Jeremias 44

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT

Sair da comparação
NVT Nova Versão Transformadora
1 Dubbiin waaʼee Yihuudoota biyya Gibxi keessa jechuunis Migdool, Tahiphaanhees, Memfiisii fi Phaxroos keessa jiraatan hundaa dubbatu kun akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe;
1 Jeremias recebeu esta mensagem acerca dos judeus que viviam no norte do Egito, nas cidades de Migdol, Tafnes e Mênfis, e também no sul do Egito:
2 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin badiisa guddaa ani Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa hundatti fide sana argitaniirtu. Kunoo, isaan harʼa onaniiru; namni tokko iyyuu isaan keessa hin jiraatu;
2 “Assim diz o S enhor dos Exércitos, o Deus de Israel: Vocês viram a calamidade que eu trouxe sobre Jerusalém e sobre todas as cidades de Judá. Hoje elas estão desertas e em ruínas,
3 kunis sababii hammina isaan hojjetaniitiif taʼe. Isaan ixaana aarsuu fi waaqota isaan yookaan isin yookaan abbootiin keessan hin beekin biraa waaqeffachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan.
3 porque provocaram minha ira com sua perversidade. Queimaram incenso e adoraram outros deuses que nem eles, nem vocês, nem seus antepassados jamais conheceram.
4 Anis, ‘Waan jibbisiisaa ani hin jaallanne kana hin hojjetinaa!’ jedhee tajaajiltoota koo raajota ammumaa amma isaanitti erge.
4 “Repetidamente, enviei meu servos, os profetas, para lhes dizer: ‘Não façam essas coisas terríveis que eu tanto detesto!’.
5 Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan gurra hin kennineef; isaan hammina isaanii irraa hin deebine yookaan waaqota biraatiif ixaana aarsuu hin dhiifne.
5 Mas eles não deram ouvidos nem abandonaram sua perversidade, e continuaram a queimar incenso para esses deuses.
6 Kanaafuu dheekkamsi koo sodaachisaan sun dhangalaʼee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti bobaʼe; isaanis akkuma harʼa taʼee jiru kana ni barbadaaʼan; ni onanis.
6 Por isso minha fúria transbordou e caiu como fogo sobre as cidades de Judá e as ruas de Jerusalém, que até hoje são ruínas desoladas.
7 “Ammas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isin maaliif dhiiraa fi dubartii, ijoollee fi daaʼimman Yihuudaa irraa kuttanii badiisa guddaa akkanaa ofitti fiduudhaan hambaa malee of hambiftu?
7 “Agora, o S enhor dos Exércitos, o Deus de Israel, lhes pergunta: Por que destroem a si mesmos? Nenhum de vocês sobreviverá: nenhum homem, mulher, criança ou recém-nascido que veio de Judá.
8 Isin maaliif biyya Gibxi, lafa keessa jiraachuuf dhuftanitti waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waanuma harki keessan hojjeteen dheekkamsaaf na kakaaftu? Isin ofuma balleessitanii saboota lafa irraa hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan fafaa of gootu.
8 Por que provocar minha ira queimando incenso para os ídolos que vocês fizeram aqui no Egito? Destruirão a si mesmos e se tornarão objeto de maldição e zombaria para todas as nações.
9 Isin hammina abbootiin keessan, mootonni Yihuudaatii fi niitonni isaanii hojjetan, akkasumas hammina isinii fi niitonni keessan biyya Yihuudaattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti hojjettan sana ni irraanfattanii?
9 Acaso se esqueceram dos pecados de seus antepassados, dos pecados dos reis e das rainhas de Judá, e dos pecados que vocês e suas esposas cometeram em Judá e em Jerusalém?
10 Isaan hamma harʼaatti gad of hin qabne yookaan na hin sodaanne yookaan seera kootii fi qajeelfama koo kan ani fuula keessanii fi fuula abbootii keessanii dura kaaʼe sana duukaa hin buune.
10 Até hoje, não mostraram remorso nem temor. Ninguém escolheu obedecer à minha lei e aos decretos que dei a vocês e a seus antepassados.
11 “Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani badiisa isinitti fiduu fi Yihuudaa hunda balleessuuf kutadheera.
11 “Portanto, assim diz o S enhor dos Exércitos, o Deus de Israel: Estou decidido a destruir cada um de vocês!
