Jeremias 42

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH

Sair da comparação
NTLH Nova Tradução na Linguagem de Hoje 2000
1 Ergasii ajajjoonni waraanaa hundi Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi Yezaaniyaa ilma Hooshaʼiyaa dabalatee, namni hundi, xinnaa guddaan dhufanii
1 Então todos os chefes do exército e Joanã, filho de Careá, e Azarias , filho de Hosaías, e pessoas de todas as classes
2 Ermiyaas raajichaan akkana jedhan; “Maaloo kadhaa keenya dhagaʼiitii hambaa kana hundaaf Waaqayyo Waaqa kee kadhadhu. Nu dur baayʼee turre; amma garuu akkuma ati argitu kana nu nama muraasa qofattu hafe.
2 vieram falar comigo. Disseram o seguinte: — Por favor, Jeremias, atenda o nosso pedido: ore ao
3 Akka Waaqayyo Waaqni kee gara nu dhaquu qabnuu fi waan nu gochuu qabnu nutti himuuf nuu kadhadhu.”
3 Ore ao Senhor , seu Deus, para que mostre o caminho que devemos seguir e o que devemos fazer.
4 Ermiyaas raajichis, “Ani isin dhagaʼeera; akkuma isin na gaafattan sana ani dhugumaan Waaqayyo Waaqa keessan nan kadhadha. Waan Waaqayyo dubbatu hundas isinitti nan hima; waan tokko illees isin hin dhoksu” jedhee deebise.
4 Eu respondi: — Está bem! Vou orar ao
5 Jarris Ermiyaasiin akkana jedhan; “Yoo nu akkuma Waaqayyo Waaqni kee akka ati nutti himtuuf si erge sana gochuu baanne Waaqayyo mataan isaa dhuga baatuu dhugaatii fi amanamaa nutti haa taʼu.
5 Então eles disseram: — Que o
6 Akka yeroo nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaatiif ajajamnutti wanni hundi nutti toluuf yoo wanni sun jaallatamaa yookaan jibbamaa taʼe illee nu dubbii Waaqayyo Waaqa keenyaa kan itti si erganne sanaatiif ni ajajamna.”
6 Gostemos ou não dessas ordens, nós obedeceremos ao Senhor , nosso Deus, com quem você vai falar em nosso favor. Se obedecermos ao Senhor , tudo correrá bem para nós.
7 Dubbiin Waaqayyoos guyyaa kudhan booddee gara Ermiyaas dhufe.
7 Dez dias depois, o Senhor Deus falou comigo.
8 Kanaafuu inni Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa wajjin turan hunda, akkasumas nama xinnaa guddaa hunda walitti waame.
8 Aí chamei Joanã, filho de Careá, e todos os chefes do exército que estavam com ele, e todo o povo — pessoas de todas as classes —
9 Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni isin akka ani iyyata keessan itti isinii dhiʼeessuuf itti na ergitan sun akkana jedha:
9 e disse: — O
10 ‘Yoo biyya kana keessa turtan, ani isinan ijaara malee isin hin diigu; ani isinan dhaaba malee isin hin buqqisu; ani badiisa isinitti fide sanaaf gaabbeeraatii.
10 “Se vocês quiserem continuar a viver nesta terra, eu edificarei a nação e não a destruirei; plantarei e não arrancarei. A destruição que fiz cair sobre vocês me deixou muito triste.
11 Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana hin sodaatinaa. Ani isin baraaree harka isaatii isin baasuuf isin wajjin jiraatii. Isa hin sodaatinaa, jedha Waaqayyo.
11 Não tenham mais medo do rei da Babilônia, pois estou com vocês. Eu os salvarei e os livrarei do poder dele. Sou eu, o Senhor , quem está falando.
12 Ani akka inni garaa isinii laafee biyya keessanitti isin deebisuuf garaa isiniif nan laafa.’
12 Terei pena de vocês e farei com que ele também tenha e deixe que vivam nesta terra.”
13 “Garuu yoo isin, ‘Nu biyya kana keessa hin turru’ jettanii akkasiin Waaqayyo Waaqa keessaniif ajajamuu diddan,
13 — ausente —
14 amma illee yoo isin, ‘Hin taʼu, nu biyya Gibxi keessa iddoo itti waraana hin argine yookaan malakata hin dhageenye yookaan iddoo itti hin beelofne sana dhaqnee achi jiraanna’ jettan,
14 — ausente —
15 egaa yaa hambaa Yihuudaa, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo isin biyya Gibxitti galuu barbaaddanii achi jiraachuu dhaqxan,
15 — ausente —
16 goraadeen isin sodaattan sun achumatti isin argata; beelli isin sodaattanis hamma Gibxitti isin faana buʼa; isinis achitti dhumtu.
16 então vão ter de enfrentar a guerra, de que vocês têm medo. A fome que vocês temem vai segui-los, e vocês morrerão no Egito.
17 Dhugumaan warri biyya Gibxitti galanii achi qubachuu barbaadan hundi goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan dhumu; isaan keessaa namni badiisa ani isaanitti fidu jalaa baʼu yookaan miliqu tokko iyyuu hin jiru.’
17 Todos os que estiverem resolvidos a viver no Egito morrerão na guerra, ou de fome, ou de doença. Não sobrará ninguém; ninguém escapará da desgraça que farei cair sobre vocês.”
18 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Akkuma aariin koo fi dheekkamsi koo warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti dhangalaʼe sana, yoo isin biyya Gibxitti galtan dheekkamsi koo isin irratti ni dhangalaʼa. Isinis waan abaarsaa, waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa ni taatu; iddoo kana illee gonkumaa deebitanii hin argitan.’
18 — O Senhor Todo-Poderoso, o Deus de Israel, diz: “Se vocês forem para o Egito, a minha ira e o meu furor cairão sobre vocês como caíram sobre o povo de Jerusalém. Vocês vão se tornar uma coisa horrível e espantosa. Os outros zombarão de vocês e usarão o seu nome para rogar pragas. E vocês nunca mais verão este lugar.”
19 “Yaa hambaa Yihuudaa Waaqayyo, ‘Biyya Gibxi hin dhaqinaa’ isiniin jedheera. Waan kana qalbeeffadhaa: Ani harʼa isin akeekkachiisaatii;
19 E eu disse ainda: — O
20 Isin gaafa ‘Waaqayyo Waaqa keenya nuu kadhadhu; waan inni dubbate hundas nutti himi; nus ni ajajamnaaf’ jettanii gara Waaqayyo Waaqa keessanii na ergitan sana balleessaa guddaa hojjettan.
20 Vocês estão cometendo um erro que pode lhes custar a vida. Vocês me mandaram falar com o Senhor , nosso Deus, e me disseram: “Ore ao Senhor por nós. Depois, conte-nos tudo o que ele disser que devemos fazer, e nós faremos.”
21 Ani harʼa isinitti himeera; isin garuu waan inni akka ani isinitti himuuf na erge sana hundaan Waaqayyo Waaqa keessaniif hin ajajamne.
21 Agora, eu lhes contei tudo, mas vocês não estão obedecendo ao Senhor , nosso Deus, em nada do que ele me mandou dizer.
22 Kanaafuu isin amma waan kana qalbeeffadhaa: Isin iddoo jiraachuu dhaquu feetan sana keessatti goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumtu.”
22 Portanto, lembrem disto: vocês vão morrer na guerra, ou de fome, ou de doença na terra para onde querem ir e onde querem viver.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 42, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.