Josué 18

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Guutummaan waldaa Israaʼel Shiilootti walitti qabamee dunkaana wal gaʼii achitti dhaabate. Biyyattiin harka isaanii jala galte;
1 Toda a congregação dos filhos de Israel se reuniu em Siló, e ali armaram a tenda do encontro. E a terra estava sujeita diante deles.
2 taʼus amma illee gosoonni Israaʼel torba dhaala isaanii hin fudhanne ture.
2 Sete tribos dos filhos de Israel ainda não tinham recebido a sua herança.
3 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼelootaan akkana jedhe; “Isin utuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinii kenne kana hin fudhatin hamma yoomiitti turtu?
3 Então Josué disse aos filhos de Israel: — Até quando vocês terão preguiça de entrar e tomar posse da terra que o
4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama sadii sadii kennadhaa. Anis akka isaan biyya sana ilaalanii akkuma dhaala gosa hundaatti waaʼee ishee barreessaniif isaan nan erga. Isaanis ergasii gara kootti deebiʼu.
4 Escolham três homens de cada tribo, para que eu os envie, eles se disponham, percorram a terra, façam uma descrição por escrito segundo a herança das tribos e depois voltem para junto de mim.
5 Isin biyya sana iddoo torbatti qoodu qabdu. Yihuudaan biyya karaa Kibbaa keessatti hafee manni Yoosef immoo biyya karaa kaabaatti hafuu qaba.
5 Dividirão a terra em sete partes: Judá ficará no seu território, ao sul, e a casa de José ficará no seu território, ao norte.
6 Isin erga waaʼee biyya iddoo torbatti qoodamte sanaa barreessitanii booddee gabaasa natti fidaa; anis fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ixaa isinii buusa.
6 Descrevam a terra em sete partes e me tragam essa descrição, para que aqui diante do Senhor , nosso Deus, eu lhes faça o sorteio.
7 Gosti Lewwii garuu gidduu keessanitti qooda lafaa hin argatu; sababiin isaas tajaajilli lubummaa kan isaan Waaqayyoof kennan sun dhaala isaanii ti. Gosti Gaad, kan Ruubeenii fi walakkaan gosa Minaasee duraanuu karaa baʼa Yordaanosiin qooda isaanii argatanii jiru. Museen garbichi Waaqayyoo sun isaaniif kennee ture.”
7 Porque os levitas não têm parte entre vocês, pois a parte deles é o sacerdócio do Senhor . Gade, Rúben e a meia tribo de Manassés já haviam recebido a sua herança do outro lado do Jordão, na direção do leste, a qual lhes foi dada por Moisés, servo do Senhor .
8 Kanaafuu jarri karaa isaanii qabatanii qajeelan; Iyyaasuunis warra haala biyyattii barreessuu dhaqaniin akkana jedhe; “Dhaqaatii biyya sana sakattaʼaatii waaʼee ishee galmeessaa. Ergasii immoo gara koo kottaa; anis asuma Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti ixaa isiniif nan buusa.”
8 Então aqueles homens se levantaram e se foram. E Josué deu a seguinte ordem aos que iam fazer a descrição da terra: — Vão, percorram a terra, façam uma descrição dela e voltem para mim. Aqui em Siló, diante do
9 Kanaafuu namoonni sun kaʼanii biyya sana keessa dedeemanii waaʼee haala ishees magaalaa magaalaadhaan iddoo torbatti qoodanii kitaaba maramaa irratti barreessanii qubata Shiilootti gara Iyyaasuutti deebiʼan.
9 Assim os homens foram, percorreram a terra, fizeram dela uma descrição num livro, cidade por cidade, em sete partes, e voltaram a Josué, ao arraial em Siló.
10 Iyyaasuun ergasii Shiiloo keessatti fuula Waaqayyoo duratti ixaa buuseef; akkuma qooda gosa isaaniittis Israaʼelootaaf biyyattii hire.
10 Então Josué lhes lançou as sortes em Siló, diante do Senhor . E ali Josué repartiu a terra, segundo as suas divisões, aos filhos de Israel.
11 Ixaan jalqabaa akkuma balbala balbala isaaniitti gosa Beniyaamiif baʼe. Biyyi isaan ixaadhaan argatanis gosa Yihuudaatii fi gosa Yoosef gidduutti argama.
11 Saiu a sorte da tribo dos filhos de Benjamim, segundo as suas famílias; e o território sorteado ficava entre os filhos de Judá e os filhos de José.
12 Karaa kaabaatiin daariin isaanii Yordaanosii kaʼee kaaba tabba Yerikoo irra darbuudhaan karaa lixaatiin biyya gaaraatti gad buʼee gammoojjii Beet Aawweniitiin baʼa.
