Jeremias 52
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI
1 Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamuutaal ture; isheenis intala Ermiyaas kan magaalaa Libnaatii dhufte turte.
1 Zedequias tinha vinte e um anos quando se tornou rei, e reinou onze anos em Jerusalém. O nome de sua mãe era Hamutal, filha de Jeremias, de Libna.
2 Innis akkuma Yehooyaaqiim hojjete sana, fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa ni hojjete.
2 Ele fez o que o Senhor reprova, assim como fez Jeoaquim.
3 Wanni kun hundi sababii dheekkamsa Waaqayyootiif Yerusaalemii fi Yihuudaa irra gaʼe; dhuma irrattis inni fuula isaa duraa isaan balleesse.
3 A ira do Senhor tem sido provocada em Jerusalém e em Judá de tal forma que tenho que tirá-los da minha frente. Zedequias se rebelou contra o rei da Babilônia.
4 Bara mootummaa Zedeqiyaa keessa waggaa saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon guutummaa loltoota isaa wajjin Yerusaalemitti duule; isaanis magaalattiin ala qubatanii naannoo ishee hundatti tuullaa biyyoo marsan.
4 Então, no nono ano do reinado de Zedequias, no décimo mês, Nabucodonosor, rei da Babilônia, marchou contra Jerusalém com todo o seu exército. Acamparam fora da cidade e construíram torres de assalto ao redor dela.
5 Magaalaan sunis hamma waggaa kudha tokkoffaa bara Zedeqiyaa Mootichaatti akkuma marfamtetti turte.
5 A cidade ficou sob cerco até o décimo primeiro ano do rei Zedequias.
6 Bultii saglaffaa jiʼa afuraffaatti, magaalattii keessatti beelli akka malee hammaatee namni waan nyaatu tokko illee dhabe.
6 Ao chegar o nono dia do quarto mês a fome era tão severa que não havia comida para o povo.
7 Ergasii dallaan magaalattii cabsamee loltoonni hundinuus baʼanii baqatan. Isaanis utuma Baabilononni magaalaa sana marsanii jiranuu karaa karra dallaa iddoo biqiltuu mootichaa bira jiru lamaan gidduu baasu sanaatiin halkaniin baʼanii baqatan. Isaanis Arabbaatti baqatan;
7 Então o muro da cidade foi rompido. O rei e todos os soldados fugiram e saíram da cidade, à noite, na direção do jardim real, pela porta entre os dois muros, embora os babilônios estivessem cercando a cidade. Foram para a Arabá,
8 loltoonni Baabilon garuu Zedeqiyaa Mooticha ariʼanii dirree Yerikoo irratti isa qaqqaban; loltoonni isaa hundis isa irraa gargar baʼanii bibittinnaaʼanii turan;
8 mas os babilônios perseguiram o rei Zedequias e o alcançaram na planície de Jericó. Todos os seus soldados se separaram dele e se dispersaram,
9 innis ni qabame.
9 e ele foi capturado. Ele foi levado ao rei da Babilônia em Ribla, na terra de Hamate, que o sentenciou.
10 Mootiin Baabilonis Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼe; qondaaltota Yihuudaa hundas fixe.
10 Em Ribla, o rei da Babilônia mandou executar os filhos de Zedequias diante de seus olhos, e também matou todos os nobres de Judá.
11 Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee foncaa naasiitiin hidhee Baabilonitti isa geesse; hamma gaafa inni duʼuuttis manuma hidhaa keessa isa tursiise.
11 Então mandou furar os olhos de Zedequias e prendê-lo com correntes de bronze e o levou para a Babilônia, onde o manteve na prisão até o dia de sua morte.
12 Bara mootummaa Nebukadnezar mooticha Baabilon keessa waggaa kudha saglaffaatti, bultii kurnaffaa jiʼa shanaffaatti Nebuzaradaan ajajaan eegumsa mootummaa inni mootii Baabilon tajaajilu sun gara Yerusaalem dhufe.
12 No décimo dia do quinto mês, no décimo nono ano de Nabucodonosor, rei da Babilônia, Nebuzaradã, comandante da guarda imperial, que servia o rei da Babilônia, veio a Jerusalém.
