Josué 10

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Adoonii-Zedeq Mootiin Yerusaalem akka Iyyaasuun Aayin qabatee guutumaan guutuutti barbadeesse, akka inni akkuma Yerikoo fi mootii ishee godhe sana Aayii fi Mootii ishee godhe, akkasumas akka namoonni Gibeʼoon Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa godhatanii isaan bira jiraatan dhagaʼe.
1 Sabendo Adonisedec, rei de Jerusalém, que Josué se tinha apoderado de Hai e a havia votado ao interdito, que fizera a Hai e ao seu rei como tinha feito a Jericó e a seu rei, e que os gabaonitas tinham feito paz com Israel e habitavam com ele,
2 Sababii magaalaan Gibeʼoon akkuma magaalaa moototaa tokkootti magaalaa hangafa taateef innii fi namoonni isaa akka malee rifatan; magaalaan Gibeʼoon magaalaa Aayi caalaa guddoo turte; namoonni ishees loltoota jajjaboo turan.
2 teve grande medo. Gabaon era, com efeito, uma grande cidade, uma cidade real, maior que Hai, e toda a sua população muito guerreira.
3 Kanaafuu Adoonii-Zedeq mootichi Yerusaalem sun Hoohaam mooticha Kebroonitti, Phiraam mooticha Yarmuutitti, Yaafiiyaa mooticha Laakkiishii fi Debiir mooticha Egloonitti ergee,
3 Adonisedec, rei de Jerusalém, mandou dizer a Oão, rei de Hebron, a Farão, rei de Jerimot, a Jafia, rei de Laquis, e a Dabir, rei de Eglon:
4 “Sababii isheen Iyyaasuu fi Israaʼel wajjin walii galtee nagaa godhatteef ol kottaatii Gibeʼoonin waraanuu na gargaaraa” jedheen.
4 Vinde comigo e ajudai-me a ferir Gabaon, porque fez paz com Josué e os israelitas.
5 Kanaafuu mootonni Amoorotaa shananuu jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakkiishii fi mootiin Egloon humna waraanaa walitti dabalatan. Isaanis loltoota isaanii hunda fudhatanii ol baʼanii Gibeʼoonin marsanii waraanan.
5 Unidos assim os cinco reis dos amorreus, o rei de Jerusalém, o rei de Hebron, o rei de Jerimot, o rei de Laquis e o rei de Eglon, saíram com todos os seus exércitos e acamparam diante de Gabaon, sitiando-a.
6 Namoonni Gibeʼoonis qubata Gilgaal gara Iyyaasuutti ergaa erganii akkana jedhaniin; “Ati garboota kee hin dhiisin. Dafii nu qaqqabiitii nu oolchi; sababii mootonni Amoorotaa kanneen biyya gaaraa keessa jiraatan hundi nu waraanuuf loltoota walitti dabalataniif nu gargaari.”
6 Os habitantes de Gabaon enviaram então a seguinte mensagem a Josué, que estava acampado em Gálgala: Não abandones os teus servos; vem ao nosso encontro sem demora, traze-nos socorro e livra-nos, porque todos os reis dos amorreus da montanha se coligaram contra nós.
7 Kanaafuu Iyyaasuun loltoota isaa hunda wajjin, namoota waraanaa jajjabeeyyii hundas dabalatee Gilgaalii ol baʼe.
7 Josué subiu de Gálgala com todos os seus guerreiros e todos os seus valentes.
8 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan” jedhe.
8 O Senhor disse-lhe: Não os temas, porque os entreguei em tuas mãos; nenhum deles te poderá resistir.
9 Kanaafuu Iyyaasuun Gilgaalii baʼee halkan guutuu deemaa bulee tasuma isaanitti dhufe.
9 Josué, tendo passado toda a noite a subir de Gálgala, caiu de repente sobre eles.
10 Waaqayyos fuula Israaʼelootaa duratti isaan burjaajesse; Israaʼeloonnis Gibeʼoonitti moʼannaa guddaadhaan isaan moʼatan. Karaa Beet Horoonitti geessu irra isaan ariʼaa hamma Azeeqaa fi Maqeedaatti isaan gogorraʼan.
10 O Senhor semeou no meio deles o terror diante de Israel, e este infligiu-lhes uma terrível derrota diante de Gabaon, e perseguiu-os pelo caminho que sobe a Betoron, batendo-os até Azeca e Maceda.
11 Utuma isaan Israaʼeloota duraa karaa Beet Horooniin gara Azeeqaatti gad baqachaa jiranuu Waaqayyo samiidhaa cabbii gurguddaa itti roobse; warra goraadee Israaʼelootaatiin dhuman caalaa kanneen cabbii kanaan dhumanitu baayʼata.
11 Enquanto fugiam diante de Israel, na descida de Betoron, o Senhor mandou sobre eles do céu uma tempestade de granizo até Azeca; e foram mais numerosos os que morreram sob essa chuva de pedras do que os que pereceram pela espada dos israelitas.
