Jeremias 38
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Shefaaxiyaa ilmi Mataan, Gedaaliyaas ilmi Phaashihuur, Yuukaal ilmi Shelemiyaatii fi Phaashihuur ilmi Malkiyaa waan Ermiyaas akkana jedhee saba hundatti hime dhagaʼan;
1 Certa vez, Sefatias, filho de Matã, e Gedalias, filho de Pasur, e Jucal, filho de Selemias, e Pasur, filho de Malquias, ouviram o que eu estava dizendo ao povo. Eu dizia que
2 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeen, beelaan yookaan dhaʼichaan ni duʼa; namni gara Baabilonotaatti baqatu kam iyyuu garuu ni jiraata. Inni lubbuu isaatiin ni baʼa; ni jiraatas.’
2 o Senhor Deus tinha dito o seguinte: — Quem ficar na cidade morrerá em combate, ou de fome, ou de doença. Mas aquele que sair e se entregar aos babilônios não será morto; pelo menos, escapará com vida e continuará a viver.
3 Waaqayyo akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan dabarfamtee harka waraana mootii Baabilonitti ni kennamti; innis ishee qabata.’ ”
3 Eu estava dizendo que o Senhor também tinha dito isto: — Certamente entregarei esta cidade ao exército do rei da Babilônia, e ele a conquistará.
4 Kana irratti qondaaltonni sun mootichaan akkana jedhan; “Namichi kun ajjeefamuu qaba. Inni waan isaanitti dubbatuun loltoota magaalaa kana keessatti hafanii fi namoota hunda onnee dhabsiisa. Namichi kun saba kanaaf badiisa malee waan gaarii hin hawwu.”
4 Então as autoridades disseram ao rei: — Este homem tem de morrer. Falando desse jeito, ele está tirando a coragem dos soldados que estão na cidade e desanimando todo o povo. Este homem não está procurando ajudar; o que ele quer é a desgraça de todos.
5 Zedeqiyaa Mootichi immoo, “Inni harkuma keessan keessa jira; mootiin isiniin mormee homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.
5 O rei Zedequias disse: — Muito bem! Façam o que quiserem com Jeremias. Eu não posso segurar vocês.
6 Kanaafuu isaan Ermiyaasin fuudhanii boolla bishaanii kan Malkiyaa ilma mootichaa keessa buusan; boolli bishaanii sunis oobdii eegumsaa keessa ture. Isaan funyoodhaan Ermiyaasin boolla sana keessa buusan; boolli sun dhoqqee malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee keessa dhidhime.
6 Então eles me pegaram e me puseram dentro do poço que havia no pátio da guarda e que era do príncipe Malquias. Eles me desceram com cordas. Não havia água no poço; só lama; e eu me atolei na lama.
7 Garuu Ebeed-Melek qondaalli Itoophiyaa kan masaraa mootii keessa ture sun akka isaan Ermiyaasin boolla bishaanii keessa buusan dhagaʼe. Utuma mootichi Karra Beniyaam bira taaʼee jiruus,
7 — ausente —
8 Ebeed-Melek masaraadhaa baʼee dhaqee akkana isaan jedhe;
8 — ausente —
9 “Yaa gooftaa koo mooticha, jarri kun waan Ermiyaas raajicha godhan hundaan waan hamaa hojjetaniiru. Isaan akka inni beelaan duʼuuf yeroo buddeenni tokko iyyuu magaalaa keessa hin jirretti boolla bishaanii keessa isa buusan.”
9 — Ó rei, meu senhor, o que aqueles homens fizeram está errado. Jogaram Jeremias no poço, e ele na certa vai morrer de fome, pois não há mais comida na cidade.
10 Mootichis ergasii Ebeed-Melek namicha Itoophiyaa sanaan, “Nama soddoma asii fudhadhuu dhaqiitii utuu inni hin duʼin Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa baasi” jedhee ajaje.
10 Aí o rei deu ordem para Ebede-Meleque levar trinta homens dali e me tirar do poço antes que eu morresse.
11 Kanaafuu Ebeed-Melek namoota sana fudhatee gara kutaa mankuusaa masaraa mootichaa keessaatiin jala jiru sanaa dhaqe. Innis darsaa fi wayyaa moofaa achii fudhatee funyoon gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buuse.
11 Então Ebede-Meleque levou os homens ao depósito do palácio. Pegou alguns trapos e roupas usadas e os desceu por meio de cordas para dentro do poço onde eu estava.
12 Ebeed-Melek namichi Itoophiyaa sunis Ermiyaasiin, “Akka funyoon si hin luqqisneef darsaa fi wayyaa moofaa bobaa kee jala kaaʼadhu” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe;
12 E disse: — Jeremias, ponha esses trapos debaixo dos braços para que as cordas não machuquem você. Eu fiz o que ele mandou.
13 isaanis funyoo sanaan ol harkisanii boolla bishaanii keessaa isa baasan. Ermiyaasis oobdii eegumsaa keessa ture.
13 Então me puxaram com as cordas e me tiraram do poço. Depois disso, fiquei no pátio da guarda.
14 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasitti nama ergee gara balbala sadaffaa mana qulqullummaa Waaqayyootti isa fichisiise. Mootichis Ermiyaasiin, “Ani waa sin gaafadha; ati waan tokko illee na hin dhoksin” jedhe.
14 O rei Zedequias mandou que me levassem até a terceira entrada do Templo, onde ele estava. Então disse: — Jeremias, vou lhe fazer uma pergunta e não quero que você esconda nada de mim.
