Lucas 20
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Gaaf tokko utuu Yesuus mana qulqullummaa keessatti namoota barsiisuu, utuu wangeelas lallabuu luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa maanguddoota wajjin gara isaa dhufan.
1 Aconteceu que, num daqueles dias, estando Jesus a ensinar o povo no templo e a evangelizar, chegaram os principais sacerdotes e os escribas, juntamente com os anciãos,
2 Isaanis, “Ati akka taayitaa maaliitiin waan kana hojjettu nutti himi. Eenyutu taayitaa kana siif kenne” jedhan.
2 e lhe perguntaram: — Diga-nos com que autoridade você faz estas coisas? Ou quem lhe deu esta autoridade?
3 Innis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo natti himaa:
3 Jesus respondeu:
4 Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe?”
4 O batismo de João era do céu ou dos homens?
5 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata.
5 Então discutiram entre si: — Se dissermos: “Do céu”, ele dirá: “Por que não acreditaram nele?”
6 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoonni hundinuu akka Yohannis raajii taʼe waan amananiif dhagaadhaan nu tumu.”
6 Mas, se dissermos: “Dos homens”, o povo todo nos apedrejará, porque está convicto de que João era profeta.
7 Kanaaf isaan, “Inni eessaa akka dhufe nu hin beeknu” jedhan.
7 Por fim, responderam que não sabiam de onde era.
8 Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan waan kana hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.
8 E Jesus lhes disse:
9 Innis akkana jedhee fakkeenya kana namootatti himuu jalqabe; “Namichi tokko iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbatee, qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqee yeroo dheeraa ture.
9 A seguir, Jesus passou a contar ao povo esta parábola:
10 Innis yeroo midhaan walitti qabamutti akka isaan ija iddoo dhaabaa wayinii irraa waa kennaniif garbicha tokko qottuuwwan sanatti ergate. Qottuuwwan sun garuu tumanii harka duwwaa of irraa isa deebisan.
10 No devido tempo, mandou um servo aos lavradores para que lhe dessem do fruto da vinha. Mas os lavradores, depois de espancá-lo, o despacharam de mãos vazias.
11 Innis garbicha biraa ergate; isaan garuu isas tumanii, qaanessaniis harka duwwaa of irraa isa deebisan.
11 Em vista disso, enviou-lhes outro servo, mas também a este espancaram e, depois de insultá-lo, despacharam de mãos vazias.
12 Amma illee garbicha sadaffaa ergate; isaan immoo isas madeessanii gad isa darbatan.
12 Mandou ainda um terceiro; também a este, depois de feri-lo, expulsaram.
13 “Ergasii abbichi iddoo dhaabaa wayinii, ‘Maal gochuu naa wayya? Kaʼeen ilma koo jaallatamaa itti erga; tarii isa ni kabaju taʼaatii’ jedhe.
13 Então o dono da vinha disse: “Que farei? Enviarei o meu filho amado; talvez o respeitem.”
14 “Qottoonni sun garuu yommuu isa arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana; kottaa isa ajjeefnaa; dhaalli sun kan keenya taʼaatii’ jedhanii walii wajjin dudubbatan.
14 — Mas, quando os lavradores viram o filho, começaram a discutir entre si: “Este é o herdeiro; vamos matá-lo, para que a herança seja nossa.”
15 Kanaafuu isaan iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
15 E, lançando-o fora da vinha, o mataram.
16 Inni dhufee qottuuwwan sana ni ajjeesa; iddoo dhaabaa wayinii sanas namoota biraatti kennata.”
16 Virá, exterminará aqueles lavradores e entregará a vinha a outros. Ao ouvir isto, disseram: — Que tal não aconteça!
17 Yesuusis isaan ilaalee, akkana jedhe; “Egaa inni,
17 Mas Jesus, com o olhar fixo neles, disse:
18 Namni dhagaa sana irratti kufu hundinuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
18 Todo o que cair sobre esta pedra ficará em pedaços; e aquele sobre quem ela cair ficará reduzido a pó.
19 Barsiistonni seeraatii fi luboonni hangafoonni akka inni fakkeenya kana isaaniin mormuun dubbate waan beekaniif yeruma sana isa qabuu barbaadan. Garuu namoota sana sodaatan.
19 Naquela mesma hora, os escribas e os principais sacerdotes procuravam prender Jesus, porque entenderam que ele havia contado essa parábola contra eles; mas temiam o povo.
20 Jarris isa gaadaa, akka isaan waan inni dubbatuun isa qabanii dabarsanii humnaa fi taayitaa bulchaatti isa kennaniif jedhanii basaastota nama nagaa of fakkeessan ergan.
20 Eles passaram a vigiar Jesus. Enviaram espiões que se fingiam de justos para ver se o apanhavam em alguma palavra, a fim de entregá-lo à jurisdição e à autoridade do governador.
21 Basaastonni sunis akkana jedhanii isa gaafatan; “Yaa Barsiisaa, nu akka ati waan qajeelaa dubbatuu fi waanuma qajeelaa barsiiftu, akkasumas akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiisuu malee nama wal hin caalchifne beekna.
