Josué 8
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. Loltoota hunda fudhadhuutii ol baʼii magaalaa Aayi loli. Ani kunoo mootii Aayi, nama isaa, magaalaa isaatii fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneeraatii.
1 O Senhor Deus disse a Josué: — Não tenha medo! Seja corajoso! Marche com todos os seus soldados contra a cidade de Ai. Eu farei com que derrotem o rei de lá. O povo de Ai, a sua cidade e as suas terras serão de vocês.
2 Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote sana, Aayii fi mootii ishee illee goota; yeroo kana garuu boojuu fi horii ishee ofii keessanii fudhachuu dandeessu. Nama riphee magaalattii eegu karaa duubaatiin kaaʼi.”
2 Vocês vão fazer com essa cidade o que fizeram com Jericó, mas desta vez todos os objetos e o gado vão ficar para vocês. Preparem-se para atacar a cidade de surpresa e por trás.
3 Iyyaasuu fi loltoonni hundinuus kaʼanii Aayin loluuf baʼan. Innis loltoota isaa warra jajjaboo keessaa nama kuma soddoma filatee halkaniin erge;
3 Então Josué e todos os soldados se prepararam para marchar contra Ai. Ele escolheu trinta mil homens corajosos e os enviou de noite
4 akkanas jedhee isaan ajaje: “Mee qalbiidhaan na dhagaʼaa. Isin boroo magaalaatti riphxu. Guddiftanii irraa hin fagaatinaa. Hundi keessan qophaaʼaa.
4 com estas ordens: — Escondam-se do outro lado da cidade. Não fiquem muito longe e estejam prontos para atacar.
5 Anii fi warri na wajjin jiran hundi magaalaa sanatti dhiʼaanna; yommuu namoonni akkuma duraa sana fuula duraan nutti dhufan nu isaan duraa baqanna.
5 Eu e os meus soldados vamos avançar na direção da cidade. Quando os soldados de Ai saírem contra nós, vamos fugir como na primeira vez.
6 Isaanis sababii, ‘Jarri kun akkuma duraa sana nu baqachaa jiru’ nuun jedhaniif, hamma nu magaalaa sana irraa isaan fageessinutti nu duukaa buʼu. Kanaafuu yommuu nu isaan baqannutti,
6 Eles vão sair atrás de nós, afastando-se da cidade. Vão pensar que estamos fugindo deles como na primeira vez.
7 isin immoo iddoo itti riphxanii kaatanii magaalaa sana qabattu. Waaqayyo Waaqni keessanis magaalaa sana harka keessanitti dabarsee ni kenna.
7 Então vocês sairão dos esconderijos e tomarão a cidade. O Senhor , nosso Deus, entregará Ai a vocês.
8 Isin yommuu magaalaa sana qabattanitti ibidda itti qabsiisaa. Waan kanas akkuma Waaqayyo ajajetti hojjedhaa. Kunoo ani isin ajajeera.”
8 Depois que tomarem a cidade, ponham fogo nela, como o Senhor mandou. São essas as minhas ordens.
9 Ergasii Iyyaasuun isaan erge; isaanis gara iddoo itti riphan kan gama baʼa Aayitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduu jiru sanaa dhaqan; Iyyaasuun garuu halkan sana uummata wajjin bule.
9 Assim Josué enviou os soldados, e eles foram se esconder a oeste de Ai, entre Ai e Betel. Mas Josué passou a noite no acampamento.
10 Guyyaa itti aanu ganama barii Iyyaasuun namoota ofii isaa walitti qabatee innii fi maanguddoonni Israaʼel namoota dura Aayitti ol qajeelan.
10 Levantou-se de madrugada e reuniu os soldados. Ele e os líderes de Israel marcharam na frente do povo na direção de Ai.
11 Loltoonni isa wajjin turan hundinuu ol baʼanii fuula duraan magaalattiitti dhiʼaatanii karaa kaaba Aayitiin qubatan. Sululli tokkos isaanii fi magaalattii gidduutti argama ture.
11 Os soldados que iam com Josué marcharam na direção do portão principal da cidade e acamparam no lado norte. Havia um vale entre eles e Ai.
12 Iyyaasuun nama gara kuma shan fudhatee gama lixa magaalattiitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduutti riphsiise.
12 Josué reuniu uns cinco mil homens e os pôs em esconderijos a oeste, entre Ai e Betel.
13 Isaanis namoota, jechuunis loltoota gama kaaba magaalattiitiin turan hundaa fi warra dugda duubaan gama lixaatiin riphanii turan iddoo iddoo isaanii qabsiisan. Iyyaasuun garuu gara sululaatti gad buʼee halkan sana achi bule.