12 Ani hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi dhaqanii achi jiraachuu murteeffatan nan balleessa. Isaan hundi Gibxitti dhumu; isaan goraadeedhaan kukkufu yookaan beelaan dhumu. Xinnaa guddaan isaanii goraadeedhaan yookaan beelaan duʼa. Isaan waan abaarsaatii fi waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa taʼu.
12 Tomarei o remanescente de Judá, aqueles que teimaram em vir para o Egito e morar aqui, e os consumirei. Cairão no Egito, mortos por guerra e fome. Todos morrerão, desde o mais humilde até o mais importante. Serão objeto de condenação, horror, maldição e zombaria.
13 Ani akkuma Yerusaalemin adabe sana warra Gibxi keessa jiraatan illee goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba.
13 Eu os castigarei no Egito como os castiguei em Jerusalém, com guerra, fome e doença.
14 Hambaa Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuu dhaqan keessaa namni miliqu yookaan biyya Yihuudaa kan achi jiraachuuf hawwan sanatti deebiʼu tokko iyyuu hin jiru; baqattoota tokko tokko malee isaan hin deebiʼaniitii.”
14 Desse remanescente que fugiu para o Egito, na esperança de um dia voltar para Judá, ninguém sobreviverá. Embora anseiem voltar para sua terra, apenas uns poucos retornarão”.
15 Ergasiis namoonni akka niitonni isaanii waaqota biraatiif ixaana aarsan beekan hundii fi dubartoonni achi turan, walumatti waldaan guddaan tokkoo fi namoonni biyya Gibxi keessa Phaxroos jiraatan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan;
15 Então todas as mulheres que estavam presentes e todos os homens que sabiam que suas esposas haviam queimado incenso para ídolos, uma grande multidão de todos os judeus que viviam no norte e no sul do Egito, responderam a Jeremias:
16 “Nu dubbii ati maqaa Waaqayyootiin nutti dubbatte sana hin dhageenyu!
16 “Não ouviremos as mensagens que você transmite em nome do S enhor !
17 Nu waan ni hojjenna jenne hunda dhugumaan ni hojjenna: Akkuma nuu fi abbootiin keenya, mootonni keenyaa fi qondaaltonni keenya magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti goone sana nu Mootittii Samiitiif ixaana ni aarsina; dhibaayyuus ni dhibaafanna. Nu yeroo sanatti nyaata akka malee baayʼee qabna turre; haala tolaa keessa jiraanne malee hin miidhamne.
17 Faremos o que bem entendermos. Queimaremos incenso e apresentaremos ofertas derramadas para a Rainha do Céu, como nós, nossos antepassados e nossos reis e oficiais sempre fizemos nas cidades de Judá e nas ruas de Jerusalém. Naqueles dias, havia alimento com fartura, éramos prósperos e não tínhamos problemas!
18 Erga Mootittii Samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu dhibaafachuu dhiifne garuu nu goraadee fi beelaan dhumaa jirra malee homaa hin arganne.”
18 Mas desde que paramos de queimar incenso para a Rainha do Céu e deixamos de adorá-la com ofertas derramadas, temos enfrentado grandes aflições e morrido por guerra e fome”.
19 Dubartoonnis kana irratti, “Yeroo nu Mootittii Samiitiif ixaana aarsinee dhibaayyuu illee dhibaafanneef sana akka nu fakkii isheetiin keekii tolchinee dhibaayuu dhibaafannuuf dhirsoonni keenya ni beeku mitii?” jedhan.
19 “Além disso”, acrescentaram as mulheres, “você imagina que queimávamos incenso, apresentávamos ofertas derramadas à Rainha do Céu e fazíamos bolos que retratavam sua imagem sem o conhecimento e a ajuda de nossos maridos?”
20 Ermiyaas uummata deebii isaaf kennaa ture dhiiraa dubartii hundaan akkana jedhe;
20 Então Jeremias disse a todos, tanto homens como mulheres, que lhe tinham dado essa resposta:
21 “Waaqayyo waaʼee ixaana isinii fi abbootiin keessan, mootonni keessanii fi qondaaltonni keessan, sabni biyyattiis magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem keessatti aarsitan sanaa yaadatee garaatti hin qabannee?
21 “Vocês pensam que o S enhor não sabia que vocês, seus antepassados, seus reis e oficiais e todo o povo queimavam incenso a ídolos nas cidades de Judá e nas ruas de Jerusalém?
22 Yeroo Waaqayyo hojii keessan hamaa fi waan jibbisiisaa isin hojjettan sana argee obsuu dadhabetti biyyi keessan akkuma amma jirtu kana waan abaarsaatii fi ona duwwaa namni keessa hin jiraanne taʼee hafe.
