Lucas 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.
1 Naqueles tempos apareceu um decreto de César Augusto, ordenando o recenseamento de toda a terra.
2 Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.
2 Este recenseamento foi feito antes do governo de Quirino, na Síria.
3 Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.
3 Todos iam alistar-se, cada um na sua cidade.
4 Yoosefis manaa fi sanyii Daawit keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawit ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.
4 Também José subiu da Galiléia, da cidade de Nazaré, à Judéia, à Cidade de Davi, chamada Belém, porque era da casa e família de Davi,
5 Innis kaadhima isaa Maariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.
5 para se alistar com a sua esposa Maria, que estava grávida.
6 Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.
6 Estando eles ali, completaram-se os dias dela.
7 Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.
7 E deu à luz seu filho primogênito, e, envolvendo-o em faixas, reclinou-o num presépio; porque não havia lugar para eles na hospedaria.
8 Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.
8 Havia nos arredores uns pastores, que vigiavam e guardavam seu rebanho nos campos durante as vigílias da noite.
9 Ergamaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.
9 Um anjo do Senhor apareceu-lhes e a glória do Senhor refulgiu ao redor deles, e tiveram grande temor.
10 Ergamaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
10 O anjo disse-lhes: Não temais, eis que vos anuncio uma boa nova que será alegria para todo o povo:
11 Harʼa magaalaa Daawit keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Kiristoos Goofticha.
11 hoje vos nasceu na Cidade de Davi um Salvador, que é o Cristo Senhor.
12 Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”
12 Isto vos servirá de sinal: achareis um recém-nascido envolto em faixas e posto numa manjedoura.
13 Ergamaa sana wajjinis raayyaan samii irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Waaqa galateeffachaa akkana jedhan;
13 E subitamente ao anjo se juntou uma multidão do exército celeste, que louvava a Deus e dizia:
14 “Samii gubbaatti ulfinni Waaqaaf,
14 Glória a Deus no mais alto dos céus e na terra paz aos homens, objetos da benevolência {divina}.
15 Erga Ergamoonni tiksoota dhiisanii gara samiitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.
15 Depois que os anjos os deixaram e voltaram para o céu, falaram os pastores uns com os outros: Vamos até Belém e vejamos o que se realizou e o que o Senhor nos manifestou.
16 Isaanis dafanii dhaqanii Maariyaamii fi Yoosefin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.
16 Foram com grande pressa e acharam Maria e José, e o menino deitado na manjedoura.
17 Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;
17 Vendo-o, contaram o que se lhes havia dito a respeito deste menino.
18 warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.
18 Todos os que os ouviam admiravam-se das coisas que lhes contavam os pastores.
19 Maariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.
19 Maria conservava todas estas palavras, meditando-as no seu coração.
20 Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Waaqaaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.
20 Voltaram os pastores, glorificando e louvando a Deus por tudo o que tinham ouvido e visto, e que estava de acordo com o que lhes fora dito.
21 Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura ergamaan Waaqaa isaaf baaseen Yesuus jedhamee moggaafame.
21 Completados que foram os oito dias para ser circuncidado o menino, foi-lhe posto o nome de Jesus, como lhe tinha chamado o anjo, antes de ser concebido no seio materno.
22 Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.
22 Concluídos os dias da sua purificação segundo a Lei de Moisés, levaram-no a Jerusalém para o apresentar ao Senhor,
23 Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.”
23 conforme o que está escrito na lei do Senhor: Todo primogênito do sexo masculino será consagrado ao Senhor {Ex 13,2};
24 Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.
24 e para oferecerem o sacrifício prescrito pela lei do Senhor, um par de rolas ou dois pombinhos.
25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.
25 Ora, havia em Jerusalém um homem chamado Simeão. Este homem, justo e piedoso, esperava a consolação de Israel, e o Espírito Santo estava nele.
26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.
26 Fora-lhe revelado pelo Espírito Santo que não morreria sem primeiro ver o Cristo do Senhor.
27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti,
27 Impelido pelo Espírito Santo, foi ao templo. E tendo os pais apresentado o menino Jesus, para cumprirem a respeito dele os preceitos da lei,
28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
28 tomou-o em seus braços e louvou a Deus nestes termos:
29 “Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti,
29 Agora, Senhor, deixai o vosso servo ir em paz, segundo a vossa palavra.
30 Iji koo fayyina kee isa ati
30 Porque os meus olhos viram a vossa salvação
31 saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
31 que preparastes diante de todos os povos,
32 innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa;
32 como luz para iluminar as nações, e para a glória de vosso povo de Israel.
33 Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.
33 Seu pai e sua mãe estavam admirados das coisas que dele se diziam.
34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;
34 Simeão abençoou-os e disse a Maria, sua mãe: Eis que este menino está destinado a ser uma causa de queda e de soerguimento para muitos homens em Israel, e a ser um sinal que provocará contradições,
35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”
35 a fim de serem revelados os pensamentos de muitos corações. E uma espada transpassará a tua alma.
36 Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
36 Havia também uma profetisa chamada Ana, filha de Fanuel, da tribo de Aser; era de idade avançada.
37 isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.
37 Depois de ter vivido sete anos com seu marido desde a sua virgindade, ficara viúva, e agora com oitenta e quatro anos não se apartava do templo, servindo a Deus noite e dia em jejuns e orações.
38 Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.
38 Chegando ela à mesma hora, louvava a Deus e falava de Jesus a todos aqueles que em Jerusalém esperavam a libertação.
39 Yoosefii fi Maariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.
39 Após terem observado tudo segundo a lei do Senhor, voltaram para a Galiléia, à sua cidade de Nazaré.
40 Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.
40 O menino ia crescendo e se fortificava: estava cheio de sabedoria, e a graça de Deus repousava nele.
41 Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.
41 Seus pais iam todos os anos a Jerusalém para a festa da Páscoa.
42 Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.
42 Tendo ele atingido doze anos, subiram a Jerusalém, segundo o costume da festa.
43 Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Yesuus mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.
43 Acabados os dias da festa, quando voltavam, ficou o menino Jesus em Jerusalém, sem que os seus pais o percebessem.
44 Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.
44 Pensando que ele estivesse com os seus companheiros de comitiva, andaram caminho de um dia e o buscaram entre os parentes e conhecidos.
45 Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.
45 Mas não o encontrando, voltaram a Jerusalém, à procura dele.
46 Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.
46 Três dias depois o acharam no templo, sentado no meio dos doutores, ouvindo-os e interrogando-os.
47 Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.
47 Todos os que o ouviam estavam maravilhados da sabedoria de suas respostas.
48 Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.
48 Quando eles o viram, ficaram admirados. E sua mãe disse-lhe: Meu filho, que nos fizeste?! Eis que teu pai e eu andávamos à tua procura, cheios de aflição.
49 Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?” isaaniin jedhe.
49 Respondeu-lhes ele: Por que me procuráveis? Não sabíeis que devo ocupar-me das coisas de meu Pai?
50 Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.
50 Eles, porém, não compreenderam o que ele lhes dissera.
51 Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.
51 Em seguida, desceu com eles a Nazaré e lhes era submisso. Sua mãe guardava todas estas coisas no seu coração.
52 Yesuusis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.
52 E Jesus crescia em estatura, em sabedoria e graça, diante de Deus e dos homens.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.