Lucas 5
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Gaaf tokko Yesuus utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Waaqaa dhagaʼaa jiranuu,
1 Aconteceu que Jesus estava junto ao lago de Genesaré, e a multidão o apertava para ouvir a palavra de Deus.
2 bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan.
2 Então ele viu dois barcos junto à praia do lago. Os pescadores tinham desembarcado e estavam lavando as redes.
3 Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Yesuusis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe.
3 Entrando num dos barcos, que era o de Simão, Jesus pediu-lhe que o afastasse um pouco da praia; e, assentando-se, do barco ensinava as multidões.
4 Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin, “Gara tuujuba bishaaniitti achi siqi; qurxummii qabuufis kiyyoo keessan darbadhaa” jedhe.
4 Quando acabou de falar, Jesus disse a Simão:
5 Simoonis deebisee, “Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha” jedhe.
5 Em resposta, Simão disse: — Mestre, havendo trabalhado toda a noite, nada apanhamos; mas, sob esta sua palavra, lançarei as redes.
6 Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan.
6 Fazendo isso, apanharam grande quantidade de peixes; e as redes deles começaram a se romper.
7 Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban.
7 Então fizeram sinais aos companheiros do outro barco, para que fossem ajudá-los. E foram e encheram ambos os barcos, a ponto de quase afundarem.
8 Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, “Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!” jedhe.
8 Vendo isto, Simão Pedro prostrou-se aos pés de Jesus, dizendo: — Senhor, afaste-se de mim, porque sou pecador.
9 Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef;
9 Pois, à vista da pesca que fizeram, a admiração se apoderou dele e de todos os seus companheiros,
10 ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan.
10 bem como de Tiago e João, filhos de Zebedeu, que eram seus sócios. Então Jesus disse a Simão:
11 Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.
11 E, arrastando eles os barcos para a praia, deixando tudo, o seguiram.
12 Utuu Yesuus magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Yesuusin argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa” jedhee isa kadhate.
12 Aconteceu que, estando Jesus numa das cidades, um homem coberto de lepra veio à sua presença. Quando ele viu Jesus, prostrou-se com o rosto em terra e pediu: — Senhor, se quiser, pode purificar-me.
13 Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, “Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!” jedheen; lamxiin sunis yeruma sana namicha irraa bade.
13 E Jesus, estendendo a mão, tocou nele, dizendo: E, no mesmo instante, a lepra daquele homem desapareceu.
14 Yesuusis, “Nama tokkotti illee hin himin; garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; qulqullaaʼuu keetiifis aarsaawwan Museen ajaje sana dhiʼeessi” jedhee isa ajaje.
14 Jesus ordenou-lhe que não contasse isso a ninguém. E acrescentou:
15 Haa taʼuu malee oduun waaʼee isaa ittuma caalee facaʼe; namoonni hedduunis isa dhagaʼuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf jedhanii gara isaa dhufaa turan.
15 Porém o que se dizia a respeito de Jesus se espalhava cada vez mais, e grandes multidões afluíam para o ouvir e para serem curadas de suas enfermidades.
16 Yesuus garuu yeroo baayʼee lafa namni hin jirre dhaqee kadhachaa ture.
16 Jesus, porém, se retirava para lugares solitários e orava.
17 Gaaf tokko Yesuus utuu barsiisaa jiruu, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa warri gandoota Galiilaatii fi Yihuudaa hunda keessaa akkasumas Yerusaalemii dhufan achi tataaʼaa turan. Akka inni dhukkubsattoota fayyisuufis humni Gooftaa isa wajjin ture.
17 E aconteceu que, num daqueles dias, Jesus estava ensinando, e achavam-se ali assentados fariseus e mestres da Lei, vindos de todas as aldeias da Galileia, da Judeia e de Jerusalém. E o poder do Senhor estava com ele para curar.
18 Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Yesuus dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan.
18 Vieram, então, alguns homens trazendo um paralítico deitado num leito. Eles procuravam levá-lo para dentro e colocá-lo diante de Jesus.
19 Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Yesuus duratti siree isaatiin gad isa buusan.
19 E, não encontrando uma forma de fazer isso por causa da multidão, subiram ao telhado e, por entre as telhas, desceram o paralítico no seu leito, deixando-o no meio das pessoas, diante de Jesus.
20 Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti, “Namichoo, cubbuun kee siif dhiifameera” jedhe.
20 Vendo-lhes a fé, Jesus disse ao paralítico:
21 Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, “Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.
21 E os escribas e fariseus começaram a pensar: — Quem é este que diz blasfêmias? Quem pode perdoar pecados, a não ser um, que é Deus?
