Jeremias 43

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Erga Ermiyaas dubbii Waaqayyo Waaqa isaanii kan Waaqayyo akka inni nama hundatti himuuf isa erge sana dubbatee fixee booddee,
1 Assim que Jeremias acabou de dizer ao povo o que o Senhor lhe tinha encarregado de transmitir,
2 Azaariyaa ilmi Hooshaʼiyaa, Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi namoonni of tuulan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; “Ati ni sobda! Waaqayyo Waaqni keenya akka ati, ‘Isin achi jiraachuuf jettanii biyya Gibxi dhaquu hin qabdan’ jettuuf si hin ergine.
2 Azarias, filho de Osaías, Joanã, filho de Carée, e todos aqueles orgulhosos exclamaram: São mentiras o que proferes. Não te deu o Senhor, nosso Deus, o encargo de nos dizer que não fôssemos morar no Egito.
3 Baaruk ilmi Neeriyaa garuu akka ati akka isaan nu fixaniif yookaan boojiʼanii Baabilonitti nu geessaniif dabarsitee harka Baabilonotaatti nu kennituuf si kakaasaa jira.”
3 É Baruc, filho de Néria, que te lança contra nós com o fim de nos entregar aos caldeus para a morte e para a deportação à Babilônia.
4 Kanaafuu Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundii fi sabni hundi ajaja Waaqayyo akka isaan biyya Yihuudaa turaniif kenneef sana didan.
4 E assim Joanã, filho de Carée, os chefes e os sobreviventes do povo mostraram-se surdos à voz do Senhor que lhes ordenara permanecerem em Judá.
5 Qooda kanaa Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundi hambaa Yihuudaa kanneen biyyoota itti bibittinneeffaman hunda keessaa deebiʼanii biyya Yihuudaa keessa jiraachuuf dhufan hunda fudhatanii deeman.
5 Joanã, filho de Carée, e os chefes conduziram os sobreviventes judeus que haviam regressado dos países em que se tinham dispersado, a fim de habitarem novamente na terra de Judá.
6 Akkasumas dhiiraa dubartii, ijoollee fi intallan mootii kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan, Ermiyaas raajichaa fi Baaruk ilma Neeriyaa biratti dhiise sana hunda fudhatanii deeman.
6 Eram homens, mulheres e crianças, as princesas reais, todos os que Nabuzardã, chefe dos guardas havia deixado junto de Godolias, filho de Aicão, filho de Safã, entre eles o profeta Jeremias e Baruc, filho de Néria.
7 Isaanis akkasiin Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan biyya Gibxitti galanii hamma Tahiphaanhees keessa lixan.
7 Desobedecendo, assim, à voz do Senhor, partiram para o Egito e alcançaram Táfnis.
8 Tahiphaanheesittis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
8 Em Táfnis foi dirigida a Jeremias a palavra do Senhor nestes termos:
9 “Dhagaa gurguddaa guuriitii balbala masaraa Faraʼoon kan Tahiphaanhees jiru sanaa biratti utuma Yihuudoonni ilaalanuu afaa suphee keessatti awwaali.
9 toma em tuas mãos pedras bem grandes e, ante os olhos dos judeus, introduze-as na calçada em frente à porta do palácio do faraó, em Táfnis.
10 Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani tajaajilaa koo Nebukadnezar mooticha Baabilonitti nama ergee nan waama; teessoo isaa illee dhagaa asitti awwaale kana irra nan dhaaba; innis dunkaana mootummaa ofii isaa isa irratti ni diriirfata.
10 E, em seguida, lhes dirás: Eis o que diz o Senhor dos exércitos, Deus de Israel: vou mandar chamar aqui meu servo Nabucodonosor, rei de Babilônia; colocar-lhe-ei o trono sobre as pedras introduzidas neste lugar, e sobre elas estenderá ele também o seu tapete.
11 Inni dhufee Gibxin ni lola; warra duʼaaf ramadamanitti duʼa, warra boojuuf ramadamanitti boojuu, warra goraadeef ramadamanitti goraadee ni fida.
11 Ele virá aqui e ferirá o Egito. O que é para a morte, à morte! O que é para o cativeiro, ao cativeiro! O que é para a espada, à espada!
12 Inni manneen waaqeffannaa waaqota Gibxitti ibidda qabsiisa; manneen waaqeffannaa isaanii gubee waaqota isaanii tolfamoo illee boojiʼa. Akkuma Tikeen tokko wayyaa marxifattu sana innis biyya Gibxi marxifatee nagumaanis achii deema.
12 Lançará fogo aos templos dos deuses do Egito, e os queimará, levando cativos {os seus ídolos}. Despojará o Egito, qual pastor a limpar seu manto, e regressará triunfante.
13 Inni achuma galma waaqeffannaa aduu biyya Gibxi keessatti utuboota waaqeffannaa caccabsee galma waaqeffannaa waaqota Gibxii illee ni guba.’ ”
13 E destruirá os obeliscos do templo do Sol, no Egito, e entregará às chamas todos os templos dos seus deuses.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 43, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.