Lucas 23

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Ergasii yaaʼiin sun guutuun kaʼee Yesuusin gara Phiilaaxoositti geesse.
1 Levantou-se a sessão e conduziram Jesus diante de Pilatos,
2 Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban.
2 e puseram-se a acusá-lo: Temos encontrado este homem excitando o povo à revolta, proibindo pagar imposto ao imperador e dizendo-se Messias e rei.
3 Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate.
3 Pilatos perguntou-lhe: És tu o rei dos judeus? Jesus respondeu: Sim.
4 Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe.
4 Declarou Pilatos aos príncipes dos sacerdotes e ao povo: Eu não acho neste homem culpa alguma.
5 Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Inni Galiilaa irraa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti barsiisa isaatiin saba jeeqaa hamma asiitti illee dhufeera” jedhan.
5 Mas eles insistiam fortemente: Ele revoluciona o povo ensinando por toda a Judéia, a começar da Galiléia até aqui.
6 Phiilaaxoosis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Namichi kun nama Galiilaatii?” jedhee gaafate.
6 A estas palavras, Pilatos perguntou se ele era galileu.
7 Innis yommuu akka Yesuus nama kutaa Heroodis bulchuu taʼe beeketti Heroodisitti isa erge; Heroodisis yeroo sana Yerusaalem keessa ture.
7 E, quando soube que era da jurisdição de Herodes, enviou-o a Herodes, pois justamente naqueles dias se achava em Jerusalém.
8 Heroodis yommuu Yesuusin argetti akka malee gammade; inni sababii waaʼee Yesuus dhagaʼaa fi hojii dinqii kan inni hojjetu tokko tokko akka arguu abdachaa tureef yeroo dheeraaf isa arguu barbaadaa ture.
8 Herodes alegrou-se muito em ver Jesus, pois de longo tempo desejava vê-lo, por ter ouvido falar dele muitas coisas, e esperava presenciar algum milagre operado por ele.
9 Innis Gaaffii baayʼee isa gaafate; Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef.
9 Dirigiu-lhe muitas perguntas, mas Jesus nada respondeu.
10 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa achi dhadhaabatanii cimsanii isa himachaa turan.
10 Ali estavam os príncipes dos sacerdotes e os escribas, acusando-o com violência.
11 Heroodisii fi loltoonni isaa isa tuffatan; isatti qoosanis. Isaanis uffata miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Phiilaaxoositti isa ergan.
11 Herodes, com a sua guarda, tratou-o com desprezo, escarneceu dele, mandou revesti-lo de uma túnica branca e reenviou-o a Pilatos.
12 Guyyuma sana Heroodisii fi Phiilaaxoos walitti michooman; isaan duraan diina walii turaniitii.
12 Naquele mesmo dia, Pilatos e Herodes fizeram as pazes, pois antes eram inimigos um do outro.
13 Phiilaaxoosis luboota hangafoota, bulchitootaa fi saba walitti waamee,
13 Pilatos convocou então os príncipes dos sacerdotes, os magistrados e o povo, e disse-lhes:
14 akkana isaaniin jedhe; “Isin namichi kun, ‘karaa irraa saba jalʼisa’ jettanii isa natti fiddan; anis fuuluma keessan duratti isa qoree akka inni waan isin ittiin isa himattan sana keessaa tokko illee hojjete hin argine.
14 Apresentastes-me este homem como agitador do povo, mas, interrogando-o eu diante de vós, não o achei culpado de nenhum dos crimes de que o acusais.
15 Heroodisis waan tokko illee isa irratti hin argine; inni deebisee isa nutti ergeeraatii. Akkuma isin argitan kana namichi kun waan duʼaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne.
15 Nem tampouco Herodes, pois no-lo devolveu. Portanto, ele nada fez que mereça a morte.
16 Kanaafuu ani namicha kana adabeen gad isa dhiisa.” [
16 Por isso, soltá-lo-ei depois de o castigar.
17 Phiilaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin nama tokko mana hidhaatii gad isaanii dhiisuun dirqama ture.]
17 {Acontecia que em cada festa ele era obrigado a soltar-lhes um preso.}
18 Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan.
18 Todo o povo gritou a uma voz: À morte com este, e solta-nos Barrabás.
19 Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture.
19 {Este homem fora lançado ao cárcere devido a uma revolta levantada na cidade, por causa de um homicídio.}
20 Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate.
20 Pilatos, porém, querendo soltar Jesus, falou-lhes de novo,
21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan.
21 mas eles vociferavam: Crucifica-o! Crucifica-o!
22 Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe.
22 Pela terceira vez, Pilatos ainda interveio: Mas que mal fez ele, então? Não achei nele nada que mereça a morte; irei, portanto, castigá-lo e, depois, o soltarei.
23 Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate.
23 Mas eles instavam, reclamando em altas vozes que fosse crucificado, e os seus clamores recrudesciam.
24 Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse.
24 Pilatos pronunciou então a sentença que lhes satisfazia o desejo.
25 Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne.