21 Então lhe perguntaram: — Mestre, sabemos que o senhor fala e ensina corretamente e não se deixa levar pela aparência das pessoas, mas ensina o caminho de Deus segundo a verdade.
22 Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
22 É lícito pagar imposto a César ou não?
23 Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe;
23 Mas Jesus, percebendo a artimanha deles, respondeu:
24 “Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?”
24 — Mostrem-me um denário. De quem é a figura e a inscrição? Eles responderam: — De César. Então Jesus lhes disse:
25 Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
25 — Pois deem a César o que é de César e a Deus o que é de Deus.
26 Isaanis waan inni dubbateen fuula namootaa duratti isa qabuu hin dandeenye. Deebii isaas dinqisiifatanii calʼisan.
26 Não puderam apanhá-lo em palavra alguma diante do povo; e, admirados da sua resposta, calaram-se.
27 Saduuqota duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan keessaa tokko tokko waa gaafachuuf jedhanii gara Yesuus dhufan;
27 Chegando alguns dos saduceus, que dizem não haver ressurreição,
28 akkanas jedhan; “Yaa Barsiisaa yoo obboleessi nama tokkoo niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin duʼe, akka namichi sun niitii sana dhaalee ijoollee dhalchee obboleessa isaatiif sanyii dabarsu Museen nuu barreesseera.
28 perguntaram a Jesus: — Mestre, Moisés nos deixou escrito que, se um homem casado morrer sem deixar filhos, o irmão desse homem deve casar com a viúva e gerar descendentes para o falecido.
29 Kunoo obboloota torbatu ture. Inni hangafni niitii fuudhee ijoollee malee duʼe.
29 Ora, havia sete irmãos: o primeiro casou e morreu sem filhos;
30 Inni lammaffaan,
30 o segundo
31 inni sadaffaanis ishee fuudhan; haaluma wal fakkaatuun isaan torbanuu utuu ijoollee hin dhalchin duʼan.
31 e o terceiro também casaram com a viúva, e assim foi com os sete. Todos morreram sem deixar filhos.
32 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
32 Por fim, morreu também a mulher.
33 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti isheen niitii isa kamii taati? Torban isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
33 Portanto, na ressurreição, de qual deles a mulher será esposa? Porque os sete casaram com ela.
34 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namoonni addunyaa kanaa ni fuudhu; ni heerumus.
34 Jesus respondeu:
35 Warri addunyaa dhufuuf jiruu fi duʼaa kaʼuu keessatti hirmaachuun isaanii malu garuu hin fuudhan; hin heerumanis.
35 mas os que são considerados dignos de alcançar a era vindoura e a ressurreição dentre os mortos não casam, nem se dão em casamento.
36 Isaan waan akka ergamootaa taʼaniif deebiʼanii hin duʼan; waan ijoollee duʼaa kaʼuu taʼaniifis isaan ijoollee Waaqaa ti.
36 Pois não podem mais morrer, porque são iguais aos anjos e são filhos de Deus, sendo filhos da ressurreição.
37 Garuu Museen iyyuu seenaa waaʼee daggalaa keessatti akka warri duʼan duʼaa kaʼan argisiiseera; inni Gooftaadhaan, ‘Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob’jedhee waamaatii.
37 E que os mortos ressuscitam, Moisés o indicou no trecho referente à sarça, quando afirma que o Senhor é o Deus de Abraão, o Deus de Isaque e o Deus de Jacó.
38 Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti; hundinuu isaaf jiraatoodhaatii.”
38 Ora, Deus não é Deus de mortos, e sim de vivos; porque para ele todos vivem.
39 Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko, “Yaa Barsiisaa, dhugaa jette!” jedhanii deebisan.
39 Então alguns dos escribas disseram: — Boa resposta, Mestre!
40 Namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
40 E não ousaram mais fazer perguntas a Jesus.
41 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isaan akkamitti Kiristoosilma Daawit jechuu dandaʼu?
41 Mas Jesus lhes perguntou:
42 Daawit mataan isaa iyyuu kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedha;
42 Pois o próprio Davi afirma no Livro dos Salmos:
43 hamma ani diinota kee,
43 até que eu ponha
44 Daawit ‘Gooftaa’ jedhee isa waama. Yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
44 — Portanto, Davi o chama de Senhor. Então como ele pode ser filho de Davi?
45 Utuu namoonni hundinuu isa dhagaʼaa jiranuu, Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe;
45 Quando todo o povo estava ouvindo, Jesus disse aos seus discípulos:
46 “Barsiistota seeraa irraa of eeggadhaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii nanaannaʼuu fi gabaa keessattis nagaa gaafatamuu, manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, lafa cidhaatti immoo iddoo ulfinaa jaallatu.
46 — Cuidado com os escribas, que gostam de andar com vestes talares e muito apreciam as saudações nas praças, as primeiras cadeiras nas sinagogas e os primeiros lugares nos banquetes.
47 Isaanis mana haadha hiyyeessaa saamanii onsu; of argisiisuuf jedhaniis kadhannaa dheeressu. Namoonni kunneen adaba guddaa adabamu.”
47 Eles devoram as casas das viúvas e, para o justificar, fazem longas orações. Estes sofrerão juízo muito mais severo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.