Juízes 18

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Yeroo sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.
1 Naquela época não havia rei em Israel, e a tribo de Dã estava procurando um local onde estabelecer-se, pois ainda não tinha recebido herança entre as tribos de Israel.
2 Kanaafuu warri Daan akka isaan biyya sana basaasanii fi magaalaa Zoraatii fi Eshitaaʼol keessaa namoota jajjaboo shan ergan. Namoonni kunneenis gosoota isaanii hunda iddoo buʼan. Warra erganiinis, “Dhaqaatii biyyattii sakattaʼaa” jedhan.
2 Então enviaram cinco guerreiros de Zorá e de Estaol para espionarem a terra e explorá-la. Esses homens representavam todos os clãs da tribo. Disseram-lhes: "Vão, explorem a terra". Os homens chegaram aos montes de Efraim e foram à casa de Mica, onde passaram a noite.
3 Isaanis yommuu mana Miikaa bira gaʼanitti sagalee dargaggeessa Lewwicha sanaa hubatan; kanaafuu itti goranii, “Eenyutu as si fide? Ati maal asii goota? Maaliifis as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
3 Quando estavam perto da casa de Mica, reconheceram a voz do jovem levita; aproximaram-se e lhe perguntaram: "Quem o trouxe para cá? O que você está fazendo neste lugar? Por que você está aqui? "
4 Innis, “Miikaatu na qaxarate; anis luba isaa ti” jedhee waan inni isaaf godhe isaanitti hime.
4 O jovem lhes contou o que Mica fizera por ele, e disse: "Ele me contratou, e eu sou seu sacerdote".
5 Isaanis, “Maaloo mee akka karaan keenya milkaaʼuu fi akka hin milkoofne Waaqa nuu gaafadhu” jedhaniin.
5 Então eles lhe pediram: "Pergunte a Deus, se a nossa viagem será bem sucedida".
6 Lubichis, “Nagaan deemaa; Waaqayyo karaa keessan isinii mijeesseera” isaaniin jedhe.
6 O sacerdote lhes respondeu: "Vão em paz. Sua viagem tem a aprovação do Senhor".
7 Kanaafuu namoonni shanan sun kaʼanii Laayish dhaqan; akka namoonni achi jiraatan, akkuma warra Siidoonaa sodaa tokko malee nagaadhaan jiraatanis argan. Isaanis sababii lafti isaanii waan hunda qabduuf jireenya badhaadhaa jiraatan. Akkasumas sababii warra Siidoonaa irraa fagaatanii jiraachaa turaniif isaan eenyuma wajjinuu walitti dhufeenya tokko illee hin qaban ture.
7 Os cinco homens partiram e chegaram a Laís, onde viram que o povo vivia em segurança, como os sidônios, despreocupado e tranqüilo, e que gozava prosperidade, pois a sua terra não lhe deixava faltar nada. Viram também que o povo vivia longe dos sidônios e não tinha relações com nenhum outro povo.
8 Yommuu isaan Zoraa fi Eshitaaʼolitti deebiʼanitti obboloonni isaanii, “Oduu maalii qabattanii deebitan?” jedhanii isaan gaafatan.
8 Quando voltaram a Zorá e a Estaol, seus irmãos lhes perguntaram: "O que descobriram? "
9 Isaanis deebisanii akkana jedhaniin; “Kaʼaa dhaqnee isaan lollaa! Nu akka biyyattiin gabbattuu taate argineerra. Isin waan kana ittuma dhiiftuu? Dhaqxanii qabachuu hin maminaa.
9 Eles responderam: "Vamos atacá-los! Vimos que a terra é muito boa. Vocês vão ficar aí sem fazer nada? Não hesitem em ir apossar-se dela.
10 Isinis yommuu achi geessanitti saba yaaddoo tokko malee jiraatuu fi biyya balʼaa Waaqni dabarsee harka keessanitti isinii kennu kan wanni tokko iyyuu itti hin hirʼatin argattu.”
