Jeremias 28
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Jalqaba bulchiinsa mootummaa Zedeqiyaa mootii Yihuudaatti, jiʼa shanaffaa waggaa sanaatti, waggaa afuraffaatti, Hanaaniyaan raajichi ilmi Azuri, namni Gibeʼoon sun mana Waaqayyoo keessatti, fuula lubootaatii fi uummata hundaa duratti akkana naan jedhe:
1 No mesmo ano, no princípio do reinado de Zedequias, rei de Judá, isto é, no quinto mês do quarto ano, Hananias, filho de Azur e profeta da cidade de Gibeão, falou comigo na Casa do Senhor , na presença dos sacerdotes e de todo o povo. Ele me disse:
2 “Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa.
2 — Assim diz o Senhor dos Exércitos, o Deus de Israel: “Quebrei o jugo do rei da Babilônia.
3 Ani waggaa lama keessatti miʼoota mana Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar mootichi Baabilon asii guuree Baabilonitti geesse hunda iddoo kanatti deebisee nan fida.
3 Dentro de dois anos, eu trarei de volta a este lugar todos os utensílios da Casa do Senhor , que Nabucodonosor, rei da Babilônia, tirou daqui e levou para a Babilônia.
4 Ani amma illee Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sanaa fi boojiʼamtoota Yihuudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman kaan hunda iddoo kanatti deebisee nan fida; ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsaatii’ jedha Waaqayyo.”
4 Eu também trarei de volta a este lugar Jeconias, filho de Jeoaquim, rei de Judá, e todos os exilados de Judá que foram para a Babilônia, diz o Senhor ; porque quebrei o jugo do rei da Babilônia.”
5 Ermiyaas raajichi fuuluma lubootaatii fi uummata mana Waaqayyoo keessa dhaabachaa turan hundaa duratti akkana jedhee Hanaaniyaa raajichaaf deebii kenne;
5 Então o profeta Jeremias respondeu ao profeta Hananias, na presença dos sacerdotes e de todo o povo que estava na Casa do Senhor .
6 “Ameen! Waaqayyo waan kana haa godhu! Waaqayyo miʼa mana Waaqayyootii fi boojiʼamtoota boojiʼaman hunda Baabilonii iddoo kanatti deebisuudhaan raajii ati dubbatte haa raawwatu.
6 Jeremias disse: — Amém! Que assim faça o
7 Taʼus waan ani utuu atii fi namoonni kun hundi dhageessanuu dubbadhu kana dhagaʼi:
7 Mas ouça bem esta palavra, que eu falo a você e a todo o povo:
8 Raajonni anaa fi siin dura turan bara duriitii jalqabanii akka biyyoota baayʼee fi mootummoota gurguddootti waraanni, badiisnii fi dhaʼichi dhufu raajaniiru.
8 Os profetas que houve antes de mim e antes de você, desde a antiguidade, profetizaram guerra, calamidade e peste contra muitas terras e grandes reinos.
9 Raajiin nagaa raaju garuu yoo raajiin isaa sun fiixaan baʼe qofa akka Waaqayyo biraa ergame beekama.”
9 O profeta que profetizar paz será conhecido como profeta enviado pelo Senhor apenas quando a sua palavra se cumprir.
10 Ergasii Hanaaniyaan raajichi morma Ermiyaas raajichaa irraa waanjoo fuudhee cabse;
10 Então o profeta Hananias tirou a canga que estava no pescoço do profeta Jeremias e a quebrou.
11 innis fuula nama hundaa duratti akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani waggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezar mooticha Baabilon morma saboota hundaa irraa akkanuma nan cabsa.’ ” Kana irratti Ermiyaas raajichi karaa isaa qabatee qajeele.
11 Depois falou na presença de todo o povo: — Assim diz o Diante disso, Jeremias, o profeta, foi embora, seguindo o seu caminho.
12 Erga Hanaaniyaan raajichi waanjoo morma Ermiyaas raajichaa irraa cabsee booddee dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
12 Mas depois que Hananias, o profeta, quebrou a canga que estava no pescoço do profeta Jeremias, veio a palavra do Senhor a Jeremias, dizendo:
13 “Dhaqiitii akkana jedhii Hanaaniyaatti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waanjoo mukaa cabsiteerta; garuu qooda isaa waanjoo sibiilaa ni argatta.
13 — Vá e fale com Hananias, dizendo: Assim diz o Senhor : “Você quebrou uma canga de madeira, mas ela será substituída por uma canga de ferro.
14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani akka isaan Nebukadnezar mooticha Baabilon tajaajilan gochuuf morma saboota kana hundaa irra waanjoo sibiilaa nan kaʼaa; isaanis isa ni tajaajilu. Ani bineensa irratti illee ol aantummaa isaaf nan kenna.’ ”
14 Porque assim diz o Senhor dos Exércitos, o Deus de Israel: Porei um jugo de ferro sobre o pescoço de todas estas nações, para servirem Nabucodonosor, rei da Babilônia; e elas o servirão. Até os animais selvagens eu entreguei a ele.”
15 Ermiyaas raajichis Hanaaniyaa raajichaan akkana jedhe: “Yaa Hanaaniyaa dhagaʼi! Waaqayyo si hin ergine; ati garuu akka sabni kun sobaa abdatu gooteerta.
15 Então o profeta Jeremias disse ao profeta Hananias: — Escute bem, Hananias: O
16 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani lafa irraa sin balleessa; ati waan Waaqayyo irratti fincila lallabdeef baruma kana duuta.’ ”
16 Por isso, assim diz o Senhor : “Eis que eu o expulsarei da face da terra. Você morrerá ainda este ano, porque pregou rebeldia contra o Senhor .”
17 Hanaaniyaa raajichis wagguma sana keessa jiʼa torbaffaatti duʼe.
17 E o profeta Hananias morreu naquele mesmo ano, no sétimo mês.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jeremias 28, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.