João 6
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe;
1 Depois disso, Jesus atravessou o lago da Galileia, que também é chamado de Tiberíades.
2 namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan.
2 Uma grande multidão o seguia porque eles tinham visto os milagres que Jesus tinha feito, curando os doentes.
3 Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe.
3 Ele subiu um monte e sentou-se ali com os seus discípulos.
4 Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
4 A Páscoa , a festa principal dos judeus, estava perto.
5 Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe.
5 Jesus olhou em volta de si e viu que uma grande multidão estava chegando perto dele. Então disse a Filipe:
6 Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
6 Ele sabia muito bem o que ia fazer, mas disse isso para ver qual seria a resposta de Filipe.
7 Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
7 Filipe respondeu assim: — Para cada pessoa poder receber um pouco de pão, nós precisaríamos gastar mais de duzentas moedas de prata .
8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen;
8 Então um dos discípulos, André, irmão de Simão Pedro, disse:
9 “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
9 — Está aqui um menino que tem cinco pães de cevada e dois peixinhos. Mas o que é isso para tanta gente?
10 Yesuusis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture.
10 Jesus disse: Então todos se sentaram. (Havia muita grama naquele lugar.) Estavam ali quase cinco mil homens.
11 Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
11 Em seguida Jesus pegou os pães, deu graças a Deus e os repartiu com todos; e fez o mesmo com os peixes. E todos comeram à vontade.
12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe.
12 Quando já estavam satisfeitos, ele disse aos discípulos:
13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
13 Eles ajuntaram os pedaços e encheram doze cestos com o que sobrou dos cinco pães.
14 Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan.
14 Os que viram esse milagre de Jesus disseram: — De fato, este é o
15 Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
15 Jesus ficou sabendo que queriam levá-lo à força para o fazerem rei; então voltou sozinho para o monte.
16 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;
16 De tardinha, os discípulos de Jesus desceram até o lago.
17 achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.
17 Subiram num barco e começaram a atravessar o lago na direção da cidade de Cafarnaum. Quando já estava escuro, Jesus ainda não tinha vindo se encontrar com eles.
18 Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame.
18 De repente, um vento forte começou a soprar e a levantar as ondas.
19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis.
19 Os discípulos já tinham remado uns cinco ou seis quilômetros, quando viram Jesus andando em cima da água e chegando perto do barco. E ficaram com muito medo.
20 Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen.
20 Mas Jesus disse:
21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
21 Então eles o receberam com prazer no barco e logo chegaram ao lugar para onde estavam indo.
22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan.
22 No dia seguinte a multidão que estava no lado leste do lago viu que ali só havia um barco pequeno. Sabiam que Jesus não tinha embarcado com os discípulos, pois estes haviam saído sozinhos.
23 Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan.
23 Enquanto isso, outros barcos chegaram da cidade de Tiberíades e encostaram perto do lugar onde a multidão tinha comido pão depois de o Senhor Jesus ter dado graças.
24 Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
24 Quando viram que Jesus e os seus discípulos não estavam ali, subiram nos barcos e saíram para Cafarnaum a fim de procurá-lo.
25 Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
25 A multidão encontrou Jesus no lado oeste do lago, e perguntaram a ele: — Mestre, quando foi que o senhor chegou aqui?
26 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.
26 Jesus respondeu:
27 Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.”
27 Não trabalhem a fim de conseguir a comida que se estraga, mas a fim de conseguir a comida que dura para a vida eterna. O
28 Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
28 — O que é que Deus quer que a gente faça? — perguntaram eles.
29 Yesuusis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti” jedhee deebiseef.
29 — Ele quer que vocês creiam naquele que ele enviou! — respondeu Jesus.
30 Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas?
30 Eles disseram: — Que milagre o senhor vai fazer para a gente ver e crer no senhor? O que é que o senhor pode fazer?
31 ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
31 Os nossos antepassados comeram o maná no deserto, como dizem as Escrituras Sagradas : “Do céu ele deu pão para eles comerem.”
32 Yesuusis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.
32 Jesus disse:
33 Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
33 Porque o pão que Deus dá é aquele que desce do céu e dá vida ao mundo.
34 Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
34 — Queremos que o senhor nos dê sempre desse pão! — pediram eles.
35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
35 Jesus respondeu:
36 Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.
