Juízes 9

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Abiimelek ilmi Yerub-Baʼaal gara obboloota haadha isaa kanneen Sheekem keessa jiraatanii dhaqee isaanii fi gosa haadha isaa hundaan akkana jedhe;
1 Abimeleque, filho de Jerubaal, foi aos irmãos de sua mãe em Siquém e disse a eles e a todo o clã da família de sua mãe:
2 “Jiraattota Sheekem hundumaan, ‘Kam isinii wayya? Yoo ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatamni isin bulchan moo yoo namni tokko isin bulche wayya?’ jedhaa gaafadhaa. Akka ani foonii fi dhiiga keessan taʼe immoo yaadadhaa.”
2 "Perguntem a todos os cidadãos de Siquém: O que é melhor para vocês: ter todos os setenta filhos de Jerubaal governando sobre vocês, ou somente um homem? Lembrem-se de que eu sou sua própria carne".
3 Obboloonni haadha isaas dubbii kana gurra Sheekemotaatiin gaʼan; garaan isaaniis gara Abiimelek goruu kajeele; isaan, “Inni obboleessa keenya” jedhaniiruutii.
3 Os irmãos de sua mãe repetiram tudo aos cidadãos de Siquém, e estes se mostraram propensos a seguir Abimeleque, pois disseram: "Ele é nosso irmão".
4 Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate.
4 Deram-lhe setenta peças de prata tiradas do templo de Baal-Berite, as quais Abimeleque usou para contratar alguns desocupados e vadios, que se tornaram seus seguidores.
5 Gara mana abbaa isaa kan Ofraatti argamuu dhaqee obboloota isaa ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatama dhagaa tokko irratti qale. Yootaam ilmi Yiruubaʼaal quxisuun garuu dhokatee isa jalaa miliqe.
5 Foi à casa de seu pai em Ofra e matou seus setenta irmãos, filhos de Jerubaal, sobre uma rocha. Mas Jotão, o filho mais novo de Jerubaal, escondeu-se e escapou.
6 Namoonni Sheekemii fi Beet Miiloo hundi Abiimelekin moosisuuf jedhanii Sheekemitti utubaa mukaa guddaa tokko biratti walitti qabaman.
6 Então todos os cidadãos de Siquém e de Bete-Milo reuniram-se ao lado do Carvalho, junto à coluna de Siquém, para coroar Abimeleque rei.
7 Yootaam yommuu wanni kun itti himametti fiixee Gaara Gerziimitti ol baʼee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe; “Yaa jiraattota Sheekem, akka Waaqni isin dhagaʼuuf na dhaggeeffadhaa.
7 Quando Jotão soube disso, subiu ao topo do monte Gerizim e gritou para eles: "Ouçam-me, cidadãos de Siquém, para que Deus os ouça.
8 Gaaf tokko mukkeen mootii moosifachuuf baʼan; isaanis muka ejersaatiin, ‘Mootii nuu taʼi’ jedhan.
8 Certo dia as árvores saíram para ungir um rei para si. Disseram à oliveira: ‘Seja o nosso rei! ’
9 “Mukni ejersaa garuu, ‘Ani mukkeen hundaa olitti raafamuudhaaf jedhee zayitii koo kan Waaqnii fi namni ittiin kabajaman dhowwadhuu ree?’ jedhee deebise.
9 "A oliveira, porém, respondeu: ‘Deveria eu renunciar ao meu azeite, com o qual se presta honra aos deuses e aos homens, para dominar sobre as árvores? ’
10 “Itti aansaniis mukkeen muka harbuutiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
10 "Então as árvores disseram à figueira: ‘Venha ser o nosso rei! ’
11 “Mukni harbuu garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhee ija koo miʼaawaa fi gaarii sana kennuu dhiisuu ree?’ jedhe.
11 "A figueira, porém, respondeu: ‘Deveria eu renunciar ao meu fruto saboroso e doce, para dominar sobre as árvores? ’
12 “Mukkeenis muka wayiniitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
12 "Depois as árvores disseram à videira: ‘Venha ser o nosso rei! ’
13 “Mukni wayinii garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhe daadhii wayinii kootii kan Waaqaa fi nama gammachiisu sana kennuu dhiisuu?’ jedhe.
