Lucas 11
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Gaaf tokko Yesuus iddoo tokkotti kadhachaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, “Yaa Barsiisaa, akkuma Yohannis barattoota isaa barsiise sana, atis kadhachuu nu barsiisi” jedheen.
1 Jesus estava orando em certo lugar e, quando terminou, um dos seus discípulos lhe pediu: — Senhor, ensine-nos a orar como também João ensinou os discípulos dele.
2 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yommuu kadhattan akkana jedhaa:
2 Então Jesus disse:
3 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, // guyyuma guyyaan nuu kenni.
3 o pão nosso de cada dia
4 Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana
4 perdoa-nos os nossos pecados,
5 Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennuu; innis halkan walakkaa michuu isaa sana bira dhaqee, ‘Yaa michuu ko, mee buddeena sadii naa liqeessi;
5 Jesus disse ainda:
6 michuun koo kan karaa deemu tokko natti goreeraatii; anis waanan dhiʼeessuuf tokko illee hin qabu’ haa jedhu.
6 porque outro amigo meu chegou de viagem e eu não tenho nada para lhe oferecer”;
7 Namichi mana keessaa sunis, ‘Na hin rakkisin; balballi cufameera; ijoolleen koos na wajjin siree irra jiru; ani kaʼee waan tokko illee siif kennuu hin dandaʼu’ jedhaanii?
7 e se o outro lhe responder lá de dentro: “Deixe-me em paz! A porta já está fechada, e eu e os meus filhos já estamos deitados. Não posso me levantar para lhe dar os pães”,
8 Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.
8 digo a vocês que, se ele não se levantar para dar esses pães por ser seu amigo, ele o fará por causa do incômodo e lhe dará tudo de que tiver necessidade.
9 “Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
9 — Por isso, digo a vocês: Peçam e lhes será dado; busquem e acharão; batam, e a porta será aberta para vocês.
10 Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
10 Pois todo o que pede recebe; o que busca encontra; e a quem bate, a porta será aberta.
11 “Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu?
11 Quem de vocês, sendo pai, daria uma cobra ao filho que lhe pede um peixe?
12 Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu?
12 Ou daria um escorpião ao filho que lhe pede um ovo?
13 Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!”
13 Ora, se vocês, que são maus, sabem dar coisas boas aos seus filhos, quanto mais o Pai celeste dará o Espírito Santo aos que lhe pedirem!
14 Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan.
14 Certo dia, Jesus estava expulsando um demônio que era mudo. E aconteceu que, ao sair o demônio, o mudo passou a falar. E as multidões se admiravam.
15 Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, “Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
15 Mas alguns deles diziam: — Ele expulsa os demônios pelo poder de Belzebu, o maioral dos demônios.
16 Warri kaan immoo mallattoo samii irraa isa gaafachuudhaan isa qoran.
16 E outros, tentando-o, pediam dele um sinal vindo do céu.
17 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga.
17 Mas Jesus, sabendo o que passava pela mente deles, disse-lhes:
18 Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif.
18 Se também Satanás estiver dividido contra si mesmo, como o seu reino subsistirá? Isto porque vocês dizem que eu expulso os demônios por Belzebu.
19 Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
19 E, se eu expulso os demônios por Belzebu, por quem os filhos de vocês os expulsam? Por isso, eles mesmos serão os juízes de vocês.
20 Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
20 Se, porém, eu expulso os demônios pelo dedo de Deus, certamente é chegado o Reino de Deus sobre vocês.
21 “Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf.
21 Quando o valente, bem-armado, guarda a sua própria casa, todos os seus bens ficam em segurança.
22 Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.
22 Mas, se aparece alguém mais valente do que ele, vence-o, tira-lhe a armadura em que confiava e reparte os seus despojos.
23 “Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
23 Quem não é por mim é contra mim; e quem comigo não ajunta espalha.
24 “Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaakeessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha.
24 — Quando o espírito imundo sai de uma pessoa, anda por lugares áridos, procurando repouso. E, não o achando, diz: “Voltarei para a minha casa, de onde saí.”
25 Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata.
25 E, voltando, a encontra varrida e arrumada.
26 Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”
26 Então vai e leva consigo outros sete espíritos, piores do que ele, e, entrando, habitam ali. E o último estado daquela pessoa se torna pior do que o primeiro.
27 Utuu Yesuus waan kana dubbachaa jiruu, dubartiin tokko namoota gidduudhaa sagalee ishee ol fudhattee, “Garaan si baate, harmi ati hootes eebbifamaa dha” jette.
27 Aconteceu que, ao dizer Jesus estas palavras, uma mulher, que estava no meio da multidão, disse a ele, erguendo a voz: — Bem-aventurado o ventre que concebeu você e os seios que o amamentaram!
28 Inni garuu deebisee, “Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha” jedhe.
28 Jesus, porém, respondeu:
29 Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Yesuus akkana jedhe; “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu.
29 Visto que aumentavam as multidões em volta dele, Jesus começou a dizer:
30 Akkuma Yoonaas mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii.
30 Porque, assim como Jonas foi sinal para os ninivitas, o Filho do Homem o será para esta geração.
31 Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Solomoonin caalu as jira.
31 A rainha do Sul se levantará, no Juízo, com os homens desta geração e os condenará, porque veio dos confins da terra para ouvir a sabedoria de Salomão. E aqui está quem é maior do que Salomão.
32 Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yoonaasin caalu as jira.
32 Ninivitas se levantarão, no Juízo, com esta geração e a condenarão, porque se arrependeram com a pregação de Jonas. E aqui está quem é maior do que Jonas.