13 Os soldados estavam colocados assim para a batalha: o acampamento principal, ao norte da cidade; e os outros, a oeste. E Josué passou a noite no vale.
14 Mootiin Aayi yommuu waan kana argetti, innii fi namoonni magaalaa sanaa hundinuu iddoo Arabbaan olii tokkotti Israaʼelootaan wal waraanuuf ganama bariin ariifatanii baʼan. Inni garuu akka waraanni riphee dugda magaalaa sanaa duubaan isa eeggatu hin beekne.
14 O rei de Ai agiu depressa quando viu os israelitas. Ele e todos os seus soldados saíram de madrugada e foram lutar contra os israelitas no mesmo lugar de antes, em frente do vale do Jordão. Ele não sabia que ia ser atacado por trás.
15 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi waan ariʼaman of fakkeessanii dugda duubatti deebiʼanii fuula isaanii dura gara gammoojjiitti baqatan.
15 Josué e os seus soldados fingiram que estavam sendo derrotados e fugiram para o deserto.
16 Namoonni Aayi hundinuus akka Israaʼeloota ariʼaniif walitti waamaman; isaanis Iyyaasuu faana buʼanii akkasiin magaalattii irraa fageeffaman.
16 Todos os homens de Ai tinham sido convocados para ir atrás dos israelitas; e, enquanto perseguiam Josué, iam se afastando cada vez mais da cidade.
17 Namni Israaʼeloota faana buʼee ariʼuuf hin baʼin tokko iyyuu Aayi yookaan Beetʼeel keessatti hin hafne. Magaalattiis eegumsa malee hambisanii Israaʼeloota ariʼuuf baʼan.
17 Todos os homens de Ai saíram atrás dos israelitas, e a cidade ficou aberta, sem ninguém para defendê-la.
18 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Sababii ani magaalattii harka keetti dabarsee kennuuf, eeboo harkaa qabdu gara Aayitti deebifadhu” jedhe. Kanaafuu Iyyaasuun eeboo isaa gara Aayitti deebifate.
18 Então o Senhor disse a Josué: — Aponte a sua lança na direção de Ai, pois vou dar esta cidade a você. E Josué obedeceu.
19 Akkuma inni waan kana godheen warri riphanii eeggachaa turan sun dafanii iddoo isaaniitii kaʼanii fuul duratti fiigan. Isaanis magaalattii seenanii qabatan; dafaniis ibidda itti qabsiisan.
19 Quando ele levantou a mão, os homens que estavam escondidos se levantaram depressa, correram, tomaram a cidade e em seguida puseram fogo nela.
20 Namoonni Aayi yommuu garagalanii of duuba ilaalanitti aara magaalattii kan samiitti ol kaʼu argan; garuu sababii Israaʼeloonni duraan gara gammoojjiitti baqatan sun amma warra isaan ariʼaa jiranitti garagalaniif, jarri eessumattuu baqachuuf carraa tokko illee hin arganne.
20 Quando os homens de Ai olharam para trás, viram a fumaça, que subia para o céu. Porém não puderam fugir para lado nenhum porque os israelitas que haviam corrido para o deserto deram meia-volta e os atacaram.
21 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu yommuu akka warri riphee eeggachaa ture sun magaalattii qabatee fi akka aarri magaalattii irraa kaʼu arganitti of irra garagalanii namoota Aayi dhaʼan.
21 Josué e os seus soldados viram que os outros tinham tomado a cidade e posto fogo nela. Então deram meia-volta e começaram a matar os homens de Ai.
22 Namoonni riphanii turanis magaalaadhaa baʼanii isaanitti dhufan; kanaafuu Israaʼeloonni gamanaa gamasiin isaan marsanii jarri Israaʼeloota gidduutti qabaman. Israaʼeloonnis akka namni tokko iyyuu hin hafneef yookaan baqatee hin miliqneef isaan fixan.
22 Os israelitas que estavam na cidade também saíram para atacar os homens de Ai. Esses homens foram completamente cercados e mortos pelos israelitas;
23 Mootii Aayi garuu lubbuudhumaan qabanii Iyyaasuutti fidan.
23 só ficou vivo o rei de Ai, que foi preso e levado a Josué.
24 Israaʼeloonni yommuu dhiirota Aayi hunda dirree fi gammoojjii jarri itti Israaʼeloota ariʼan sanatti qalanii isaan fixanitti, Israaʼeloonni hundinuu gara Aayitti dachaʼanii warra achitti hafes goraadeedhaan barbadeessan.
24 Os israelitas mataram todos os inimigos em campo aberto, no deserto onde haviam sido perseguidos. Depois voltaram para Ai e mataram os que estavam lá.
