Juízes 3
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Saboonni Waaqayyo Israaʼeloota waraana Kanaʼaan keessatti deemsifame kam iyyuu irratti hirmaatanii hin beekin hunda qoruuf jedhee idduma isaan turanitti hambise kanneenii dha;
1 São estas as nações que o Senhor deixou para pôr à prova todos os israelitas que não tinham visto nenhuma das guerras em Canaã
2 innis akka Israaʼeloonni kanaan dura waraana keessatti hirmaatanii hin beekin muuxannoo argataniif waan kana godhe;
2 ( fez isso apenas para treinar na guerra os descendentes dos israelitas, pois não tinham tido experiência anterior de combate ):
3 kanneen utuu hin baʼin achumatti hafanis: bulchitoota Filisxeemotaa shanan, Kanaʼaanota hunda, Siidoonotaa fi Hiiwota Tulluu Baʼaal Hermoonii jalqabanii hamma balbala Hamaatitti gaarran Libaanoon gubbaa jiraatanii dha.
3 os cinco governantes dos filisteus, todos os cananeus, os sidônios e os heveus que viviam nos montes do Líbano, desde o monte Baal-Hermom até Lebo-Hamate.
4 Isaan kunneen warra Israaʼeloonni ajaja Waaqayyoo kan inni karaa Museetiin abbootii isaaniif kennee ture sana eeguu fi eeguu baachuu isaanii ittiin qoramanii ilaalamaniif hambifamanii dha.
4 Essas nações foram deixadas para que por elas os israelitas fossem postos à prova, se obedeceriam aos mandamentos que o Senhor dera aos seus antepassados por meio de Moisés.
5 Kanaafuu Israaʼeloonni Kanaʼaanota, Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota gidduu jiraatan.
5 Os israelitas viviam entre os cananeus, os hititas, os amorreus, os ferezeus, os heveus e os jebuseus.
6 Isaanis intallan jaraa fuudhan; intallan ofii isaanii immoo ilmaan isaaniitti heerumsiisan; waaqota isaaniis ni waaqeffatan.
6 Tomaram as filhas deles em casamento e deram suas filhas aos filhos deles, e prestaram culto aos deuses deles.
7 Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; Waaqayyo Waaqa isaanii irraanfatanii Baʼaalii fi Asheeraa waaqeffatan.
7 Os israelitas fizeram o que o Senhor reprova, pois esqueceram-se do Senhor seu Deus e prestaram culto aos baalins e aos postes sagrados.
8 Aariin Waaqayyo Israaʼelootatti bobaʼe; kanaafuu mootii Phaadaan Arraam Kuushan-Rishaataayimitti dabarsee isaan gurgure; Israaʼeloonnis waggaa saddeeti isa jalatti bulan.
8 Acendeu-se a ira do Senhor de tal forma contra Israel que ele os entregou nas mãos de Cuchã-Risataim, rei da Mesopotâmia, por quem os israelitas foram subjugados durante oito anos.
9 Waaqayyo garuu yeroo isaan gara isaatti iyyatanitti nama isaan furu tokko jechuunis obboleessa Kaaleb quxisuu, Otniiʼeel ilma Qenaz sana akka inni isaan furuuf kaaseef.
9 Mas, quando clamaram ao Senhor, ele lhes levantou um libertador, Otoniel, filho de Quenaz, o irmão mais novo de Calebe, que os libertou.
10 Hafuurri Waaqayyoo isa irra buʼe; kanaafuu inni abbaa murtii Israaʼelootaa taʼee duulaaf baʼe. Waaqayyos Kuushan-Rishaataayim mooticha Phaadaan Arraam sana dabarsee harka Onniiʼelitti kenne; innis isa moʼate.
10 O Espírito do Senhor veio sobre ele, de modo que liderou Israel e foi à guerra. O Senhor entregou Cuchã-Risataim, rei de Arã, nas mãos de Otoniel, que prevaleceu contra ele.
11 Kanaafuu biyyi sun hamma Otniiʼeel ilmi Qenaz duʼutti waggaa afurtama nagaa argate.
11 E a terra teve paz durante quarenta anos, até a morte de Otoniel, filho de Quenaz.
12 Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Waaqayyo akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne.
12 Mais uma vez os israelitas fizeram o que o Senhor reprova, e por isso o Senhor deu a Eglom, rei de Moabe, poder sobre Israel.
13 Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan.
13 Conseguindo uma aliança com os amonitas e com os amalequitas, Eglom veio e derrotou Israel, e conquistou a Cidade das Palmeiras.
14 Israaʼeloonni waggaa kudha saddeet Egloon mootii Moʼaab jalatti bulan.
14 Os israelitas ficaram sob o domínio de Eglom, rei de Moabe, durante dezoito anos.
15 Israaʼeloonni ammas gara Waaqayyootti iyyatan; innis nama isaan furu tokko jechuunis Eehuud nama harka bitaachaa, ilma Geeraa sana gosa Beniyaam keessaa isaanii kaase. Israaʼeloonnis akka inni Egloon mootii Moʼaab sanaaf gibira geessu Naaʼodin ergan.
15 Novamente os israelitas clamaram ao Senhor, que lhes deu um libertador chamado Eúde, homem canhoto, filho do benjamita Gera. Os israelitas o enviaram com o pagamento de tributos a Eglom, rei de Moabe.
