Lucas 18

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.
1 Jesus contou a seguinte parábola , mostrando aos discípulos que deviam orar sempre e nunca desanimar:
2 Innis akkana jedhe; “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture.
2 — Em certa cidade havia um juiz que não
3 Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
3 Nessa cidade morava uma viúva que sempre o procurava para pedir justiça, dizendo: “Ajude-me e julgue o meu caso contra o meu adversário!”
4 “Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee,
4 — Durante muito tempo o juiz não quis julgar o caso da viúva, mas afinal pensou assim: “É verdade que eu não temo a Deus e também não respeito ninguém.
5 sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ ”
5 Porém, como esta viúva continua me aborrecendo, vou dar a sentença a favor dela. Se eu não fizer isso, ela não vai parar de vir me amolar até acabar comigo.”
6 Gooftaanis akkana jedhe; “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa;
6 E o Senhor continuou:
7 Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?
7 Será, então, que Deus não vai fazer justiça a favor do seu próprio povo, que grita por socorro dia e noite? Será que ele vai demorar para ajudá-lo?
8 Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”
8 Eu afirmo a vocês que ele julgará a favor do seu povo e fará isso bem depressa. Mas, quando o
9 Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime.
9 Jesus também contou esta parábola para os que achavam que eram muito bons e desprezavam os outros:
10 “Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan.
10 — Dois homens foram ao Templo para orar. Um era
11 Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha.
11 O fariseu ficou de pé e orou sozinho, assim: “Ó Deus, eu te agradeço porque não sou avarento, nem desonesto, nem imoral como as outras pessoas. Agradeço-te também porque não sou como este cobrador de impostos.
12 Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’
12 Jejuo duas vezes por semana e te dou a décima parte de tudo o que ganho.”
13 “Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
13 — Mas o cobrador de impostos ficou de longe e nem levantava o rosto para o céu. Batia no peito e dizia: “Ó Deus, tem pena de mim, pois sou pecador!”
14 “Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
14 E Jesus terminou, dizendo:
15 Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan.
15 Depois disso, algumas pessoas levaram as suas crianças a Jesus para que ele as abençoasse, mas os discípulos viram isso e repreenderam aquelas pessoas.
16 Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.
16 Então Jesus chamou as crianças para perto de si e disse:
17 Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
17 Eu afirmo a vocês que isto é verdade: quem não receber o Reino de Deus como uma criança nunca entrará nele.
18 Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate.
18 Certo líder judeu perguntou a Jesus: — Bom Mestre, o que devo fazer para conseguir a vida eterna?
19 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.
19 Jesus respondeu:
20 Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
20 Você conhece os mandamentos: “Não cometa adultério, não mate, não roube, não dê falso testemunho contra ninguém, respeite o seu pai e a sua mãe.”
21 Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
21 O homem respondeu: — Desde criança eu tenho obedecido a todos esses mandamentos.
22 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
22 Quando Jesus ouviu isso, disse:
23 Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii.
23 Quando o homem ouviu isso, ficou muito triste, pois era riquíssimo.
24 Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!
24 Vendo a tristeza dele, Jesus disse:
25 Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
25 É mais difícil um rico entrar no Reino de Deus do que um camelo passar pelo fundo de uma agulha.
26 Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
26 Os que ouviram isso perguntaram: — Então, quem é que pode se salvar?
27 Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
27 Jesus respondeu:
28 Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen.
28 Aí Pedro disse: — Veja! Nós deixamos a nossa família e seguimos o senhor.
29 Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee,
29 Jesus respondeu:
30 bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.”
30 receberá ainda nesta vida muito mais e, no futuro, receberá a vida eterna.
31 Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.
31 Jesus levou os doze discípulos para um lado e disse:
32 Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus.
32 Ele será entregue aos não judeus, e estes vão zombar dele, insultá-lo, cuspir nele
33 Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
33 e bater nele; e depois o matarão. Mas no terceiro dia ele ressuscitará.
34 Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.
34 Os discípulos não entenderam nada do que Jesus disse. O que essas palavras queriam dizer estava escondido deles, e eles não sabiam do que Jesus estava falando.
35 Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture.
35 Jesus já estava chegando perto da cidade de Jericó. Acontece que um cego estava sentado na beira do caminho, pedindo esmola.
36 Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate.
36 Quando ouviu a multidão passando, ele perguntou o que era aquilo.
37 Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.
37 — É Jesus de Nazaré que está passando! — responderam.
38 Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.
38 Aí o cego começou a gritar: — Jesus,
39 Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
39 As pessoas que iam na frente o repreenderam e mandaram que ele calasse a boca. Mas ele gritava ainda mais: — Filho de Davi, tenha pena de mim!
40 Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate;
40 Jesus parou e mandou que trouxessem o cego. Quando ele chegou perto, Jesus perguntou:
41 “Akka ani maal siif godhu barbaadda?”
41 — O que é que você quer que eu faça? — Senhor, eu quero ver de novo! — respondeu ele.
42 Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen.
42 Então Jesus disse:
43 Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.
43 No mesmo instante o homem começou a ver e, dando glória a Deus, foi seguindo Jesus. E todos os que viram isso começaram a louvar a Deus.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.