13 "A videira, porém, respondeu: ‘Deveria eu renunciar ao meu vinho, que alegra os deuses e os homens, para ter domínio sobre as árvores? ’
14 “Dhuma irrattis mukkeen hundi muka qoraattiitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
14 "Finalmente todas as árvores disseram ao espinheiro: ‘Venha ser o nosso rei! ’
15 “Mukni qoraattiis mukkeeniin, ‘Isin yoo dhugumaan na moosifachuu feetan, kottaatii gaaddisa koo jalatti daʼeeffadhaa; yoo akkas taʼuu baate garuu ibiddi muka qoraattii keessaa baʼee birbirsa Libaanoon haa barbadeessu!’ jedhe.
15 "O espinheiro disse às árvores: ‘Se querem realmente ungir-me rei sobre vocês, venham abrigar-se à minha sombra; do contrário, sairá fogo do espinheiro e consumirá até os cedros do Líbano! ’
16 “Egaa isin Abiimelekin moosisuun keessan yoo karaa dhugaatii fi amanamummaan taʼe, yoo Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gochuuf taʼe, yoo waan isaaf malu isaaf gochuuf taʼe,
16 "Será que vocês agiram de fato com sinceridade quando fizeram Abimeleque rei? Foram justos com Jerubaal e sua família, como ele merecia?
17 abbaan koo lubbuu isaa duʼaaf saaxilee harka Midiyaanotaa jalaa isin baasuuf isinii loleeraatii;
17 Meu pai lutou por vocês e arriscou a vida para livrá-los das mãos de Midiã,
18 isin garuu harʼa maatii abbaa kootti kaatanii ilmaan isaa jechuunis nama torbaatama dhagaa tokko irratti qaltan; sababii inni fira keessan taʼeef Abiimelek ilma garbittii sana namoota Sheekem irratti moosiftan;
18 hoje, porém, vocês se revoltaram contra a família de meu pai, mataram seus setenta filhos sobre a mesma rocha, e proclamaram Abimeleque, o filho de sua escrava, rei sobre os cidadãos de Siquém pelo fato de ser irmão de vocês.
19 egaa yoo isin harʼa dhugaa fi amanamummaadhaan Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gootan, isin Abiimelekitti gammadaa; innis isinitti haa gammadu!
19 Se hoje vocês de fato agiram com sinceridade para com Jerubaal e sua família, alegrem-se com Abimeleque, e alegre-se ele com vocês!
20 Akkas taʼuu baannaan garuu ibiddi mana Abiimelekii baʼee namoota Sheekemii fi Beet Miiloo haa fixu; akkasumas ibiddi namoota Sheekemii fi Beet Miiloo biraa baʼee Abiimelekin haa balleessu!”
20 Entretanto, se não foi assim, que saia fogo de Abimeleque e consuma os cidadãos de Siquém e de Bete-Milo, e que saia fogo dos cidadãos de Siquém e de Bete-Milo, e consuma Abimeleque! "
21 Yootaamis Biʼeeritti baqatee sababii obboleessa isaa Abiimelekin sodaateef achuma jiraate.
21 Depois Jotão fugiu para Beer, e foi morar ali, longe de seu irmão Abimeleque.
22 Erga Abiimelek waggaa sadii Israaʼel bulchee booddee,
22 Fazia três anos que Abimeleque governava Israel,
23 Waaqnis Abiimelekii fi namoota Sheekem gidduutti hafuura hamaa erge; Sheekemonnis Abiimelekitti daba hojjetan.
23 quando Deus enviou um espírito maligno entre Abimeleque e os cidadãos de Siquém, e estes agiram traiçoeiramente contra Abimeleque.
