Juízes 19
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Yeroo sanatti Israaʼel mootii hin qabdu ture.
1 Naqueles dias em que Israel não tinha rei, um levita foi morar bem longe, na região montanhosa de Efraim. Ele arranjou uma jovem de Belém de Judá para ser a sua concubina .
2 Isheen garuu isaaf amanamtuu hin taane. Isa dhiiftees gara mana abbaa ishee Beetlihem Yihuudaatti deebite. Erga jiʼa afur achi turtee booddee,
2 Porém ela brigou com ele e voltou para a casa do seu pai, em Belém. E ficou lá durante quatro meses.
3 dhirsi ishee araarfatee deebisee galfachuudhaaf gara ishee dhaqe. Innis hojjetaa isaatii fi harroota lama fudhatee deeme. Isheenis mana abbaa isheetti ol isa galchite; abbaan ishees yommuu isa argetti gammachuudhaan isa simate.
3 Então o homem resolveu ir a Belém atrás dela, para tentar convencê-la a voltar. Ele foi com o seu empregado e levou dois jumentos. E a moça o recebeu na casa do seu pai. Quando o pai da moça viu o levita, recebeu-o com alegria
4 Abbaan niitii isaa jechuunis, abbaan intalattii akka inni achi turuuf jabeessee isa kadhate; kanaafuu isaan nyaachaa, dhugaas bultii sadii isa bira bubbulan.
4 e insistiu para que ficasse na sua casa. E ele ficou ali três dias. Assim o casal tomou as suas refeições e passou as noites ali.
5 Guyyaa afuraffaatti ganamaan kaʼanii deemuuf qophaaʼan; abbaan intalattii garuu dhirsa intala isaatiin, “Akka jabaatuuf waa nyaadhu; ergasii ni deemtaa” jedhe.
5 No quarto dia eles se levantaram cedo e se aprontaram para ir embora. Mas o pai da moça disse ao levita: — Coma alguma coisa antes de ir e assim você se sentirá melhor. Você pode ir mais tarde.
6 Kanaafuu lachan isaanii wajjin nyaatanii dhuguuf tataaʼan. Ergasiis abbaan intalattii, “Maaloo harʼa asuma buliitii aara galfadhu” jedheen.
6 Então os dois homens se sentaram, e comeram, e beberam juntos. Aí o pai da moça disse: — Por favor, fique mais uma noite e divirta-se.
7 Yommuu inni deemuuf kaʼettis abbaan niitii isaa jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni halkan sana achi bule.
7 O homem se levantou para sair, mas o pai da moça insistiu muito que ele ficasse. E assim o levita passou outra noite ali.
8 Guyyaa shanaffaatti yommuu inni ganamaan deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Aara galfadhu. Hamma waaree booddeettis asuma turi!” isaan jedhe. Kanaafuu lachan isaanii iyyuu wajjin nyaatan.
8 No quinto dia, bem cedo, ele se levantou para ir, mas o pai da moça pediu: — Por favor, coma alguma coisa. Espere até mais tarde. E os dois homens comeram juntos.
9 Yeroo namichi saajjatoo isaatii fi tajaajilaa isaa wajjin deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Ilaali! Aduun dhiʼuutti jirti. Asuma bulaa; guyyaan galgalaaʼeera. Asuma bulaatii aara galfadhaa. Bori ganamaan kaatanii karaa keessan deemuu dandeessu” jedheen.
9 Quando o homem, a moça e o empregado iam saindo, o pai disse: — Olhe! Agora já é quase noite. É melhor você ficar para passar a noite aqui. Logo vai ficar escuro. Fique aqui e divirta-se. Amanhã você poderá se levantar cedo e viajar de volta para casa. — Por que não paramos e passamos a noite nesta cidade dos jebuseus ?
10 Namichi garuu gaafa sana achi buluu didee harroota isaa lamaan feʼatee saajjatoo isaa fudhatee qajeele. Gara fuullee Yerusaalem ishee Yebuus jedhamtu sanaa dhufe.
