la perecer?
10 Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, “Harka kee diriirfadhu” jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.
10 E, fitando todos ao redor, disse ao homem: Estende a mão. Ele assim o fez, e a mão lhe foi restaurada.
11 Fariisonnii fi barsiistonni seeraa garuu akka malee aaranii Yesuusin maal gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban.
11 Mas eles se encheram de furor e discutiam entre si quanto ao que fariam a Jesus.
12 Yesuusis guyyoota sana keessaa gaaf tokko kadhannaadhaaf tulluutti ol baʼe; halkan guutuus Waaqa kadhachaa bule.
12 Naqueles dias, retirou-se para o monte, a fim de orar, e passou a noite orando a Deus.
13 Innis yommuu lafti bariʼetti barattoota isaa ofitti waamee nama kudha lama isaan keessaa filate; ergamoota jedhees isaan moggaase.
13 E, quando amanheceu, chamou a si os seus discípulos e escolheu doze dentre eles, aos quais deu também o nome de apóstolos:
14 Isaanis Simoon isa inni Phexros jedhee moggaase, obboleessa isaa Indiriiyaas,
14 Simão, a quem acrescentou o nome de Pedro, e André, seu irmão; Tiago e João; Filipe e Bartolomeu;
15 Maatewos,
15 Mateus e Tomé; Tiago, filho de Alfeu, e Simão, chamado Zelote;
16 Yihuudaa ilma Yaaqoob,
16 Judas, filho de Tiago, e Judas Iscariotes, que se tornou traidor.
17 Innis isaan wajjin gad buʼee iddoo diriiraa tokko irra dhaabate. Tuunni barattoota isaa guddaanis achi ture; namoonni Yihuudaa hunda keessaa, Yerusaalem keessaa, biyya qarqara galaanaa kan naannoo Xiiroosii fi Siidoonaatii dhufan baayʼeen,
17 E, descendo com eles, parou numa planura onde se encontravam muitos discípulos seus e grande multidão do povo, de toda a Judeia, de Jerusalém e do litoral de Tiro e de Sidom,
18 warri isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufanis achi turan. Warri hafuurota xuraaʼoon dhiphachaa turanis ni fayyan;
18 que vieram para o ouvirem e serem curados de suas enfermidades; também os atormentados por espíritos imundos eram curados.
19 sababii humni isa keessaa baʼee hunduma isaanii fayyisaa tureef, namoonni hundinuu isa tuquuf carraaqaa turan.
19 E todos da multidão procuravam tocá-lo, porque dele saía poder; e curava todos.
20 Innis barattoota isaa ilaalee akkana jedhe:
20 Então, olhando ele para os seus discípulos, disse-lhes:
21 Isin warri amma beeloftan eebbifamoo dha;
21 Bem-aventurados vós, os que agora tendes fome, porque sereis fartos.
22 Yommuu namoonni sababii Ilma Namaatiif jedhanii isin jibban,
22 Bem-aventurados sois quando os homens vos odiarem e quando vos expulsarem da sua companhia, vos injuriarem e rejeitarem o vosso nome como indigno, por causa do Filho do Homem.
23 “Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef gaafa sana ililchaatii gammachuudhaan buburraaqaa. Abbootiin isaanii iyyuu akkasuma raajota godhaniitii.
23 Regozijai-vos naquele dia e exultai, porque grande é o vosso galardão no céu; pois dessa forma procederam seus pais com os profetas.
24 “Garuu warri sooreyyiin isiniif wayyoo;
24 Mas ai de vós, os ricos! Porque tendes a vossa consolação.
25 Warri amma quuftan isiniif wayyoo,
25 Ai de vós, os que estais agora fartos! Porque vireis a ter fome.
26 Yommuu namni hundinuu isin saadu isiniif wayyoo;
26 Ai de vós, quando todos vos louvarem! Porque assim procederam seus pais com os falsos profetas.
27 “Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa;
27 Digo-vos, porém, a vós outros que me ouvis: amai os vossos inimigos, fazei o bem aos que vos odeiam;
28 warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.
28 bendizei aos que vos maldizem, orai pelos que vos caluniam.
29 Yoo namni tokko maddii tokko si kabale, maddii kaanis itti qabi. Yoo namni tokko kootii kee sirraa baafate immoo, kittaa kee illee hin dhowwatin.
29 Ao que te bate numa face, oferece-lhe também a outra; e, ao que tirar a tua capa, deixa-o levar também a túnica;
30 Nama si kadhatu hundumaaf kenni; yoo namni kam iyyuu waan kan kee taʼe fudhate, akka wanni sun siif deebifamu hin gaafatin.
30 dá a todo o que te pede; e, se alguém levar o que é teu, não entres em demanda.
31 Isinis akkuma namoonni kaan akka isiniif godhan barbaaddan sana isaaniif godhaa.
31 Como quereis que os homens vos façam, assim fazei-o vós também a eles.
32 “Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan, kun galata maalii isinii qaba? Cubbamoonni iyyuu warra isaan jaallatan ni jaallatuutii.
32 Se amais os que vos amam, qual é a vossa recompensa? Porque até os pecadores amam aos que os amam.
33 Isin yoo warra waan gaarii isinii godhaniif waan gaarii gootan, kun galata maalii isiniif qaba? Kana immoo cubbamoonni iyyuu ni godhuutii.