24 Waaqnis yakka ilmaan Yerub-Baʼaal torbaataman sanatti hojjetamee fi dhiiga isaanii kan dhangalaafame sanaaf, Abiimelek obboleessa isaanii kan isaan qale sanaa fi namoota Sheekem kanneen akka inni obboloota isaa fixuuf isa gargaaran sana haaloo baʼuuf waan kana godhe.
24 Isso aconteceu para que o crime contra os setenta filhos de Jerubaal, o derramamento do sangue deles, fosse vingado em seu irmão Abimeleque e nos cidadãos de Siquém que o ajudaram a assassinar os seus irmãos.
25 Namoonni Sheekemis akka isaan riphanii isa eegataniif fiixee gaaraa irra namoota kaaʼatan; isaanis nama achiin darbu hunda saamaan; wanni kunis Abiimelekitti odeeffame.
25 Os cidadãos de Siquém enviaram homens para o alto das colinas para emboscarem os que passassem por ali, e Abimeleque foi informado disso.
26 Yeroo kanatti Gaʼaal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara Sheekem dhufe; Sheekemonnis isa abdatan.
26 Nesse meio tempo Gaal, filho de Ebede, mudou-se com seus parentes para Siquém, cujos cidadãos confiavam nele.
27 Isaanis erga gara lafa qotiisaa wayiniitti baʼanii wayinii walitti qabatanii booddee cuunfanii galma waaqa tolfamaa isaaniitti ayyaana ayyaaneffatan. Nyaatanii dhuganiis Abiimelekin abaaran.
27 Sucedeu que foram ao campo, colheram uvas, pisaram-nas, e fizeram uma festa no templo do seu deus. Comendo e bebendo, amaldiçoaram Abimeleque.
28 Gaʼaal ilmi Ebeedis akkana jedhe; “Akka nu isaaf bulluuf Abiimelekii fi Sheekem eenyu? Abiimelek ilma Yerub-Baʼaal mitii? Zebulis itti aanaa isaa mitii? Isin namoota Hamoor abbaa Sheekem tajaajilaa! Nu maaliif Abiimelekin tajaajillaa?
28 Então Gaal, filho de Ebede, disse: "Quem é Abimeleque para que o sirvamos? E quem é Siquém? Não é ele o filho de Jerubaal, e não é Zebul o seu representante? Sirvam aos homens de Hamor, o pai de Siquém! Por que servir a Abimeleque?
29 Utuu sabni kun ajaja koo jala jiraatee silaa ani Abiimelekin lafa irraa nan balleessa ture; ‘Waraana kee dabaladhuutii gad baʼi!’ isaan nan jedhas ture.”
29 Ah! Se eu tivesse esse povo sob o meu comando! Eu me livraria dele. E diria a Abimeleque: ‘Mobilize o seu exército e venha! ’"
30 Zebul bulchaan magaalattii yeroo waan Gaʼaal ilmi Ebeed jedhe dhagaʼetti akka malee aare.
30 Quando Zebul, o governante da cidade, ouviu o que dizia Gaal, filho de Ebede, ficou indignado.
31 Akkana jedhees dhoksaadhaan gara Abiimelekitti ergamoota erge; “Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekem dhufanii saba magaalaa sitti kakaasaa jiru.
31 Secretamente enviou mensageiros a Abimeleque dizendo: "Gaal, filho de Ebede, e seus parentes vieram a Siquém e estão agitando a cidade contra você.
32 Kanaafuu atii fi namoonni kee halkaniin baatanii lafa qotiisaa keessa riphuu qabdu.
32 Venha de noite, você e seus homens, e fiquem à espera no campo.
33 Ganama akkuma aduun baateenis magaalaa sana cabsaa seenaa. Yommuu Galaʼaalii fi namoonni isaa sitti dhufanittis waan harki kee hojjechuu malu kam iyyuu hojjedhu.”
33 De manhã, ao nascer do sol, avance contra a cidade. Quando Gaal e sua tropa atacarem, faça com eles o que achar melhor".
34 Abiimelekis namoota isa wajjin turan hunda wajjin halkaniin kaʼee garee afuritti qoodamuudhaan Sheekemitti dhiʼaatee riphe.