33 “Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee iddoo hin mulʼanne yookaan gombisaa jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa isaa arganiif baattuu isaa irra kaaʼu.
33 — Ninguém, depois de acender uma lamparina, a coloca em lugar escondido, nem debaixo de um cesto, mas num lugar em que ilumina bem, a fim de que os que entram vejam a luz.
34 Iji kee ibsaa dhagna keetii ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu dhagni kees dukkanaan guutama.
34 Os olhos são a lâmpada do corpo. Se os seus olhos forem bons, todo o seu corpo será cheio de luz; mas, se forem maus, o seu corpo ficará em trevas.
35 Kanaafuu akka ifni si keessaa dukkana hin taaneef of eeggadhu.
35 Portanto, tenha cuidado para que a luz que está em você não sejam trevas.
36 Egaa yoo dhagni kee hundinuu ifaan guutame, yoo kutaan tokko iyyuu dukkana hin qabaatin, akkuma waan ifni ibsaa tokkoo ifa isaatiin siif ibsuutti dhagni kee guutummaatti ifa ni qabaata.”
36 Pois, se todo o seu corpo for luminoso, sem ter qualquer parte em trevas, será todo resplandecente como a lamparina quando ilumina você em plena luz.
37 Akkuma Yesuus haasaa isaa fixateen Fariisota keessaa namichi tokko akka Yesuus isa wajjin nyaata nyaatuuf mana isaatti isa waame; Yesuusis ol seenee maaddiitti dhiʼaate.
37 Ao falar Jesus estas palavras, um fariseu o convidou para uma refeição na sua casa. Entrando na casa, Jesus tomou lugar à mesa.
38 Fariisichi garuu akka Yesuus nyaataan dura hin dhiqatin argee dinqisiifate.
38 O fariseu admirou-se ao ver que Jesus não tinha se lavado antes de comer.
39 Gooftaanis akkana isaan jedhe; “Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera.
39 Mas o Senhor lhe disse:
40 Yaa namoota gowwoota! Inni duuba isaa uume sun keessa isaa immoo hin uumnee?
40 Seus tolos! Quem fez o exterior não é o mesmo que fez o interior?
41 Isin garuu waan xoofoo fi caabii keessa jiru hiyyeeyyiif kennaa; yoos wanni hundinuu isinii qulqullaaʼaa.
41 Mas deem como esmola o que está dentro do copo e do prato, e tudo lhes será limpo.
42 “Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Waaqaaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Waaqaa garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture.
42 Mas ai de vocês, fariseus! Porque vocês dão o dízimo da hortelã, da arruda e de todas as hortaliças, e desprezam a justiça e o amor de Deus. Vocês deveriam fazer estas coisas, sem omitir aquelas.
43 “Yaa Fariisota, isiniif wayyoo! Isin manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallattu.
43 Ai de vocês, fariseus! Porque gostam da primeira cadeira nas sinagogas e das saudações nas praças.
44 “Isin sababii awwaala mallattoo hin qabne kan namoonni utuu hin beekin irra deeman fakkaattaniif isinii wayyoo!”
44 Ai de vocês que são como as sepulturas invisíveis, sobre as quais as pessoas passam sem perceber!
45 Hayyoota seeraa keessaas tokko deebisee, “Yaa Barsiisaa, ati yommuu waan kana jettutti nuus arrabsaa jirta!” jedheen.
45 Então, tomando a palavra, um dos intérpretes da Lei disse a Jesus: — Mestre, ao dizer estas coisas o senhor está ofendendo também a nós!
46 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Hayyoota seeraa, isiniifis wayyoo! Isin baʼaa namni baachuu hin dandeenye isaanitti feetu; ofii keessanii garuu isaan gargaaruudhaaf qubaan illee hin tuqxan.
46 Mas Jesus respondeu:
47 “Isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan.
47 Ai de vocês! Porque edificam os túmulos dos profetas que os pais de vocês assassinaram.
48 Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan raajota ajjeesan; isin immoo awwaala raajotaa ijaartu.
48 Assim, são testemunhas e aprovam com cumplicidade as obras dos pais de vocês; porque eles mataram os profetas, e vocês edificam túmulos para eles.
49 Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe.
49 Por isso, também disse a sabedoria de Deus: “Mandarei para eles profetas e apóstolos, e a alguns deles matarão e a outros perseguirão”,
50 Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama;
50 para que desta geração se peçam contas do sangue dos profetas, derramado desde a fundação do mundo,
51 dhiiga Abeel irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.
51 desde o sangue de Abel até o sangue de Zacarias, que foi assassinado entre o altar e o santuário. Sim, eu afirmo a vocês que se pedirão contas a esta geração.
52 “Yaa hayyoota seeraa, isiniif wayyoo! Isin furtuu beekumsaa fudhattaniirtu. Ofii keessanii hin seenne; warra seenaa turanis dhowwitaniirtu.”
52 Ai de vocês, intérpretes da Lei! Porque vocês pegaram a chave do conhecimento. No entanto, vocês mesmos não entraram e impediram os que estavam entrando.
53 Yommuu Yesuus achii deemetti, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa jabeessanii isaan mormuu, akka inni waan baayʼee dubbatuufis isa tuttuquu jalqaban.
53 Quando Jesus saiu dali, os escribas e fariseus começaram a contestá-lo com veemência, fazendo perguntas a respeito de muitos assuntos,
54 Waan afaan isaatii baʼuun isa qabuufis eeggachaa turan.
54 com o objetivo de tirar daquilo que ele dizia um motivo para o acusar.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Lucas 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.