Juízes 16
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Gaaf tokko Saamsoon gara Gaazaa iddoo itti sagaagaltuu tokko arge dhaqe. Ishee wajjin buluufis ol seene.
1 Certa vez Sansão foi a Gaza, viu ali uma prostituta, e passou a noite com ela.
2 Namoota Gaazaattis, “Saamsoon as jira!” jedhamee himame. Kanaafuu isaan naannoo sana marsanii halkan guutuu riphanii karra magaalattii irratti isa eeggatan. Isaanis, “Ganama barii isa ajjeefna” jedhanii halkan sana utuu hin sochoʼin bulan.
2 Disseram ao povo de Gaza: "Sansão está aqui! " Então cercaram o local e ficaram à espera dele a noite toda, junto à porta da cidade. Não se moveram a noite inteira, dizendo: "Ao amanhecer o mataremos".
3 Saamsoon garuu hamma walakkaa halkaniitti achi rafe. Ergasii kaʼee cufaawwan karra magaalattii michichila lama wajjin, danqaraa isaatii fi waan hunda buqqise. Ol fuudhees gatiittii isatti baachuudhaan gara fiixee gaara fuullee Kebroonitti ol baʼe.
3 Sansão, porém, ficou deitado só até à meia-noite. Levantou-se, agarrou firme a porta da cidade, juntamente com os dois batentes, e os arrancou, com tranca e tudo. Pôs tudo nos ombros e levou ao topo da colina que fica defronte de Hebrom.
4 Yeroo muraasa booddee Saamsoon jaalala dubartii sulula Sooreeq keessa jiraattu tokkootiin qabame; maqaan ishees Daliilaa jedhama ture.
4 Depois dessas coisas, ele se apaixonou por uma mulher do vale de Soreque, chamada Dalila.
5 Bulchitoonni Filisxeemotaas gara ishee dhaqanii, “Akka nu hiinee isa miidhuu dandeenyuuf, akka inni icciitii jabina isaa guddaa kanaatii fi akka nu itti isa moʼachuu dandeenyu sitti himuuf isa sossobi. Tokkoon tokkoon keenyas meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko siif kenninaa” jedhaniin.
5 Os líderes dos filisteus foram dizer a ela: "Veja se você consegue induzi-lo a mostrar-lhe o segredo da sua grande força e como poderemos dominá-lo, para que o amarremos e o subjuguemos. Cada um de nós dará a você treze quilos de prata".
6 Daliilaanis Saamsooniin, “Icciitii jabina kee guddaa sanaatii fi akka ati itti qabamtee hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
6 Disse, pois, Dalila a Sansão: "Conte-me, por favor, de onde vem a sua grande força e como você pode ser amarrado e subjugado".
7 Saamsoon immoo deebisee, “Yoo namni kam iyyuu teepha haaraa hin gogin torbaan na hidhe, ani akkuma nama biraa kam iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
7 Respondeu-lhe Sansão: "Se alguém me amarrar com sete tiras de couro ainda úmidas, ficarei tão fraco quanto qualquer outro homem".
8 Bulchitoonni Filisxeemotaas ergasii teepha haaraa hin gogin torba fidanii isheetti kennan; isheenis ittiin isa hiite.
8 Então os líderes dos filisteus trouxeram a ela sete tiras de couro ainda úmidas, e Dalila o amarrou com elas.
9 Isheen gola keessatti namoota dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu teephawwan sana akkuma ribuun yommuu ibidda bira gaʼu baqutti rakkina malee of irraa kukkute. Kanaafuu icciitiin jabina isaa hin beekamne.
9 Tendo homens escondidos no quarto, ela o chamou: "Sansão, os filisteus o estão atacando! " Mas ele arrebentou as tiras de couro como se fossem um fio de estopa que chega perto do fogo. Assim, não se descobriu de onde vinha a sua força.
10 Daliilaan Saamsooniin, “Ati na gowwoomsite; na sobdes. Amma kottuu akka itti hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
10 Disse Dalila a Sansão: "Você me fez de boba; mentiu para mim! Agora conte-me, por favor, como você pode ser amarrado".
11 Innis, “Yoo namni kam iyyuu funyoo haaraa namni itti hin fayyadaminiin na hidhe, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
11 Ele disse: "Se me amarrarem firmemente com cordas que nunca tenham sido usadas, ficarei tão fraco quanto qualquer outro homem".
