Jó 2

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVI

Sair da comparação
NVI Nova Versão Internacional
1 Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufan; Seexannis isaan wajjin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufe.
1 Num outro dia os anjos vieram apresentar-se ao Senhor, e Satanás também veio com eles para apresentar-se.
2 Waaqayyos Seexanaan, “Ati eessaa dhufte?” jedhe.
2 E o Senhor disse a Satanás, "De onde você vem? " Satanás respondeu ao Senhor: "De perambular pela terra e andar por ela".
3 Waaqayyos Seexanaan akkana jedhe; “Tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate dha. Ati akka ani sababii tokko malee isa balleessuuf na kakaaftu iyyuu inni hamma ammaatti qajeelummaa isaa cichee qabateera.”
3 Disse então o Senhor a Satanás: "Reparou em meu servo Jó? Não há ninguém na terra como ele, irrepreensível, íntegro, homem que teme a Deus e evita o mal. Ele se mantém íntegro, apesar de você me haver instigado contra ele para arruiná-lo sem motivo".
4 Seexannis deebisee akkana jedhe; “Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna.
4 "Pele por pele! ", respondeu Satanás. "Um homem dará tudo o que tem por sua vida.
5 Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara.”
5 Estende a tua mão e fere a sua carne e os seus ossos, e com certeza ele te amaldiçoará na tua face. "
6 Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo inni si harka jira; lubbuu isaa garuu hin tuqin” jedhe.
6 O Senhor disse a Satanás: "Pois bem, ele está nas suas mãos; apenas poupe a vida dele".
7 Kanaafuu Seexanni fuula Waaqayyoo duraa baʼee Iyyoobin faana miilla isaatii jalqabee hamma gubbee mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute.
7 Saiu, pois, Satanás da presença do Senhor e afligiu Jó com feridas terríveis, da sola dos pés ao alto da cabeça.
8 Iyyoobis ittiin of hooquuf jedhee qiraacii fudhatee daaraa keessa taaʼe.
8 Então Jó apanhou um caco de louça com o qual se raspava, sentado entre as cinzas.
9 Niitiin isaa, “Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Waaqa abaariitii duʼi!” isaan jette.
9 Então sua mulher lhe disse: "Você ainda mantém a sua integridade? Amaldiçoe a Deus, e morra! "
10 Inni immoo deebisee, “Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Waaqaatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?” jedhe.
10 Ele respondeu: "Você fala como uma insensata. Aceitaremos o bem dado por Deus, e não o mal? " Em tudo isso Jó não pecou com os lábios.
11 Michoonni Iyyoob sadan jechuunis Eliifaaz namni Teemaan, Bildaad namni Shuhaatii fi Zoofaari namni Naaʼimaataa yommuu waan Iyyoob irra gaʼe hunda dhagaʼanitti rakkina isaa qoodachuu fi isa jajjabeessuudhaaf tokkummaan walii galanii mana isaaniitii baʼan.
11 Quando três amigos de Jó, Elifaz, de Temã, Bildade, de Suá, e Zofar, de Naamate, souberam de todos os males que o haviam atingido, saíram, cada um da sua região, e combinaram encontrar-se para mostrar solidariedade a Jó e consolá-lo.
12 Yommuu fagootti isa arganitti isa beekuu hin dandeenye; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼan; uffata isaaniis tarsaasanii mataa isaaniitti daaraa firfirfatan.
12 Quando o viram à distância, mal puderam reconhecê-lo e começaram a chorar em alta voz. Cada um deles rasgou o manto e colocou terra sobre a cabeça.
13 Ergasiis guyyaa torbaa fi halkan torba isa wajjin lafa tataaʼan. Isaan sababii dhiphinni isaa akka malee cimaa taʼuu isaa arganiif, namni tokko iyyuu homaa isatti hin dubbanne.
13 Depois se assentaram no chão com ele, durante sete dias e sete noites. Ninguém lhe disse uma palavra, pois viam como era grande o seu sofrimento.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jó 2, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.