Juízes 11
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Yiftaan namichi gosa Giliʼaad sun goota ture. Abbaan isaa Giliʼaad jedhama; haati isaa immoo sagaagaltuu turte.
1 Jefté, o gileadita, era um guerreiro valente. Sua mãe era uma prostituta; seu pai foi Gileade.
2 Niitiin Giliʼaadis Giliʼaadiif ilmaan deesse; isaanis yommuu guddatanitti Yiftaadhaan, “Ati waan dubartii biraa irraa dhalatteef dhaala tokko illee maatii keenya irraa hin argattu” jedhanii isa ariʼan.
2 A mulher de Gileade também lhe deu filhos, que quando já estavam grandes, expulsaram Jefté, dizendo: "Você não vai receber nenhuma herança de nossa família, pois é filho de outra mulher".
3 Kanaafuu Yiftaan obboloota isaa duraa baqatee biyya Xoob jedhamu keessa jiraate; gareen kashlabbootaa naannoo isaatti walitti qabamanii isa duukaa buʼan.
3 Então Jefté fugiu dos seus irmãos e se estabeleceu em Tobe. Ali um bando de vadios uniu-se a ele e o seguia.
4 Yeroo xinnoo booddee, yommuu Amoononni saba Israaʼelitti waraana kaasanitti,
4 Algum tempo depois, quando os amonitas entraram em guerra contra Israel,
5 maanguddoonni Giliʼaad Yiftaa barbaacha gara Xoob deeman.
5 os líderes de Gileade foram buscar Jefté em Tobe.
6 Isaanis, “Akka nu Amoonota waraanuu dandeenyuuf kottuu ajajaa nuu taʼi” jedhaniin.
6 "Venha", disseram. "Seja nosso comandante, para que possamos combater os amonitas. "
7 Yiftaanis, “Isin na jibbitanii mana abbaa kootii na hin ariinee? Amma yommuu rakkattan maaliif na bira dhuftu?” isaaniin jedhe.
7 Disse-lhes Jefté: "Vocês não me odiavam e não me expulsaram da casa de meu pai? Por que me procuram agora, quando estão em dificuldades? "
8 Maanguddoonni Giliʼaadis, “Nu sababii kanaaf gara kee dhufneerra; Amoonota waraanuudhaaf nu faana kottu; nu warra Giliʼaad keessa jiraannu hunda irrattis hoogganaa ni taataa” jedhaniin.
8 "Apesar disso, agora estamos apelando para você", responderam os líderes de Gileade. "Venha combater conosco os amonitas, e você será o chefe de todos os que vivem em Gileade. "
9 Yiftaanis, “Yoo isin akka ani Amoonota waraanuuf biyya kootti na deebiftanii Waaqayyos dabarsee harka kootti isaan kenne, dhugumaan ani hoogganaa keessan nan taʼaa?” jedheen.
9 Jefté respondeu: "Se vocês me levarem de volta para combater os amonitas e o Senhor os entregar a mim, serei o chefe de vocês? "
10 Maanguddoonni Giliʼaadis deebisanii, “Waaqayyo dhuga baʼaa keenya; dhugumaan nu akkuma ati jette goona” jedhaniin.
10 Os líderes de Gileade responderam: "O Senhor é nossa testemunha; faremos conforme você diz".
11 Kanaafuu Yiftaan maanguddoota Giliʼaad wajjin qajeele; sabni Giliʼaadis hoogganaa fi abbaa duulaa isa godhate. Innis iddoo Miisphaa jedhamutti waan duraan dubbate hundumaa irra deebiʼee fuula Waaqayyoo duratti dubbate.
11 Assim Jefté foi com os líderes de Gileade, e o povo o fez chefe e comandante sobre todos. E ele repetiu perante o Senhor, em Mispá, todas as palavras que tinha dito.
12 Yiftaan gara mootii Amoonotaatti ergamoota ergee, “Ati kan biyya keenya waraantuuf rakkina maalii nurraa qabda?” jedheen.
12 Jefté enviou mensageiros ao rei amonita com a seguinte pergunta: "Que é que tens contra nós, para ter atacado a nossa terra? "
13 Mootiin Amoonotaas ergamoota Yiftaatiin, “Sababii Israaʼeloonni yeroo Gibxii baʼanitti biyya koo kan Arnoonii fi Yaaboq gidduu jiruu fi biyya koo kan hamma Yordaanositti jiru fudhataniif ani waan kana godheera; kanaafuu amma karaa nagaan naa deebisaa” jedhe.
13 O rei dos amonitas respondeu aos mensageiros de Jefté: "Quando Israel veio do Egito tomou as minhas terras, desde o Arnom até o Jaboque e até o Jordão. Agora, devolvam-me essas terras pacificamente".