25 Soltou-lhes aquele que eles reclamavam e que havia sido lançado ao cárcere por causa do homicídio e da revolta, e entregou Jesus à vontade deles.
26 Isaanis utuu Yesuusin geessaa jiranuu Simoon namicha Qareenaa tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufaa jiruu qaban; fannoo sanas isa irra kaaʼanii akka inni baatee Yesuus duubaan deemu isa dirqisiisan.
26 Enquanto o conduziam, detiveram um certo Simão de Cirene, que voltava do campo, e impuseram-lhe a cruz para que a carregasse atrás de Jesus.
27 Namoonni baayʼeen, dubartoota keessaas warri isaaf gaddaa fi booʼaa turan isa duukaa buʼan.
27 Seguia-o uma grande multidão de povo e de mulheres, que batiam no peito e o lamentavam.
28 Yesuusis isaanitti garagalee akkana jedhe; “Yaa durboota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa malee naaf hin booʼinaa.
28 Voltando-se para elas, Jesus disse: Filhas de Jerusalém, não choreis sobre mim, mas chorai sobre vós mesmas e sobre vossos filhos.
29 Kunoo guyyoonni itti namoonni, ‘dubartoonni dhabdoonni, garaan takkumaa ulfa hin baatinii fi harmi takkumaa hin hoosisin eebbifamoo dha’ jedhan ni dhufuutii.
29 Porque virão dias em que se dirá: Felizes as estéreis, os ventres que não geraram e os peitos que não amamentaram!
30 Yeroo sana,
30 Então dirão aos montes: Caí sobre nós! E aos outeiros: Cobri-nos!
31 Isaan erga muka jiidhaa akkana godhanii muka gogaa immoo akkam haa godhan?”
31 Porque, se eles fazem isto ao lenho verde, que acontecerá ao seco?
32 Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman.
32 Eram conduzidos ao mesmo tempo dois malfeitores para serem mortos com Jesus.
33 Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan.
33 Chegados que foram ao lugar chamado Calvário, ali o crucificaram, como também os ladrões, um à direita e outro à esquerda.
34 Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
34 E Jesus dizia: Pai, perdoa-lhes; porque não sabem o que fazem. Eles dividiram as suas vestes e as sortearam.
35 Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.
35 A multidão conservava-se lá e observava. Os príncipes dos sacerdotes escarneciam de Jesus, dizendo: Salvou a outros, que se salve a si próprio, se é o Cristo, o escolhido de Deus!
36 Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii,
36 Do mesmo modo zombavam dele os soldados. Aproximavam-se dele, ofereciam-lhe vinagre e diziam:
37 “Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.
37 Se és o rei dos judeus, salva-te a ti mesmo.
38 Katabbiin,
38 Por cima de sua cabeça pendia esta inscrição: Este é o rei dos judeus.
39 Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.
39 Um dos malfeitores, ali crucificados, blasfemava contra ele: Se és o Cristo, salva-te a ti mesmo e salva-nos a nós!
40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu?
40 Mas o outro o repreendeu: Nem sequer temes a Deus, tu que sofres no mesmo suplício?
41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”
41 Para nós isto é justo: recebemos o que mereceram os nossos crimes, mas este não fez mal algum.
42 Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
42 E acrescentou: Jesus, lembra-te de mim, quando tiveres entrado no teu Reino!
43 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
43 Jesus respondeu-lhe: Em verdade te digo: hoje estarás comigo no paraíso.
44 Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe;
44 Era quase à hora sexta e em toda a terra houve trevas até a hora nona.
45 aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe.
45 Escureceu-se o sol e o véu do templo rasgou-se pelo meio.
46 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
46 Jesus deu então um grande brado e disse: Pai, nas tuas mãos entrego o meu espírito. E, dizendo isso, expirou.
47 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe.
47 Vendo o centurião o que acontecia, deu glória a Deus e disse: Na verdade, este homem era um justo.
48 Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman.
48 E toda a multidão dos que assistiam a este espetáculo e viam o que se passava, voltou batendo no peito.
49 Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan.
49 Os amigos de Jesus, como também as mulheres que o tinham seguido desde a Galiléia, conservavam-se a certa distância, e observavam estas coisas.
50 Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture;
50 Havia um homem, por nome José, membro do conselho, homem reto e justo.
51 innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture.
51 Ele não havia concordado com a decisão dos outros nem com os atos deles. Originário de Arimatéia, cidade da Judéia, esperava ele o Reino de Deus.
52 Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate.
52 Foi ter com Pilatos e lhe pediu o corpo de Jesus.
53 Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe.
53 Ele o desceu da cruz, envolveu-o num pano de linho e colocou-o num sepulcro, escavado na rocha, onde ainda ninguém havia sido depositado.
54 Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera.
54 Era o dia da Preparação e já ia principiar o sábado.
55 Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan.
55 As mulheres, que tinham vindo com Jesus da Galiléia, acompanharam José. Elas viram o túmulo e o modo como o corpo de Jesus ali fora depositado.
56 Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan.
56 Elas voltaram e prepararam aromas e bálsamos. No dia de sábado, observaram o preceito do repouso.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 23, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.