João 3
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture.
1 Havia um fariseu chamado Nicodemos, que era líder dos judeus.
2 Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte taate nu beekna; nama Waaqni isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen.
2 Uma noite ele foi visitar Jesus e disse: — Rabi, nós sabemos que o senhor é um mestre que Deus enviou, pois ninguém pode fazer esses milagres se Deus não estiver com ele.
3 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
3 Jesus respondeu:
4 Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate.
4 Nicodemos perguntou: — Como é que um homem velho pode nascer de novo? Será que ele pode voltar para a barriga da sua mãe e nascer outra vez?
5 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.
5 Jesus disse:
6 Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.
6 Quem nasce de pais humanos é um ser de natureza humana; quem nasce do Espírito é um ser de natureza espiritual.
7 Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
7 Por isso não fique admirado porque eu disse que todos vocês precisam nascer de novo.
8 Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”
8 O vento sopra onde quer, e ouve-se o barulho que ele faz, mas não se sabe de onde ele vem, nem para onde vai. A mesma coisa acontece com todos os que nascem do Espírito.
9 Niqoodemoosis, “Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jedhee gaafate.
9 — Como pode ser isso? — perguntou Nicodemos.
10 Yesuus akkana jedhee deebiseef; “Ati utuu barsiisaa Israaʼel taatee jirtuu waan kana hin beektuu?
10 Jesus respondeu:
11 Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; nu waan beeknu dubbanna; waan argines dhugaa ni baana; isin garuu dhugaa baʼumsa keenya hin fudhattan.
11 Pois eu afirmo ao senhor que isto é verdade: nós falamos daquilo que sabemos e contamos o que temos visto, mas vocês não querem aceitar a nossa mensagem.
12 Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree?
12 Se vocês não creem quando falo das coisas deste mundo, como vão crer se eu falar das coisas do céu?
13 Ilma Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane.
13 Ninguém subiu ao céu, a não ser o
14 Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannisesana Ilmi Namaas fannifamuu qaba.
14 — Assim como Moisés, no deserto, levantou a cobra de bronze numa estaca, assim também o Filho do Homem tem de ser levantado,
15 Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.”
15 para que todos os que crerem nele tenham a vida eterna.
16 Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
16 Porque Deus amou o mundo tanto, que deu o seu único Filho, para que todo aquele que nele crer não morra, mas tenha a vida eterna.
17 Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.
17 Pois Deus mandou o seu Filho para salvar o mundo e não para julgá-lo.
18 Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
18 — Aquele que crê no Filho não é julgado; mas quem não crê já está julgado porque não crê no Filho único de Deus.
19 Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.
19 E é assim que o julgamento é feito: Deus mandou a luz ao mundo, mas as pessoas preferiram a escuridão porque fazem o que é mau.
20 Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu.
20 Pois todos os que fazem o mal odeiam a luz e fogem dela, para que ninguém veja as coisas más que eles fazem.
21 Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Waaqaatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa.
21 Mas os que vivem de acordo com a verdade procuram a luz, a fim de que possa ser visto claramente que as suas ações são feitas de acordo com a vontade de Deus.
22 Ergasiis Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes.
22 Depois disso, Jesus e os seus discípulos foram para a região da Judeia. Ele ficou algum tempo com eles ali e batizava as pessoas.
23 Yohannisis naannoo Saalem iddoo Enoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baayʼeen achi tureetii; namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan.
23 João também estava batizando em Enom, perto de Salim, porque lá havia muita água.
24 Kunis utuu Yohannis mana hidhaatti hin galfamin taʼe.
24 (João ainda não tinha sido preso.)
25 Yommus barattoota Yohannisii fi Yihuudii tokko gidduutti waaʼee qulqulleeffamuu irratti wal falmiin uumame.
25 Alguns discípulos de João tiveram uma discussão com um judeu sobre a cerimônia de purificação .
26 Isaanis Yohannis bira dhufanii, “Yaa barsiisaa, namichi si wajjin Yordaanos gama ture, kan ati waaʼee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni hundis gara isaa dhaquutti jira” jedhaniin.
26 Eles foram dizer a João: — Mestre, aquele homem que estava com o senhor no outro lado do rio Jordão está batizando as pessoas. O senhor falou sobre ele, lembra? E todos estão indo atrás dele.
27 Yohannisis akkana jedhee deebise; “Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu.
27 João respondeu: — Ninguém pode ter alguma coisa se ela não for dada por Deus.
28 Akka ani, ‘Ani Kiristoos miti; garuu isa dura nan ergame’ jedhe isin mataan keessan iyyuu dhugaa naa baatu.
28 Vocês são testemunhas de que eu disse: “Eu não sou o Messias , mas fui enviado adiante dele.”
29 Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera.
29 Num casamento, o noivo é aquele a quem a noiva pertence. O amigo do noivo está ali, e o escuta, e se alegra quando ouve a voz dele. Assim também o que está acontecendo com Jesus me faz ficar completamente alegre.
30 Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.
30 Ele tem de ficar cada vez mais importante, e eu, menos importante.
31 “Kan olii dhufu inni hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Kan samii irraa dhufu inni hundumaa oli.
31 Aquele que vem de cima é o mais importante de todos, e quem vem da terra é da terra e fala das coisas terrenas. Quem vem do céu é o mais importante de todos.
32 Inni waan argee fi waan dhagaʼe dhugaa baʼa; dhuga baʼumsa isaa garuu eenyu iyyuu hin fudhatu.
32 Ele fala daquilo que viu e ouviu, mas ninguém aceita a sua mensagem.
33 Namni dhuga baʼumsa kana fudhates akka Waaqni dhugaa taʼe mirkaneesse.
33 Quem aceita a sua mensagem dá prova de que o que Deus diz é verdade.
34 Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii.
34 Aquele que Deus enviou diz as palavras de Deus porque Deus dá do seu Espírito sem medida.
35 Abbaan Ilma ni jaallata; waan hundas harka isaatti kenneera.
35 O Pai ama o Filho e pôs tudo nas mãos dele.
36 Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”
36 Por isso quem crê no Filho tem a vida eterna; porém quem desobedece ao Filho nunca terá a vida eterna, mas sofrerá para sempre o castigo de Deus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 3, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.