Josué 21
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Hangafoonni maatii Lewwotaa Eleʼaazaar lubichatti, Iyyaasuu ilma Nuunittii fi hangafoota maatiiwwan gosoota Israaʼel kaanitti dhiʼaatanii
1 Os chefes de família dos levitas se aproximaram do sacerdote Eleazar, de Josué, filho de Num, e dos chefes das outras famílias das tribos dos israelitas
2 Shiiloo Kanaʼaan keessatti argamtu sana keessatti, “Waaqayyo akka isin magaalaa nu keessa jiraannu lafa tikaa kan horii keenyaaf taʼu wajjin nuu kennitan karaa Museetiin ajajee ture” jedhaniin.
2 em Siló, na terra de Canaã, e lhes disseram: "O Senhor ordenou por meio de Moisés que vocês nos dessem cidades onde possamos habitar, e pastagens para os nossos animais".
3 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo ajajetti dhaala ofii isaanii keessaa magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa Lewwotaaf kennan.
3 Por isso, de acordo com a ordem do Senhor, os israelitas deram da sua própria herança as seguintes cidades com suas pastagens aos levitas:
4 Ixaan jalqabaa gosa Qohaatiif balbala balbalaan baʼe. Lewwota sanyii Aroon lubichaatiifis gosa Yihuudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Beniyaam keessaa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
4 A sorte saiu primeiro para os coatitas, clã por clã. Os levitas, que eram descendentes do sacerdote Arão, receberam treze cidades das tribos de Judá, de Simeão e de Benjamim.
5 Sanyii Qohaati warra hafaniif immoo balbala gosa Efreem, gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa magaalaawwan kudhan ixaadhaan argatan.
5 Os outros descendentes de Coate receberam dez cidades dos clãs das tribos de Efraim e de Dã, e da metade da tribo de Manassés.
6 Sanyiiwwan Geershooniif balbala gosa Yisaakor, gosa Aasheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee kan Baashaan keessaa sana irraa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
6 Os descendentes de Gérson receberam treze cidades dos clãs das tribos de Issacar, de Aser e de Naftali, e da metade da tribo de Manassés estabelecida em Basã.
7 Sanyiiwwan Meraariis balbala balbalaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gosa Zebuuloon keessaa magaalaawwan kudha lama ixaadhaan argatan.
7 Os descendentes de Merari, clã por clã, receberam doze cidades das tribos de Rúben, de Gade e de Zebulom.
8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa ixaadhaan Lewwotaaf kennan.
8 Dessa maneira os israelitas deram aos levitas essas cidades com suas pastagens, como o Senhor tinha ordenado por meio de Moisés.
9 Gosa Yihuudaa fi gosa Simiʼoon irraa magaalaawwan kanneen maqaa maqaadhaan qoodan;
9 Das tribos de Judá e de Simeão, os israelitas deram as seguintes cidades, indicadas nominalmente.
10 sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef magaalaawwan kunneen sanyiiwwan Aroon warra Lewwotaa keessaa balbala Qohaati taʼaniif kennaman:
10 Foram dadas aos descendentes de Arão que pertenciam aos clãs coatitas dos levitas, pois para eles saiu a primeira sorte:
11 Isaanis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon ishee biyya gaaraa Yihuudaa keessaa sana lafa tikaa naannoo ishee wajjin kennaniif. Arbaaq abbaa Anaaq ture.
11 Quiriate-Arba, que é Hebrom, com as suas pastagens ao redor, nos montes de Judá. ( Arba era antepassado de Enaque. )
12 Lafa qotiisaa fi gandoota naannoo magaalattii jiran garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif handhuuraa godhanii kennan.
12 Mas os campos e os povoados em torno da cidade foram dados a Calebe, filho de Jefoné, como sua propriedade.
13 Kanaafuu sanyiiwwan Aroon lubichaatiif Kebroon jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatuu fi Libnaa,
13 Assim, aos descendentes do sacerdote Arão deram Hebrom, cidade de refúgio para os acusados de homicídio, Libna,
14 Yatiir, Eshtimoʼaa,
14 Jatir, Estemoa,
15 Hooloon, Debiir,
15 Holom, Debir,
16 Aayin, Yutaanii fi Beet Shemeshi lafa tikaa wajjin kennameef; isaan kunneen magaalaawwan sagallan gosoota lamaan irraa qoodamaniifii dha.
