Juízes 20
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Israaʼeloonni Daanii hamma Bersheebaatti argaman akkasumas kanneen biyya Giliʼaad keessa jiraatan hundi akka nama tokkootti baʼanii iddoo Miisphaa jedhamutti fuula Waaqayyoo duratti walitti qabaman.
1 Então todos os israelitas, de Dã a Berseba, e de Gileade, saíram como um só homem e se reuniram em assembléia perante o Senhor em Mispá.
2 Hooggantoonni namoota gosoota Israaʼel hundi wal gaʼii saba Waaqaa irratti argaman; loltoonni kuma dhibba afur goraadee hidhatanii turan.
2 Os líderes de todo o povo das tribos de Israel tomaram seus lugares na assembléia do povo de Deus, quatrocentos mil soldados armados de espada.
3 Namoonni gosa Beniyaam akka Israaʼeloonni gara Miisphaatti ol baʼan dhagaʼan. Namoonni Israaʼelis, “Mee akka wanni hamaan kun itti hojjetame nutti himaa” jedhan.
3 ( Os benjamitas souberam que os israelitas haviam subido a Mispá. ) Os israelitas perguntaram: "Como aconteceu essa perversidade? "
4 Lewwichi dhirsi dubartii ajjeefamte sanaas akkana jedhee deebise; “Anii fi saajjatoon koo achi buluuf biyya Beniyaam Gibeʼaa dhufne.
4 Então o levita, marido da mulher assassinada, disse: "Eu e a minha concubina chegamos a Gibeá de Benjamim para passar a noite.
5 Namoonni Gibeʼaas na ajjeesuuf halkan mana ani bule sana marsan. Isaanis saajjatoo koo humnaan gudeedan; isheenis ni duute.
5 Durante a noite os homens de Gibeá vieram para atacar-me e cercaram a casa, com a intenção de matar-me. Então violentaram minha concubina, e ela morreu.
6 Anis reeffa saajjatoo koo fuudhee gargari kukkutee gara biyyoota dhaala gosoota Israaʼel hundaatti erge; isaan Israaʼel keessatti waan jibbisiisaa fi salphisaa akkasii hojjetaniiruutii.
6 Peguei minha concubina, cortei-a em pedaços e enviei um pedaço a cada região da herança de Israel, pois eles cometeram essa perversidade e esse ato vergonhoso em Israel.
7 Ammas isin Israaʼeloonni hundinuu irratti mariʼadhaatii murtii keessan kennaa.”
7 Agora, todos vocês israelitas, manifestem-se e dêem o seu veredicto".
8 Namoonni hundi akkuma nama tokkootti kaʼanii akkana jedhan; “Nu keessaa namni tokko iyyuu gara mana isaatti hin galu. Nu keessaa namni tokko iyyuu mana isaatti hin deebiʼu.
8 Todo o povo se levantou como se fosse um só homem, dizendo: "Nenhum de nós irá para casa. Nenhum de nós voltará para o seu lar.
9 Wanni nu Gibeʼaa goonu garuu kana: Akkuma ixaan nuu baʼetti itti duuluu dha.
9 Mas é isto que faremos agora contra Gibeá: Separaremos, por sorteio, de todas as tribos de Israel,
10 Akka isaan warra duulaniif waan isaan nyaatan fidaniif, gosoota Israaʼel hunda keessaa nama dhibba tokko keessaa nama kudhan, nama kuma tokko keessaa nama dhibba tokko, nama kuma kudhan keessaa nama kuma tokko ni fudhanna. Duulli kunis yeroo Gibeʼaa ishee Beniyaam keessa jirtu sana qaqqabutti waan isaan Israaʼel irratti hojjetan sanaaf adabbii barbaachisaa ni kenna.”
10 de cada cem homens dez homens, de cada mil homens cem, de cada dez mil homens mil, para conseguirem provisões para o exército poder chegar a Gibeá de Benjamim e dar a eles o que merecem por todo esse ato vergonhoso cometido em Israel".
11 Kanaafuu namoonni Israaʼel hundi walitti qabamanii akkuma nama tokkootti magaalattiitti duulan.
11 E todos os israelitas se ajuntaram e se uniram como um só homem contra a cidade.
12 Gosoonni Israaʼel gara gosa Beniyaam hundaatti akkana jedhanii nama ergan; “Yakki hamaan gidduu keessanitti hojjetame kun maali?
