Lucas 17

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARA

Sair da comparação
ARA Almeida Revista e Atualizada 1993
1 Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe; “Wantoonni akka namoonni gufatan godhan dhufuun hin oolu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufaniif wayyoo!
1 Disse Jesus a seus discípulos: É inevitável que venham escândalos, mas ai do homem pelo qual eles vêm!
2 Inni warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee gufachiisuu mannaa dhagaan daakuu morma isaatti hidhamee galaanatti utuu darbatamee isaa wayya ture.
2 Melhor fora que se lhe pendurasse ao pescoço uma pedra de moinho, e fosse atirado no mar, do que fazer tropeçar a um destes pequeninos.
3 Kanaafuu of eeggadhaa.
3 Acautelai-vos. Se teu irmão pecar contra ti, repreende-o; se ele se arrepender, perdoa-lhe.
4 Yoo inni guyyaa tokkotti yeroo torba cubbuu sitti hojjetee yeroo torbanuu sitti deebiʼee, ‘Ani qalbii nan jijjiirradha’ siin jedhe dhiifama godhiif.”
4 Se, por sete vezes no dia, pecar contra ti e, sete vezes, vier ter contigo, dizendo: Estou arrependido, perdoa-lhe.
5 Ergamoonnis Gooftaadhaan, “Amantii keenya nuu guddisi” jedhan.
5 Então, disseram os apóstolos ao Senhor: Aumenta-nos a fé.
6 Innis akkana jedhee deebise; “Isin amantii xinnoo hamma ija sanaaficaa illee yoo qabaattan, muka qilxuu kanaan, ‘Buqqaʼiitii galaana keessa dhaabami!’ jechuu dandeessu; innis isinii ajajama.
6 Respondeu-lhes o Senhor: Se tiverdes fé como um grão de mostarda, direis a esta amoreira: Arranca-te e transplanta-te no mar; e ela vos obedecerá.
7 “Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookaan kan hoolota tiksu qaba haa jennu; inni yeroo garbichi sun alaa galutti, ‘Dafii kottuutii taaʼii waa nyaadhu’ jedhaanii?
7 Qual de vós, tendo um servo ocupado na lavoura ou em guardar o gado, lhe dirá quando ele voltar do campo: Vem já e põe-te à mesa?
8 Qooda kanaa inni garbicha sanaan, ‘Irbaata naa qopheessi; hamma ani nyaadhee dhugutti marxifadhuutii na tajaajili; sana booddee ati ni nyaattaa; ni dhugdas’ hin jedhuunii?
8 E que, antes, não lhe diga: Prepara-me a ceia, cinge-te e serve-me, enquanto eu como e bebo; depois, comerás tu e beberás?
9 Namichis sababii garbichi sun waan ajajame sana raawwateef isa ni galateeffataa?
9 Porventura, terá de agradecer ao servo porque este fez o que lhe havia ordenado?
10 Kanaafuu isinis yommuu waan ajajamtan hunda raawwattanitti, ‘Nu garboota faayidaa hin qabnee dha; waanuma hojjechuu qabnu qofa hojjenne’ jedhaa.”
10 Assim também vós, depois de haverdes feito quanto vos foi ordenado, dizei: Somos servos inúteis, porque fizemos apenas o que devíamos fazer.
11 Yesuus utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture.
11 De caminho para Jerusalém, passava Jesus pelo meio de Samaria e da Galileia.
12 Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii,
12 Ao entrar numa aldeia, saíram-lhe ao encontro dez leprosos,
13 sagalee isaanii ol fudhatanii, “Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!” jedhan.
13 que ficaram de longe e lhe gritaram, dizendo: Jesus, Mestre, compadece-te de nós!
14 Innis yommuu isaan argetti, “Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!” jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.
14 Ao vê-los, disse-lhes Jesus: Ide e mostrai-vos aos sacerdotes. Aconteceu que, indo eles, foram purificados.
15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe.
15 Um dos dez, vendo que fora curado, voltou, dando glória a Deus em alta voz,
16 Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.
16 e prostrou-se com o rosto em terra aos pés de Jesus, agradecendo-lhe; e este era samaritano.
17 Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan?
17 Então, Jesus lhe perguntou: Não eram dez os que foram curados? Onde estão os nove?
18 Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?”
