Jó 1
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NVT
1 Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.
1 Havia um homem chamado Jó que vivia na terra de Uz. Ele era íntegro e correto, temia a Deus e se mantinha afastado do mal.
2 Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture;
2 Tinha sete filhos e três filhas.
3 akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.
3 Era dono de sete mil ovelhas, três mil camelos, quinhentas juntas de bois e quinhentas jumentas. Também tinha muitos servos. Na verdade, era o homem mais rico de toda aquela região.
4 Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture.
4 Os filhos de Jó se revezavam em preparar banquetes em suas casas e convidavam suas três irmãs para celebrar com eles.
5 Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Iyyoob itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, “Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Waaqa abaaraniiru taʼa” jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Iyyoob yeroo hunda waan kana godha ture.
5 Quando terminavam esses dias de festas, Jó mandava chamar seus filhos, a fim de purificá-los. Levantava-se de manhã bem cedo e oferecia um holocausto em favor de cada um deles, pois pensava: “Pode ser que meus filhos tenham pecado e amaldiçoado a Deus em seu coração”. Essa era a prática habitual de Jó.
6 Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe.
6 Certo dia, os anjos vieram à presença do S enhor , e Satanás, o acusador, veio com eles.
7 Waaqayyos seexanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe.
7 “De onde você vem?”, perguntou o S enhor . Satanás respondeu: “Estive rodeando a terra, observando o que nela acontece”.
8 Waaqayyos Seexanaan, “Ati tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe.
8 Então o S enhor perguntou: “Você reparou em meu servo Jó? Não há ninguém na terra como ele. É homem íntegro e correto, teme a Deus e se mantém afastado do mal”.
9 Seexanni immoo deebisee akkana jedhe, “Iyyoob akkasumaan Waaqa sodaataa?
9 Satanás respondeu: “É verdade, mas Jó tem bons motivos para temer a Deus.
10 Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf.
10 Tu puseste um muro de proteção ao redor dele, de sua família e de seus bens e o abençoaste em tudo que ele faz. Vê como ele é rico!
11 Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.”
11 Estende tua mão e toma tudo que ele tem, e certamente ele te amaldiçoará na tua face!”.
12 Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe.
12 “Pois bem, você pode prová-lo”, disse o S enhor . “Faça o que quiser com tudo que ele possui, mas não lhe cause nenhum dano físico.” Então Satanás saiu da presença do S enhor .
13 Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Iyyoob mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu,
13 Certo dia, quando os filhos e as filhas de Jó estavam num banquete na casa do irmão mais velho,
14 ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe; “Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu,
14 chegou à casa de Jó um mensageiro com esta notícia: “Seus bois estavam arando, e os jumentos, pastando perto deles,
15 namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
15 quando os sabeus nos atacaram. Roubaram todos os animais e mataram todos os empregados. Só eu escapei para lhe contar”.
16 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee, “Ibiddi Waaqaa samiidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
16 Enquanto ele falava, outro mensageiro chegou com esta notícia: “O fogo de Deus caiu do céu e queimou suas ovelhas e todos os seus pastores. Só eu escapei para lhe contar”.
17 Utuu inni dubbachaa jiruu ammas ergamaan biraa dhufee, “Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
17 Enquanto ele falava, outro mensageiro chegou com esta notícia: “Três bandos de saqueadores caldeus roubaram seus camelos e mataram seus servos. Só eu escapei para lhe contar”.
18 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee akkana jedheen; “Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan;
18 Enquanto ele falava, ainda outro mensageiro chegou com esta notícia: “Seus filhos e suas filhas estavam num banquete na casa do irmão mais velho.
19 yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
19 De repente, veio do deserto um vendaval terrível e atingiu a casa de todos os lados. A casa desabou, e todos os seus filhos morreram. Só eu escapei para lhe contar”.
20 Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee
20 Então Jó se levantou e rasgou seu manto. Depois, raspou a cabeça, prostrou-se com o rosto no chão em adoração
21 akkana jedhe:
21 e disse: “Saí nu do ventre de minha mãe, e estarei nu quando partir. O S e o S Louvado seja o nome do S
22 Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob hojii dogoggoraatiin Waaqa himachuudhaan cubbuu hin hojjenne.
22 Em tudo isso, Jó não pecou nem culpou a Deus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Jó 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.