10 Chegando lá, vocês encontrarão um povo despreocupado e uma terra espaçosa que Deus pôs nas mãos de vocês, terra onde não falta coisa alguma! "
11 Kana irratti gosa Daan keessaa namoonni dhibba jaʼa miʼa lolaa hidhatanii Zoraa fi Eshitaaʼolii kaʼan.
11 Então seiscentos homens da tribo de Dã, partiram de Zorá e de Estaol, armados para guerra.
12 Ol baʼaniis Yihuudaa keessa iddoo Kiriyaati Yeʼaariim jedhamu bira qubatan. Sababii kanaaf iddoon sun hamma harʼaatti qubata Daan jedhamee waamama; qubanni sunis gama lixa Kiriyaati Yeʼaariimitti argama.
12 Na viagem armaram acampamento perto de Quiriate-Jearim, em Judá. É por isso que até hoje o local, a oeste de Quiriate-Jearim, é chamado Maané-Dã.
13 Isaanis achii itti fufanii gara biyya gaaraa Efreemitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan.
13 Dali foram para os montes de Efraim e chegaram à casa de Mica.
14 Namoonni Shanan biyya Laayish basaasanii turan sunis, obboloota isaaniitiin, “Isin akka manneen kana keessaa tokko dirata, fakkii waaqota tolfamoo mana keessaa, fakkii soofamee fi fakkii meetiin itti uffifame qabu beektuu? Amma waan gochuu qabdan beekaa” jedhan.
14 Os cinco homens que haviam espionado a terra de Laís disseram a seus irmãos: "Vocês sabiam que numa dessas casas há um manto sacerdotal, ídolos da família, uma imagem esculpida e um ídolo de metal? Agora vocês sabem o que devem fazer".
15 Kanaafuu isaan achi goranii mana Miikaa iddoo Lewwichi dargaggeessi sun jiraatu dhufanii nagaa isa gaafatan.
15 Então eles se aproximaram e foram à casa do jovem levita, à casa de Mica, e o saudaram.
16 Namoonni Daan warri miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabatanii turan.
16 Os seiscentos homens de Dã, armados para a guerra, ficaram junto à porta.
17 Namoonni biyyattii basaasan shanan ol galanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaatii fi Waaqa tolfamaa baqfamee hojjetame fudhatan. Yeroo kanatti lubni sunii fi namoonni miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabachaa turan.
17 Os cinco homens que haviam espionado a terra entraram e apanharam a imagem, o manto sacerdotal, os ídolos da família e o ídolo de metal, enquanto o sacerdote e os seiscentos homens armados permaneciam à porta.
18 Yommuu namoonni kunneen mana Miikaa seenanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi Waaqa baqfamee hojjetame fudhatanitti lubichi, “Isin maal hojjechaa jirtu?” Isaaniin jedhe.
18 Quando os homens entraram na casa de Mica e apanharam a imagem, o manto sacerdotal, os ídolos da família e o ídolo de metal, o sacerdote lhes perguntou: "Que é que vocês estão fazendo? "
19 Isaanis, “Calʼisi! Afaan kee qabadhu; nu faana kottuutii abbaa fi luba nuu taʼi. Mana nama tokkoo keessa tajaajiluu irra sanyii fi gosa Israaʼeliif luba taatee tajaajiluu siif hin wayyuu?” jedhaniin.
19 Eles lhe responderam: "Silêncio! Não diga nada. Venha conosco, e seja nosso pai e sacerdote. Não será melhor para você servir como sacerdote uma tribo e um clã de Israel do que apenas a família de um só homem? "
20 Lubni sun ni gammade. Innis dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi fakkii soofame sana fudhatee isaan wajjin deeme.
20 Então o sacerdote se alegrou, apanhou o manto sacerdotal, os ídolos da família e a imagem esculpida e se juntou à tropa.
21 Isaanis, ijoollee isaanii xixinnoo, horii isaaniitii fi qabeenya isaanii of dura buusanii of irra garagalanii qajeelan.
