João 7
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine.
1 Depois disso, Jesus começou a andar pela Galileia; ele não queria andar pela Judeia, pois os líderes judeus dali estavam querendo matá-lo.
2 Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture.
2 Aconteceu que a festa dos judeus chamada Festa das Barracas estava perto.
3 Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi.
3 Então os irmãos de Jesus disseram a ele: — Saia daqui e vá para a Judeia a fim de que os seus seguidores vejam o que você está fazendo.
4 Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.”
4 Pois quem quer ser bem-conhecido não deve esconder o que está fazendo. Já que você faz essas coisas, deixe que todos o conheçam.
5 Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
5 Até os irmãos de Jesus não criam nele.
6 Yesuusis akkana jedheen; “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.
6 Ele respondeu:
7 Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.
7 O mundo não pode ter ódio de vocês, mas tem ódio de mim porque eu afirmo que o que o mundo faz é mau.
8 Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”
8 Vão vocês à festa, mas eu não vou porque a minha hora ainda não chegou.
9 Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.
9 Jesus disse isso e ficou na Galileia.
10 Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe.
10 Depois que os seus irmãos foram à festa, Jesus também foi, mas fez isso em segredo e não publicamente.
11 Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.
11 Os líderes judeus o procuravam na festa e perguntavam: — Onde é que está aquele homem?
12 Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan.
12 Na multidão havia muita gente comentando sobre ele. Alguns diziam: — Ele é bom. — Não é não; ele engana o povo! — afirmavam outros.
13 Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.
13 Mas ninguém falava abertamente sobre ele porque todos tinham medo dos líderes judeus.
14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe.
14 Quando a festa já estava no meio, Jesus foi ao Templo e começou a ensinar.
15 Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan.
15 Os líderes judeus ficaram muito admirados e diziam: — Como é que ele sabe tanto sem ter estudado?
16 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.
16 Jesus disse:
17 Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.
17 Quem quiser fazer a vontade de Deus saberá se o meu ensino vem de Deus ou se falo em meu próprio nome.
18 Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.
18 Quem fala em seu próprio nome está procurando ser elogiado. Mas quem quer conseguir louvores para aquele que o enviou, esse é honesto, e não há falsidade nele.
19 Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”
19 Foi Moisés quem deu a
20 Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.
20 A multidão respondeu: — Você está dominado por um demônio! Quem é que está querendo matá-lo?
21 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.
21 Então Jesus disse:
22 Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.
22 Vocês
23 Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?
23 Para não deixarem de cumprir a Lei de Moisés, vocês circuncidam um menino, mesmo no sábado. Então por que ficam com raiva de mim quando eu curo completamente uma pessoa no sábado?
24 Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”
24 Parem de julgar pelas aparências e julguem com justiça.
25 Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?
25 Algumas pessoas que moravam em Jerusalém perguntavam: — Não é este o homem que estão querendo matar?
26 Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos taʼe sirriitti beekaniiruu laata?
26 Vejam! Ele está falando em público, e ninguém diz nada contra ele! Será que as autoridades sabem mesmo que ele é o Messias ?
27 Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.”
27 No entanto, quando o Messias vier, ninguém saberá de onde ele é; e nós sabemos de onde este homem vem.
28 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;
28 Quando estava ensinando no pátio do Templo, Jesus disse bem alto:
29 ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”
29 Mas eu o conheço porque venho dele e fui mandado por ele.
30 Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
30 Então quiseram prender Jesus, mas ninguém fez isso porque a sua hora ainda não tinha chegado.
31 Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan.
31 Porém muitas pessoas que estavam na multidão creram nele e perguntavam: — Quando o Messias vier, será que vai fazer milagres maiores do que este homem tem feito?
32 Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.
32 Os fariseus ouviram a multidão comentando essas coisas sobre Jesus, e por isso eles e os chefes dos sacerdotes mandaram guardas para o prenderem.
33 Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.
33 Jesus disse:
34 Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
34 Vocês vão me procurar e não vão me achar, pois não podem ir para onde eu vou.
35 Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa?
35 Então os líderes judeus começaram a comentar: — Para onde será que ele vai que não o poderemos achar? Será que ele vai morar com os judeus que moram no estrangeiro? Será que vai ensinar os não judeus?
36 ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?”
36 O que será que ele quis dizer quando afirmou: “Vocês vão me procurar e não vão me achar, pois não podem ir para onde eu vou”?
37 Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.
37 O último dia da festa era o mais importante. Naquele dia Jesus se pôs de pé e disse bem alto:
38 Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”
38 Como dizem as
39 Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.
39 Jesus estava falando a respeito do Espírito Santo, que aqueles que criam nele iriam receber. Essas pessoas não tinham recebido o Espírito porque Jesus ainda não havia voltado para a presença gloriosa de Deus.
40 Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan.
40 Muitas pessoas que ouviram essas palavras afirmavam: — De fato, este homem é o
41 Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan.
41 Outros diziam: — Ele é o E ainda outras pessoas perguntavam: — Mas será que o Messias virá da Galileia?
42 Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?”
42 As Escrituras Sagradas dizem que o Messias será descendente de Davi e vai nascer em Belém, onde Davi morou.
43 Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame.
43 Então o povo se dividiu por causa dele.
44 Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
44 Alguns queriam prender Jesus, mas ninguém fez isso.
45 Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan.
45 Os guardas voltaram para o lugar onde estavam os chefes dos sacerdotes e os fariseus , e eles perguntaram: — Por que vocês não trouxeram aquele homem?
46 Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan.
46 Eles responderam: — Nunca ninguém falou como ele!
47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu?
47 Então os fariseus disseram aos guardas: — Será que vocês também foram enganados?
48 Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa?
48 Por acaso alguma autoridade ou algum fariseu creu nele?
49 Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.”
49 Essa gente que não conhece a Lei está amaldiçoada por Deus.
50 Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe;
50 Mas Nicodemos, que era um deles e que certa ocasião havia falado com Jesus, disse:
51 “Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?”
51 — De acordo com a nossa Lei não podemos condenar um homem sem ouvi-lo primeiro e descobrir o que ele fez.
52 Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin.
52 — Por acaso você também é da Galileia? — perguntaram eles. — Estude as Escrituras Sagradas e verá que da Galileia nunca surgiu nenhum profeta .
53 Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.
53 — ausente —
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 7, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.