34 E assim Abimeleque e todas as suas tropas partiram de noite e prepararam emboscadas perto de Siquém, em quatro companhias.
35 Akkuma Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalaa sanaa irra dhaabateen, Abiimelek namoota isaa wajjin iddoo riphee ture sanaa itti gad baʼe.
35 Ora, Gaal, filho de Ebede, tinha saído e estava à porta da cidade quando Abimeleque e seus homens saíram da sua emboscada.
36 Gaʼaal yommuu isaan argetti Zebuliin, “Kunoo namoonni fiixee gaarranii irraa gad dhufaa jiru!” jedhe.
36 Quando Gaal os viu, disse a Zebul: "Veja, vem gente descendo do alto das colinas! " Zebul, porém, respondeu: "Você está confundindo as sombras dos montes com homens".
37 Gaʼaal garuu ammas deebisee, “Ilaali; namoonni handhuura lafaatii dhufaa jiru; gareen tokkos karaa muka abdaariitiin dhufaa jira” jedhe.
37 Mas Gaal tornou a falar: "Veja, vem gente descendo da parte central do território, e uma companhia está vindo pelo caminho do carvalho dos Adivinhadores".
38 Zebulis, “Ati kan, ‘Akka nu isaaf bulluuf Abiimelek kun eenyu?’ jette, oduun kee sun amma meerre? Namoonni ati tuffatte isaan kana mitii? Mee baʼiitii jara loli kaa!” jedheen.
38 Disse-lhe Zebul: "Onde está toda aquela sua conversa? Você dizia: ‘Quem é Abimeleque, para que o sirvamos? ’ Não são estes os homens que você ridicularizou? Saia e lute contra eles! "
39 Kanaafuu Gaʼaal namoota Sheekem hoogganee Abiimelekin loluuf baʼe.
39 Então Gaal conduziu para fora os cidadãos de Siquém e lutou contra Abimeleque.
40 Abiimelekis isa ariʼe; innis duraa baqate; namoonni baayʼeenis madaaʼanii hamma karra magaalattiitti harcaʼan.
40 Abimeleque o perseguiu, e ele fugiu. Muitos dos homens de Siquém caíram mortos ao longo de todo o caminho, até à porta da cidade.
41 Abiimelek Aruumaa keessa ture; Zebul immoo Gaʼaalii fi obboloota isaa ariʼee Sheekem keessaa baase.
41 Abimeleque permaneceu em Arumá. E Zebul expulsou Gaal e os seus parentes de Siquém.
42 Guyyaa itti aanu namoonni Sheekem dirreetti baʼan; wanni kunis Abiimelekitti himame.
42 No dia seguinte o povo de Siquém saiu aos campos, e Abimeleque ficou sabendo disso.
43 Innis namoota isaa fudhatee garee sadiitti qoodee dirree irratti riphee eeggate. Yeroo namoota magaalaa kaʼanii dhufaa jiran argettis isaan loluudhaaf kaʼe.
43 Então dividiu os seus homens em três companhias e armou emboscadas no campo. Quando viu o povo saindo da cidade, levantou-se contra ele e atacou-o.
44 Abiimelekii fi gareen isa wajjin turan gara karra magaalattiitti gugatan. Gareen hafan lamaan immoo gara warra dirree irratti baʼanii turaniitti fiiganii isaan fixan.
44 Abimeleque e as tropas que estavam com ele avançaram até à porta da cidade. Então duas companhias avançaram sobre os que estavam nos campos e os mataram.
45 Abiimelek gaafas guyyaa guutuu lolee magaalattii qabate; jiraattota ishees fixee magaalattii illee barbadeessee soogidda itti facaase.
45 E Abimeleque atacou a cidade o dia todo, até conquistá-la e matar o seu povo. Depois destruiu a cidade e espalhou sal sobre ela.
46 Namoonni gamoo Sheekem keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti gara daʼannoo mana sagadaa Elbiriititti ol galan.
