Josué 7
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Israaʼeloonni garuu waan Waaqayyoof addaan baafame irratti amanamummaa dhaban; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa waan Waaqayyoof addaan baafame sana keessaa waan tokko tokko fudhate. Kanaafis dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe.
1 Mas os filhos de Israel foram infiéis em relação às coisas condenadas, porque Acã, filho de Carmi, filho de Zabdi, filho de Zera, da tribo de Judá, pegou para si uma parte das coisas condenadas. A ira do Senhor se acendeu contra os filhos de Israel.
2 Kana irratti Iyyaasuun Yerikoodhaa gara Aayi kan Beet Aawwen bira gama baʼa Beetʼeelitti argamtu sanaatti nama ergee, “Dhaqaatii naannoo sana basaasaa” jedhe. Kanaafuu namoonni ol baʼanii Aayin basaasan.
2 Josué enviou alguns homens de Jericó até a cidade de Ai, que está junto a Bete-Áven, a leste de Betel, e lhes falou, dizendo: — Vão e espiem a terra. Os homens foram e espiaram a cidade.
3 Isaanis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namni hundinuu Aayitti ol baʼuu hin qabu. Sababii namni muraasni qofti achi jiruuf akka isaan dhaqanii biyyattii fudhataniif nama kuma lama yookaan kuma sadii taʼu ergi malee namoota hundumaa hin dadhabsiisin” jedhaniin.
3 E voltaram a Josué e lhe disseram: — Não é necessário que vá todo o povo; bastam uns dois ou três mil homens, para atacar a cidade de Ai. Não fatigue ali todo o povo, porque são poucos os inimigos.
4 Kanaafuu namoonni gara kuma sadii taʼan kaʼanii ol baʼan; isaan garuu namoota Aayi duraa baqatan;
4 Assim, apenas uns três mil homens do povo foram até lá, os quais fugiram diante dos homens da cidade de Ai.
5 namoonni Aayis gara nama soddomii jaʼa isaan jalaa fixan. Isaanis karra magaalattiitii jalqabanii hamma Shabaariimiitti Israaʼeloota ariʼanii ededa irratti isaan fixan; kanaanis onneen namootaa baqxee akka bishaanii taate.
5 Os homens dali mataram uns trinta e seis deles, e perseguiram os outros desde o portão da cidade até as pedreiras, e os derrotaram na descida. E o coração do povo se derreteu e se tornou como água.
6 Iyyaasuunis uffata isaa tarsaasee fuula taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee hamma galgalaatti achuma ture. Maanguddoonni saba Israaʼelis akkasuma godhanii mataa ofii isaanii irratti awwaara firfirsan.
6 Então Josué rasgou a sua roupa e se prostrou com o rosto em terra diante da arca do Senhor até a tarde, ele e os anciãos de Israel; e puseram pó sobre a cabeça.
7 Iyyaasuunis akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati maaliif akka isaan nu fixaniif harka Amoorotaatti nu kennuuf jettee saba kana Yordaanosiin ceesifte? Silaa utuu Yordaanos gamatti hafnee nuuf wayya ture!
7 E Josué disse: — Ah!
8 Yaa Gooftaa, erga sabni Israaʼel diinota isaa baqatee ani amma maal jechuu dandaʼa?
8 Ah! Senhor, que direi? Pois Israel virou as costas diante dos seus inimigos!
9 Kanaʼaanonnii fi saboonni biyya kanaa kan biraa waan kana dhagaʼanii nu marsanii maqaa keenya lafa irraa ni balleessu. Yoos ati maqaa kee guddaa sanaaf maal goota?”
9 Quando os cananeus e todos os moradores da terra ouvirem isto, nos cercarão e apagarão o nosso nome da face da terra; e, então, que farás ao teu grande nome?
10 Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Ol kaʼi! Ati maaliif addaan gombifamte?
10 Então o Senhor disse a Josué: — Levante-se! Por que você está assim prostrado sobre o seu rosto?
11 Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru.
11 Israel pecou. Quebraram a minha aliança, aquilo que eu lhes havia ordenado, pois tomaram das coisas condenadas, furtaram, mentiram e até debaixo da sua bagagem o puseram.
12 Wanni Israaʼeloonni diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenyeefis kanuma; isaan sababii badiisaaf ramadamaniif dugda duubatti garagalanii diinota isaanii baqatan. Ani hamma ati waan badiisaaf ajajame kam iyyuu gidduu keessanii balleessitutti siʼachi isin wajjin hin jiraadhu.
12 Por isso os filhos de Israel não puderam resistir aos seus inimigos; viraram as costas diante deles, porque Israel está condenado à destruição. Não continuarei com vocês, se não eliminarem do meio de vocês a coisa roubada.
13 “Kaʼiitii saba qulqulleessi. Akkanas isaaniin jedhi; ‘Boriif ofi qulqulleessaa; wanni Waaqayyo Waaqni Israaʼel jedhu isa kanaatii; yaa Israaʼel, wanni hirmii taʼe tokko gidduu keessan jira. Isin hamma waan sana of keessaa baaftanitti diinota keessan of irraa ittisuu hin dandeessan.
13 — Levante-se, santifique o povo e diga: “Santifiquem-se para amanhã, porque assim diz o Senhor , Deus de Israel: ‘Há coisas condenadas no meio de vocês, ó Israel. Vocês não poderão resistir aos seus inimigos enquanto não eliminarem do meio de vocês as coisas condenadas.