12 Kanaafuu Daliilaan funyoo haaraa fuutee ittiin isa hiite. Namootas golla keessatti dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu funyoowwan sana akkuma kirriitti harka ofii irraa kukkute.
12 Dalila o amarrou com cordas novas. Depois, tendo homens escondidos no quarto, ela o chamou: "Sansão, os filisteus o estão atacando! " Mas ele arrebentou as cordas de seus braços como se fossem uma linha.
13 Daliilaanis Saamsooniin, “Ati hamma ammaatti na gowwoomsiteerta; na sobdeertas. Akka itti hidhamu dandeessu natti himi” jette.
13 Disse Dalila a Sansão: "Até agora você me fez de boba e mentiu para mim. Diga-me como pode ser amarrado". Ele respondeu: "Se você tecer num pano as sete tranças da minha cabeça e o prender com uma lançadeira, ficarei tão fraco quanto qualquer outro homem". Assim, quando ele dormia, Dalila teceu as sete tranças da sua cabeça num pano
14 qofootti isa hiite.
14 e o prendeu com a lançadeira. Novamente ela o chamou: "Sansão, os filisteus estão vindo sobre você! " Ele despertou do sono e arrancou a lançadeira e o tear, junto com os fios do tear.
15 Isheenis, “Ati utuu na hin amanin akkamitti, ‘Ani si jaalladha’ naan jetta? Utuu icciitii jabina kee guddaa sanaa natti hin himin, ati na sobuun kee kun yeroo sadaffaa dha” jetteen.
15 Então ela lhe disse: "Como você pode dizer que me ama, se não confia em mim? Esta é a terceira vez que você me fez de boba e não contou o segredo da sua grande força".
16 Guyyuma guyyaanis hamma lubbuun isaa jireenya jibbitutti dubbii isheetiin afaan isa gogsite.
16 Importunando-o o tempo todo, ela o esgotava dia após dia, ficando ele a ponto de morrer.
17 Kanaafuu inni waan hunda isheetti hime. Akkanas jedheen; “Sababii ani gaafuma dhaladhee jalqabee Naaziricha taʼee Waaqaaf addaan baafameef qarabaan takkumaa mataa koo tuqee hin beeku. Yoo mataan koo haadame garuu jabinni koo narraa badee anis akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa.”
17 Por isso ele lhe contou o segredo: "Jamais se passou navalha em minha cabeça", disse ele, "pois sou nazireu, desde o ventre materno. Se fosse rapado o cabelo da minha cabeça, a minha força se afastaria de mim, e eu ficaria tão fraco quanto qualquer outro homem".
18 Daliilaanis yommuu akka inni waan hunda isheetti hime hubattetti, “Inni waan hunda natti himeeraatii mee deebiʼaa kottaa” jettee bulchitoota Filisxeemotaatti ergaa ergite. Kanaafuu bulchitoonni Filisxeemotaa harka isaaniitti meetii qabatanii gara ishee dhufan.
18 Quando Dalila viu que Sansão lhe tinha contado todo o segredo, enviou esta mensagem aos líderes dos filisteus: "Subam mais esta vez; pois ele me contou todo o segredo". Os líderes dos filisteus voltaram a ela levando a prata.
19 Akka inni gudeeda ishee irra ciisu gootee nama tokko waamtee guduruu mataa isaa torban irraa haadchisiifte. Isheenis akka malee isa rakkisuu jalqabde. Jabinni isaas isa irraa bade.
19 Fazendo-o dormir no seu colo, ela chamou um homem para cortar as sete tranças do cabelo dele, e assim começou a subjugá-lo. E a sua força o deixou.
20 Isheenis, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen.
20 Então ela chamou: "Sansão, os filisteus o estão atacando! " Ele acordou do sono e pensou: "Sairei como antes e me livrarei". Mas não sabia que o Senhor o tinha deixado.
21 Ergasii Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara Gaazaatti isa geessan. Foncaa naasiitiin isa hidhaniis mana hidhaa keessatti daaktuu midhaanii isa godhan.
21 Os filisteus o prenderam, furaram os seus olhos e o levaram para Gaza. Prenderam-no com algemas de bronze, e o puseram a girar um moinho na prisão.