46 Ao saberem disso, os cidadãos que estavam na torre de Siquém entraram na fortaleza do templo de El-Berite.
47 Abiimelekis yommuu akka namoonni Sheekem achitti walitti qabaman dhagaʼetti,
47 Quando Abimeleque soube que se haviam reunido lá,
48 namoota isaa hundumaa wajjin Tulluu Zalmoonitti ol baʼe. Abiimelekis qottoo harkatti qabatee dameewwan mukaa mummuree ol fuudhee gatiittii isaatti baate. Namoota isa wajjin jiraniinis, “Dafaa! Waanuma anaa godhu argitan sana godhaa!” jedhe.
48 ele e todos os seus homens subiram o monte Zalmom. Ele apanhou um machado e cortou um galho de árvore e o pôs nos ombros. Então deu esta ordem aos homens que estavam com ele: "Rápido! Façam o que eu fizer! "
49 Namoonni hundinuus dameewwan mukaa mummuratanii Abiimelekin duukaa buʼan. Dameewwan sanas daʼannoo Sheekemonni itti baqatan sanatti irkisanii ibidda itti qabsiisan. Kanaafuu namoonni gamoo Sheekem keessa turan hundinuu dhiironnii fi dubartoonni gara kuma tokko taʼan dhuman.
49 Todos os homens cortaram galhos e seguiram Abimeleque. Empilharam os galhos junto à fortaleza e a incendiaram. Assim morreu também o povo que estava na torre de Siquém, cerca de mil homens e mulheres.
50 Ergasiis Abiimelek gara Tebez dhaqee magaalaa sana marsee qabate.
50 A seguir Abimeleque foi a Tebes, sitiou-a e conquistou-a.
51 Taʼus waan gamoon jabaan tokko magaalaa sana keessa tureef jiraattonni magaalaa sanaa dhiiraa dubartiin utuu hin hafin itti baqatan. Keessaanis ofitti cufanii bantii isaatti ol baʼan.
51 Mas dentro da cidade havia uma torre bastante forte, para a qual fugiram todos os homens e mulheres, todo o povo da cidade. Trancaram-se por dentro e subiram para o telhado da torre.
52 Abiimelekis dhufee gamoo sana dhaʼe; yommuu inni ibiddaan gubuudhaaf balbala gamoo sanaatti dhiʼaatetti garuu,
52 Abimeleque foi para a torre e atacou-a. E, quando se aproximava da entrada da torre para incendiá-la,
53 dubartiin tokko gubbaadhaa majii dhagaa itti gad dhiiftee buqqee mataa isaa cabsite.
53 uma mulher jogou-lhe uma pedra de moinho na cabeça, que lhe rachou o crânio.
54 Innis dafee dargaggeessa miʼa lolaa baatuuf tokko waamee, “Akka isaan, ‘dubartiitu isa ajjeese’ jechuu hin dandeenyeef goraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi” jedheen. Kanaafuu dargaggeessi sun isa waraane; innis ni duʼe.
54 Imediatamente ele chamou seu escudeiro e lhe ordenou: "Tire a espada e mate-me, para que não digam que uma mulher me matou". Então o jovem o atravessou, e ele morreu.
55 Israaʼeloonnis yommuu akka Abiimelek duʼe arganitti gara mana isaaniitti deebiʼan.
55 Quando os israelitas viram que Abimeleque estava morto, voltaram para casa.
56 Akkasiin Waaqni hammina Abiimelek obboloota isaa torbaatama qaluudhaan abbaa ofiitti hojjeteef gatii hojii isaa kenneef.
56 Assim Deus retribuiu a maldade que Abimeleque praticara contra o seu pai, matando os seus setenta irmãos.
57 Akkasumas Waaqni hammina namoonni Sheekem hojjetan hunda matuma isaaniitti deebise. Abaarsi Yootaam ilma Yerub-Baʼaalis isaan irra gaʼe.
57 Deus fez também os homens de Siquém pagarem por toda a sua maldade. A maldição de Jotão, filho de Jerubaal, caiu sobre eles.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 9, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.