16 Eehuudis goraadee gama lamaan qara qabu kan meetira walakkaa dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan tafa mirgaatti hidhate.
16 Eúde havia feito uma espada de dois gumes, de quarenta e cinco centímetros de comprimento, e a tinha amarrado na coxa direita, debaixo da roupa.
17 Gibira sana Egloon mooticha Moʼaab namicha akka malee furdaa ture sanaaf dhiʼeesse.
17 Ele entregou o tributo a Eglom, rei de Moabe, homem muito gordo.
18 Naaʼod erga gibira sana dhiʼeessee booddee namoota baataniifii dhufan geggeesse.
18 Em seguida, Eúde mandou embora os carregadores.
19 Inni garuu iddoo dhagaan baafamu kan Gilgaal biratti argamu bira gaʼee duubatti deebiʼuudhaan, “Yaa mootii ani waan dhoksaatti sitti himu tokko qaba” jedhe.
19 Junto aos ídolos que estão perto de Gilgal, ele voltou e disse: "Tenho uma mensagem secreta para ti, ó rei". O rei respondeu: "Calado! " E todos os seus auxiliares saíram de sua presença.
20 Utuu mootichi kutaa mana isaa iddoo qabbanaaʼaa tokko kophaa isaa taaʼee jiruu Eehuud itti dhiʼaatee, “Ani ergaa Waaqa biraa siif ergame qaba” jedheen. Egloonis teessoo isaa irraa ol kaʼe;
20 Eúde aproximou-se do rei, que estava sentado sozinho na sala superior do palácio de verão, e repetiu: "Tenho uma mensagem de Deus para ti". Quando o rei se levantou do trono,
21 Eehuud harka isaa bitaa diriirsee tafa mirga isaa irraa goraadee luqqifatee garaa mootichaa keessa fullaase.
21 Eúde estendeu a mão esquerda, apanhou a espada de sua coxa direita e cravou-a na barriga do rei.
22 Qabannoon isaas utuu hin hafin garaa seenee sibiilli isaa duubaan baʼe. Naaʼod goraadicha garaa mootichaa keessaa hin buqqifne; moorris goraadee sana haguugee ture.
22 Até o cabo penetrou com a lâmina; e, como não tirou a espada, a gordura se fechou sobre ela.
23 Ergasiis Eehuud Egloonitti balbala cufee karaa borootiin baʼee qajeele.
23 Então Eúde saiu para o pórtico, depois de fechar e trancar as portas da sala atrás de si.
24 Erga Eehuud deemee booddee tajaajiltoonni mootichaa dhufan; balbala kutaa mana ol aanuus akkuma inni cufamee jirutti argan. Isaanis, “Tarii inni mana boolii gad taaʼee jira taʼa” jedhan.
24 Depois que ele saiu, vieram os servos e encontraram trancadas as portas da sala superior, e disseram: "Ele deve estar fazendo suas necessidades em seu cômodo privativo".
25 Hamma dadhabanittis eegan; garuu waan inni utuu balbala hin banin tureef furtuu fudhatanii balbala banan. Kunoo gooftaan isaanii duʼee lafa irra diriiree ture.
25 Cansaram-se de esperar, e como ele não abria a porta da sala, pegaram a chave e a abriram. E lá estava o seu senhor, caído no chão, morto!
26 Utuma isaan dhaabatanii eegaa jiranuu Eehuud fagaatee deeme. Karaa lafa dhagaan itti soofamuutiin darbee gara Seʼiiraatti baqate.
26 Enquanto esperavam, Eúde escapou. Passou pelos ídolos e fugiu para Seirá.
27 Innis yommuu achi gaʼetti biyya gaaraa Efreem keessatti malakata afuufe; Israaʼeloonnis hooggantummaa isaatiin biyya gaaraa sana irraa isa wajjin gad buʼan.
27 Quando chegou, tocou a trombeta nos montes de Efraim, e os israelitas desceram dos montes, com ele à sua frente.
28 Eehuudis, “Diina keessan Moʼaabin Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii na duukaa buʼaa!” jedheen. Isaanis malkaa Yordaanos kan gara Moʼaabitti geessu sana qabatanii nama tokko illee achiin darbuu dhowwan.
28 "Sigam-me", ordenou, "pois o Senhor entregou Moabe, o inimigo de vocês, em suas mãos. " Eles o seguiram e, tomaram posse do lugar de passagem do Jordão que levava a Moabe, e não deixaram ninguém atravessar o rio.
29 Yeroo sanatti Moʼaabota hundi isaanii jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan kuma kudhan fixan; namni tokko iyyuu isaan jalaa hin baane.
29 Naquela ocasião mataram cerca de dez mil moabitas, todos eles fortes e vigorosos; nem um só homem escapou.
30 Gaafa sana Moʼaab harka Israaʼelitti galfamte; biyyattiinis waggaa saddeettamaaf nagaa argatte.
30 Naquele dia Moabe foi subjugado por Israel, e a terra teve paz durante oitenta anos.
31 Eehuuditti aanee Shamgaar ilmi Anaat kaʼe; innis ulee ittiin qotiyyoo tuttuqaniin Filisxeemota dhibba jaʼa fixe. Akkasiinis Israaʼeloota baraare.
31 Depois de Eúde veio Sangar, filho de Anate, que matou seiscentos filisteus com uma aguilhada de bois. Ele também libertou Israel.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.