22 Rifeensi mataa isaa garuu erga haadamee booddee deebiʼee guddachuu jalqabe.
22 Mas, logo o cabelo da sua cabeça começou a crescer de novo.
23 Bulchitoonni Filisxeemotaa, “Waaqni keenya, Saamsoon diina keenya sana dabarsee harka keenyatti nuu kenneera” jedhanii gammaduudhaan Daagon Waaqa isaaniitiif aarsaa guddaa dhiʼeessuuf walitti qabamanii turan.
23 Então os líderes dos filisteus se reuniram para oferecer um grande sacrifício a seu deus Dagom e para festejar, comemorando: "O nosso deus entregou o nosso inimigo Sansão em nossas mãos".
24 Namoonnis yeroo isa arganitti Waaqa isaanii galateeffachaa,
24 Quando o povo o viu, louvou o seu deus: "O nosso deus nos entregou o nosso inimigo, o devastador da nossa terra, aquele que multiplicava os nossos mortos".
25 Isaanis utuma garaan isaanii gammadaa jiruu, “Akka inni nu bashannansiisuuf mee Saamsoonin waamaa” jedhan. Kanaafuu Saamsoonin mana hidhaatii waamanii fidan; innis isaan bashannansiise.
25 Com o coração cheio de alegria, gritaram: "Tragam-nos Sansão para nos divertir! " E mandaram trazer Sansão da prisão, e ele os divertia. Quando o puseram entre as colunas,
26 Saamsoon tajaajilaa harka isaa qabee ture sanaan, “Akka ani itti irkadhuuf gara utubaawwan mana sagadaa kana qabanii dhaabaniitti na dhiʼeessi” jedhe.
26 Sansão disse ao jovem que o guiava pela mão: "Ponha-me onde eu possa apalpar as colunas que sustentam o templo, para que eu me apóie nelas".
27 Manni sagadaa sun dhiiraa dubartiin guutamee ture; bulchitoonni Filisxeemotaa hundinuus achi turan; Saamsoonii tapha argisiisu ilaaluuf jedhanii namoonni kuma sadii bantii manichaa irra turan.
27 Homens e mulheres lotavam o templo; todos os líderes dos filisteus estavam presentes, e no alto, na galeria, havia cerca de três mil homens e mulheres vendo Sansão, que os divertia.
28 Saamsoonis akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, na yaadadhu. Yaa Waaqi, akka ani ija koo lamaaniif Filisxeemota haaloo baafadhuuf yeroo tokko jabina naa kenni.”
28 E Sansão orou ao Senhor: "Ó Soberano Senhor, lembra-te de mim! Ó Deus, eu te suplico, dá-me forças, mais uma vez, e faze com que eu me vingue dos filisteus por causa dos meus dois olhos! "
29 Saamsoonis ergasii utubaawwan gurguddaa lamaan kanneen walakkaa mana sagadaa sanaa dhaabatanii mana sana baatanitti hiixatee tokko harka isaa mirgaatiin, kaan immoo harka isaa bitaatiin qabatee,
29 Então Sansão forçou as duas colunas centrais sobre as quais o templo se firmava. Apoiando-se nelas, tendo a mão direita numa coluna e a esquerda na outra,
30 “Ani Filisxeemota wajjin duʼa!” jedhee humna qabu hundaan dhiibe; manichi sagadaas bulchitootaa fi namoota achi keessa turan hunda irratti jige. Kanaafuu namoonni inni yeroo duʼa isaatti ajjeese kanneen inni yeroo jireenya isaatti ajjeese caalaa baayʼee turan.
30 disse: "Que eu morra com os filisteus! " Então, ele as empurrou com toda a força, e o templo desabou sobre os líderes e sobre todo o povo que ali estava. Assim, na sua morte, Sansão matou mais homens do que em toda a sua vida.
31 Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundinuu reeffa isaa fuudhuu gad buʼan. Isaanis isa fidanii Zoraa fi Eshitaaʼol gidduutti iddoo awwaala abbaa isaa kan Maanoʼaa keessatti isa awwaalan. Inni waggaa digdama Israaʼelin bulche.
31 Foram então os seus irmãos e toda a família do seu pai para buscá-lo. Trouxeram-no e o sepultaram entre Zorá e Estaol, no túmulo de Manoá, seu pai. Sansão liderou Israel durante vinte anos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 16, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.