Lucas 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yesuus Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Yordaanosii kaʼee Hafuuruma sanaan gammoojjiitti geeffame;
1 Jesus, cheio do Espírito Santo, voltou do Jordão e foi guiado pelo mesmo Espírito, no deserto,
2 achittis guyyaa afurtama diiyaabiloosiin qorame. Innis guyyoota sana keessa homaa hin nyaanne; dhuma irrattis ni beelaʼe.
2 durante quarenta dias, sendo tentado pelo diabo. Nada comeu naqueles dias, ao fim dos quais teve fome.
3 Diiyaabiloosis, “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, akka dhagaan kun buddeena taʼu ajaji” jedheen.
3 Então o diabo disse a Jesus: — Se você é o Filho de Deus, mande que esta pedra se transforme em pão.
4 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Namni buddeena qofaan hin jiraatu’jedhamee barreeffameera” jedheen.
4 Mas Jesus lhe respondeu:
5 Diiyaabiloosis gaara dheeraa tokkotti ol isa baasee hamma liphsuu ijaatti mootummoota addunyaa hunda isatti argisiise.
5 Então o diabo o levou para um lugar mais alto e num instante lhe mostrou todos os reinos do mundo.
6 Akkanas jedheen; “Ani taayitaa isaaniitii fi ulfina isaanii hundumaa siifin kenna; taayitaa fi ulfinni kun waan naa kennameef ani abbaa kennuufii barbaadeef kennuu nan dandaʼa.
6 E disse: — Eu lhe darei todo este poder e a glória destes reinos, porque isso me foi entregue, e posso dar a quem eu quiser.
7 Yoo ati naa sagadde, wanni kun hundinuu kan kee taʼa.”
7 Portanto, se você me adorar, tudo isso será seu.
8 Yesuus immoo, “ ‘Waaqa kee Gooftichaaf sagadi, isuma qofa tajaajili’jedhamee barreeffameera” jedhee deebiseef.
8 Mas Jesus respondeu:
9 Diiyaabiloosis Yerusaalemitti isa geessee, fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachiise. Akkanas jedheen; “Ati yoo Ilma Waaqaa taate, asii gad of darbadhu.
9 Então o diabo levou Jesus a Jerusalém, colocou-o sobre o pináculo do templo e disse: — Se você é o Filho de Deus, jogue-se daqui,
10 Akkana jedhamee barreeffameeraatii:
10 porque está escrito: “Aos seus anjos ele dará ordens a seu respeito, para que o guardem.”
11 isaanis akka ati miilla keetiin dhagaatti hin buuneef,
11 E: “Eles o sustentarão nas suas mãos, para que você não tropece em alguma pedra.”
12 Yesuus immoo deebisee, “ ‘Waaqa kee Goofticha hin qorin’jedhameera” jedheen.
12 Jesus respondeu ao diabo:
13 Diiyaabiloos immoo erga qorumsa kana hunda raawwatee booddee hamma yeroo mijaaʼaa argatutti isa dhiisee deeme.
13 Tendo concluído todas as tentações, o diabo afastou-se de Jesus, até momento oportuno.
14 Yesuus humna Hafuuraatiin Galiilaatti deebiʼe; oduun waaʼee isaas baadiyyaa guutuu keessa faffacaʼe.
14 Então Jesus, no poder do Espírito, voltou para a Galileia, e a sua fama correu por toda aquela região.
15 Inni manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa ture; namni hundinuus isa jaje.
15 E ensinava nas sinagogas, sendo elogiado por todos.
16 Innis Naazreeti iddoo itti guddate dhaqe; guyyaa Sanbataas akkuma amala isaa mana sagadaa seene. Kitaaba dubbisuufis kaʼee dhaabate;
16 Jesus foi para Nazaré, onde havia sido criado. Num sábado, entrou na sinagoga, segundo o seu costume, e levantou-se para ler.
17 kitaabni raajicha Isaayyaas isatti kenname. Innis kitaabicha banee kutaa akkana jedhamee barreeffame argate:
17 Então lhe deram o livro do profeta Isaías. E, abrindo o livro, achou o lugar onde está escrito:
18 “Hafuurri Gooftaa narra jira;
18 “O Espírito do Senhor
19 inni akka ani bara tola Gooftaa labsuufis na ergeera.”
19 e proclamar o ano aceitável
20 Innis kitaabicha cufee tajaajiltichatti deebisee kennee taaʼe; warri mana sagadaa sana keessa turan hundinuus xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
20 Tendo fechado o livro, Jesus o devolveu ao assistente e sentou-se. Todos na sinagoga tinham os olhos fixos nele.
21 Innis, “Barreeffamni kun harʼa gurra keessanitti raawwatame” isaaniin jechuu jalqabe.
21 Então Jesus começou a dizer:
22 Hundi isaanii waaʼee isaa waan gaarii dubbachaa turan; dubbii ayyaan qabeessa afaan isaatii baʼus ni dinqisiifatan. Isaanis, “Kun ilma Yoosef mitii?” jedhanii gaafatan.
22 Todos davam testemunho dele e se maravilhavam das palavras cheias de graça que lhe saíam dos lábios. E perguntavam: — Não é este o filho de José?
23 Yesuusis, “Akka isin, ‘Yaa abbaa qorichaa, of fayyisi! Waan Qifirnaahomitti hojjechuu kee dhageenye sana as biyya keettis hojjedhu’ jettanii natti mammaaktan ani shakkii hin qabu” isaaniin jedhe.
23 Então Jesus disse:
24 Innis itti fufee akkana jedhe; “Ani dhuguma isinitti nan hima; raajiin tokko iyyuu iddoo itti dhalatetti fudhatama hin qabu.