12 As tribos de Israel enviaram homens a toda a tribo de Benjamim, dizendo: "O que vocês dizem dessa maldade terrível que foi cometido no meio de vocês?
13 Ammas akka nu isaan barbadeessinee Israaʼel keessaa hammina balleessinuuf namoota Gibeʼaa hamoo sana dabarsaa nutti kennaa.”
13 Agora, entreguem esses canalhas de Gibeá, para que os matemos e eliminemos esse mal de Israel". Mas os benjamitas não quiseram ouvir seus irmãos israelitas.
14 Isaanis Israaʼeloota waraanuudhaaf magaalaawwan isaaniitii tokkummaadhaan gara Gibeʼaa dhufan.
14 Vindos de suas cidades, reuniram-se em Gibeá para lutar contra os israelitas.
15 Beniyaamonni yeruma tokkotti loltoota filatamoo Gibeʼaa keessa jiraatan dhibba torba irratti namoota goraadee hidhatan kuma digdamii jaʼa magaalaawwan isaaniitii hiriirsan.
15 Naquele dia os benjamitas mobilizaram vinte e seis mil homens armados de espada que vieram das suas cidades, além dos setecentos melhores soldados que viviam em Gibeá.
16 Loltoota filatamoo kanneen hunda keessaa dhibba torba bitaachota tokkoon tokkoon isaanii rifeensatti dhagaa furrisanii hin dhabne turan.
16 Dentre todos esses soldados havia setecentos canhotos, muito hábeis, e cada um deles podia atirar uma pedra com a funda num cabelo sem errar.
17 Israaʼeloonni Beniyaamota malee iyyuu namoota goraadee hidhatan kuma dhibba afur qabu turan; kunneen hundinuu gootota turan.
17 Israel, sem contar os de Benjamim, convocou quatrocentos mil homens armados de espada, todos eles homens de guerra.
18 Israaʼeloonni Beetʼeelitti ol baʼanii, “Beniyaamota waraanuudhaaf nu keessaa jalqabatti eenyu haa baʼuu?” jedhanii Waaqa gaafatan.
18 Os israelitas subiram a Betel e consultaram a Deus. "Quem de nós irá lutar primeiro contra os benjamitas? ", perguntaram. O Senhor respondeu: "Judá irá primeiro".
19 Ijoolleen Israaʼelis ganamaan kaʼanii Gibeʼaa marsan.
19 Na manhã seguinte os israelitas se levantaram e armaram acampamento perto de Gibeá.
20 Namoonni Israaʼel Beniyaamota waraanuuf baʼanii Gibeʼaatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
20 Os homens de Israel saíram para lutar contra os benjamitas e tomaram posição de combate contra eles em Gibeá.
21 Beniyaamonnis Gibeʼaadhaa baʼanii gaafuma sana dirree waraanaa irratti Israaʼeloota kuma digdamii lama fixan.
21 Os benjamitas saíram de Gibeá e naquele dia mataram vinte e dois mil israelitas no campo de batalha.
22 Namoonni Israaʼel garuu wal jajjabeessanii iddoodhuma gaafa duraa itti hiriiran sanatti iddoo iddoo isaanii qabatan.
22 Mas os homens de Israel procuraram animar-se uns aos outros, e novamente ocuparam as mesmas posições do primeiro dia.
23 Israaʼeloonni ol baʼanii hamma galgalaatti fuula Waaqayyoo duratti booʼan. Isaanis, “Nu obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf amma illee ol baanuu?” jedhanii Waaqayyoon gaafatan.
23 Os israelitas subiram e choraram perante o Senhor até a tarde, e consultaram o Senhor: "Devemos atacar de novo os nossos irmãos benjamitas? " O Senhor respondeu: "Vocês devem atacar".
24 Israaʼeloonni guyyaa lammaffaatti gara Beniyaamotaatti dhiʼaatan.
24 Então os israelitas avançaram contra os benjamitas no segundo dia.
25 Yeroo kanatti, Beniyaamonni Gibeʼaadhaa itti baʼanii Israaʼeloota goraadee hidhatan kuma kudha saddeet galaafatan.
25 Dessa vez, quando os benjamitas saíram de Gibeá para enfrentá-los, derrubaram outros dezoito mil israelitas, todos eles armados de espada.
