João 8
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
1 Jesus, no entanto, foi para o monte das Oliveiras.
2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
2 De madrugada, voltou novamente para o templo, e todo o povo se reuniu em volta dele; e Jesus, assentado, os ensinava.
3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
3 Então os escribas e fariseus trouxeram à presença dele uma mulher surpreendida em adultério e, fazendo-a ficar em pé no meio de todos,
4 Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
4 disseram a Jesus: — Mestre, esta mulher foi surpreendida em flagrante adultério.
5 Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
5 Na Lei, Moisés nos ordenou que tais mulheres sejam apedrejadas. E o senhor, o que tem a dizer?
6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan.
6 Eles diziam isso tentando-o, para terem de que o acusar. Mas Jesus, inclinando-se, escrevia na terra com o dedo.
7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
7 Como eles insistiam na pergunta, Jesus se levantou e lhes disse:
8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
8 E, inclinando-se novamente, continuou a escrever no chão.
9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
9 Mas eles, ouvindo essa resposta, foram saindo um por um, a começar pelos mais velhos até os últimos, ficando só Jesus e a mulher em pé diante dele.
10 Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
10 Levantando-se, Jesus perguntou a ela:
11 Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen.
11 Ela respondeu: — Ninguém, Senhor! Então Jesus disse:
12 Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
12 De novo, Jesus lhes falou, dizendo:
13 Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
13 Então os fariseus lhe disseram: — Você dá testemunho de si mesmo. O testemunho que você dá não é verdadeiro.
14 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
14 Jesus respondeu:
15 Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
15 Vocês julgam segundo a carne; eu não julgo ninguém.
16 Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
16 E, se eu julgo, o meu juízo é verdadeiro, porque não sou só eu que julgo, mas eu e o Pai, que me enviou.
17 Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
17 Também na Lei de vocês está escrito que o testemunho de duas pessoas é verdadeiro.
18 Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
18 Eu dou testemunho de mim mesmo, e o Pai, que me enviou, também dá testemunho de mim.
19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan.
19 Então eles lhe perguntaram: — Onde está o seu Pai? Jesus respondeu:
20 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
20 Jesus proferiu essas palavras perto da caixa de ofertas, quando ensinava no templo. Ninguém o prendeu, porque ainda não havia chegado a sua hora.
21 Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
21 Outra vez Jesus lhes falou, dizendo:
22 Yihuudoonnis, “ ‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
22 Então os judeus diziam: — Será que ele tem a intenção de se suicidar? Porque diz: “Para onde eu vou vocês não podem ir.”
23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
23 Jesus lhes disse:
24 Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
24 Por isso, eu lhes disse que vocês morrerão em seus pecados. Porque, se não crerem que
25 Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
25 Então lhe perguntaram: — Quem é você? Jesus respondeu:
26 Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
26 Muitas coisas tenho para falar e julgar a respeito de vocês. Porém aquele que me enviou é verdadeiro, de modo que as coisas que dele ouvi, essas digo ao mundo.
27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
27 Eles não entenderam que Jesus lhes falava do Pai.
28 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
28 Então Jesus disse:
29 Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
29 E aquele que me enviou está comigo, não me deixou só, porque eu faço sempre o que lhe agrada.
30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
30 Quando Jesus disse isto, muitos creram nele.
31 Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
31 Então Jesus disse aos judeus que haviam crido nele:
32 Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
32 conhecerão a verdade, e a verdade os libertará.
33 Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
33 Eles responderam: — Somos descendência de Abraão e jamais fomos escravos de ninguém. Como você pode dizer que seremos livres?
34 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
34 Jesus respondeu:
35 Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata.
35 O escravo não fica sempre na casa; o filho, sim, fica para sempre.
36 Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
36 Se, pois, o Filho os libertar, vocês serão verdadeiramente livres.
37 Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
37 Bem sei que vocês são descendência de Abraão; no entanto, estão querendo me matar, porque a minha palavra não está em vocês.
38 Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
38 Eu falo das coisas que vi junto de meu Pai; vocês, porém, fazem o que ouviram do pai de vocês.
39 Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan.
39 Então lhe disseram: — Nosso pai é Abraão. Mas Jesus respondeu:
40 Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.
40 Mas agora vocês estão querendo me matar, a mim que lhes falei a verdade que ouvi de Deus; Abraão não fez isso.
41 Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.”
41 Vocês fazem as obras do pai de vocês. Eles responderam: — Nós não somos filhos ilegítimos. Temos um pai, que é Deus.
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
42 Jesus disse:
43 Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
43 Por que vocês não compreendem a minha linguagem? É porque vocês são incapazes de ouvir a minha palavra.
44 Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
44 Vocês são do diabo, que é o pai de vocês, e querem satisfazer os desejos dele. Ele foi assassino desde o princípio e jamais se firmou na verdade, porque nele não há verdade. Quando ele profere mentira, fala do que lhe é próprio, porque é mentiroso e pai da mentira.
45 Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
45 Mas, porque eu digo a verdade, vocês não creem em mim.
46 Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
46 Quem de vocês me convence de pecado? Se digo a verdade, por que não creem em mim?
47 Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
47 Quem é de Deus ouve as palavras de Deus; por isso, vocês não me ouvem, porque não são de Deus.
48 Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
48 Os judeus disseram a Jesus: — Será que não temos razão em dizer que você é samaritano e tem demônio?
49 Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
49 Jesus respondeu:
50 Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
50 Eu não procuro a minha própria glória; há quem a busque e julgue.
51 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”
51 Em verdade, em verdade lhes digo que, se alguém guardar a minha palavra, não verá a morte eternamente.
52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta.
52 Então os judeus disseram: — Agora estamos certos de que você tem demônio. Abraão morreu, e também os profetas, e você diz: “Se alguém guardar a minha palavra, não provará a morte eternamente.”
53 Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
53 Você não está querendo dizer que é maior do que Abraão, o nosso pai, que morreu? Também os profetas morreram. Quem você pensa que é?
54 Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.
54 Jesus respondeu:
55 Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
55 Entretanto, vocês não o conhecem; eu, porém, o conheço. Se eu disser que não o conheço, serei como vocês: mentiroso; mas eu o conheço e guardo a sua palavra.
56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
56 Abraão, o pai de vocês, alegrou-se por ver o meu dia; e ele viu esse dia e ficou alegre.
57 Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin.
57 Então os judeus lhe perguntaram: — Você não tem nem cinquenta anos e viu Abraão?
58 Yesuusis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
58 Jesus respondeu:
59 Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.
59 Então pegaram pedras para atirar nele, mas Jesus se ocultou e saiu do templo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 8, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.