22 Yesuusis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan kana yaaddu?
22 Jesus, porém, conhecendo os pensamentos deles, disse-lhes:
23 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
23 O que é mais fácil? Dizer: “Os seus pecados estão perdoados”, ou dizer: “Levante-se e ande”?
24 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
24 Mas isto é para que vocês saibam que o Filho do Homem tem autoridade sobre a terra para perdoar pecados. E disse ao paralítico:
25 Innis yeruma sana kaʼee fuula isaanii dura dhaabate; waan irra ciisaa tures fudhatee Waaqa jajachaa mana ofii isaatti qajeele.
25 E imediatamente ele se levantou diante de todos e, pegando o leito em que até então estava deitado, voltou para casa, glorificando a Deus.
26 Hundi isaaniis dinqifatanii Waaqa jajan. Sodaadhaanis guutamanii, “Nu harʼa waan takkumaa hin taʼin argine” jedhan.
26 Todos ficaram muito admirados, davam glória a Deus e, cheios de temor, diziam: — Hoje vimos coisas extraordinárias!
27 Ergasii Yesuus achii baʼee qaraxxuu Lewwii jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu arge. Yesuusis, “Na duukaa buʼi” jedheen.
27 Depois disso, Jesus saiu e viu um publicano, chamado Levi, sentado na coletoria. E lhe disse:
28 Lewwiinis waan hunda dhiisee kaʼee isa duukaa buʼe.
28 Ele se levantou e, deixando tudo, o seguiu.
29 Lewwiinis mana isaatti cidha guddaa Yesuusiif qopheesse; qaraxxoonnii fi namoonni kaan baayʼeenis isaan wajjin nyaachaa turan.
29 Então Levi lhe ofereceu um grande banquete em sua casa; e era grande o número de publicanos e outras pessoas que estavam com eles à mesa.
30 Fariisonnii fi Barsiistonni seeraa kanneen garee isaanii taʼan garuu, “Isin maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaattanii dhugdu?” jedhanii barattoota isaatti guunguman.
30 Os fariseus e seus escribas murmuravam contra os discípulos de Jesus, perguntando: — Por que vocês comem e bebem com os publicanos e pecadores?
31 Yesuus immoo deebisee akkana isaaniin jedhe; “Ogeessi fayyaa tokko warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
31 Jesus tomou a palavra e disse:
32 Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne.”
32 Não vim chamar justos, e sim pecadores, ao arrependimento.
33 Isaanis, “Barattoonni Yohannis yeroo baayʼee ni soomu; ni kadhatus; barattoonni Fariisotaas akkasuma godhu; barattoonni kee garuu ni nyaatu; ni dhugus” jedhaniin.
33 Então eles disseram a Jesus: — Os discípulos de João frequentemente jejuam e fazem orações, e os discípulos dos fariseus fazem o mesmo; mas os seus discípulos comem e bebem.
34 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin utuu inni isaan wajjin jiruu michoota misirrichaa soomsisuu ni dandeessuu?
34 Jesus, porém, lhes disse:
35 Garuu yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.”
35 No entanto, virão dias em que o noivo lhes será tirado, e então, naqueles dias, eles vão jejuar.
36 Innis akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime; “Namni uffata moofaa erbuuf jedhee huccuu uffata haaraa tarsaasu tokko iyyuu hin jiru. Yoo kun godhame, isaan uffata haaraa sana tarsaasaniiru; erbeen haaraan sunis uffata moofaa wajjin wal hin fudhatu.
36 Também lhes contou uma parábola:
37 Namni daadhii wayinii haaraaqalqalloo moofaatti naqu tokko iyyuu hin jiru. Yoo itti naqe immoo daadhiin haaraan sun qalqalloo sana ni dhoosa; daadhiin sun ni dhangalaʼa; qalqallichis horoomaa baʼa.
37 E ninguém põe vinho novo em odres velhos, porque, se fizer isso, o vinho novo romperá os odres, o vinho se derramará, e os odres se estragarão.
38 Qooda kanaa daadhiin wayinii haaraan qalqalloo daadhii wayinii haaraatti naqamuu qaba.
38 Pelo contrário, vinho novo deve ser posto em odres novos.
39 Namni kam iyyuu erga daadhii wayinii kan goge dhugee booddee daadhii wayinii haaraa hin barbaadu; isaan, ‘Daadhii wayinii kan goge wayya’ jedhuutii.”
39 E ninguém, tendo bebido o vinho velho, prefere o novo, porque diz: “O velho é excelente.”
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.