25 Namoonni Aayi kanneen gaafasi dhuman dhiiraa dubartiin kuma kudha lama turan.
25 Nesse dia foram mortos todos os moradores de Ai — doze mil pessoas.
26 Iyyaasuun hamma namoota Aayi keessa jiraatan hunda fixutti harka isaa kan diriirfatee ittiin eeboo qabate sana hin dachaafanne tureetii.
26 Josué continuou a apontar a lança na direção de Ai e não a abaixou até que todas as pessoas da cidade foram mortas.
27 Israaʼel garuu akkuma Waaqayyo Iyyaasuu ajajetti horii fi boojuu magaalattii qofa fudhate.
27 Os israelitas ficaram com as coisas que pegaram na cidade, como o Senhor havia ordenado que Josué fizesse.
28 Akkasitti Iyyaasuun Aayin gubee tuulaa daaraa godhe hambise; hamma harʼaattis isheen akkuma barbadooftetti jirti.
28 Josué incendiou Ai, que virou um montão de ruínas para sempre, como se pode ver até hoje .
29 Innis mootii Aayi muka irratti fannisee hamma biiftuun lixxutti achumatti isa dhiise. Iyyaasuun yommuu aduun dhiitetti akka isaan reeffa isaa muka irraa gad buusanii karra magaalattii duratti darbatan isaan ajaje. Isaanis tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaattis jiru reeffa sana irratti tuulan.
29 Ele enforcou o rei de Ai numa árvore e o deixou ali até de tarde. Ao pôr do sol mandou que tirassem o corpo e o jogassem no portão de entrada da cidade. E o cobriram com um montão de pedras, que está naquele lugar até hoje.
30 Ergasii Iyyaasuun Tulluu Eebaal irratti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa ijaare.
30 Nessa ocasião Josué construiu no monte Ebal um altar ao Senhor , o Deus de Israel.
31 Iddoo aarsaa kanas akkuma Museen garbichi Waaqayyoo Israaʼeloota ajaje sanatti hojjete. Innis akkuma Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffametti dhagaa hin soofamin kan sibiilli hin tuqiniin hojjete; isa irrattis aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas Waaqayyoof qalan.
31 Ele seguiu as ordens que Moisés, servo do Senhor , tinha dado aos israelitas, como está escrito na Lei de Moisés: “Faça um altar de pedras brutas, que não foram cortadas com ferramentas.” Sobre esse altar apresentaram ao Senhor ofertas que foram completamente queimadas e ofertas de paz.
32 Iyyaasuunis achumatti fuula Israaʼelootaa duratti, seera Museen barreessee ture sana dhagaa irratti garagalche.
32 Ali, na frente do povo, Josué copiou em pedras a lei que Moisés tinha escrito.
33 Israaʼeloonni hundinuu, alagaa fi dhalataan biyyaa, maanguddoota isaanii wajjin, ajajjoota loltootaatii fi abbootii seeraa wajjin, Lewwota luboota taʼan kanneen taabota kakuu Waaqayyoo baatan sanatti fuula deebifatanii bitaa mirgaan dhadhaabatan. Akkuma Museen garbichi Waaqayyoo akka isaan saba Israaʼel eebbisaniif jalqabatti isaan ajaje sanatti walakkaan isaanii Tulluu Gerziim dura dhadhaabatanii walakkaan isaanii immoo Tulluu Eebaal dura dhadhaabatan.
33 E todos os israelitas, com os seus líderes, autoridades e juízes e também todos os estrangeiros que viviam no meio deles ficaram de um lado e de outro da arca da aliança . E outros ficaram de frente para os sacerdotes levitas que carregavam a arca. Metade do povo ficou em frente do monte Gerizim, e a outra metade, em frente do monte Ebal. Moisés, servo do Senhor , tinha dado ordem para o povo se colocar nessa posição na hora de receber a bênção.
34 Ergasiis Iyyaasuun akkuma Kitaaba Seeraa keessatti barreeffametti dubbii seeraa hunda kan eebbaatii fi kan abaarsaa ni dubbise.
34 Então Josué leu em voz alta toda a lei, com as bênçãos e as maldições, como estão escritas no Livro da Lei .
35 Dubbii Museen isa ajaje hunda keessaa wanni Iyyaasuun waldaa Israaʼel hundaaf akkasumas dubartootaaf, daaʼimmanii fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif utuu hin dubbisin bira darbe tokko iyyuu hin turre.
35 Cada um dos mandamentos de Moisés foi lido por Josué para toda a multidão de israelitas e para as mulheres, crianças e estrangeiros que viviam entre eles. Nenhuma palavra deixou de ser lida.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.