Jeremias 36
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe:
1 No quarto ano do reinado de Jeoaquim, filho de Josias, rei de Judá, o S enhor deu esta mensagem a Jeremias:
2 “Kitaaba maramaa fudhadhuutii dubbii ani bara mootummaa Yosiyaasii jalqabee hamma ammaatti waaʼee Israaʼelii fi waaʼee Yihuudaa, waaʼee saboota kaan hundaas sitti dubbadhe sana hunda irratti barreessi.
2 “Pegue um rolo e escreva nele todas as minhas mensagens contra Israel, Judá e as outras nações. Comece com a primeira mensagem, do tempo de Josias, e escreva todas, até hoje.
3 Tarii sabni Yihuudaa yeroo waaʼee badiisa ani isaanitti fiduuf yaade hundaa dhagaʼanitti tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; yoos ani hammina isaaniitii fi cubbuu isaanii nan dhiisaaf.”
3 Talvez o povo de Judá se arrependa ao ouvir novamente todas as coisas terríveis que planejei para eles. Então perdoarei sua maldade e seus pecados”.
4 Ermiyaasis Baaruk ilma Neeriyaa waame; Baaruk immoo dubbii Waaqayyo dubbate sana Ermiyaas irraa dhagaʼee kitaaba maramaa irratti barreesse.
4 Jeremias mandou chamar Baruque, filho de Nerias, e enquanto Jeremias ditava para ele todas as profecias que o S enhor lhe tinha dado, Baruque as escrevia no rolo.
5 Ermiyaas akkana jedhee Baarukin ajaje; “Ani mana Waaqayyoo seenuu dhowwameera.
5 Depois, Jeremias disse a Baruque: “Estou preso aqui e não posso ir ao templo.
6 Kanaafuu ati guyyaa soomaa tokko mana Waaqayyoo dhaqiitii dubbii Waaqayyoo kan narraa dhageessee barreessite sana kitaaba maramaa irraa sabaaf dubbisi. Namoota Yihuudaa warra magaalaawwan isaanii irraa dhufan hundaaf dubbii sana dubbisi.
6 Portanto, vá você ao templo no próximo dia de jejum e leia as mensagens do S enhor que ditei para que as escrevesse no rolo. Leia as mensagens para o povo de todas as cidades de Judá que estiver no templo.
7 Tarii isaan kadhannaa isaanii fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeeffatanii tokkoon tokkoon isaanii karaa isaanii hamaa sana irraa ni deebiʼu taʼa; aarii fi dheekkamsi Waaqayyo saba kana irratti labse guddadhaatii.”
7 Quem sabe eles abandonem seus maus caminhos e peçam perdão ao S enhor antes que seja tarde demais, pois o S enhor os ameaçou com sua ira ardente”.
8 Baaruk ilmi Neeriyaas waan Ermiyaas raajichi isatti hime hunda ni hojjete; mana Waaqayyoo keessattis kitaaba maramaa sana irraa dubbii Waaqayyoo dubbise.
8 Baruque, filho de Nerias, fez tudo conforme Jeremias lhe ordenou e leu as mensagens do S enhor para o povo que estava no templo.
9 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaasi mootii Yihuudaa ture keessa jiʼa saglaffaa waggaa shanaffaatti guyyaan fuula Waaqayyo duratti sooman tokko saba Yerusaalem keessa jiraatuu fi warra magaalaawwan Yihuudaatii dhufan hundaaf ni labsame.
9 Fez isso num dia de jejum sagrado, no final do outono, no quinto ano do reinado de Jeoaquim, filho de Josias. Gente de todas as cidades de Judá tinha ido a Jerusalém para participar da adoração no templo naquele dia.
10 Baarukis kutaa Gemaariyaa ilma Shaafaan barreessaa sanaa kan oobdii ol aanaa keessa balbala mana qulqullummaa, kan Karra Haaraa jedhamu biraa sana keessa dhaabatee saba mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa ture hundaaf dubbii Ermiyaas sana kitaaba maramaa irraa dubbise.
10 Baruque leu para todo o povo as palavras de Jeremias escritas no rolo. Estava diante da sala de Gemarias, filho do secretário Safã. A sala ficava no pátio superior do templo, perto do portão Novo.