33 Se fizerdes o bem aos que vos fazem o bem, qual é a vossa recompensa? Até os pecadores fazem isso.
34 Warruma akka isiniif deebisan abdattaniif yoo liqeessitan galata maalii argattu? ‘Cubbamoonni iyyuu’ hammuma liqeessan sana deebisanii argachuuf jedhanii cubbamootaaf ni liqeessuutii.
34 E, se emprestais àqueles de quem esperais receber, qual é a vossa recompensa? Também os pecadores emprestam aos pecadores, para receberem outro tanto.
35 Isin garuu diinota keessan jaalladhaa; waan gaariis isaaniif hojjedhaa; utuu waan isinii deebiʼu tokko illee hin abdatin isaaniif liqeessaa. Yoos gatiin keessan guddaa ni taʼa; isinis ijoollee Waaqa Waan Hundaa Olii ni taatu; inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee arjaadhaatii.
35 Amai, porém, os vossos inimigos, fazei o bem e emprestai, sem esperar nenhuma paga; será grande o vosso galardão, e sereis filhos do Altíssimo. Pois ele é benigno até para com os ingratos e maus.
36 Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.
36 Sede misericordiosos, como também é misericordioso vosso Pai.
37 “Namatti hin murinaa; isinittis hin muramuutii. Nama hin yakkinaa; isinis hin yakkamtanii. Dhiifamas godhaa; dhiifamni isinii godhamaatii.
37 Não julgueis e não sereis julgados; não condeneis e não sereis condenados; perdoai e sereis perdoados;
38 Kennaa; isiniifis ni kennamaa. Safartuun gaariin itti hudumame, kan sochoofamee fi guutamee irra dhangalaʼe bobaa keessanitti isinii naqama. Safartuu ittiin safartaniinis isiniif safaramaatii.”
38 dai, e dar-se-vos-á; boa medida, recalcada, sacudida, transbordante, generosamente vos darão; porque com a medida com que tiverdes medido vos medirão também.
39 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Jaamaan tokko jaamaa qajeelchuu ni dandaʼaa? Isaan lachuu boolla keessa hin buʼanii?
39 Propôs-lhes também uma parábola: Pode, porventura, um cego guiar a outro cego? Não cairão ambos no barranco?
40 Barataan barsiisaa isaatii ol miti; namni guutumaan guutuutti leenjifame hundinuu garuu akka barsiisaa isaa ni taʼa.
40 O discípulo não está acima do seu mestre; todo aquele, porém, que for bem-instruído será como o seu mestre.
41 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?
41 Por que vês tu o argueiro no olho de teu irmão, porém não reparas na trave que está no teu próprio?
42 Ati utuu ofii keetii jirma ija kee keessa jiru arguu hin dandaʼin, akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessaa, kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa? Fakkeessituu nana, duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
42 Como poderás dizer a teu irmão: Deixa, irmão, que eu tire o argueiro do teu olho, não vendo tu mesmo a trave que está no teu? Hipócrita, tira primeiro a trave do teu olho e, então, verás claramente para tirar o argueiro que está no olho de teu irmão.
43 “Mukni gaariin ija gadhee naqatu tokko iyyuu hin jiru; mukni gadheenis ija gaarii hin naqatu.
43 Não há árvore boa que dê mau fruto; nem tampouco árvore má que dê bom fruto.
44 Tokkoon tokkoon mukaa ija isaatiin beekama. Namoonni muka qoraattii irraa harbuu, yookaan sokorruu irraa wayinii hin ciran.
44 Porquanto cada árvore é conhecida pelo seu próprio fruto. Porque não se colhem figos de espinheiros, nem dos abrolhos se vindimam uvas.
45 Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.
45 O homem bom do bom tesouro do coração tira o bem, e o mau do mau tesouro tira o mal; porque a boca fala do que está cheio o coração.
46 “Isin waan ani jedhu hin hojjettan; yoos maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?
46 Por que me chamais Senhor, Senhor, e não fazeis o que vos mando?
47 Namni gara koo dhufu, kan dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi maal akka fakkaatu ani isinitti nan argisiisa.
47 Todo aquele que vem a mim, e ouve as minhas palavras, e as pratica, eu vos mostrarei a quem é semelhante.
48 Isaan nama mana ijaaru, kan boolla gad fageessee qotee hundee mana sanaa kattaa irra dhaabe tokko fakkaatu. Sababii manichi sirriitti ijaarameef, lolaan yeroo lolaʼee humnaan itti buʼetti mana sana sochoosuu hin dandeenye.
48 É semelhante a um homem que, edificando uma casa, cavou, abriu profunda vala e lançou o alicerce sobre a rocha; e, vindo a enchente, arrojou-se o rio contra aquela casa e não a pôde abalar, por ter sido bem-construída.
49 Namni dubbii koo dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne garuu nama lafa irratti mana hundee hin qabne ijaarratu tokko fakkaata. Yeroo lolaan humnaan itti buʼetti manni sun ni jige; guutumaan guutuuttis diigame.”
49 Mas o que ouve e não pratica é semelhante a um homem que edificou uma casa sobre a terra sem alicerces, e, arrojando-se o rio contra ela, logo desabou; e aconteceu que foi grande a ruína daquela casa.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.