26 Ergasii ijoolleen Israaʼel, sabni hundinuu Beetʼeelitti ol baʼanii achitti booʼaa fuula Waaqayyoo dura tataaʼan. Hamma galgalaattis soomanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan.
26 Então todos os israelitas subiram a Betel, e ali se assentaram, chorando perante o Senhor. Naquele dia jejuaram até à tarde e apresentaram holocaustos e ofertas de comunhão ao Senhor.
27 Israaʼeloonnis gorsa Waaqayyoo gaafatan. Bara sana taabonni kakuu Waaqaa achuma ture;
27 E os israelitas consultaram ao Senhor. ( Naqueles dias a arca da aliança estava ali,
28 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar, ilmi Aroon fuula isaa dura tajaajilaa ture. Isaanis, “Nu amma illee obboloota keenya Beniyaamota waraanuuf haa baanu moo haa dhiifnu?” jedhanii gaafatan.
28 e Finéias, filho de Eleazar, filho de Arão, ministrava perante ela. ) Perguntaram: "Sairemos de novo ou não, para lutar contra os nossos irmãos benjamitas? " O Senhor respondeu: "Vão, pois amanhã eu os entregarei nas suas mãos".
29 Kanaafuu Israaʼeloonni naannoo Gibeʼaatti riphan.
29 Então os israelitas armaram uma emboscada em torno de Gibeá.
30 Isaanis guyyaa sadaffaatti Beniyaamotatti duulanii akkuma duraan godhan sana Gibeʼaa waraanuudhaaf iddoo iddoo isaanii qabatan.
30 Avançaram contra os benjamitas no terceiro dia e tomaram posição contra Gibeá, como tinham feito antes.
31 Beniyaamonnis isaan waraanuuf baʼanii magaalaa sana irraa fagaatan. Akkuma kanaan duraas Israaʼeloota dhaʼuu jalqaban; daandiiwwan Beetʼeeliitii fi Gibeʼaa irrattis namoota Israaʼel gara soddoma ajjeesan.
31 Os benjamitas saíram para enfrentá-los e foram atraídos para longe da cidade. Começaram a ferir alguns dos israelitas como tinham feito antes, e uns trinta homens foram mortos em campo aberto e nas estradas, uma que vai para Betel e a outra que vai para Gibeá.
32 Beniyaamonnis, “Kunoo nu akkuma kanaan duraa isaan moʼachaa jirra” jedhan; Israaʼeloonni immoo, “Kottaa nu gara dugda duubaatti deebinee akka isaan magaalaa keessaa baʼan goonaa” jedhan.
32 Enquanto os benjamitas diziam: "Nós os derrotamos como antes", os israelitas diziam: "Vamos retirar-nos e atraí-los para longe da cidade, para as estradas".
33 Namoonni Israaʼel hundinuu iddoo turanii kaʼanii Baʼaal Taamaaritti iddoo iddoo isaanii qabatan; waraanni Israaʼel kan riphee eegaa tures karaa lixa Gibeʼaatiin itti baʼe.
33 Todos os homens de Israel saíram dos seus lugares e ocuparam posições em Baal-Tamar, e a emboscada israelita atacou da sua posição a oeste de Gibeá.
34 Sana booddees namoonni Israaʼel filatamoon kuma kudhan Gibeʼaa irratti waraana banan. Waraanni sunis akka malee cimaa ture; Beniyaamonni garuu akka badiin isaanitti dhiʼaatee jiru hin beekne ture.
34 Então dez mil dos melhores soldados de Israel iniciaram um ataque frontal contra Gibeá. O combate foi duro, e os benjamitas não perceberam que a desgraça estava próxima deles.
35 Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duratti Beniyaamota dhaʼe; Israaʼeloonni gaafas Beniyaamota 25,100 kanneen hundi isaanii goraadee hidhatan fixan.
35 O Senhor derrotou Benjamim perante Israel, e naquele dia os israelitas feriram vinte e cinco mil e cem benjamitas, todos armados de espada.