18 Não houve, porventura, quem voltasse para dar glória a Deus, senão este estrangeiro?
19 Yesuusis, “Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii” jedheen.
19 E disse-lhe: Levanta-te e vai; a tua fé te salvou.
20 Fariisonnis mootummaan Waaqaa yoom akka dhufu Yesuusin gaafatan; innis akkana jedhee deebiseef; “Mootummaan Waaqaa namatti mulʼachaa hin dhufu;
20 Interrogado pelos fariseus sobre quando viria o reino de Deus, Jesus lhes respondeu: Não vem o reino de Deus com visível aparência.
21 namoonnis, ‘Mootummaan Waaqaa kunoo as jira’ yookaan ‘Kuunnoo achi jira’ hin jedhan; mootummaan Waaqaa isin gidduu jiraatii.”
21 Nem dirão: Ei-lo aqui! Ou: Lá está! Porque o reino de Deus está dentro de vós.
22 Innis barattoota isaatiin akkana jedhe; “Yeroon isin itti guyyoota Ilma Namaa keessaa isa tokko arguu hawwitan ni dhufa; garuu hin argitan.
22 A seguir, dirigiu-se aos discípulos: Virá o tempo em que desejareis ver um dos dias do Filho do Homem e não o vereis.
23 Namoonni, ‘Inni kuunnoo achi jira!’ yookaan ‘Kunoo as jira’ isiniin jedhu; isin garuu hin dhaqinaa; isaan duukaas hin buʼinaa.
23 E vos dirão: Ei-lo aqui! Ou: Lá está! Não vades nem os sigais;
24 Ilmi Namaa guyyaa isaatti akkuma balaqqeessi balaqqeessaʼee gama tokkoo hamma gama kaaniitti samii ibsuu ni taʼaatii.
24 porque assim como o relâmpago, fuzilando, brilha de uma à outra extremidade do céu, assim será, no seu dia, o Filho do Homem.
25 Inni garuu duraan dursee akka malee dhiphachuu fi dhaloota kanaan tuffatamuu qaba.
25 Mas importa que primeiro ele padeça muitas coisas e seja rejeitado por esta geração.
26 “Akkuma bara Nohi taʼe sana, yeroo Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
26 Assim como foi nos dias de Noé, será também nos dias do Filho do Homem:
27 Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.
27 comiam, bebiam, casavam e davam-se em casamento, até ao dia em que Noé entrou na arca, e veio o dilúvio e destruiu a todos.
28 “Bara Looxis akkasuma ture; namoonni nyaachaa, dhugaa, bitachaa, gurgurachaa, biqiltuu dhaabbachaa, manas ijaarrachaa turan.
28 O mesmo aconteceu nos dias de Ló: comiam, bebiam, compravam, vendiam, plantavam e edificavam;
29 Guyyaa Looxi Sodoomii baʼetti garuu ibiddii fi dinyiin samii irraa roobee hunda isaanii balleesse.
29 mas, no dia em que Ló saiu de Sodoma, choveu do céu fogo e enxofre e destruiu a todos.
30 “Guyyaa Ilmi Namaa mulʼatuttis akkasuma taʼa.
30 Assim será no dia em que o Filho do Homem se manifestar.
31 Guyyaa sana namni bantii manaa irra jiru kan mana keessaa miʼa qabu miʼa sana fudhachuuf gad buʼuu hin malu. Akkasuma immoo namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu waan tokkoof illee manatti hin deebiʼin.
31 Naquele dia, quem estiver no eirado e tiver os seus bens em casa não desça para tirá-los; e de igual modo quem estiver no campo não volte para trás.
32 Niitii Looxi yaadadhaa!
32 Lembrai-vos da mulher de Ló.
33 Namni lubbuu isaa eeggachuu yaalu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni lubbuu isaa dhabu kam iyyuu lubbuu isaa ni turfata.
33 Quem quiser preservar a sua vida perdê-la-á; e quem a perder de fato a salvará.
34 Ani isinittin hima; halkan sana namoonni lama siree tokko irra ni rafu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
34 Digo-vos que, naquela noite, dois estarão numa cama; um será tomado, e deixado o outro;
35 Dubartoonni lama walii wajjin midhaan daaku; isheen tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti. [
35 duas mulheres estarão juntas moendo; uma será tomada, e deixada a outra.
36 Namoonni lama lafa qotiisaa keessa jiru; tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.”]
36 [Dois estarão no campo; um será tomado, e o outro, deixado.]
37 Isaanis, “Yaa Gooftaa, eessatti?” jedhanii gaafatan.
37 Então, lhe perguntaram: Onde será isso, Senhor? Respondeu-lhes: Onde estiver o corpo, aí se ajuntarão também os abutres.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.