12 Gaafa Waaqayyo Amoorota dabarsee Israaʼelootatti kenne sana Iyyaasuun fuula Israaʼelootaa duratti Waaqayyoon akkana jedhe:
12 Josué falou ao Senhor no dia em que ele entregou os amorreus nas mãos dos filhos de Israel, e disse em presença dos israelitas: Sol, detém-te sobre Gabaon, e tu, ó lua, sobre o vale de Ajalon.
13 Kanaafuu hamma sabni diinota isaa haaloo baafatutti
13 E o sol parou, e a lua não se moveu até que o povo se vingou de seus inimigos. Isto acha-se escrito no Livro do Justo. O sol parou no meio do céu, e não se apressou a pôr-se pelo espaço de quase um dia inteiro.
14 Guyyaan Waaqayyo nama dhagaʼe kan akkasii gaafasiin dura yookaan ergasii takkumaa taʼee hin beeku. Waaqayyo dhugumaan Israaʼeliif lolaa ture!
14 Não houve, nem antes nem depois, um dia como aquele, em que o Senhor tenha obedecido à voz de um homem, porque o Senhor combatia por Israel.
15 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin qubata Gilgaal jiru sanatti deebiʼe.
15 Depois disso, Josué com toda a sua tropa voltou para o acampamento de Gálgala.
16 Mootonni shanan sun baqatanii holqa Maqeedaa keessatti dhokatanii turan.
16 Ora, os cinco reis tinham fugido, e tinham se escondido numa caverna, em Maceda.
17 Akka mootonni shanan holqa Maqeedaa keessatti dhokatan Iyyaasuutti himame;
17 E noticiaram-no a Josué: Foram encontrados os cinco reis escondidos numa caverna, em Maceda.
18 innis akkana jedhe; “Dhagaa guddaa isaa afaan holqa sanaatti gangalchaatii akka isaan eeganiif namoota achitti ramadaa.
18 Josué respondeu: Rolai grandes pedras para a entrada da caverna, e ponde homens junto a ela em guarda.
19 Isin diinota keessan ariʼaatii karaa dugda duubaatiin rukutaa malee hin dhaabatinaa! Sababii Waaqayyo Waaqni keessan dabarsee harka keessanitti isaan kenneef akka isaan magaalaawwan isaanii seenan hin godhinaa.”
19 Vós, porém, não vos detenhais, mas persegui vossos inimigos; não os deixeis entrar em suas cidades, porque o Senhor, vosso Deus, os entregou em vossas mãos.
20 Kanaafuu Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hamma namni muraasni hafutti guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Warri hafan immoo magaalaawwan isaanii kanneen jajjabeeffamanii ijaaramanitti galan.
20 Tendo Josué e os israelitas acabado de massacrá-los, até o extermínio - apenas uns poucos puderam escapar e recolher-se às suas cidades fortes -,
21 Loltoonni hundi nagumaan gara qubata Maqeedaa gara Iyyaasuutti deebiʼan; namni tokko iyyuu afaan isaa Israaʼelootatti hin bananne.
21 todo o povo voltou tranqüilamente ao acampamento, junto de Josué, em Maceda, e ninguém se atreveu a abrir a boca contra os filhos de Israel.
22 Iyyaasuunis, “Mee afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan sana gad naa baasaa” jedhe.
22 Josué disse então: Abri a entrada da caverna, e trazei-me os cinco reis que lá estão. Assim o fizeram.
23 Isaanis mootota shanan sana jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakkiishii fi mootii Egloon holqa keessaa baasanii fidan.
23 Foram tirados da caverna os cinco reis, o rei de Jerusalém, o rei de Hebron, o rei de Jerimot, o rei de Laquis e o rei de Eglon.
24 Yommuu isaan mootota kana shanan Iyyaasuutti fidan, inni namoota Israaʼel hunda walitti waamee ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin dhufaniin, “Kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanneenii irra ejjadhaa” jedhe. Isaanis gara fuula duraatti baʼanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra ejjetan.
24 Quando foram conduzidos a Josué, ele chamou todos os homens de Israel e disse aos chefes dos guerreiros que o tinham acompanhado: Aproximai-vos e ponde o pé sobre o pescoço destes reis. Tendo-se eles aproximado e posto o pé sobre o pescoço deles,
25 Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni Waaqayyo diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma” jedheen.
25 disse-lhes de novo: Não temais, nem tremais. Tende coragem e sede fortes, porque é assim que fará o Senhor a todos os inimigos que haveis de combater.
26 Iyyaasuun ergasii mootota sana dhaʼee ajjeesee mukkeen shan irratti isaan fannise; isaanis hamma lafti galgalooftutti akkuma muka irratti fannifamanitti turan.
26 Dizendo isso, Josué feriu-os de morte e suspendeu-os em cinco árvores, onde estiveram até a tarde.
27 Yeroo aduun dhiitetti Iyyaasuun ajaja kenne; jarris mukkeen irraa gad isaan buusanii holqa isaan keessa dhokatanii turan sanatti isaan daddarbatan. Afaan holqa sanaa irras dhagaa gurguddaa hamma guyyaa harʼaatti illee achuma jiru naqan.
27 Ao pôr-do-sol, mandou que fossem descidos das árvores e lançados na caverna onde se tinham refugiado, e puseram à entrada grandes pedras, que ali se encontram ainda hoje.