14 Yiftaanis gara mootii Amoonotaatti deebisee ergamoota isaa erge;
14 Jefté mandou de novo mensageiros ao rei amonita,
15 akkanas jedhe:
15 dizendo: "Assim diz Jefté: Israel não tomou a terra de Moabe, e tampouco a terra dos amonitas.
16 Garuu yeroo Gibxii baʼanitti Israaʼeloonni gammoojjii keessa gara Galaana Diimaa, achii immoo gara Qaadesh dhufan.
16 Quando veio do Egito, Israel foi pelo deserto até o mar Vermelho e daí para Cades.
17 Israaʼelis gara mootii Edoomitti, ‘Akka ani biyya kee keessaan darbu naa eeyyami’ jedhee ergamoota erge; mootiin Edoom garuu hin dhageenye. Gara mootii Moʼaabittis akkasuma ergan; inni illee ni dide. Kanaafuu Israaʼel Qaadesh keessa ture.
17 Então Israel enviou mensageiros ao rei de Edom, dizendo: ‘Deixa-nos atravessar a tua terra’, mas o rei de Edom não quis ouvi-lo. Enviou o mesmo pedido ao rei de Moabe, e ele também não consentiu. Assim Israel permaneceu em Cades.
18 “Itti aansees gammoojjii keessa darbee biyya Edoomii fi biyya Moʼaab irra naannaʼee karaa baʼa biyya Moʼaabiin darbee gama kaaniin Arnoon cina qubate. Garuu sababii Arnoon daarii Moʼaab turteef isaan biyya Moʼaab hin seenne ture.
18 "Em seguida os israelitas viajaram pelo deserto e contornaram Edom e Moabe; passaram a leste de Moabe e acamparam do outro lado do Arnom. Não entraram no território de Moabe, pois o Arnom era a sua fronteira.
19 “Ergasiis Israaʼel Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanatti ergamoota ergee, ‘Akka nu biyya kee keessa gara biyya keenyaatti dabarru nuu eeyyami’ jedheen.
19 "Depois Israel enviou mensageiros a Seom, rei dos amorreus, em Hesbom, e lhe pediu: ‘Deixa-nos atravessar a tua terra para irmos ao lugar que nos pertence! ’
20 Sihoon garuu akka inni karaa biyya isaatiin darbu Israaʼelin hin amanne. Kanaafuu inni namoota isaa walitti qabatee Yaahizaa keessa qubatee Israaʼelin lole.
20 Seom, porém, não acreditou que Israel fosse apenas atravessar o seu território; assim convocou todos os seus homens, acampou em Jaza e lutou contra Israel.
21 “Waaqayyo Waaqni Israaʼelis Sihoonii fi namoota isaa hunda dabarsee harka Israaʼelitti kenne; Israaʼeloonnis jara moʼatan; kanaafuu Israaʼeloonni biyya Amoorota achi jiraatan hundaa fudhatan;
21 "Então o Senhor, o Deus de Israel, entregou Seom e todos os seus homens nas mãos de Israel, e este os derrotou. Israel tomou posse de todas as terras dos amorreus que viviam naquela região,
22 qabeenya biyya Amoor kan Arnoonii hamma Yaaboqitti akkasumas kan gammoojjii hamma Yordaanositti jiru hunda fudhatan.
22 conquistando-a por inteiro, desde o Arnom até o Jaboque, e desde o deserto até o Jordão.
23 “Yoos erga Waaqayyo Waaqni Israaʼel fuula saba Israaʼel duraa Amoorota ariʼee baasee ati fudhachuudhaaf mirga maalii qabdaa?
23 "Agora que o Senhor, o Deus de Israel, expulsou os amorreus da presença do seu povo Israel, queres tu tomá-la?
24 Ati waan Kemoosh Waaqni kee siif kennu hin fudhattuu? Nus akkasuma waan Waaqayyo Waaqni keenya nuu kenne kam iyyuu ni fudhanna.
24 Acaso não tomas posse daquilo que o teu deus Camos te dá? Da mesma forma tomaremos posse do que o Senhor nosso Deus nos deu.
25 Ati Baalaaq mootii Moʼaab ilma Ziphoori sana ni caaltaa? Inni takkumaa Israaʼel waraaneeraa? Yookaan loleeraa?
25 És tu melhor do que Balaque, filho de Zipor, rei de Moabe? Entrou ele alguma vez em conflito com Israel ou lutou com ele?
26 Israaʼeloonni waggaa dhibba sadii Heshboon, Aroʼeer, qubatawwan naannoo sanaatii fi magaalaawwan naannoo Arnoon qabatanii turaniiru. Ati yeroo sanatti maaliif deebiftee hin fudhatin?
26 Durante trezentos anos Israel ocupou Hesbom, Aroer, os povoados ao redor e todas as cidades às margens do Arnom. Por que não os reconquistaste todo esse tempo?
