Jeremias 33

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC

Sair da comparação
ARC Almeida Revista e Corrigida 2009
1 Utuu Ermiyaas amma iyyuu oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu, dubbiin Waaqayyoo yeroo lammaffaa akkana jedhee gara isaa dhufe:
1 E veio a palavra do Senhor a Jeremias, segunda vez, estando ele ainda encerrado no pátio da guarda, dizendo:
2 “Waaqayyo inni lafa uume, Waaqayyo inni lafa tolchee jabeessee ishee dhaabe, kan maqaan isaa Waaqayyo jedhamu sun akkana jedha;
2 Assim diz o Senhor que faz isto, o Senhor que forma isto, para o estabelecer ( o seu nome): é Senhor .
3 ‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’
3 Clama a mim, e responder-te-ei e anunciar-te-ei coisas grandes e firmes, que não sabes.
4 Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee manneen magaalaa kanaatii fi waaʼee masaraa mootota Yihuudaa kanneen ittiin tuulaa biyyootii fi goraadee of irraa dhowwuuf diigaman sanaa akkana jedhaatii;
4 Porque assim diz o Senhor , o Deus de Israel, sobre as casas desta cidade e sobre as casas dos reis de Judá, que foram derribadas com os trabucos e à espada.
5 Baabilononni loluuf ni dhufu; ‘Isaanis magaalaa kana reeffa namoota ani aarii fi dheekkamsa kootiin fixuutiin ni guutu. Ani sababii hammina ishee hundaatii fi magaalaa kana duraa fuula koo dhokfadheeraatii.
5 Eles entraram a pelejar contra os caldeus, mas para que os encha de cadáveres de homens, que feri na minha ira e no meu furor, porquanto escondi o rosto desta cidade, por causa de toda a sua maldade.
6 “ ‘Taʼus ani isaan nan fayyisa; nan bayyanachiisas; ani saba koo nan fayyisa; akka isaan nagaa fi tasgabbii guddaan jiraatan nan godha.
6 Eis que eu farei vir sobre ela saúde e cura, e os sararei, e lhes manifestarei abundância de paz e de verdade.
7 Ani Yihuudaa fi Israaʼelin boojuudhaa deebisee akka isaan dur turanitti nan ijaara.
7 E removerei o cativeiro de Judá e o cativeiro de Israel e os edificarei como no princípio;
8 Cubbuu isaan natti hojjetan hunda irraa isaan nan qulqulleessa; cubbuu isaan natti finciluun hojjetan hundas nan dhiisaaf.
8 e os purificarei de toda a sua maldade com que pecaram contra mim e perdoarei todas as suas iniquidades com que pecaram contra mim e com que transgrediram contra mim.
9 Magaalaan kun fuula saboota lafa irraa warra waan gaarii ani isheef godhe hunda dhagaʼan hundaa duratti maqaa, gammachuu, galataa fi ulfina naa taati; isaan sababii badhaadhummaa fi nagaa ani isheef kennu hundaatiif sodaatanii hollatan.’
9 E esta cidade me servirá de nome de alegria, de louvor e de glória, entre todas as nações da terra que ouvirem todo o bem que eu lhe faço; e espantar-se-ão e perturbar-se-ão por causa de todo o bem e por causa de toda a paz que eu lhe dou.
10 “Waaqayyo akkana jedha: ‘Isin waaʼee iddoo kanaa, “Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru” jettu. Taʼu illee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem kanneen duwwaa hafanii namni yookaan bineensi keessa hin jirre sana keessatti amma illee,
10 Assim diz o Senhor : Neste lugar (de que vós dizeis que está deserto, sem homens nem animais), nas cidades de Judá e nas ruas de Jerusalém, que estão assoladas, sem homens, sem moradores e sem animais, ainda se ouvirá
11 sagaleen ililleetii fi gammachuu, sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, sagaleen warra mana Waaqayyootti aarsaa dhiʼeessanii kan,
11 a voz de gozo, e a voz de alegria, e a voz de noivo, e a voz de esposa, e a voz dos que dizem: Louvai ao Senhor dos Exércitos, porque bom é o Senhor , porque a sua benignidade é para sempre; e a voz dos que trazem louvor à Casa do Senhor ; pois farei que torne o cativeiro da terra como no princípio, diz o Senhor .
12 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Iddoo onaa namni yookaan horiin keessa hin jiraanne kanaa fi magaalaawwan ishee hunda keessa lafti dheedaa kan tiksoonni bushaayee isaanii itti boqochiifatan ammas ni jiraata.