11 Miikiyaas ilmi Gemaariyaa ilma Shaafaan yeroo dubbii Waaqayyoo hunda kitaaba maramaa irraa dhagaʼetti,
11 Quando Micaías, filho de Gemarias e neto de Safã, ouviu as mensagens do S enhor escritas no rolo,
12 gara kutaa barreessaa kan masaraa mootummaa keessaa, iddoo qondaaltonni hundi tataaʼaa turanitti gad buʼe; isaanis Eliishaamaa barreessaa, Delaayaa ilma Shemaaʼiyaa, Elnaataan ilma Akboor, Gemaariyaa ilma Shaafaan, Zedeqiyaas ilma Hanaaniyaatii fi qondaaltota biraa hundaa dha.
12 desceu à sala do secretário no palácio onde estavam reunidos os oficiais administrativos. Lá estavam o secretário Elisama, Delaías, filho de Semaías, Elnatã, filho de Acbor, Gemarias, filho de Safã, Zedequias, filho de Hananias, e todos os outros oficiais.
13 Miikiyaas waan yeroo Baaruk kitaaba maramaa irraa uummataaf dubbisetti dhagaʼe sana hunda isaaniitti hime.
13 Quando Micaías lhes falou das mensagens que Baruque estava lendo para o povo,
14 Qondaaltonni hundis akka inni Baarukiin, “Kitaaba maramaa uummataaf dubbifte sana fidii kottu” jedhuuf Yehuudii ilma Naataaniyaa, ilma Shelemiyaa, ilma Kuushii ergan. Kanaafuu Baaruk ilmi Neeriyaa kitaaba maramaa sana harkatti qabatee gara isaanii dhaqe.
14 os oficiais enviaram Jeudi, filho de Netanias, neto de Selemias e bisneto de Cusi, para dizer a Baruque: “Venha e leia as mensagens para nós também”. Então Baruque, filho de Nerias, pegou o rolo e foi até eles.
15 Jarris, “Maaloo, taaʼiitii kitaabicha nuu dubbisi” jedhaniin.
15 “Sente-se e leia o rolo para nós”, disseram os oficiais, e Baruque fez o que pediram.
16 Isaanis yommuu dubbii kana hunda dhagaʼanitti sodaadhaan wal ilaalanii Baarukiin, “Nu waan kana hunda mootichatti himuu qabna” jedhan.
16 Quando ouviram as mensagens, olharam uns para os outros assustados. “Precisamos relatar ao rei o que ouvimos”, disseram a Baruque.
17 Ergasii isaan Baarukiin, “Mee nutti himi; ati akkamitti waan kana hunda barreessite? Ermiyaasitu sitti himee?” jedhanii gaafatan.
17 “Mas, primeiro, diga-nos como você recebeu essas mensagens. Vieram diretamente de Jeremias?”
18 Baarukis, “Eeyyee, Ermiyaasitu dubbii kana hunda natti hime; ani immoo qalamiidhaan kitaaba maramaa irratti barreesse” jedhee deebise.
18 Baruque explicou: “Jeremias as ditou e eu as escrevi com tinta neste rolo, palavra por palavra”.
19 Kana irratti qondaaltonni sun Baarukiin, “Atii fi Ermiyaas dhaqaa dhokadhaa. Namni tokko iyyuu iddoo isin jirtan hin beekin” jedhan.
19 “Você e Jeremias devem se esconder!”, os oficiais disseram a Baruque. “Não digam a ninguém onde estão.”
20 Isaanis kitaaba maramaa sana kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessa kaaʼanii mooticha bira gara oobdii dhaqanii waan hunda isatti himan.
20 Então os oficiais deixaram o rolo guardado na sala do secretário Elisama e foram contar ao rei o que tinham ouvido.
21 Mootichis akka inni kitaabicha fiduuf Yihuudii erge; Yehuudiinis kutaa Eliishaamaa barreessaa sanaa keessaa kitaabicha fidee mootichaa fi qondaaltota isa bira dhaabachaa turan hundaaf dubbise.
21 O rei mandou Jeudi buscar o rolo. Jeudi o levou da sala do secretário Elisama e o leu para o rei e para todos os oficiais presentes.
22 Yeroon sun jiʼa saglaffaa ture; mootichis mana itti yeroo gannaa dabarsu keessa taaʼaa ture; ibiddi girgiraa guddaa irratti bobaʼus fuula isaa dura ture.
22 Era final do outono, e o rei estava numa parte do palácio usada durante o inverno, sentado diante de um braseiro para se aquecer.
23 Yommuu Yehuudiin kitaaba maramaa sana keessaa boʼoo sadii yookaan afur dubbisutti, mootichi hamma kitaabni sun guutumaan guutuutti gubatee dhumutti haaduu barreessaatiin kukkutee girgiraa ibiddaatti darbachaa ture.