27 Ani yakka sitti hin hojjenne; ati garuu waraana natti kaasuudhaan na miiteerta. Kanas Waaqayyo, abbaan murtii ammuma kana kaʼee Israaʼelootaa fi Amoonota gidduutti murtii haa kennu.”
27 Nada fiz contra ti, mas tu estás cometendo um erro, lutando contra mim. Que o Senhor, o Juiz, julgue hoje a disputa entre os israelitas e os amonitas".
28 Mootiin Amoonotaa garuu ergaa Yiftaan isatti ergeef gurra hin kennine.
28 Entretanto, o rei de Amom não deu atenção à mensagem de Jefté.
29 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo Yiftaa irra buʼe. Innis Giliʼaadii fi Minaasee keessa darbee Miisphaa ishee Giliʼaad keessa jirtu sana keessa qaxxaamuree Amoonotatti duule.
29 Então o Espírito do Senhor se apossou de Jefté. Este atravessou Gileade e Manassés, passou por Mispá de Gileade, e daí avançou contra os amonitas.
30 Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; “Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite,
30 E Jefté fez este voto ao Senhor: "Se entregares os amonitas nas minhas mãos,
31 yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa.”
31 aquele que vier saindo da porta da minha casa ao meu encontro, quando eu retornar da vitória sobre os amonitas, será do Senhor, e eu o oferecerei em holocausto".
32 Ergasiis Yiftaan Amoonota waraanuuf baʼe; Waaqayyos isaan dabarsee harka isaatti kenne.
32 Então Jefté foi combater os amonitas, e o Senhor os entregou nas suas mãos.
33 Innis Aroʼeerii jalqabee magaalaawwan digdama hamma naannoo Miiniititti akkasumas hamma Abeel Keraamiimitti argaman guutumaan guutuutti barbadeesse. Amoononnis akkasiin Israaʼelootaaf bulan.
33 Ele conquistou vinte cidades, desde Aroer até as vizinhanças de Minite, chegando a Abel-Queramim. Assim os amonitas foram subjugados pelos Israelitas.
34 Yeroo Yiftaan gara Miisphaatti mana isaatti deebiʼetti, intalli isaa dibbee rukutaa sirbaa isa simachuuf baate! Isheen intala tokkittii inni qabu turte. Inni ishee malee ilmas taʼu intala biraa hin qabu ture.
34 Quando Jefté chegou à sua casa em Mispá, sua filha saiu ao seu encontro, dançando ao som de tamborins. E ela era filha única. Ele não tinha outro filho ou filha.
35 Innis yommuu ishee argetti wayyaa isaa tarsaasee, “Wayyoo! Yaa mucattii koo! Na balleessite; dhiphina keessa na galchite; ani wareega cabsuu hin dandeenye Waaqayyoof wareegeeraatii” jedhee booʼe.
35 Quando a viu, rasgou suas vestes e gritou: "Ah, minha filha! Estou angustiado e desesperado por tua causa, pois fiz ao Senhor um voto que não posso quebrar".
36 Isheenis akkana jette; “Yaa abbaa ko, ati Waaqayyoof kakatteerta; sababii Waaqayyo diinota kee Amoonota haaloo siif baʼeef, ati waan waadaa galte sana anaan guutadhu.
36 "Meu pai", respondeu ela, "sua palavra foi dada ao Senhor. Faça comigo o que prometeu, agora que o Senhor o vingou dos seus inimigos, os amonitas. "
37 Garuu waan tokko naa eeyyami; sababii ani siʼachi hin heerumneef akka ani michoota koo wajjin gaarran irra naannaʼee durbummaa kootiif booʼuuf jiʼa lama naa kenni.”
37 E prosseguiu: "Mas conceda-me dois meses para vagar pelas colinas e chorar com as minhas amigas, porque jamais me casarei".
38 Innis, “Dhaquu dandeessa” jedheen. Akka isheen jiʼa lamaaf deemtus eeyyameef. Isheenis waan siʼachi heerumuu hin dandeenyeef dubarran michoota ishee wajjin gaarranitti ol baatee boosse.
38 "Vá! ", disse ele. E deixou que ela fosse por dois meses. Ela e suas amigas foram para as colinas e choraram porque ela jamais se casaria.
39 Jiʼa lamaa booddees gara abbaa isheetti deebite; innis akkuma wareege sana godhe. Isheen durba turte.
39 Passados os dois meses, ela voltou a seu pai, e ele fez com ela o que tinha prometido no voto. Assim, ela nunca deixou de ser virgem. Daí vem o costume em Israel
40 durboonni Israaʼel wagguma waggaan baʼanii guyyaa afur intala Yiftaa namicha Giliʼaad sanaa gaddaan yaadatu.
40 de saírem as moças durante quatro dias, todos os anos, para celebrar a memória da filha de Jefté, o gileadita.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Juízes 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.