14 “ ‘Kanaafuu ganama gosa gosaan ofi dhiʼeessaa. Gosti Waaqayyo filatu balbala balbalaan gara fuula duraatti haa baʼu; balballi Waaqayyo filatus maatii maatiidhaan gara fuula duraatti haa baʼu; maatiin Waaqayyo filatus nama tokko tokkoon gara fuula duraatti haa baʼu.
14 Pela manhã, pois, vocês se apresentarão, segundo as suas tribos; e a tribo que o Senhor designar por sorteio se apresentará, segundo as famílias; e a família que o Senhor designar se apresentará por casas; e a casa que o Senhor designar se apresentará homem por homem.
15 Namni waan balleeffamuu qabu wajjin qabame, waan qabu hundumaa wajjin ibiddaan haa gubamu. Inni kakuu Waaqayyoo cabseera; waan Israaʼel keessatti qaanii taʼes hojjeteera!’ ”
15 Aquele que for achado com a coisa condenada será queimado, ele e tudo o que tiver, porque quebrou a aliança do Senhor e cometeu um ato infame em Israel.’”
16 Kanaafuu Iyyaasuun ganama bariin kaʼee saba Israaʼel gosa gosaan gara fuula duraatti baase; gosti Yihuudaas ni filatame.
16 Então Josué se levantou de madrugada e fez com que Israel se apresentasse, segundo as suas tribos; e a sorte caiu sobre a tribo de Judá.
17 Balballi Yihuudaa gara fuula duraatti baʼe; Iyyaasuunis balbala Zaaraa addaan baase. Balballi Zaaraas maatii maatiin gara fuula duraatti baʼe; Zabdiinis ni filatame.
17 Ele fez com que se apresentasse a tribo de Judá, e a família indicada foi a dos zeraítas. Fez com que se apresentasse a família dos zeraítas, homem por homem, e a família indicada foi a de Zabdi.
18 Iyyaasuunis maatii isaa nama tokko tokkoon gara fuula duratti baase; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa ni filatame.
18 E, fazendo com que se apresentasse a família de Zabdi, homem por homem, o indicado foi Acã, filho de Carmi, filho de Zabdi, filho de Zera, da tribo de Judá.
19 Kana irratti Iyyaasuun Aakaaniin akkana jedhe; “Yaa ilma ko, Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu; mee waan hojjette natti himi; na hin dhoksin.”
19 Então Josué disse a Acã: — Meu filho, dê glória ao
20 Aakaanis akkana jedhee deebise; “Wanni kun dhugaa dha! Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti cubbuu hojjedheera. Wanni ani hojjedhes kunoo kana:
20 Acã respondeu a Josué: — É verdade, eu pequei contra o
21 Ani waan Baabilonii boojiʼame keessaa waaroo bareedaa tokko, meetii saqilii dhibba lamaa fi warqee saqilii shantama ulfaatu arginaan kajeelee fudhadheera. Miʼi kunis dunkaana koo keessatti meetii jala lafa keessatti dhokfameera.”
21 Quando vi entre o despojo uma boa capa babilônica, uns dois quilos e meio de prata e uma barra de ouro pesando mais de meio quilo, cobicei essas coisas e as peguei para mim; e eis que estão escondidas na terra, no meio da minha tenda, e a prata, por baixo.
22 Kanaafuu Iyyaasuun ergamoota erge; isaanis gara dunkaana sanaatti fiigan; miʼi sunis dunkaanicha keessatti, meetii jala dhokfamee ture.
22 Então Josué enviou mensageiros que foram correndo à tenda de Acã; e eis que tudo estava escondido nela, e a prata estava por baixo.
23 Isaan miʼa sana dunkaanicha keessaa guuranii gara Iyyaasuutii fi Israaʼeloota hundaatti fidanii fuula Waaqayyoo duratti diriirsan.
23 Tiraram aquelas coisas do meio da tenda, e as trouxeram a Josué e a todos os filhos de Israel, e as colocaram diante do Senhor .
24 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Aakaan ilma Zaaraa, meetii, waaroo, muraa warqee, ilmaan isaatii fi intallan isaa, loon isaa, harroota isaa, hoolota isaa, dunkaana isaatii fi waan inni qabu hunda guuranii Sulula Aakooritti geessan.
24 Então Josué e todo o Israel com ele pegaram Acã, filho de Zera, e a prata, a capa, a barra de ouro, os filhos e as filhas dele, os seus bois, os seus jumentos, as suas ovelhas, a sua tenda e tudo o que ele tinha e os levaram para o vale de Acor.
25 Iyyaasuunis, “Ati maaliif rakkina kana hunda nutti fidde? Waaqayyo harʼa rakkina sitti fida” jedheen.
25 Josué disse a Acã: — Por que você trouxe esta calamidade sobre nós? O E todo o Israel o apedrejou. E, depois de apedrejá-los, ainda os queimou.
26 Aakaan irratti tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaatti illee jiru tokko tuulan. Waaqayyos dheekkamsa isaa guddaa sana irraa deebiʼe. Kanaafis iddoon sun hamma harʼaatti Sulula Aakoor jedhamee waamama.
26 E levantaram sobre ele um montão de pedras, que permanece até o dia de hoje. Assim, o
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.