Juízes 12
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC
1 Namoonni Efreem walitti qabamanii Daafoon ceʼuudhaan Yiftaan, “Ati yeroo Amoonota loluuf baatetti maaliif akka nu si faana deemnuuf nu hin waamne? Nu mana kee sirratti gubna” jedhaniin.
1 Os efraimitas, tendo-se sublevado, passaram a Safon e disseram a Jefté: Por que saíste a combater os amonitas, sem nos chamar para irmos contigo? Por isso vamos queimar a tua casa.
2 Yiftaanis akkana jedhee deebiseef; “Anii fi namoonni koo Amoonota loluuf waraana guddaa keessa gallee turre; yommuu ani isin waametti isin harka isaaniitii na hin baafne.
2 Jefté respondeu: Eu e meu povo tivemos graves contendas com os amonitas; chamei-vos e vós não me livrastes de suas mãos.
3 Ani yeroo akka isin na hin baafne argetti lubbuu kootti muree Amoonota waraanuuf nan ceʼe; Waaqayyos isaan irratti moʼannaa naa kenne. Yoos isin harʼa maaliif na loluuf dhuftan ree?”
3 Vendo que não podia contar convosco, arrisquei a minha vida marchando {sozinho} contra os amonitas, e o Senhor entregou-os nas minhas mãos. Por que, pois, viestes contender comigo?
4 Yiftaanis ergasii namoota Giliʼaad walitti waammatee Efreemitti lola kaase. Sababii namoonni Efreem warra Giliʼaadiin, “Isin Giliʼaadonni warra Efreemii fi Minaasee gantanii dha” jedhaniif Giliʼaadonni isaan dhaʼan.
4 Jefté reuniu todos os homens de Galaad e combateu contra Efraim. Os habitantes de Galaad derrotaram os de Efraim, que lhes haviam dito: Vós sois fugitivos de Efraim que habitais entre Efraim e Manassés!
5 Giliʼaadonni malkaawwan Yordaanos kanneen gara Efraataatti geessan qabatan; yeroo baqataan Efraataa tokko, “Ani gamattin ceʼa” jedhutti, namoonni Giliʼaad, “Ati nama Efreem mitii?” jedhanii isa gaafatu. Yoo inni, “Waawuu” jedhee deebise,
5 Galaad ocupou os vaus do Jordão, e cada vez que um fugitivo de Efraim queria passar, perguntavam-lhe: És tu efraimita? Ele respondia: Não.
6 isaan, “Gaarii dha; ati, ‘Shiiboleeti’ jedhi” jedhaniin. Yoo inni, “Siiboleeti” jedhe, sababii inni qajeelatti “Shiiboleeti” jechuu hin dandeenyeef qabanii malkaawwan Yordaanos irratti isa ajjeesu. Yeroo sanatti namoota Efreem kuma afurtamii lamatu ajjeefame.
6 Pois bem, diziam eles então, dize: Chibólet. E ele dizia: Sibólet, não podendo pronunciar corretamente. Prendiam-no logo e o degolavam junto aos vaus do Jordão. Naquele dia pereceram quarenta e dois mil homens de Efraim.
7 Yiftaan waggaa jaʼa Israaʼelin bulche. Ergasii Yiftaan namni Giliʼaad sun duʼee magaalaa Giliʼaad keessaa tokkotti awwaalame.
7 Jefté, o galaadita, foi juiz em Israel durante seis anos; depois morreu, e foi sepultado em uma das cidades de Galaad.
8 Isaan duubas Ibzaan namichi Beetlihem sun Israaʼelin bulche.
8 Depois de Jefté, foi juiz de Israel Ibsã, de Belém,
9 Innis ilmaan soddomaa fi intallan soddoma qaba ture; intallan isaas warra gosa isaa hin taʼinitti heerumsiise; ilmaan isaatiifis akka isaan niitota taʼaniif gosa biraa keessaa durboota soddoma fide. Ibxaan waggaa torba Israaʼel bulche.
9 o qual teve trinta filhos; casou suas trinta filhas fora de sua família, e mandou vir de fora trinta jovens para os seus filhos. Julgou Israel durante sete anos.
10 Ibzaanis duʼee Beetlihem keessatti awwaalame.
10 Morreu e foi enterrado em Belém.
11 Isa booddee Eeloon namichi gosa Zebuuloon sun waggaa kudhan Israaʼelin bulche.
11 Depois dele, Elon, de Zabulon, foi juiz em Israel, e sua judicatura durou dez anos.
12 Eeloonis duʼee biyya Zebuuloon keessatti Ayaaloonitti awwaalame.
12 Morreu, e foi enterrado em Ajalon, na terra de Zabulon.
13 Isatti aanee immoo Abdoon ilmi Hileel namichi Phiraatoon sun Israaʼelin bulche.
13 Em seguida teve Israel por juiz Abdon, filho de Ilel, de Faraton.
14 Innis ilmaan afurtamaa fi ilmaan ilmaanii soddoma kanneen harroota torbaatama yaabbatan qaba ture. Inni waggaa saddeeti Israaʼelin bulche.
14 Teve quarenta filhos e trinta netos, que montavam em setenta jumentinhos. Julgou Israel durante oito anos.
15 Ergasiis Abdoon ilmi Hileel duʼee biyya gaaraa Amaaleqootaatti Efreem keessatti Phiraatoonitti awwaalame.
15 Depois disso, Abdon, filho de Ilel, de Faraton, morreu e foi sepultado em Faraton, na terra de Efraim, na montanha dos amalecitas.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 12, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.