24 E Jesus prosseguiu:
25 Ani dhuguman isiniin jedha; bara Eeliyaas yeroo samiin waggaa sadii fi walakkaa cufamee beelli hamaan buʼeetti haadhota hiyyeessaa baayʼeetu Israaʼel keessa ture.
25 Na verdade lhes digo que havia muitas viúvas em Israel no tempo de Elias, quando o céu se fechou por três anos e seis meses, reinando grande fome em toda a terra,
26 Taʼus Eeliyaas gara haadha hiyyeessaa magaalaa Saraaphtaa biyya Siidoon keessa jiraattu tokkootti ergame malee haadhota hiyyeessaa sana keessaa gara tokkoo isaaniitti illee hin ergamne.
26 e Elias não foi enviado a nenhuma delas, a não ser a uma viúva de Sarepta de Sidom.
27 Bara Elsaaʼi raajichaas namoota lamxaaʼan hedduutu Israaʼel keessa ture; garuu Naʼamaan, namicha Sooriyaa tokkicha sana malee warra kaan keessaa namni tokko iyyuu hin qulqulloofne ture.”
27 Havia também muitos leprosos em Israel nos dias do profeta Eliseu, e nenhum deles foi purificado, a não ser Naamã, o sírio.
28 Namoonni manicha sagadaa keessa turan hundinuu yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aaran.
28 Todos na sinagoga, ouvindo estas coisas, se encheram de ira.
29 Isaanis kaʼanii magaalaa sana keessaa gad isa baasan; gad isa darbachuuf jedhaniis ededa tulluu magaalaan isaanii irratti ijaaramteetti ol isa baasan.
29 E, levantando-se, expulsaram Jesus da cidade e o levaram até o alto do monte sobre o qual a cidade estava edificada, para que, de lá, pudessem atirá-lo abaixo.
30 Inni garuu gidduudhuma isaanii baʼee deeme.
30 Jesus, porém, passando pelo meio deles, foi embora.
31 Innis gara Qifirnaahom, magaalaa Galiilaa keessaatti gad buʼe; guyyaa Sanbataas namoota barsiise.
31 E Jesus foi a Cafarnaum, cidade da Galileia, e os ensinava no sábado.
32 Isaanis waan dubbiin isaa taayitaa qabuuf barsiisa isaa ni dinqisiifatan.
32 E maravilhavam-se com a sua doutrina, porque a sua palavra era com autoridade.
33 Namichi hafuura hamaa xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa keessa ture. Innis sagalee guddaadhaan iyyee akkana jedhe;
33 E apareceu na sinagoga um homem possuído de um espírito de demônio imundo, o qual gritou em alta voz:
34 “Uffi! Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!”
34 — Ah! O que você quer conosco, Jesus Nazareno? Você veio para nos destruir? Sei muito bem quem você é: o Santo de Deus!
35 Yesuus immoo, “Calʼisii isa keessaa baʼi!” jedhee ifate. Hafuurri hamaan sunis isaan hunda duratti namicha kuffisee utuu hin miidhin isa keessaa baʼe.
35 Mas Jesus o repreendeu, dizendo: O demônio, depois de o ter jogado no chão no meio de todos, saiu daquele homem sem lhe fazer mal.
36 Namoonni hundinuu dinqifatanii, “Maal barsiisni akkanaa! Inni taayitaadhaan, humnaanis hafuurota xuraaʼoo ni ajaja; isaanis ni baʼu” waliin jedhan.
36 Todos ficaram admirados e comentavam entre si: — Que palavra é esta? Pois, com autoridade e poder, ele ordena aos espíritos imundos, e eles saem.
37 Oduun waaʼee isaas biyya naannoo sanaa guutuu keessa faffacaʼe.
37 E a fama de Jesus se espalhava por todos os lugares daquela região.
38 Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan.
38 Deixando a sinagoga, Jesus foi para a casa de Simão. A sogra de Simão estava doente, com febre muito alta, e pediram a Jesus em favor dela.
39 Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
39 E inclinando-se para ela, Jesus repreendeu a febre, e esta a deixou. E imediatamente ela se levantou e passou a servi-los.
40 Namoonnis yeroo aduun lixxetti namoota dhukkuba gosa garaa garaa qaban hunda gara Yesuus fidan; innis tokkoo tokkoo isaanii irra harka isaa kaaʼee isaan fayyise.
40 Ao pôr do sol, todos os que tinham enfermos, com diferentes tipos de doença, os trouxeram a Jesus. E ele os curava, impondo as mãos sobre cada um deles.
41 Akkasumas hafuuronni hamoon iyyanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii namoota baayʼee keessaa baʼan. Inni garuu sababii isaan akka inni Kiristoos taʼe beekaniif isaan ifate; akka isaan dubbatanis hin eeyyamneef.
41 Também de muitos saíam demônios, gritando e dizendo: — Você é o Filho de Deus! Ele, porém, os repreendia para que não falassem, pois sabiam que ele era o Cristo.
42 Yommuu bariʼettis Yesuus achii baʼee, iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis isa barbaadaa turan; yommuu gara isaa dhufanittis akka inni isaan dhiisee hin deemneef isa dhowwuu yaalan.
42 Quando amanheceu, Jesus saiu e foi para um lugar deserto. As multidões o procuravam, foram até junto dele e não queriam deixar que ele fosse embora.
43 Inni garuu, “Ani magaalaawwan kaanittis wangeela mootummaa Waaqaa lallabuun qaba; sababiin ani ergameefis kanuma” jedhe.
43 Jesus, porém, lhes disse:
44 Innis ittuma fufee manneen sagadaa Yihuudaa keessatti lallabaa ture.
44 E pregava nas sinagogas da Judeia.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.