Lucas 14
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
1 Aconteceu, num sábado, que, entrando ele em casa de um dos principais dos fariseus para comer pão, eles o estavam observando.
2 Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture.
2 E eis que estava ali diante dele um certo homem hidrópico.
3 Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?” jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate.
3 E Jesus, tomando a palavra, falou aos doutores da lei e aos fariseus, dizendo: É lícito curar no sábado?
4 Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.
4 Eles, porém, calaram-se. E tomando- o, o curou e despediu.
5 Innis, “Isin keessaa namni tokko yoo ilma yookaan qotiyyoo guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe qabaate, inni yeruma sana harkisee boolla keessaa hin baasuu?” jedhee isaan gaafate.
5 E disse-lhes: Qual será de vós o que, caindo-lhe num poço, em dia de sábado, o jumento ou o boi, o não tire logo?
6 Isaan garuu deebii kennuu hin dandeenye.
6 E nada lhe podiam replicar sobre isso.
7 Innis yommuu akka keessumoonni sun iddoo ulfinaa filatan hubatetti akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
7 E disse aos convidados uma parábola, reparando como escolhiam os primeiros assentos, dizendo-lhes:
8 “Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.
8 Quando por alguém fores convidado às bodas, não te assentes no primeiro lugar, para que não aconteça que esteja convidado outro mais digno do que tu,
9 Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa.
9 e, vindo o que te convidou a ti e a ele, te diga: Dá o lugar a este; e então, com vergonha, tenhas de tomar o derradeiro lugar.
10 Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii.
10 Mas, quando fores convidado, vai e assenta-te no derradeiro lugar, para que, quando vier o que te convidou, te diga: Amigo, assenta-te mais para cima. Então, terás honra diante dos que estiverem contigo à mesa.
11 Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”
11 Porquanto, qualquer que a si mesmo se exaltar será humilhado, e aquele que a si mesmo se humilhar será exaltado.
12 Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama.
12 E dizia também ao que o tinha convidado: Quando deres um jantar ou uma ceia, não chames os teus amigos, nem os teus irmãos, nem os teus parentes, nem vizinhos ricos, para que não suceda que também eles te tornem a convidar, e te seja isso recompensado.
13 Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.
13 Mas, quando fizeres convite, chama os pobres, aleijados, mancos
14 Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
14 e serás bem-aventurado; porque eles não têm com que to recompensar; mas recompensado serás na ressurreição dos justos.
15 Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe.
15 E, ouvindo isso um dos que estavam com ele à mesa, disse-lhe: Bem-aventurado o que comer pão no Reino de Deus!
16 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere.
16 Porém ele lhe disse: Um certo homem fez uma grande ceia e convidou a muitos.
17 Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge.
17 E, à hora da ceia, mandou o seu servo dizer aos convidados: Vinde, que já tudo está preparado.
18 “Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen.
18 E todos à uma começaram a escusar-se. Disse-lhe o primeiro: Comprei um campo e preciso ir vê-lo; rogo-te que me hajas por escusado.
19 “Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen.
19 E outro disse: Comprei cinco juntas de bois e vou experimentá-los; rogo-te que me hajas por escusado.
20 “Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen.
20 E outro disse: Casei e, portanto, não posso ir.
21 “Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje.
21 E, voltando aquele servo, anunciou essas
22 “Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen.
22 E disse o servo: Senhor, feito está como mandaste, e ainda há lugar.
23 “Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.
23 E disse o senhor ao servo: Sai pelos caminhos e atalhos e força-
24 Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’ ”
24 Porque eu vos digo que nenhum daqueles varões que foram convidados provará a minha ceia.
25 Namoonni baayʼeen Yesuus wajjin deemaa turan; innis garagalee akkana isaaniin jedhe;
25 Ora, ia com ele uma grande multidão; e, voltando-se, disse-lhe:
26 “Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
26 Se alguém vier a mim e não aborrecer a seu pai, e mãe, e mulher, e filhos, e irmãos, e irmãs, e ainda também a sua própria vida, não pode ser meu discípulo.
27 Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
27 E qualquer que não levar a sua cruz e não vier após mim não pode ser meu discípulo.
28 “Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
28 Pois qual de vós, querendo edificar uma torre, não se assenta primeiro a fazer as contas dos gastos,
29 Yoo kanaa achii yommuu inni hundee kaaʼee fixuu dadhabutti, namoonni argan hundi itti qoosu.
29 Para que não aconteça que, depois de haver posto os alicerces e não
30 Isaanis, ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee fixuu dadhabe’ jedhu.
30 dizendo: Este homem começou a edificar e não pôde acabar.
31 “Yookaan mee mootiin tokko mootii biraa loluu dhaqa haa jennuu; inni mootii loltoota kuma digdamaan isatti dhufu tokko loltoota kuma kudhaniin of irraa loluu dandaʼuu fi dandaʼuu baachuu isaa duraan dursee taaʼee itti hin yaaduu?
31 Ou qual é o rei que, indo à guerra a pelejar contra outro rei, não se assenta primeiro a tomar conselho sobre se com dez mil pode sair ao encontro do que vem contra ele com vinte mil?
32 Yoo hin dandeenye immoo utuu mootichi kaan isa irraa fagoo jiruu bakka buʼoota itti ergee akka nagaan buʼu kadhata.
32 De outra maneira, estando o outro ainda longe, manda embaixadores e pede condições de paz.
33 Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
33 Assim, pois, qualquer de vós que não renuncia a tudo quanto tem não pode ser meu discípulo.
34 “Soogiddi gaarii dha; garuu yoo inni miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa?
34 Bom é o sal, mas, se ele degenerar, com que se adubará?
35 Inni biyyoof yookaan tuulaa kosiitiif faayidaa hin qabu; inni gad gatama.
35 Nem presta para a terra, nem para o monturo; lançam-no fora. Quem tem ouvidos para ouvir, que ouça.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 14, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.