12 Assim diz o Senhor dos Exércitos: Ainda neste lugar que está deserto, sem homens e sem animais e em todas as suas cidades haverá uma morada de pastores que façam repousar o gado.
13 Magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, kanneen gaarran dhiʼaatii fi Negeeb keessatti, biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa keessatti amma illee bushaayeen harka nama isaan toʼatuu jala ni hulluuqu’ jedha Waaqayyo.
13 Nas cidades das montanhas, e nas cidades das planícies, e nas cidades do Sul, e na terra de Benjamim, e nos contornos de Jerusalém, e nas cidades de Judá, ainda passará o gado pelas mãos dos contadores, diz o Senhor .
14 “ ‘Barri ani’ jedha Waaqayyo ‘waadaa gaarii ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaatiif seene sana itti fiixaan baasu ni dhufa.’
14 Eis que vêm dias, diz o Senhor , em que cumprirei a palavra boa que falei à casa de Israel e à casa de Judá.
15 “ ‘Bara sana keessa, yeroo sanatti
15 Naqueles dias e naquele tempo, farei que brote a Davi um Renovo de justiça, e ele fará juízo e justiça na terra.
16 Bara sana keessa Yihuudaan ni fayya;
16 Naqueles dias, Judá será salvo, e Jerusalém habitará seguramente; e este é o nome que lhe chamarão: O Senhor É Nossa Justiça.
17 Waaqayyo akkana jedhaatii: ‘Daawit gonkumaa nama teessoo mana Israaʼel irra taaʼu hin dhabu;
17 Porque assim diz o Senhor : Nunca faltará a Davi varão que se assente sobre o trono da casa de Israel,
18 yookaan luboonni warri Lewwota taʼan gonkumaa nama aarsaa gubamu dhiʼeessuuf, kennaa midhaanii gubuu fi qalma dhiʼeessuuf ittuma fufee fuula koo dura dhaabatu hin dhaban.’ ”
18 nem aos sacerdotes levíticos faltará varão diante de mim, para que ofereça holocausto, e queime oferta de manjares, e faça sacrifício todos os dias.
19 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
19 E veio a palavra do Senhor a Jeremias, dizendo:
20 “Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan,
20 Assim diz o Senhor : Se puderdes invalidar o meu concerto do dia, e o meu concerto da noite, de tal modo que não haja dia e noite a seu tempo,
21 kakuun ani garbicha koo Daawit wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawitis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu.
21 também se poderá invalidar o meu concerto com Davi, meu servo, para que não tenha filho que reine no seu trono, como também com os levitas sacerdotes, meus ministros.
22 Ani sanyii garbicha koo Daawitii fi Lewwota fuula koo dura tajaajilan akkuma urjiiwwan samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu hin dandeenyee nan baayʼisa.’ ”
22 Como não se pode contar o exército dos céus, nem medir-se a areia do mar, assim multiplicarei a descendência de Davi, meu servo, e os levitas que ministram diante de mim.
23 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
23 E veio ainda a palavra do Senhor a Jeremias, dizendo:
24 “Ati akka uummanni kun, ‘Waaqayyo mootummoota filatee ture lamaan gateera’ jechaa jiru hin qalbeeffannee? Kanaafuu isaan saba koo tuffataniiru; siʼachis akka saba tokkootti isa hin ilaalan.
24 Não tens visto o que este povo fala, dizendo: As duas gerações que o Senhor elegeu, agora as rejeitou? E desprezam o meu povo, como se não fora já um povo diante deles.
25 Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani utuu halkanii fi guyyaa wajjin kakuu koo jabeessee dhaabuu baadhee, samii fi lafaafis seera kaaʼuu baadhee,
25 Assim diz o Senhor : Se o meu concerto do dia e da noite não permanecer, e eu não puser as ordenanças dos céus e da terra,
26 silaa sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit gatee akka inni sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi kan Yaaqoob bulchuuf ilmaan isaa keessaa nama tokko hin filadhu ture. Anis boojiʼamtoota isaanii nan deebisa; garaa illee nan laafaaf.’ ”
26 também rejeitarei a descendência de Jacó e de Davi, meu servo, de modo que não tome da sua semente quem domine sobre a semente de Abraão, Isaque e Jacó; porque removerei o seu cativeiro e apiedar-me-ei deles.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 33, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.