Josué 4

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Waaqayyos erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
1 Quando toda a nação terminou de atravessar o Jordão, o Senhor disse a Josué:
2 “Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii
2 "Escolha doze homens dentre o povo, um de cada tribo,
3 akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi.”
3 e mande que apanhem doze pedras do meio do Jordão, do lugar onde os sacerdotes ficaram parados. Levem-nas com vocês para o local onde forem passar a noite".
4 Kanaafis Iyyaasuun, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee
4 Josué convocou os doze homens que escolhera dentre os israelitas, um de cada tribo,
5 akkana jedheen; “Taabota Waaqayyo Waaqa keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu.
5 e lhes disse: "Passem adiante da arca do Senhor, o seu Deus, até o meio do Jordão. Ponha cada um de vocês uma pedra nos ombros, conforme o número das tribos dos israelitas.
6 Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti,
6 Elas servirão de sinal para vocês. No futuro, quando os seus filhos lhes perguntarem: ‘Que significam essas pedras? ’,
7 akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu.”
7 respondam que as águas do Jordão foram interrompidas diante da arca da aliança do Senhor. Quando a arca atravessou o Jordão, as águas foram interrompidas. Essas pedras serão um memorial perpétuo para o povo de Israel".
8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma Waaqayyo Iyyaasuutti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan.
8 Os israelitas fizeram como Josué lhes havia ordenado. Apanharam doze pedras do meio do Jordão, conforme o número das tribos de Israel, como o Senhor tinha ordenado a Josué; e as levaram ao acampamento, onde as deixaram.
9 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru.
9 Josué ergueu também doze pedras no meio do Jordão, no local onde os sacerdotes que carregavam a arca da aliança tinham ficado. E elas estão lá até hoje.
10 Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni Waaqayyo akka inni namootatti himuuf Iyyaasuu ajaje hundi akkuma Museen Iyyaasuu ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan;
10 Os sacerdotes que carregavam a arca permaneceram de pé no meio do Jordão até que o povo fez tudo o que o Senhor ordenara a Josué, por meio de Moisés. E o povo atravessou apressadamente.
11 akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni Waaqayyootii fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan.
11 Quando todos tinham acabado de atravessar, a arca do Senhor e os sacerdotes passaram para o outro lado, diante do povo.
12 Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan.
12 Os homens das tribos de Rúben, de Gade e da metade da tribo de Manassés atravessaram preparados para lutar, à frente dos israelitas, como Moisés os tinha orientado.
13 Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula Waaqayyoo dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe.
13 Cerca de quarenta mil homens preparados para a guerra passaram perante o Senhor, rumo à planície de Jericó.
14 Waaqayyos guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Iyyaasuu nama guddaa godhe; isaanis akkuma Museef ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Iyyaasuufis ulfina kennan.
14 Naquele dia o Senhor exaltou Josué à vista de todo o Israel; e eles o respeitaram enquanto viveu, como tinham respeitado Moisés.
15 Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
15 Então o Senhor disse a Josué:
16 “Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji.”
16 "Ordene aos sacerdotes que carregam a arca da aliança que saiam do Jordão".
17 Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa ol baʼaa” jedhee luboota ajaje.
17 E Josué lhes ordenou que saíssem.
18 Luboonnis taabota kakuu Waaqayyoo baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.
18 Quando os sacerdotes que carregavam a arca da aliança do Senhor saíram do Jordão, mal tinham posto os pés em terra seca, as águas do Jordão voltaram ao seu lugar, e cobriram como antes as suas margens.
19 Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan.
19 No décimo dia do primeiro mês o povo subiu do Jordão e acampou em Gilgal, na fronteira leste de Jericó.
20 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe.
20 E em Gilgal Josué ergueu as doze pedras tiradas do Jordão.
21 Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; “Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan,
21 Disse ele aos israelitas: "No futuro, quando os filhos perguntarem aos seus pais: ‘Que significam essas pedras? ’,
22 ‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa.
22 expliquem a eles: Aqui Israel atravessou o Jordão em terra seca.
23 Waaqayyo Waaqni keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse.
23 Pois o Senhor, o seu Deus, secou o Jordão perante vocês até que o tivessem atravessado. O Senhor, o seu Deus, fez com o Jordão como fizera com o mar Vermelho, quando o secou diante de nós até que o tivéssemos atravessado.
24 Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki Waaqayyoo jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda Waaqayyo Waaqa keessan sodaattaniif waan kana hojjete.”
24 Ele assim fez para que todos os povos da terra saibam que a mão do Senhor é poderosa e para que vocês sempre temam o Senhor, o seu Deus".

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 4, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.