Josué 24

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Iyyaasuunis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Waaqaa duratti dhiʼaatan.
1 Depois Josué reuniu em Siquém todas as tribos de Israel. Chamou os conselheiros, os líderes, os juízes e os oficiais de Israel, e eles se apresentaram diante de Deus.
2 Iyyaasuun saba hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Abrahaamii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqota biraa waaqeffatan.
2 Então Josué disse a todo o povo: — O
3 Ani garuu abbaa keessan Abrahaam biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne;
3 Porém eu tirei Abraão da terra que está do outro lado do Eufrates e fiz com que ele andasse por toda a terra de Canaã. Eu lhe dei muitos descendentes: a Abraão eu dei Isaque
4 Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaqoobii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan.
4 e a Isaque dei Jacó e Esaú. A Esaú eu dei, para ser sua propriedade, a região montanhosa de Seir; porém Jacó e os seus filhos desceram até o Egito.
5 “ ‘Anis Musee fi Aroon ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase.
5 Depois enviei Moisés e Arão e fiz uma grande destruição no Egito. Nessa ocasião tirei vocês de lá.
6 Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan.
6 Fiz com que os seus antepassados saíssem do Egito, e eles chegaram até o mar Vermelho. Mas os egípcios os perseguiram até o mar, com carros de guerra e cavaleiros.
7 Isaan gargaarsa barbaaduuf Waaqayyotti iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan.
7 Então os israelitas me pediram socorro, e eu fiz com que uma escuridão os escondesse dos egípcios. E mandei que o mar caísse em cima dos egípcios e os cobrisse. Vocês viram o que eu fiz com o Egito. Depois vocês viveram no deserto por muito tempo.
8 “ ‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan.
8 — “Então eu os levei para a terra dos amorreus que moravam a leste do rio Jordão. Os amorreus os atacaram, mas eu dei a vitória a vocês. Vocês tomaram posse da terra deles, e eu os destruí diante de vocês.
9 Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate.
9 Aí o rei de Moabe, Balaque, filho de Zipor, fez guerra contra Israel. Balaque mandou buscar Balaão, filho de Beor, e pediu que ele amaldiçoasse vocês.
10 Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase.
10 Mas eu não quis ouvir Balaão, e assim ele os abençoou, e eu os salvei das mãos de Balaque.
11 “ ‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne.
11 Vocês atravessaram o rio Jordão e chegaram até a cidade de Jericó. Os homens de Jericó lutaram contra vocês, e depois também os amorreus, os perizeus, os cananeus, os heteus, os girgaseus, os heveus e os jebuseus. Eu fiz com que vocês vencessem a todos.
12 Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine.
12 Antes de vocês chegarem, expulsei os dois reis amorreus, fazendo com que eles fugissem apavorados. Não foi nem pelas espadas nem pelos arcos e flechas de vocês que eles foram expulsos.
13 Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’
13 Eu dei a vocês uma terra em que vocês nunca haviam trabalhado e cidades que não haviam construído. E vocês estão vivendo nessas cidades e comendo uvas e azeitonas de parreiras e oliveiras que não plantaram.”
14 “Egaa Waaqayyoon sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii Waaqayyoon tajaajilaa.
14 Josué terminou, dizendo: — Portanto, agora
15 Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna.”
15 Mas, se vocês não querem ser servos do Senhor , decidam hoje a quem vão servir. Resolvam se vão servir os deuses que os seus antepassados adoravam na terra da Mesopotâmia ou os deuses dos amorreus, na terra de quem vocês estão morando agora. Porém eu e a minha família serviremos a Deus, o Senhor .
16 Sabnis akkana jedhee deebiseef; “Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu!
16 O povo respondeu: — Nunca poderíamos pensar em abandonar o
17 Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.
17 Foi o Senhor , nosso Deus, quem tirou a nós e aos nossos pais da escravidão na terra do Egito. E vimos as grandes coisas que ele fez. Ele nos guardou pelos caminhos por onde andamos e no meio dos países por onde passamos.