21 Pondo os seus filhos, os seus animais e os seus bens na frente deles, partiram de volta.
22 Yeroo isaan mana Miikaa irraa xinnoo fagaatanii deemanittis, namoonni ollaa mana Miikaa wal waamanii namoota Daan duukaa buʼanii qaqqaban.
22 Quando já estavam a certa distância da casa, os homens que moravam perto de Mica foram convocados e alcançaram os homens de Dã.
23 Isaan itti iyyinaan warri Daan of irra garagalanii Miikaadhaan, “Ati maal barbaaddee namoota kee waammattee nu loluuf dhufte?” jedhan.
23 Como vinham gritando atrás deles, estes se voltaram e perguntaram a Mica: "Qual é o seu problema? Por quê convocou os seus homens para lutar? "
24 Innis deebisee, “Isin waaqota ani tolfadhee fi luba koo fudhattaniirtu. Wanni naa hafe maaltu jira? Yoos isin akkamitti, ‘Maali taate?’ naan jettu ree?”
24 Ele respondeu: "Vocês estão levando embora os deuses que fiz e o meu sacerdote. O que me sobrou? Como é que ainda podem perguntar: ‘Qual é o seu problema? ’ "
25 Namoonni Daanis, “Afaan kee nutti hin banin; yoo kanaa achii namoonni obsa hin qabne tokko tokko si dhaʼu; atii fi maatiin kees lubbuu keessan dhabdu” jedhaniin.
25 Os homens de Dã responderam: "Não discuta conosco, senão alguns homens de temperamento violento o atacarão, e você e a sua família perderão a vida".
26 Ergasii namoonni Daan karaa isaanii itti fufan; Miikaan akka isaan humna isaatii ol taʼan hubatee of irra garagalee gara mana ofii isaatti qajeele.
26 E assim os homens de Dã seguiram seu caminho. Vendo que eles eram fortes demais para ele, Mica virou-se e voltou para casa.
27 Isaan waan Miikaan tolfatee fi luba isaa fudhatanii Laayishitti qajeelanii saba yaaddoo tokko malee nagaan jiraatutti duulan. Goraadeedhaan isaan fixanii magaalaa isaaniis guban.
27 Os homens de Dã levaram o que Mica fizera e o seu sacerdote, e foram para Laís, lugar de um povo pacífico e despreocupado. Eles mataram todos ao fio da espada e queimaram a cidade.
28 Sababii isaan Siidoon irraa fagaatanii jiraatanii fi eenyuma wajjin walitti dhufeenya hin qabneef kan isaan baraaru tokko iyyuu hin jiru ture. Magaalaan sun sulula keessa Beet Rehooboot biratti argamti turte.
28 Não houve quem os livrasse, pois viviam longe de Sidom e não tinham relações com nenhum outro povo. A cidade ficava num vale que se estende até Bete-Reobe. Os homens de Dã reconstruíram a cidade e se estabeleceram nela.
29 Magaalaan sun duraan Laayish jedhamti turte; isaan garuu Daan jedhanii maqaa abbaa isaanii Daan namicha Israaʼeliif dhalate sanaatiin moggaasan.
29 Deram à cidade anteriormente chamada Laís o nome de Dã, em homenagem a seu antepassado Dã, filho de Israel.
30 Achittis namoonni Daan ofii isaaniitiif waaqota tolfamoo dhaabbatan; Yoonaataan ilmi Geershoom, ilmi Musee sunii fi ilmaan isaa hamma biyyattiin boojiʼamtetti luboota gosa Daan turan.
30 Eles levantaram para si o ídolo, e Jônatas, filho de Gérson, neto de Moisés, e os seus filhos foram sacerdotes da tribo de Dã até que o povo foi para o exílio.
31 Kanaafuu isaan ittuma fufanii bara manni Waaqaa Shiiloo ture guutuu waaqota Miikaan tolfatetti fayyadamaa turan.
31 Ficaram com o ídolo feito por Mica durante todo o tempo em que o santuário de Deus esteve em Siló.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.