16 Aim, Jutá e Bete-Semes, cada qual com os seus arredores. Foram nove cidades dadas por essas duas tribos.
17 Gosa Beniyaam irraas
17 Da tribo de Benjamim deram-lhes Gibeom, Geba,
18 Anaatootii fi Almoon lafa tikaa wajjin kennaniif; isaanis magaalaawwan afurii dha.
18 Anatote e Almom, cada qual com os seus arredores. Eram quatro cidades.
19 Magaalaawwan lafa tikaa wajjin sanyiiwwan Aroon kanneen luboota taʼaniif kennaman hundi kudha sadii turan.
19 Todas as cidades dadas aos sacerdotes, descendentes de Arão, foram treze; cada qual com os seus arredores.
20 Qohaatota balbala Lewwii warra hafaniif gosa Efreem irraa magaalaawwan kanneentu ixaadhaan argatan:
20 Os outros clãs coatitas dos levitas receberam cidades da tribo de Efraim.
21 Isaanis biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem jechuunis
21 Nos montes de Efraim receberam Siquém, cidade de refúgio para os acusados de homicídio, Gezer,
22 Qibxaayimii fi Beet Horoon, walumatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
22 Quibzaim e Bete-Horom, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades.
23 Akkasumas gosa Daan keessaa
23 Também da tribo de Dã receberam Elteque, Gibetom,
24 Ayaaloonii fi Gat Rimoon, walumaa galatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
24 Aijalom e Gate-Rimom, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades.
25 Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo
25 Da meia tribo de Manassés receberam Taanaque e Gate-Rimom, cada qual com os seus arredores. Eram duas cidades.
26 Magaalaawwan kurnan kunneen hundii fi lafti tikaa isaanii balbala gosa Qohaati warra hafaniif kennaman.
26 Todas essas dez cidades e seus arredores foram dadas aos outros clãs coatitas.
27 Geershoonota balbala Lewwiitiif immoo:
27 Os clãs levitas gersonitas receberam da metade da tribo de Manassés: Golã, em Basã, cidade de refúgio para os acusados de homicídio, e Beesterá, cada qual com os seus arredores. Foram duas cidades.
28 gosa Yisaakor keessaa
28 Receberam da tribo de Issacar: Quisiom, Daberate,
29 Yarmuutii fi Een Ganiim, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
29 Jarmute e En-Ganim, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades.
30 gosa Aasheer keessaa
30 Receberam da tribo de Aser: Misal, Abdom,
31 Helqaatii fi Rehoob, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
31 Helcate e Reobe, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades.
32 gosa Niftaalem keessaa
32 Receberam da tribo de Naftali: Quedes, na Galiléia, cidade de refúgio dos acusados de homicídio, Hamote-Dor e Cartã, cada qual com os seus arredores. Foram três cidades.
33 Gosoota Geershoonotaatiif immoo magaalaawwan kudha sadiitu lafa tikaa wajjin kenname.
33 Todas as cidades dos clãs gersonitas foram treze.
34 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif:
34 Os clãs meraritas, o restante dos levitas, receberam as seguintes cidades: Da tribo de Zebulom: Jocneão, Cartá,
35 Dimnaa fi Naahaalal, magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kenname;
35 Dimna e Naalal, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades.
36 gosa Ruubeen keessaa
36 Da tribo de Rúben: Bezer, Jaza,
37 Qidemootii fi Meefiʼaat, magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin kennameef;
37 Quedemote e Mefaate, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades.
38 gosa Gaad keessaa immoo,
38 Da tribo de Gade: em Gileade, Ramote, cidade de refúgio dos acusados de homicídio, Maanaim,
39 Heshboonii fi Yaʼizeer, walumaa galatti magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kennameef.
39 Hesbom e Jazar, cada qual com os seus arredores. Foram quatro cidades ao todo.
40 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif walumaa galatti magaalaawwan kudha lamatu ixaadhaan kenname.
40 Todas as cidades dadas aos clãs meraritas, que eram o restante dos levitas, foram doze.
41 Magaalaawwan Lewwotaa kanneen biyya Israaʼeloonni dhuunfatan keessatti argaman lafa tikaa wajjin walumaa galatti afurtamii saddeet turan.
41 No total, as cidades dos levitas nos territórios dos outros israelitas foram quarenta e oito cidades com os seus arredores.
42 Tokkoon tokkoon magaalaawwan kanneenii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; magaalaawwan hundinuu akkanuma.
42 Cada uma de todas essas cidades tinha pastagens ao seu redor.
43 Kanaafuu Waaqayyo biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakate hunda saba Israaʼeliif kenne; isaanis biyya sana qabatanii achi jiraatan.
43 Assim o Senhor deu aos israelitas toda a terra que tinha prometido sob juramento aos seus antepassados, e eles tomaram posse dela e se estabeleceram ali.
44 Waaqayyo akkuma abbootii isaaniitiif kakate sana karaa hundaan boqonnaa isaanii kenne. Diinni isaanii tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye; Waaqayyo diinota isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne.
44 O Senhor lhes concedeu descanso de todos os lados, como tinha jurado aos seus antepassados. Nenhum dos seus inimigos pode resisti-los, pois o Senhor entregou a todos eles em suas mãos.
45 Waadaa gaarii Waaqayyo mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.
45 De todas as boas promessas do Senhor à nação de Israel, nenhuma delas falhou; todas se cumpriram.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 21, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.