36 Kanaafuu Beniyaamonni akka moʼataman hubatan.
36 Então os benjamitas viram que estavam derrotados. Os israelitas bateram em retirada diante de Benjamim, pois confiavam na emboscada que tinham preparado perto de Gibeá.
37 Waraanni Israaʼel riphee ture sunis yeruma tokkoon cabsee Gibeʼaa seenee magaalattii goraadeedhaan dhaʼe.
37 Os da emboscada avançaram repentinamente para dentro de Gibeá, espalharam-se e mataram todos os habitantes da cidade à espada.
38 Namoonni Israaʼelis akka waraanni riphee ture sun magaalaa keessaa mallattoo duumessa aaraa guddaa isaa argisiisu walii galanii turan;
38 Os israelitas tinham combinado com os da emboscada que estes fariam subir da cidade uma grande nuvem de fumaça,
39 akkasiinis namoonni Israaʼel gara lolaatti dachaʼan.
39 e então os israelitas voltariam a combater. Os benjamitas tinham começado a ferir os israelitas, matando cerca de trinta deles, e disseram: "Nós os derrotamos como na primeira batalha".
40 Garuu yommuu magaalattii keessaa aarri ol baʼuu jalqabetti Beniyaamonni of irra garagalanii aara guutummaa magaalattii keessaa samiitti ol baʼaa jiru argan.
40 Mas, quando a coluna de fumaça começou a se levantar da cidade, os benjamitas se viraram e viram a fumaça subindo ao céu.
41 Kana irratti namoonni Israaʼel Beniyaamotatti garagalan; Beniyaamonni akka balaan isaanitti dhufe beekanii akka malee sodaataniitii.
41 Então os israelitas se voltaram contra eles, e os homens de Benjamim ficaram apavorados, pois perceberam que a sua desgraça havia chegado.
42 Kanaafuu isaan gara gammoojjiitti fuula deeffatanii Israaʼeloota duraa baqatan. Garuu jalaa baʼuu hin dandeenye. Namoonni Israaʼel kanneen magaalaa sanaa baʼanii dhufan achitti isaan fixan.
42 Assim, fugiram da presença dos israelitas tomando o caminho do deserto, mas não conseguiram escapar do combate. E os homens de Israel que saíram das cidades os mataram ali.
43 Isaanis jara marsanii ariʼuudhaan fuullee baʼa Gibeʼaatti isaan moʼatan.
43 Cercaram os benjamitas e os perseguiram, e facilmente os alcançaram nas proximidades de Gibeá, no lado leste.
44 Loltoonni Beniyaam jajjaboon kuma kudha saddeet ni galaafataman.
44 Dezoito mil benjamitas morreram, todos eles soldados valentes.
45 Utuu isaan garagalanii gara gammoojjii kattaa Rimoonitti baqachaa jiranuu namoonni kuma shan karaa irratti jalaa dhuman. Israaʼeloonni ammas hamma Gidoomitti warra hafan duukaa buʼanii nama kuma lama ajjeesan.
45 Quando se viraram e fugiram rumo ao deserto, para a rocha de Rimom, os israelitas abateram cinco mil homens ao longo das estradas. Até Gidom eles pressionaram os benjamitas e mataram mais de dois mil homens.
46 Gaafas Beniyaamota goraadee hidhatan kuma digdamii shanitu ajjeefame; hundi isaaniis loltoota bebeekamoo turan.
46 Naquele dia vinte e cinco mil benjamitas que portavam espada morreram, todos eles soldados valentes.
47 Namoonni dhibba jaʼa garuu garagalanii gara gammoojjiitti kattaa Rimoonitti baqatan; jiʼa afuris achi turan.
47 Seiscentos homens, porém, viraram as costas e fugiram para o deserto, para a rocha de Rimom, onde ficaram durante quatro meses.
48 Namoonni Israaʼel immoo gara Beniyaamotaatti dachaʼanii guutummaa magaalaa sanaa, horii fi waan achitti argan hunda goraadeen fixan. Magaalaa itti dhufan hundas ibiddaan guban.
48 Os israelitas voltaram a Benjamim e passaram todas as cidades à espada, matando inclusive os animais e tudo o que encontraram nelas. E incendiaram todas as cidades por onde passaram.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.