10 — ausente —
11 Yommuu isaan Yebuus bira gaʼanitti sababii aduun dhiiteef tajaajilaan sun gooftaa isaatiin, “Maaloo kottaa magaalaa Yebuusotaa kanatti gorree haa bullu” jedhe.
11 — ausente —
12 Gooftaan isaas deebisee, “Lakkii. Nu magaalaa Namoota Ormaa warra Israaʼeloota hin taʼinii hin seennu. Gara Gibeʼaatti dabarra” isaan jedhe.
12 Mas o patrão respondeu: — Não vamos parar numa cidade onde o povo não é israelita. Vamos continuar até Gibeá.
13 Itti fufees, “Kottu Gibeʼaa yookaan Raamaa geenyee tokkoo isaanii keessa bullaa” jedheen.
13 É melhor a gente andar mais um pouco e passar a noite em Gibeá ou Ramá.
14 Kanaafuu deemsa isaanii itti fufanii yeroo isaan Gibeʼaa ishee Beniyaam keessatti argamtutti dhiʼaatanitti aduun dhiite.
14 Então passaram pela cidade de Jebus e continuaram a viagem. O sol já se havia escondido quando eles chegaram a Gibeá, cidade da tribo de Benjamim.
15 Isaanis achi buluuf itti goran. Oobdii magaalaa keessas qubatan; garuu namni tokko iyyuu isaan bulchuuf mana isaatti ol isaan hin galchine.
15 Aí saíram da estrada para passar a noite na cidade. O levita chegou e se sentou na praça. Mas ninguém o convidou para dormir na sua casa.
16 Galgaluma sana jaarsi biyya gaaraa Efreemiitii dhufee Gibeʼaa jiraatu tokko hojii qonnaatii gale. Namoonni biyyattii garuu gosa Beniyaam turan.
16 E aconteceu que passou por ali um velho que estava voltando do seu trabalho na roça. Ele era da região montanhosa de Efraim, mas estava morando em Gibeá. O povo dali era da tribo de Benjamim.
17 Jaarsi sun yommuu ol jedhee oobdii magaalaa keessatti kara deemaa sana argetti, “Ati garam deemta? Eessaa dhufte?” jedhee gaafate.
17 O velho viu o viajante na praça e perguntou: — De onde você é? Para onde vai?
18 Lewwichis akkana jedhe; “Nu Beetlihem Yihuudaatii dhufnee gara lafa moggaa biyya gaaraa Efreem iddoo ani jiraadhuu dhaquuf deemna. Ani achi dhaqee ture. Ani amma gara mana Waaqayyoo dhaqaan jira. Namni mana isaatti na simate tokko iyyuu hin jiru.
18 O levita respondeu: — Eu estou viajando de Belém de Judá para bem longe, para a região montanhosa de Efraim, onde moro. Fui a Belém e agora estou voltando para casa, mas ninguém me ofereceu hospedagem para esta noite.
19 Nu tajaajiltoonni kee harroota keenyaaf cidii fi okaa qabna; anaa fi tajaajiltuu keetiif, dargaggeessa nu wajjin jiruufis buddeenaa fi daadhii wayinii qabna. Nu waan tokko illee hin barbaannu.”
19 Nós temos alimento e palha para os jumentos, e pão e vinho para mim, para a minha concubina e para o meu empregado. Temos tudo o que precisamos.
20 Jaarsichis, “Nagaan siif haa taʼu; ani waan isin barbaachisu hundumaa isiniif nan dhiʼeessa; isin garuu oobdii keessa hin bulinaa” jedheen.
20 O velho disse: — Venham comigo; vocês serão bem-recebidos na minha casa. Eu cuidarei de vocês. Por favor, não passem a noite na praça.
21 Kanaafuu inni gara mana isaatti ol isa galchee harroota isaatiif waan nyaatan kenne. Isaanis erga miilla isaanii dhiqatanii booddee nyaatanii dhugan.
