Jeremias 39

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARIB

Sair da comparação
ARIB Almeida Revisada Imprensa Bíblica
1 Akki Yerusaalem itti fudhatamte kana ture: Bara Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaa keessa jiʼa kurnaffaa waggaa saglaffaatti, Nebukadnezar mootichi Baabilon loltoota isaa hunda wajjin duulee Yerusaalemin marse.
1 No ano nono de Zedequias, rei de Judá, no décimo mês, veio Nabucodonosor, rei de Babilônia, e todo o seu exército contra Jerusalém, e a cercaram.
2 Bara Zedeqiyaa keessa bultii saglaffaa jiʼa afuraffaa waggaa kudha tokkoffaatti, dallaan magaalaa sanaa ni cabsame.
2 No ano undécimo de Zedequias, no quarto mês, aos nove do mês, fez-se uma brecha na cidade.
3 Ergasii qondaaltonni mootii Baabilon hundi dhufanii Karra Giddu Galeessa dura tataaʼan; isaanis Nergaal-Sharezer namicha Samgaar, Neboo-Sarsekiim ajajaa hangafa, Nergaal-Sharezer shuumii hangafaa fi qondaaltota mootii Baabilon hundaa dha.
3 E entraram todos os príncipes do rei de Babilônia, e sentaram-se na porta do meio, os quais eram Nergal-Sarezer, Sangar-Nebo, Sarsequim, Rabe-Sáris Nergal Sarezer, Rabe-Maque, juntamente, com todo o resto dos príncipes do rei de Babilônia
4 Zedeqiyaa Mooticha Yihuudaatii fi loltoonni hundi yommuu jara arganitti ni baqatan; isaanis halkaniin karaa biqiltuu mootichaatiin magaalaa keessaa baʼanii karra dallaa lamaan gidduutiin gara Arabbaatti qajeelan.
4 E sucedeu que, vendo-os Zedequias, rei de Judá, e todos os homens de guerra, fugiram, saindo da cidade de noite pelo caminho do jardim do rei, pela porta entre os dois muros; e seguiram pelo caminho da Arabá.
5 Loltoonni Baabilonotaa garuu isaan ariʼanii dirree Yerikoo irratti Zedeqiyaa in qaqqaban. Isaanis isa qabanii Riiblaa Hamaati keessatti gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti geessan; mootichis achitti isatti mure.
5 Mas o exército dos caldeus os perseguiu; e eles alcançaram a Zedequias nas campinas de Jericó; e, prendendo-o, levaram-no a Nabucodonosor rei de Babilônia, a Ribla, na terra de Hamate; e o rei o sentenciou.
6 Mootiin Baabilonis achuma Riiblaatti ijuma isaa duratti ilmaan Zedeqiyaa gorraʼee namoota Yihuudaa bebeekamoo hundas ajjeese.
6 E o rei de Babilônia matou os filhos de Zedequias em Ribla, à sua vista; também matou o rei de Babilônia a todos os nobres de Judá.
7 Innis ergasii Zedeqiyaa keessaa ija isaa baasee Baabilonitti isa geessuuf foncaa naasiitiin isa hidhe.
7 Cegou os olhos a Zedequias, e o atou com cadeias de bronze, para levá-lo a Babilônia.
8 Baabilononnis masaraa mootiitii fi manneen sabaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan.
8 Os caldeus incendiaram a casa do rei e as casas do povo, e derribaram os muros de Jerusalém.
9 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa, namoota magaalaa keessatti hafan, namoota isatti harka kennatanii fi namoota kaan wajjin boojiʼee Baabilonitti geesse.
9 Então, ao resto do povo, que ficara na cidade, aos desertores que se tinham passado para ele e ao resto do povo que havia ficado, levou-os Nebuzaradão, capitão da guarda, para Babilônia.
10 Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun garuu hiyyeeyyii homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihuudaatti hambise; innis yeroo sanatti iddoo dhaabaa wayiniitii fi lafa qotiisaa kenneef.
10 Mas aos pobres dentre o povo, que não tinham nada, Nebuzaradão, capitão da guarda, deixou-os ficar na terra de Judá; e ao mesmo tempo lhes deu vinhas e campos.
11 Nebukadnezar mootichi Baabilon akkana jedhee karaa Nebuzaradaan ajajaa eegumsaa sanaatiin waaʼee Ermiyaas ajaja kenne:
11 Ora Nabucodonosor, rei de Babilônia, havia ordenado acerca de Jeremias, a Nebuzaradão, capitão dos da guarda, dizendo:
12 “Isa fuudhiitii akka gaarii kunuunsi; waan inni barbaadu kam iyyuu godhiif malee isa hin miidhin.”
12 Toma-o, e trata-o bem, e não lhe faças mal algum; mas como ele te disser, assim procederás para com ele.
13 Kanaafuu Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Nebuushazbaan shuumiin hangafti, Nergaal-Sharezer shuumiin ol aanaan, akkasumas qondaaltonni mootii Baabilon kaan hundi
13 Pelo que Nebuzaradão, capitão da guarda, Nebusazbã, Rabe-Sáris, Nergal-Sarezer, Rabe-Maeue, e todos os príncipes do rei de Babilônia
14 ergamanii oobdii eegumsaa keessaa Ermiyaasin baasisan. Isaanis akka Gedaaliyaas ilmi Shaafaan, ilmi Ahiiqaam mana isaatti isa geessuuf imaanaa itti kennan. Ermiyaasis akkasiin saba ofii isaa keessa jiraate.
14 mandaram retirar Jeremias do átrio da guarda, e o entregaram a Gedalias, filho de Aicão, filho de Safã, para que o levasse para casa; assim ele habitou entre o povo.
15 Utuma Ermiyaas oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe:
15 Ora, a palavra do Senhor viera a Jeremias, estando ele ainda encarcerado no átrio da guarda, dizendo:
16 “Dhaqiitii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani dubbii koo waan tolaadhaaf utuu hin taʼin waan hamaadhaaf magaalaa kana irratti fiixaan nan baasa. Yeroo sanatti wanni kun ijuma kee duratti fiixaan baʼa.
16 Vai, e fala a Ebede-Meleque, o etíope, dizendo: Assim diz o Senhor dos exércitos, Deus de Israel: Eis que eu cumprirei as minhas palavras sobre esta cidade para mal e não para bem; e se cumprirão diante de ti naquele dia.
17 Ani garuu gaafas sin oolcha, jedha Waaqayyo; ati dabarfamtee warra sodaattu sanatti hin kennamtu.
17 A ti, porém, eu livrarei naquele dia, diz o Senhor, e não serás entregue na mão dos homens a quem temes.
18 Ani sin baasa; ati waan na amanattuuf lubbuu keetiin baata malee goraadeedhaan hin duutu, jedha Waaqayyo.’ ”
18 Pois certamente te salvarei, e não cairás à espada, mas a tua vida terás por despojo, porquanto confiaste em mim, diz o Senhor.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 39, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.