12 O seu limite foi para o lado norte desde o Jordão; subia ao lado de Jericó, para o norte, e subia pela região montanhosa, para o oeste, para terminar no deserto de Bete-Áven.
13 Achii kaʼee kibba tabba Luuzitti jechuunis Beetʼeelitti darbee gara Axaaroti Adaar kan gaara kibba Beet Horoon isa gadii sanaatti gad buʼa.
13 E dali o limite passava a Luz, ao lado de Luz, que é Betel, para o sul; descia a Atarote-Adar, ao pé do monte que está do lado sul de Bete-Horom-de-Baixo.
14 Daariin sunis karaa kibbaatiin gaara Beet Horoonitti garagalee jiru sanaa kaʼee karaa lixaatiin gara kibbaatti goree magaalaa ilmaan Yihuudaa kan Kiriyaati Baʼaal jechuunis Kiriyaati Yeʼaariim gaʼa. Kunis daangaa lixaa ti.
14 O limite seguia e voltava ao lado oeste, para o sul do monte que está diante de Bete-Horom, para o sul, e terminava em Quiriate-Baal, que é Quiriate-Jearim, cidade dos filhos de Judá; este era o lado oeste.
15 Daangaan kibbaa karaa lixaatiin qarqara Kiriyaati Yeʼaariimiitii jalqaba; daangaan isaa immoo gara bishaan Neftooʼaatti gad buʼa.
15 O lado do sul começava na extremidade leste de Quiriate-Jearim e seguia até a fonte das águas de Neftoa;
16 Daangaan sunis karaa kaaba Sulula Refaayimiitiin gara gaara Sulula Ben Hinoomitti garagalutti gad buʼa. Innis tabba kibba magaalaa Yebuusotaa biraan gara Sulula Hinoomitti itti fufee gara Een Roogeelitti gad buʼa.
16 o limite descia até a extremidade do monte que está diante do vale de Ben-Hinom, ao norte do vale dos Refains, e descia pelo vale de Hinom do lado dos jebuseus, para o sul; e baixava a En-Rogel;
17 Ergasii gara kaabaatti goree Een Shemeshi dhaqa; achii kaʼees gara Geliiloot kan Malkaa Adumiimitti gara galtee jirtu sanaa itti fufee hamma Dhagaa Boohan ilma Ruubeen sanaatti gad buʼa.
17 volvia-se para o norte, chegava a En-Semes, de onde passava para Gelilote, que está diante da subida de Adumim, e descia à pedra de Boã, filho de Rúben;
18 Ammas gara tabba kaaba Arabbaatti itti fufee gara Arabbaatti gad buʼa.
18 passava pela vertente norte, diante da planície, e descia à planície.
19 Ergasii tabba kaaba Beet Hoglaatti qajeelee karaa kaaba galoo Galaana Soogiddaa kan karaa kibbaatiin afaan Yordaanositti argamtuutiin baʼa. Kun daarii karaa kibbaa ti.
19 Depois, o limite passava até o lado de Bete-Hogla, para o norte, para terminar na baía do mar Salgado, na desembocadura do Jordão, ao sul; este era o limite do sul.
20 Lagni Yordaanosis karaa baʼaatiin daarii taʼa.
20 Do lado leste, o Jordão era o seu limite. Esta era a herança dos filhos de Benjamim nos seus limites ao redor, segundo as suas famílias.
21 Magaalaawwan gosti Beniyaam akkuma maatii maatii isaaniitti argatan kanneenii dha:
21 As cidades da tribo dos filhos de Benjamim, segundo as suas famílias, eram Jericó, Bete-Hogla, Emeque-Quesis,
22 Beet Arabbaa, Zemaaraayim, Beetʼeel,
22 Bete-Arabá, Zemaraim, Betel,
23 Aawiim, Faaraa, Ofraa,
23 Avim, Pará, Ofra,
24 Kefar Aamoonaay, Ofnii fi Gebaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha lama turan.
24 Quefar-Amonai, Ofni e Gaba. Ao todo, doze cidades com as suas aldeias.
25 Gibeʼoon, Raamaa, Biʼeerooti,
25 Gibeão, Ramá, Beerote,
26 Miisphaa, Kefiiraa, Moozaa,
26 Mispa, Cefira, Mosa,
27 Reqem, Yirphiʼeel, Taraalaa,
27 Requém, Irpeel, Tarala,
28 Zeelaa, Haaʼelef, magaalaa Yebuusotaa jechuunis Yerusaalem,
28 Zela, Elefe, Jebus, que é Jerusalém, Gibeá e Quiriate. Ao todo, catorze cidades com as suas aldeias. Esta era a herança dos filhos de Benjamim, segundo as suas famílias.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.