23 Cada vez que Jeudi terminava de ler três ou quatro colunas, o rei pegava uma faca, cortava aquela parte do rolo e a jogava no fogo. Assim, pedaço por pedaço, o rolo inteiro foi queimado.
24 Taʼu illee mootichii fi tajaajiltoonni isaa kanneen dubbii kana hunda dhagaʼan hundi homaa hin sodaanne yookaan uffata isaanii hin tarsaafne.
24 Nem o rei nem seus servos mostraram qualquer sinal de medo ou remorso diante do que tinham ouvido.
25 Mootichi yoo Elnaataan, Delaayaa fi Gemaariyaan akka inni kitaabicha hin gubneef isa kadhatan iyyuu isaan hin dhageenye.
25 Mesmo quando Elnatã, Delaías e Gemarias imploraram ao rei que não queimasse o rolo, ele não lhes deu atenção.
26 Qooda kanaa mootichi akka isaan Baaruk barreessaa sanaa fi Ermiyaas raajicha hidhaniif Yeramiʼeel ilma mootii, Seraayaa ilma Azriiʼeeliitii fi Shelemiyaa ilma Abdiʼeel ajaje. Waaqayyo garuu isaan dhoksee ture.
26 Em seguida, o rei ordenou a seu filho Jerameel, a Seraías, filho de Azriel, e a Selemias, filho de Abdeel, que prendessem o profeta Jeremias e seu secretário, Baruque. O S enhor , porém, os tinha escondido.
27 Erga mootichi kitaaba maramaa kan Baaruk dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe itti barreesse sana gubee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
27 Depois que o rei havia queimado o rolo no qual Baruque tinha escrito as palavras de Jeremias, o S enhor deu esta mensagem a Jeremias:
28 “Kitaaba maramaa biraa fuudhiitii dubbii kitaabicha duraa kan Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa gube irra ture sana hunda itti barreessi.
28 “Pegue outro rolo e escreva novamente tudo que estava no primeiro rolo, que o rei Jeoaquim queimou.
29 Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaatiinis akkana jedhi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati kitaaba maramaa sana gubdee, “Ati maaliif akka mootiin Baabilon dhugumaan dhufee biyya kana balleessee namaa fi horii keessaa hobbaasu kitaabicha irratti barreessite?” jettee gaafatte.
29 Depois, diga ao rei: ‘Assim diz o S enhor : Você queimou o rolo porque ele dizia que o rei da Babilônia destruiria esta terra e acabaria com as pessoas e os animais.
30 Kanaafuu Waaqayyo waaʼee Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa akkana jedha: Inni nama teessoo Daawit irra taaʼu hin qabaatu; reeffi isaas gad darbatamee hoʼa guyyaatii fi qorra halkaniitti ni saaxilama.
30 Agora, assim diz o S enhor a respeito de Jeoaquim, rei de Judá: Ele não terá herdeiros para se sentarem no trono de Davi. Seu corpo será lançado fora e não será enterrado; ficará exposto ao calor do dia e à geada da noite.
31 Ani sababii hammina isaaniitiif isa, ijoollee isaatii fi tajaajiltoota isaa nan adaba; sababii isaan na dhaggeeffachuu didaniif ani balaa isaanittin fida jedhee labse sana hunda isaanitti, namoota Yerusaalem keessa jiraatanii fi namoota Yihuudaatti nan fida.’ ”
31 Castigarei o rei, sua família e seus servos por seus pecados. Derramarei sobre eles e sobre todos os habitantes de Jerusalém e de Judá todas as calamidades que prometi, pois não quiseram dar ouvidos às minhas advertências’”.
32 Ergasii Ermiyaas kitaaba maramaa kan biraa fuudhee Baaruk ilma Neeriyaa barreessaa sanatti kenne; Baarukis akkuma Ermiyaas itti himetti dubbii kitaaba maramaa Yehooyaaqiim mootichi Yihuudaa ibiddaan gube sana irra ture hunda itti barreesse. Dubbiin dubbii kana fakkaattu hedduunis itti dabalameera.
32 Então Jeremias pegou outro rolo e ditou novamente a seu secretário, Baruque, filho de Nerias. Escreveu tudo que estava no rolo que o rei Jeoaquim havia queimado. Dessa vez, porém, acrescentou muitas outras coisas.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 36, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.