15 Ermiyaasis Zedeqiyaadhaan, “Yoo ani deebii siif kenne, ati na hin ajjeeftuu? Yoo ani si gorse iyyuu ati na hin dhageessu” jedhe.
15 Eu respondi: — Se eu disser a verdade, o senhor me matará; e, se eu lhe der conselhos, o senhor não ouvirá.
16 Zedeqiyaa Mootichi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa jireenya nuu kenne sanaa ani si hin ajjeesu; warra lubbuu kee balleessuu barbaadanittis dabarsee si hin kennu” jedhee kakuu kana dhoksaatti Ermiyaasiif kakate.
16 Aí o rei Zedequias me prometeu, em segredo, o seguinte: — Pelo
17 Kana irratti Ermiyaas deebisee Zedeqiyaadhaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni, inni Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennatte lubbuun kee duʼa ni oolfamti; magaalaan kunis hin gubamtu; atii fi maatiin kee ni jiraattu.
17 Então eu disse a Zedequias que o Senhor Todo-Poderoso, o Deus de Israel, tinha dito o seguinte: — Rei Zedequias, se você se entregar aos oficiais do rei da Babilônia, você não será morto, e esta cidade não será queimada. Tanto você como a sua família ficarão vivos.
18 Garuu yoo ati qondaaltota mootii Baabilonitti harka kennachuu baatte magaalaan kun dabarfamtee Baabilonotatti ni kennamti; isaanis ishee gubu; ati mataan kee iyyuu isaan jalaa hin baatu.’ ”
18 Porém, se você não se entregar, então esta cidade será entregue aos babilônios, e eles a queimarão. E você não escapará deles.
19 Zedeqiyaa Mootichi Ermiyaasiin, “Ani Yihuudoota Baabilonotatti galan nan sodaadha; Baabilononni dabarsanii isaanitti na kennanii isaan immoo natti taphatuutii” jedhe.
19 O rei Zedequias respondeu: — Mas eu tenho medo dos judeus que passaram para o lado dos babilônios. Pode acontecer que os babilônios me entreguem a esses judeus, e eles me torturem.
20 Ermiyaasis akkana jedhee deebise; “Isaan dabarsanii si hin kennan; ati waan ani sitti himu gochuudhaan Waaqayyoof ajajami. Yoos ati milkooftee lubbuun kees duʼa oolfamti.
20 Aí eu disse ao rei: — O senhor não será entregue a esses judeus. Por favor, obedeça à mensagem do
21 Garuu yoo ati harka kennachuu didde, Waaqayyo waan kana naa ibseera:
21 Mas Deus me mostrou o que acontecerá se o senhor não quiser se entregar.
22 Dubartoonni mana mootii Yihuudaa keessatti hafan hundi gara qondaaltota mootii Baabilonitti geeffamu. Dubartoonni sunis akkana jedhu:
22 Todas as mulheres que ficarem no palácio real de Judá serão levadas para os oficiais do rei da Babilônia. E elas irão dizendo assim: “O rei foi enganado e dominado pelos seus melhores amigos. E, agora que ele afundou os pés na lama, os seus amigos o abandonaram.”
23 “Niitonni keetii fi ijoolleen kee hundi Baabilonotatti geeffamu. Ati mataan kee iyyuu mootii Baabiloniin qabamta malee isaan harkaa hin baatu; magaalaan kunis ni gubamti.”
23 Eu disse ainda: — Rei Zedequias, todas as suas mulheres e os seus filhos serão entregues aos babilônios, e o senhor também não escapará deles. O senhor será levado como prisioneiro pelo rei da Babilônia, e esta cidade será destruída pelo fogo.
24 Zedeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii nu amma dubbanne kana namni tokko iyyuu hin beekin; yoo kanaa achii ati ni duutaa.
24 Aí Zedequias me recomendou: — Jeremias, não conte esta conversa a ninguém; se não, a sua vida correrá perigo.
25 Yoo qondaaltonni akka ani si wajjin haasaʼe dhagaʼanii si bira dhufanii, ‘Waan ati mootiidhaan jettee fi waan mootiin siin jedhe nutti himi; nu hin dhoksin; yoo kanaa achii nu si ajjeefnaa’ siin jedhan,
25 Se as autoridades souberem que eu estive falando com você, vão lhe perguntar o que foi que conversamos. E vão prometer que não o matarão se você lhes contar tudo.
26 ‘Ani akka inni gara mana Yoonaataanitti deebisee na ergee anis achitti hin duuneef mooticha kadhachaa ture’ jedhiin.”
26 Se isso acontecer, diga que você veio me pedir que não o mandasse de volta à casa de Jônatas, pois ali você morreria.
27 Ergasii qondaaltonni hundi dhufanii Ermiyaasin gaafatan; innis waan mootichi akka inni dubbatu isa ajaje hunda isaanitti hime. Sababii namni waan inni mooticha wajjin dubbate dhagaʼe tokko iyyuu hin turiniif, jarri waan kana caalaa homaa isatti hin dubbanne.
27 Então todos os oficiais vieram e me fizeram perguntas. E eu respondi como o rei havia ordenado. Eles me deixaram em paz porque não tinham ouvido nada da conversa.
28 Ermiyaasis hamma gaafa Yerusaalem qabamteetti oobdii eegumsaa sana keessa ture.
28 E eu fiquei ali no pátio da guarda até o dia em que Jerusalém foi tomada.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 38, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.