21 Então ele os levou para a sua casa e deu de comer aos jumentos. Os seus hóspedes lavaram os pés, comeram e beberam.
22 Utuu isaan gammadaa jiranuu kashlabboonni magaalaa sanaa tokko tokko mana jaarsichaa marsan. Balbalas dhadhaʼanii iyyuudhaan, “Akka nu isatti sagaagalluuf namicha mana kee seene sana gad nuu baasi” jedhaniin.
22 Enquanto eles conversavam alegremente, alguns homens imorais daquela cidade cercaram a casa e começaram a bater na porta. E disseram ao velho: — Traga para fora o homem que está na sua casa! Nós queremos ter relações com ele.
23 Abbaan manichaas gad baʼee akkana isaaniin jedhe; “Lakkisaa yaa firoota ko, hammina akkasii hin hojjetinaa; namichi kun waan keessummaa koo taʼeef waan jibbisiisaa kana hin hojjetinaa.
23 Aí o velho saiu e disse: — Não, meus amigos! Por favor, não façam essa coisa tão má e tão imoral! Este homem é meu hóspede.
24 Kunoo intalli koo durbi qulqulluunii fi saajjatoon namichaa as jiru. Ani isaan gad isinii baasaatii waan feetan isaan godhaa. Namicha kanatti garuu waan jibbisiisaa akkasii hin hojjetinaa.”
24 Olhem! Estão aqui a minha filha virgem e a concubina dele. Eu vou pôr as duas para fora, e vocês poderão fazer com elas o que quiserem. Mas não façam essa coisa horrível com este homem!
25 Taʼus isaan isa hin dhageenye. Kanaafuu Lewwichi saajjatoo isaa gad isaanii baase; isaanis halkan guutuu isheetti taphatanii ganama barii gad ishee dhiisan.
25 Mas eles não quiseram ouvi-lo. Então o levita pegou a sua concubina, a pôs para fora e a entregou a eles. E eles a forçaram, e abusaram dela a noite toda, e só a deixaram de manhã.
26 Akkuma lafti bariiteenis dubartiin sun gara mana gooftaan ishee ture sanaa dhaqxee balbala duratti kuftee hamma biiftuun baatutti achumatti diriirtee hafte.
26 Ao amanhecer a mulher veio e caiu na frente da casa onde o seu marido estava. E ficou ali até clarear o dia.
27 Yommuu gooftaan ishee ganama barii kaʼee deemuuf balbala banee gad baʼetti, kunoo saajjatoon isaa kuftee harka ishee gulantaa balbalaa irratti diriirsitee arge.
27 De manhã o marido se levantou para continuar a viagem. Quando abriu a porta, achou a sua concubina caída em frente da casa, com as mãos na soleira da porta.
28 Innis, “Kaʼi ni deemnaa” isheen jedhe. Garuu deebiin tokko illee hin turre. Kana irratti namichi sun harree irra ishee kaaʼee gara mana isaatti qajeele.
28 Aí lhe disse: — Levante-se! Vamos embora! Porém não teve resposta. Então pôs o corpo dela atravessado sobre o jumento e seguiu viagem para casa.
29 Innis yommuu mana isaa gaʼetti haaduu fudhatee saajjatoo isaa sana buusaa buusaatti iddoo kudha lamatti kukkutee guutummaa biyya Israaʼelitti erge.
29 Quando chegou lá, entrou, pegou uma faca e cortou o corpo da concubina em doze pedaços. Depois mandou um pedaço para cada uma das doze tribos de Israel.
30 Namni waan kana arge hundi, “Erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii jalqabee wanni akkasii takkumaa argamee yookaan hojjetamee hin beeku. Waaʼee isaa yaadaa! Hubadhaas! Waan gochuu qabnus nutti himaa!” jedhe.
30 E todos os que viam isso diziam: — Nunca vimos uma coisa assim! Nunca houve uma coisa igual a essa, desde o tempo em que os israelitas saíram do Egito! Pensem! O que vamos fazer agora?
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 19, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.