18 Waaqayyo saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Waaqa keenya taʼeef nu Waaqayyoon tajaajilla.”
18 Conforme íamos avançando, o Senhor ia expulsando todos aqueles povos e até os amorreus que moravam nesta terra. Portanto, nós também serviremos o Senhor , pois ele é o nosso Deus.
19 Iyyaasuunis sabaan akkana jedhe; “Isin Waaqayyoon tajaajiluu hin dandeessan. Inni Waaqa qulqulluu dha. Inni Waaqa hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu.
19 Josué disse ao povo: — Vocês não podem servir o
20 Yoo isin Waaqayyoon dhiiftanii waaqota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa.”
20 Se abandonarem a Deus, o Senhor , e adorarem deuses estrangeiros, ele se voltará contra vocês e os castigará. Ele os destruirá, embora antes tenha sido bom para vocês.
21 Namoonni garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki! Nu Waaqayyoon tajaajilla” jedhan.
21 O povo respondeu: — Que isso não aconteça! O que nós queremos é servir a Deus, o
22 Iyyaasuunis deebisee, “Isin akka Waaqayyoon tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu” jedheen.
22 Então Josué disse: — Vocês mesmos são testemunhas de que escolheram servir o — Sim, somos testemunhas! — responderam eles.
23 Kana irratti Iyyaasuun, “Yoos amma waaqota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti kennaa” jedheen.
23 E Josué continuou: — Então joguem fora os deuses estrangeiros que estão com vocês e prometam que serão fiéis ao
24 Sabnis Iyyaasuudhaan, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis” jedhe.
24 O povo disse a Josué: — Serviremos o
25 Iyyaasuun guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase.
25 Assim naquele dia Josué fez um acordo para o povo e ali em Siquém lhes deu leis e regulamentos.
26 Innis waan kana Kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu Waaqayyoo biratti qilxuu tokko jala dhaabe.
26 Josué os escreveu no Livro da Lei de Deus. Em seguida pegou uma grande pedra e a colocou ali debaixo da árvore sagrada, no lugar onde adoravam a Deus, o Senhor .
27 Inni nama hundaan akkana jedhe; “Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii Waaqayyo nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Waaqa keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa.”
27 E disse a todo o povo: — Olhem para esta pedra! Ela será nossa testemunha. Ela ouviu todas as palavras que o
28 Kanaafuu Iyyaasuun tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge.
28 Então Josué mandou o povo embora, cada um para a sua propriedade.
29 Sana booddee Iyyaasuun ilmi Nuuni, garbichi Waaqayyoo sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
29 Depois disso, com a idade de cento e dez anos, morreu Josué, filho de Num e servo do Senhor .
30 Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
30 Ele foi sepultado na sua propriedade, em Timnate-Sera, na região montanhosa de Efraim, no lado norte do monte Gaás.
31 Sabni Israaʼel bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan Waaqayyo Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa Waaqayyoon tajaajileera.
31 O povo de Israel serviu a Deus, o Senhor , enquanto Josué viveu. E também depois da sua morte, enquanto viveram os líderes que sabiam de tudo o que Deus havia feito pelo povo de Israel.
32 Lafeen Yoosef kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaqoob meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti awwaalame. Lafti kunis dhaala sanyii Yoosef taʼe.
32 O corpo de José, que os israelitas tinham trazido do Egito, foi sepultado em Siquém, no pedaço de terra que Jacó havia comprado dos filhos de Hamor, pai de Siquém, por cem barras de prata . Os descendentes de José receberam essa terra como herança.
33 Eleʼaazaar ilmi Aroonis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti awwaalame.
33 Eleazar, filho de Arão, também morreu e foi sepultado em Gibeá, na região montanhosa de Efraim. Essa cidade tinha sido dada ao seu filho Fineias.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 24, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.