Lucas 13

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Yeroo sana namoonni waaʼee warra Galiilaa kanneen Phiilaaxoos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Yesuusitti himan tokko tokko achi turan.
1 Naquela mesma ocasião algumas pessoas chegaram e começaram a comentar com Jesus como Pilatos havia mandado matar vários galileus, no momento em que eles ofereciam sacrifícios a Deus.
2 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu?
2 Então Jesus disse:
3 Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.
3 De modo nenhum! Eu afirmo a vocês que, se não se arrependerem dos seus pecados, todos vocês vão morrer como eles morreram.
4 Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu?
4 E lembrem daqueles dezoito, do bairro de Siloé, que foram mortos quando a torre caiu em cima deles. Vocês pensam que eles eram piores do que os outros que moravam em Jerusalém?
5 Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”
5 De modo nenhum! Eu afirmo a vocês que, se não se arrependerem dos seus pecados, todos vocês vão morrer como eles morreram.
6 Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; “Namichi tokko muka harbuu kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe.
6 Então Jesus contou esta parábola :
7 Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka harbuu kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.
7 Aí disse ao homem que tomava conta da plantação: “Olhe! Já faz três anos seguidos que venho buscar figos nesta figueira e não encontro nenhum. Corte esta figueira! Por que deixá-la continuar tirando a força da terra sem produzir nada?”
8 “Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma tokko haa turu.
8 Mas o empregado respondeu: “Patrão, deixe a figueira ficar mais este ano. Eu vou afofar a terra em volta dela e pôr bastante adubo.
9 Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’ ”
9 Se no ano que vem ela der figos, muito bem. Se não der, então mande cortá-la.”
10 Yesuus guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture.
10 Certo sábado, Jesus estava ensinando numa sinagoga .
11 Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte.
11 E chegou ali uma mulher que fazia dezoito anos que estava doente, por causa de um espírito mau. Ela andava encurvada e não conseguia se endireitar.
12 Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, “Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta” jedheen,
12 Quando Jesus a viu, ele a chamou e disse:
13 Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte.
13 Aí pôs as mãos sobre ela, e ela logo se endireitou e começou a louvar a Deus.
14 Bulchaan mana sagadaas sababii Yesuus guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, “Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa” jedhe.
14 Mas o chefe da sinagoga ficou zangado porque Jesus havia feito uma cura no sábado. Por isso disse ao povo: — Há seis dias para trabalhar. Pois venham nesses dias para serem curados, mas, no sábado, não!
15 Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa?
15 Então o Senhor respondeu:
16 Yoos dubartiin kun intalli Abrahaam kan Seexanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?”
16 E agora está aqui uma descendente de Abraão que Satanás prendeu durante dezoito anos. Por que é que no sábado ela não devia ficar livre dessa doença?
17 Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.
17 Os inimigos de Jesus ficaram envergonhados com essa resposta, mas toda a multidão ficou alegre com as coisas maravilhosas que ele fazia.
18 Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa?
18 Jesus disse:
19 Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.”
19 Ele é como uma semente de mostarda que um homem pega e planta na sua horta. A planta cresce e fica uma árvore, e os passarinhos fazem ninhos nos seus ramos.
20 Amma illee akkana jedhee gaafate; “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa?
20 Jesus continuou:
21 Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
21 Ele é como o fermento que uma mulher pega e mistura em três medidas de farinha, até que ele se espalhe por toda a massa.
22 Yesuusis utuu gara Yerusaalem deemuu namoota barsiisaa magaalaawwanii fi gandoota keessa darbaa ture.
22 Jesus atravessava cidades e povoados, ensinando na sua viagem para Jerusalém.
23 Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate.
23 Alguém perguntou: — Senhor, são poucos os que vão ser salvos? Jesus respondeu:
24 “Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.
24 — Façam tudo para entrar pela porta estreita. Pois eu afirmo a vocês que muitos vão querer entrar, mas não poderão.
25 Abbaan mana sanaa takkaa kaʼee balbalicha cufannaan isin ala dhaabatanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa balbala nuu bani’ jettanii kadhattu.
25 — O dono da casa vai se levantar e fechar a porta. Então vocês ficarão do lado de fora, batendo na porta e dizendo: “Senhor, nos deixe entrar!” E ele responderá: “Não sei de onde são vocês.”
26 “Isin immoo, ‘Nu si wajjin nyaannee dhugneerra; atis daandii keenya irratti barsiifteerta’ jettuun.
26 Aí vocês dirão: “Nós comemos e bebemos com o senhor. O senhor ensinou na nossa cidade.”
27 “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri hammina hojjettan hundinuu na biraa badaa!’ jedha.
27 Mas ele responderá: “Não sei de onde são vocês. Afastem-se de mim, vocês que só fazem o mal.”
28 “Yommuu Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raajota hunda mootummaa Waaqaa keessatti argitanii, ofii keessanii immoo gad darbatamtan, achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.
28 Quando vocês virem Abraão, Isaque, Jacó e todos os
29 Namoonnis baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa dhufanii mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
29 Muitos virão do Leste e do Oeste, do Norte e do Sul e vão sentar-se à mesa no Reino de Deus.
30 Dhugumaanuu kanneen warra dhumaa taʼan keessaa kanneen warra jalqabaa, kanneen warra jalqabaa taʼan keessaa immoo warra dhumaa taʼan jiru.”
30 E os que agora são os últimos serão os primeiros, e os primeiros serão os últimos.
31 Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Yesuus dhufanii, “Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi” jedhaniin.
31 Naquele momento alguns fariseus chegaram perto de Jesus e disseram: — Vá embora daqui, porque Herodes quer matá-lo.
32 Innis akkana jedhee deebise; “Dhaqaatii waangoo sanaan, ‘Kunoo, ani harʼaa fi bori hafuurota hamoo nan baasa; namoota dhukkubsatanis nan fayyisa; guyyaa sadaffaatti immoo hojii koo nan fixadha’ jedhaa.
32 Jesus respondeu:
33 Waan fedhe iyyuu taanaan, ani harʼaa fi bori, iftaanis adeemsa koo itti fufuutu naa mala; raajiin Yerusaalemiin alatti duʼuu hin qabuutii!
33 E Jesus continuou:
34 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
34 — Jerusalém, Jerusalém, que mata os profetas e apedreja os mensageiros que Deus lhe manda! Quantas vezes eu quis abraçar todo o seu povo, assim como a galinha ajunta os seus pintinhos debaixo das suas asas, mas vocês não quiseram!
35 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. Ani isinittin hima; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’jettanitti lammata na hin argitan.”
35 Agora a casa de vocês ficará completamente abandonada. Eu afirmo que vocês não me verão mais, até chegar o tempo em que dirão: “Deus abençoe aquele que vem em nome do Senhor!”

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 13, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.