13 Innis mana qulqullummaa Waaqayyootti, masaraa mootummaattii fi manneen Yerusaalem hundatti ibidda qabsiise; manneen gurguddaa hundas ni gube.
13 Ele incendiou o templo do Senhor, o palácio real e todas as casas de Jerusalém. Todo o edifício importante foi incendiado por ele.
14 Loltoonni Baabilon kanneen ajajaa eegumsa mootummaa jala turan hundi dallaawwan naannoo Yerusaalem turan hunda diigan.
14 Todo o exército babilônio, sob o comandante da guarda imperial, derrubou todos os muros em torno de Jerusalém.
15 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun namoota hiyyeeyyii tokko tokkoo fi warra magaalaa keessatti hafan, warra ogummaa harkaa qabanii fi warra baqatanii mootii Baabilonitti kooluu galan boojiʼee fudhate.
15 Nebuzaradã, o comandante da guarda imperial, deportou para a Babilônia alguns dos mais pobres e o povo que restou na cidade, juntamente com o restante dos artesãos e aqueles que tinham se rendido ao rei da Babilônia.
16 Nebuzaradaan garuu hiyyeeyyii biyyattii warra hafan akka wayinii kunuunsanii fi lafa qotaniif achitti dhiise.
16 Mas Nebuzaradã deixou para trás o restante dos mais pobres da terra para trabalhar nas vinhas e campos.
17 Baabilononni sun utubaawwan naasii, baattuuwwan iddoodhaa sochoʼanii fi Gaanii naasii irraa hojjetamee mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture caccabsanii naasii sana hunda immoo Baabilonitti geessan.
17 Os babilônios despedaçaram as colunas de bronze, os estrados móveis e o mar de bronze que ficavam no templo do Senhor e levaram todo o bronze para a Babilônia.
18 Akkasumas okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaran, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi miʼoota naasii irraa hojjetaman kanneen tajaajila mana qulqullummaatiif oolan hunda fudhatan.
18 Também levaram embora as panelas, pás, tesouras de pavio, bacias de aspersão, tigelas e todos os utensílios de bronze usados no serviço do templo.
19 Ajajaan eegumsaa sunis miʼoota warqee qulqulluu fi meetii irraa hojjetaman hunda jechuunis caabii dhooqaa, girgiraawwan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, okkoteewwan, baattuuwwan ibsaa, caabiiwwanii fi waciitiiwwan ittiin dhibaafatan fudhatee deeme.
19 O comandante da guarda imperial levou embora as pias, os incensários, as bacias de aspersão, as panelas, os candeeiros, as tigelas e as bacias usadas para as ofertas derramadas, tudo que era feito de ouro puro ou de prata.
20 Ulfinni naasii kan Solomoon Mootichi ittiin utubaawwan lamaan, Gaanii fi jiboota kudha lamaan isa jala jiranii fi baattuuwwan iddoodhaa sochoʼaniin mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjetee ture waan madaalliin madaaluu dandaʼuu oli turan.
20 O bronze tirado das duas colunas, o mar e os doze touros de bronze debaixo dele, e os estrados móveis, que o rei Salomão fizera para o templo do Senhor, eram mais do que se podia pesar.
21 Tokkoon tokkoon utubaa sanaa dhundhuma kudha saddeet ol dheeratee marsaan isaa immoo dhundhuma kudha lama ture; yabbinni isaa quba afur taʼee keessi isaas banaa ture.
21 Cada uma das colunas tinha oito metros e dez centímetros de altura e cinco metros e quarenta centímetros de circunferência; cada uma tinha quadro dedos de espessura e era oca.
22 Guutuun naasii kan utubaa tokko irraas dhundhuma shan ol dheeratee naannoon isaa guutuun sibiila wal keessa loofamee tolfamee fi roomaanii naasiitiin miidhagfamee ture. Utubaan kaanis roomaanii naasii wajjin kanuma fakkaata ture.