28 Iyyaasuunis guyyuma sana Maqeedaa qabate. Innis magaalaa sanaa fi mootii ishee goraadeedhaan dhaʼee nama achi keessa jiru hunda fixe. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Mootii Maqeedaas akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
28 No mesmo dia apoderou-se Josué de Maceda, e passou-a ao fio da espada juntamente com seu rei; votou ao interdito a cidade com todo ser vivo que nela havia, sem nada poupar. E fez ao rei de Maceda como tinha feito ao rei de Jericó.
29 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Maqeedaadhaa baʼanii dhaqanii Libnaa lolan.
29 Passou em seguida com todo o Israel a Libna, e atacaram-na.
30 Waaqayyos magaalaa sanaa fi mootii ishee dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne. Iyyaasuun magaalattii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixe. Inni nama tokko illee achitti hin hambifne. Mootii ishee illee akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
30 O Senhor entregou-a com seu rei nas mãos de Israel, que passou ao fio da espada a cidade com todo ser vivo que nela havia, não deixando escapar nenhum. E fez ao seu rei como tinha feito ao rei de Jericó.
31 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin Libnaadhaa kaʼanii Laakkiish dhaqan; isaanis magaalaa sana marsanii waraanan.
31 De Libna passou Josué com todo o Israel a Laquis, onde levantou o seu acampamento, sitiando-a.
32 Waaqayyos Laakkiish dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne; Iyyaasuunis guyyaa lammaffaatti ishee qabate. Akkuma Libnaa godhe sana magaalaa sanaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixe.
32 O Senhor lha entregou, e Israel apoderou-se dela no segundo dia, passando-a ao fio da espada com todo ser vivo, como tinha feito a Libna.
33 Yeroo sanatti Hooraam mootichi Geezir, Laakkiish gargaaruudhaaf dhufee ture; Iyyaasuun garuu isaa fi loltoota isaa ni moʼate; namni tokko iyyuu hin hafne.
33 Então, Horão, rei de Gaser, veio em socorro de Laquis, mas Josué o derrotou com todo o seu povo até o extermínio completo.
34 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Laakkiishii kaʼanii gara Egloon dhaqan; marsaniis ishee waraanan.
34 De Laquis, passou Josué com todo o seu povo a Eglon; levantaram ali o seu acampamento, e atacaram-na.
35 Guyyuma sana ishee qabatanii akkuma Laakkiish godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan.
35 Tomaram-na no mesmo dia, e passaram-na ao fio da espada, votando ao interdito todo ser vivo, como tinha feito a Laquis.
36 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundis isa wajjin Egloonii kaʼanii gara Kebroonitti ol baʼanii ishee waraanan.
36 Subiu em seguida com todo o Israel de Eglon a Hebron, e atacaram-na.
37 Isaanis magaalattii qabatanii mootii ishee, gandoota isheetii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Egloon godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
37 Tomaram Hebron e passaram ao fio da espada a cidade com seu rei, seus arrabaldes e todo ser vivo, sem nada deixar escapar, como tinham feito a Eglon. A cidade foi votada ao interdito com todo ser vivo.
38 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin of irra deebiʼanii Debiirin dhaʼan.
38 Dali Josué, com todo o Israel, voltou-se contra Dabir e atacou-a;
39 Isaanis magaalattii, mootii isheetii fi gandoota ishee qabatanii goraadeedhaan fixan. Namoota ishee keessa jiraatan hundas guutumaan guutuutti fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Libnaa, mootii isheetii fi Kebroon godhan sana Debiirii fi mootii ishee godhan.
39 apoderou-se dela, juntamente com seu rei, e passou-os ao fio da espada. Votou ao interdito toda alma viva que nela se achava, sem nada poupar, e fez a Dabir e ao seu rei como tinha feito a Hebron e a Libna com seus reis.
40 Iyyaasuunis akkasiin guutummaa biyya sanaa, biyya gaaraa, Negeebi, biyya gammoojjii, tabbawwan tulluutii fi mootota isaanii hundas moʼate. Inni akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel ajajetti waan hafuura baafatu hunda guutumaan guutuutti balleesse malee nama tokko illee hin hambifne.
40 Josué feriu toda a terra: a montanha, o Negeb, a planície, as colinas com todos os seus reis, sem poupar ninguém, votando ao interdito tudo o que respirava, segundo a ordem do Senhor, Deus de Israel.
41 Iyyaasuun Qaadesh Barnee irraa jalqabee hamma Gaazaatti, guutummaa biyya Gooshen hamma Gibeʼoonitti qabate.
41 Tudo foi assim ferido por Josué, de Cades-Barne a Gaza, toda a terra de Gosen até Gabaon.
42 Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel Israaʼeliif loleef Iyyaasuun mootota kanneenii fi lafa isaanii loluma tokkoon moʼate.
42 Josué apoderou-se, de uma só vez, desse país e de seus reis, porque o Senhor, Deus de Israel, combatia por ele.
43 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin gara qubata Gilgaalitti deebiʼe.
43 Depois voltou Josué com todo o Israel para o acampamento de Gálgala.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Josué 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.