22 O S enhor fez de sua terra objeto de maldição, ruína desolada e sem habitantes, como está hoje, porque não suportava mais suas práticas detestáveis.
23 Sababii isin ixaana aarsitanii Waaqayyotti cubbuu hojjettanii fi isaaf ajajamuu diddaniif yookaan seera isaa yookaan labsii isaa yookaan qajeelfama isaa illee duukaa buʼuu diddaniif balaan kun akkuma isin amma argitan kana isinitti dhufe.”
23 Todas essas coisas terríveis aconteceram a vocês porque queimaram incenso a ídolos e pecaram contra o S enhor . Não obedeceram à sua voz nem seguiram sua lei, seus decretos e seus preceitos!”.
24 Ermiyaasis saba hundaa fi dubartoota hundaan akkana jedhe; “Isin sabni Yihuudaa warri biyya Gibxi keessa jiraattan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
24 Então Jeremias disse a todos, inclusive às mulheres: “Ouçam esta mensagem do S enhor , todos vocês judeus que agora vivem no Egito.
25 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Isinii fi niitonni keessan waan, ‘Nu dhugumaan wareega waaqittii samiitiif ixaana aarsuu fi dhibaayyuu illee dhibaafachuuf wareegne sana ni guunna’ jettanitti waadaa galtan sana hojiidhaan argisiiftaniirtu.
25 Assim diz o S enhor dos Exércitos, o Deus de Israel: ‘Vocês e suas esposas disseram: ‘Cumpriremos nossa promessa de queimar incenso e apresentar ofertas derramadas à Rainha do Céu’, e provaram com suas ações que estavam falando sério. Portanto, cumpram as promessas e votos que fizeram para ela’.
26 Isin Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraattan hundi garuu dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa: Waaqayyo akkana jedha; ‘Akka namni Yihuudaadhaa dhufee biyya Gibxi keessa eessa iyyuu jiraatu tokko iyyuu lammata maqaa koo hin dhoofne yookaan, “Dhugaa Waaqayyo Goofticha jiraataa” jedhee hin kakanneen ani maqaa koo guddaadhaan nan kakadha.
26 “Ouçam, porém, esta mensagem do S enhor , todos vocês judeus que agora vivem no Egito: ‘Jurei por meu grande nome’, diz o S enhor , ‘que nenhum judeu na terra do Egito pronunciará meu nome. Nenhum de vocês invocará meu nome nem o usará para jurar: ‘Tão certo como vive o S enhor Soberano’.
27 Ani waan hamaaf isaan ilaalaan jira malee waan tolaaf isaan ilaalaa hin jiruutii; Yihuudoonni biyya Gibxi keessa jiraatan hamma hundi isaanii barbadeeffamanitti goraadee fi beelaan dhumu.
27 Pois eu os vigiarei para trazer sobre vocês calamidade, e não bem. Os judeus que hoje vivem no Egito sofrerão guerra e fome até que estejam todos mortos.
28 Warri goraadee jalaa miliqanii biyya Gibxii gara Yihuudaatti deebiʼan akka malee xinnoo taʼu. Gaafas hambaawwan Yihuudaa kanneen biyya Gibxi keessa jiraachuuf dhufan guutuun akka dubbiin kootii fi kan isaanii keessaa kan eenyuu fiixaan baʼu ni beeku.
28 Apenas uns poucos escaparão da morte e voltarão do Egito para Judá. Então todos que vieram para o Egito saberão quais palavras são verdadeiras: as minhas ou as deles!
29 “ ‘Akka ani iddoo kanatti isin adabu wanni kun mallattoo isiniif taʼa;’ jedha Waaqayyo; ‘kunis akka isin akka dubbiin koo dhugumaan isiniin mormee dhaabatu beektaniif.’
29 “‘E esta é a prova que lhes dou’, diz o S enhor , ‘de que todas as minhas palavras se cumprirão e de que eu os castigarei aqui.’
30 Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani akkuma Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa dabarsee diina lubbuu isaa galaafachuu barbaadutti Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kenne sana Faraʼoon Hofraa mooticha Gibxi illee dabarsee diinota isaa warra lubbuu isaa galaafachuu barbaadanitti nan kenna.’ ”
30 Assim diz o S enhor : ‘Entregarei o faraó Hofra, rei do Egito, nas mãos de seus inimigos que desejam matá-lo, assim como entreguei Zedequias, rei de Judá, a Nabucodonosor, rei da Babilônia’”.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 44, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.