22 O capitel de bronze no alto de uma coluna tinha dois metros e vinte e cinco centímetros de altura e era ornamentado com um trabalho entrelaçado e romãs de bronze em volta, tudo de bronze. A outra coluna, com suas romãs, era igual.
23 Roomaanoonni bitaa mirgaan turan sagaltamii sagal turan; walumatti faaya naannoo utubichaa gubbaan jiru wajjin roomanoota dhibba tokkootu ture.
23 Havia noventa e seis romãs nos lados; o número total de romãs acima do trabalho entrelaçado ao redor era de cem.
24 Ajajaan eegumsaa sun Seraayaa lubicha hangafa, Sefaaniyaa lubicha Sadarkaan isatti aanuu fi eegdota balbalaa sadan hidhee fuudhee deeme.
24 O comandante da guarda tomou como prisioneiros o sumo sacerdote Seraías, o sacerdote adjunto Sofonias e os três guardas das portas.
25 Warra amma illee magaalaa keessatti hafan keessaa ajajaa loltootaatii fi gorsitoota mootii torba fudhate. Akkasumas barreessaa qondaala ol aanaa ture kan saba keessaa loltummaaf namoota filatu sanaa fi namoota magaalaa keessatti argaman jaatama fudhate.
25 Dos que ainda estavam na cidade, tomou o oficial encarregado dos homens de combate e sete conselheiros reais. Também tomou o secretário que era o oficial maior encarregado do alistamento do povo da terra e sessenta de seus homens que foram encontrados na cidade.
26 Nebuzaradaan ajajaan sun hunda isaanii guuree Riiblaatti gara mooticha Baabilonitti geesse.
26 O comandante Nebuzaradã tomou todos eles e os levou ao rei da Babilônia em Ribla.
27 Mootichis achuma Riiblaat biyya Hamaati keessatti isaan ni fixe.
27 Ali em Ribla, na terra de Hamate, o rei fez com que fossem executados. Assim Judá foi para o cativeiro, longe de sua terra.
28 Baayʼinni namoota Nebukadnezar boojuudhaan fudhatee kanaa dha:
28 Este é o número dos que Nebuzaradã levou para o exílio: no sétimo ano, 3. 023 judeus;
29 bara Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti,
29 no décimo oitavo ano de Nabucodonosor, 832 de Jerusalém;
30 waggaa digdamii sadaffaa isaa keessa Yihuudoonni 745,
30 em seu vigésimo terceiro ano, 745 judeus levados ao exílio pelo comandante da guarda imperial Nebuzaradã. Foram ao todo 4. 600 judeus.
31 Yehooyaakiin mootiin Yihuudaa boojiʼamee waggaa soddomii torbaffaa isaatti, Eewiil Marodaak mootii Baabilon taʼe; innis wagguma sana keessa bultii digdamii shanaffaa jiʼa kudha lammaffaatti Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa sana mana hidhaatii gad dhiisee bilisa isa baase.
31 No ano trinta e sete do exílio do rei Joaquim de Judá, no ano em que Evil-Merodaque tornou-se rei de Babilônia, ele libertou o rei Joaquim de Judá da prisão no dia vinte e cinco do décimo segundo mês.
32 Afaan tolaadhaanis isatti dubbatee barcuma ulfinaa kan barcuma mootota isa wajjin Baabilon keessa turan kaanii caalu kenneef.
32 Ele falou bondosamente com ele e deu-lhe um assento de honra mais elevado do que os dos outros reis que estavam com ele na Babilônia.
33 Kanaafuu Yehooyaakiin uffata isaa kan mana hidhaatti uffachaa ture sana of irraa baasee bara jireenya isaa guutuu yeroo hunda maaddii mootichaa irraa nyaate.
33 Desse modo Joaquim tirou as roupas da prisão e pelo resto da vida comeu à mesa do rei.
34 Mootiin Baabilonis hamma inni lubbuudhaan jiraatetti guyyuma guyyaadhaan waan isaaf barbaachisu Yehooyaakiiniif kennaa ture.
34 Dia após dia o rei da Babilônia deu a Joaquim uma pensão diária enquanto ele viveu, até o dia de sua morte.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 52, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.