João 5

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe.
1 Passadas essas coisas, havia uma festa dos judeus, e Jesus foi para Jerusalém.
2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba.
2 Existe ali, junto ao Portão das Ovelhas, um tanque, chamado em hebraico Betesda, o qual tem cinco pórticos.
3 Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [
3 Nestes jazia uma multidão de enfermos, cegos, coxos, paralíticos
4 Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]
4 [esperando que a água se movesse. Porque um anjo descia de tempos em tempos, agitando-a; e o primeiro a entrar no tanque, uma vez agitada a água, sarava de qualquer doença que tivesse].
5 Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture.
5 Estava ali um homem enfermo havia trinta e oito anos.
6 Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
6 Jesus, vendo-o deitado e sabendo que estava assim havia muito tempo, perguntou:
7 Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen.
7 O enfermo respondeu: — Senhor, não tenho ninguém que me ponha no tanque, quando a água é agitada. Quando tento entrar, outro enfermo chega antes de mim.
8 Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen.
8 Então Jesus lhe disse:
9 Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme.
9 Imediatamente o homem se viu curado e, pegando o leito, começou a andar. E aquele dia era sábado.
10 Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin.
10 Por isso, os judeus disseram ao que tinha sido curado: — É sábado, e neste dia você não tem permissão para carregar o seu leito.
11 Inni garuu, “Namicha na fayyisetu ‘Siree kee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedheen.
11 Ao que ele lhes respondeu: — O mesmo que me curou me disse: “Pegue o seu leito e ande.”
12 Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
12 Perguntaram-lhe: — Quem é o homem que disse a você: “Pegue o seu leito e ande”?
13 Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne.
13 Aquele que tinha sido curado não soube responder, porque Jesus tinha se retirado, por haver muita gente naquele lugar.
14 Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.
14 Mais tarde, Jesus o encontrou no templo e lhe disse:
15 Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime.
15 O homem se retirou e disse aos judeus que tinha sido Jesus quem o havia curado.
16 Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban.
16 E por isso os judeus perseguiam Jesus, porque fazia essas coisas no sábado.
17 Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe.
17 Mas Jesus lhes disse:
18 Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
18 Por isso, os judeus cada vez mais queriam matá-lo, porque além de desrespeitar o sábado, também dizia que Deus era seu próprio Pai, fazendo-se igual a Deus.
19 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.
19 Então Jesus lhes disse:
20 Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa.
20 Porque o Pai ama o Filho e lhe mostra tudo o que faz; e maiores obras do que estas lhe mostrará, para que vocês fiquem maravilhados.
21 Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna.
21 Pois assim como o Pai ressuscita e vivifica os mortos, assim também o Filho vivifica aqueles a quem quer.
22 Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera;
22 E o Pai não julga ninguém, mas confiou todo julgamento ao Filho,
23 kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
23 para que todos honrem o Filho assim como honram o Pai. Quem não honra o Filho não honra o Pai que o enviou.
24 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
24 — Em verdade, em verdade lhes digo: quem ouve a minha palavra e crê naquele que me enviou tem a vida eterna, não entra em juízo, mas passou da morte para a vida.
25 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
25 Em verdade, em verdade lhes digo que vem a hora — e já chegou — em que os mortos ouvirão a voz do Filho de Deus; e os que a ouvirem viverão.
26 Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.
26 Porque assim como o Pai tem vida em si mesmo, também concedeu ao Filho ter vida em si mesmo.
27 Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
27 E lhe deu autoridade para julgar, porque é o Filho do Homem.
28 “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii.
28 Não fiquem maravilhados com isso, porque vem a hora em que todos os que se acham nos túmulos ouvirão a voz dele e sairão:
29 Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
29 os que tiverem feito o bem, para a ressurreição da vida; e os que tiverem praticado o mal, para a ressurreição do juízo.
30 Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
30 — Eu nada posso fazer por mim mesmo; assim como ouço, julgo. O meu juízo é justo, porque não procuro a minha própria vontade, e sim a daquele que me enviou.
31 “Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.
31 Se eu dou testemunho a respeito de mim mesmo, o meu testemunho não é verdadeiro.
32 Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.
32 Outro é o que dá testemunho a respeito de mim, e sei que o testemunho que ele dá a respeito de mim é verdadeiro.
33 “Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera.
33 Vocês mandaram mensageiros a João, e ele deu testemunho da verdade.
34 Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha.
34 Eu, porém, não recebo testemunho humano, mas digo essas coisas para que vocês sejam salvos.
35 Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.
35 — João era a lâmpada que estava acesa e iluminava, e, por algum tempo, vocês quiseram se alegrar com a sua luz.
36 “Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii.
36 Mas eu tenho maior testemunho que o de João; porque as obras que o Pai me confiou para que eu as realizasse, essas que eu faço testemunham a meu respeito de que o Pai me enviou.
37 Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine.
37 O Pai, que me enviou, esse mesmo é que tem dado testemunho de mim. Vocês nunca ouviram a voz dele, nem viram a sua forma.
38 Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
38 Também não têm a palavra dele permanente em vocês, porque não creem naquele a quem ele enviou.
39 Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
39 Vocês examinam as Escrituras, porque julgam ter nelas a vida eterna, e são elas mesmas que testificam de mim.
40 isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
40 Contudo, vocês não querem vir a mim para ter vida.
41 “Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu;
41 Eu não aceito glória que vem de pessoas;
42 garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka.
42 sei, entretanto, que vocês não têm o amor de Deus em vocês.
43 Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu.
43 Eu vim em nome de meu Pai, e vocês não me recebem; se outro vier em seu próprio nome, vocês certamente o receberão.
44 Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?
44 Como podem crer, vocês que aceitam glória uns dos outros e não procuram a glória que vem do Deus único?
45 “Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana.
45 Não pensem que eu os acusarei diante do Pai; quem acusa vocês é Moisés, em quem puseram a sua esperança.
46 Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii.
46 Porque, se vocês, de fato, cressem em Moisés, também creriam em mim; pois ele escreveu a meu respeito.
47 Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”
47 Se, porém, não creem nos escritos dele, como crerão nas minhas palavras?

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 5, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.