36 Mas eu já disse que vocês não creem em mim, embora estejam me vendo.
37 Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
37 Todos aqueles que o Pai me dá virão a mim; e de modo nenhum jogarei fora aqueles que vierem a mim.
38 Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.
38 Pois eu desci do céu para fazer a vontade daquele que me enviou e não para fazer a minha própria vontade.
39 Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.
39 E a vontade de quem me enviou é esta: que nenhum daqueles que o Pai me deu se perca, mas que eu ressuscite todos no último dia.
40 Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
40 Pois a vontade do meu Pai é que todos os que veem o Filho e creem nele tenham a vida eterna; e no último dia eu os ressuscitarei.
41 Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban.
41 Eles começaram a criticar Jesus porque ele tinha dito: “Eu sou o pão que desceu do céu.”
42 Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
42 E diziam: — Este não é Jesus, filho de José? Por acaso nós não conhecemos o pai e a mãe dele? Como é que agora ele diz que desceu do céu?
43 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
43 Jesus respondeu:
44 Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
44 Só poderão vir a mim aqueles que forem trazidos pelo Pai, que me enviou, e eu os ressuscitarei no último dia.
45 Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
45 Nos
46 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.
46 Isso não quer dizer que alguém já tenha visto o Pai, a não ser aquele que vem de Deus; ele já viu o Pai.
47 Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
47 — Eu afirmo a vocês que isto é verdade: quem crê tem a vida eterna.
48 Buddeenni jireenyaa ana.
48 Eu sou o pão da vida.
49 Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.
49 Os antepassados de vocês comeram o maná no deserto, mas morreram.
50 Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.
50 Aqui está o pão que desce do céu; e quem comer desse pão nunca morrerá.
51 Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.”
51 Eu sou o pão vivo que desceu do céu. Se alguém comer desse pão, viverá para sempre. E o pão que eu darei para que o mundo tenha vida é a minha carne.
52 Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
52 Aí eles começaram a discutir entre si. E perguntavam: — Como é que este homem pode dar a sua própria carne para a gente comer?
53 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
53 Então Jesus disse:
54 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
54 Quem come a minha carne e bebe o meu sangue tem a vida eterna, e eu o ressuscitarei no último dia.
55 Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.
55 Pois a minha carne é a comida verdadeira, e o meu sangue é a bebida verdadeira.
56 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.
56 Quem come a minha carne e bebe o meu sangue vive em mim, e eu vivo nele.
57 Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.
57 O Pai, que tem a vida, foi quem me enviou, e por causa dele eu tenho a vida. Assim, também, quem se alimenta de mim terá vida por minha causa.
58 Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.”
58 Este é o pão que desceu do céu. Não é como o pão que os antepassados de vocês comeram e mesmo assim morreram. Quem come deste pão viverá para sempre.
59 Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
59 Jesus disse isso quando estava ensinando na sinagoga de Cafarnaum.
60 Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
60 Muitos seguidores de Jesus ouviram isso e reclamaram: — O que ele ensina é muito difícil! Quem pode aceitar esses ensinamentos?
61 Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree?
61 Não disseram nada a Jesus, mas ele sabia que eles estavam resmungando contra ele. Por isso perguntou:
62 Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?
62 E o que aconteceria se vocês vissem o
63 Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
63 O Espírito de Deus é quem dá a vida, mas o ser humano não pode fazer isso. As palavras que eu lhes disse são espírito e vida,
64 Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii.
64 mas mesmo assim alguns de vocês não creem. Jesus disse isso porque já sabia desde o começo quem eram os que não iam crer nele e sabia também quem ia traí-lo.
65 Innis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
65 Jesus continuou:
66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
66 Por causa disso muitos seguidores de Jesus o abandonaram e não o acompanhavam mais.
67 Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
67 Então ele perguntou aos doze discípulos:
68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa.
68 Simão Pedro respondeu: — Quem é que nós vamos seguir? O senhor tem as palavras que dão vida eterna!
69 Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.”
69 E nós cremos e sabemos que o senhor é o Santo que Deus enviou.
70 Yesuusis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!” jedhe.
70 Jesus disse:
71 Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii!
71 Ele estava falando de Judas, filho de Simão Iscariotes. Pois Judas, embora fosse um dos doze discípulos, ia trair Jesus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 6, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.