João 21
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Wantoota kanneen booddee Yesuus ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture:
1 Depois disso, Jesus se manifestou outra vez aos discípulos junto ao mar de Tiberíades. Foi assim que ele se manifestou:
2 Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan.
2 Estavam juntos Simão Pedro, Tomé, chamado Dídimo, Natanael, que era de Caná da Galileia, os filhos de Zebedeu e mais dois discípulos de Jesus.
3 Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.
3 Simão Pedro disse aos outros: — Vou pescar. Os outros responderam: — Nós também vamos com você. Foram e entraram no barco, mas, naquela noite, não pegaram nada.
4 Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne.
4 Ao romper o dia, Jesus estava na praia, mas os discípulos não reconheceram que era ele.
5 Innis isaan waamee, “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?” jedhee gaafate.
5 Jesus lhes perguntou: Eles responderam: — Não.
6 Innis, “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu” jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.
6 Então Jesus disse: Assim fizeram e já não podiam puxar a rede, tão grande era a quantidade de peixes.
7 Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale.
7 E o discípulo a quem Jesus amava disse a Pedro: — É o Senhor! Simão Pedro, ouvindo que era o Senhor, cingiu-se com a sua túnica, porque tinha tirado a roupa, e lançou-se ao mar.
8 Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan.
8 Os outros discípulos vieram no barquinho puxando a rede com os peixes, porque estavam somente a uns noventa metros da margem.
9 Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.
9 Ao saltarem em terra, viram ali umas brasas com peixe por cima; e também havia pão.
10 Yesuusis, “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!” isaaniin jedhe.
10 Jesus lhes disse:
11 Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.
11 Simão Pedro entrou no barco e arrastou a rede para a terra. A rede estava cheia, com cento e cinquenta e três grandes peixes. E, mesmo sendo tantos peixes, a rede não se rompeu.
12 Yesuusis, “Kottaa ciree nyaadhaa!” isaaniin jedhe. Barattoota keessaas namni ija jabaatee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate tokko iyyuu hin turre. Isaan akka inni Gooftaa taʼe beekaniiruutii.
12 Jesus disse a eles: Nenhum dos discípulos ousava perguntar: “Quem é você?” Porque sabiam que era o Senhor.
13 Yesuusis dhufee buddeena sana fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe.
13 Jesus veio, pegou o pão e deu a eles. Depois fez a mesma coisa com o peixe.
14 Egaa Yesuus erga duʼaa kaafamee, kana wajjin yeroo sadaffaa barattoota isaatti mulʼate.
14 E esta já era a terceira vez que Jesus se manifestava aos seus discípulos depois de ressuscitado dentre os mortos.
15 Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe.
15 Depois de terem comido, Jesus perguntou a Simão Pedro: Ele respondeu: — Sim, o Senhor sabe que eu o amo. Jesus lhe disse:
16 Yesuus amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen.
16 Jesus perguntou pela segunda vez: Ele respondeu: — Sim, o Senhor sabe que eu o amo. Jesus lhe disse:
17 Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen.
17 Pela terceira vez Jesus lhe perguntou: Pedro ficou triste por Jesus ter perguntado pela terceira vez: “Você me ama?” E respondeu: — O Senhor sabe todas as coisas; sabe que eu o amo. Jesus lhe disse:
18 Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.”
18 Em verdade, em verdade lhe digo que, quando era mais moço, você se cingia e andava por onde queria. Mas, quando você for velho, estenderá as mãos, e outro o cingirá e o levará para onde você não quer ir.
19 Yesuusis akka Phexros duʼa akkamiitiin Waaqa ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, “Na duukaa buʼi” jedheen.
19 Jesus disse isso para significar com que tipo de morte Pedro havia de glorificar a Deus. Depois de falar assim, Jesus acrescentou:
20 Phexrosis garagalee utuu barataan inni Yesuus isa jaallatu sun isaan duukaa buʼuu arge. Barataan kunis isa yeroo irbaataatti qoma Yesuusiitti irkatee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sanaa dha.
20 Então Pedro, voltando-se, viu que o discípulo a quem Jesus amava vinha seguindo; era o mesmo que na ceia havia se reclinado sobre o peito de Jesus para perguntar: “Senhor, quem é o traidor?”
21 Phexrosis yommuu isa argetti, “Yaa Gooftaa, namichi kun hoo?” jedhee Yesuusin gaafate.
21 Ao vê-lo, Pedro perguntou a Jesus: — Senhor, e quanto a este?
22 Yesuusis deebisee, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi” jedheen.
22 Jesus respondeu:
23 Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?” jedhe malee, “Inni hin duʼu” hin jenne.
23 Então se espalhou entre os irmãos a notícia de que aquele discípulo não morreria. Ora, Jesus não tinha dito que tal discípulo não morreria, mas: “Se eu quero que ele permaneça até que eu venha, o que você tem com isso?”
24 Inni dubbii kana dhugaa baʼu, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana. Akka dhuga baʼumsi isaa dhugaa taʼes nu beekna.
24 Este é o discípulo que dá testemunho a respeito destas coisas e que as escreveu; e sabemos que o seu testemunho é verdadeiro.
25 Kana malees Yesuus waan biraa baayʼee hojjeteera. Utuu tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiraatanii silaa ani waan addunyaan mataan ishee iyyuu kitaabota barreeffaman sanaaf iddoo gaʼu qabdu hin seʼu.
25 Há, porém, ainda muitas outras coisas que Jesus fez. Se todas elas fossem relatadas uma por uma, penso que nem no mundo inteiro caberiam os livros que seriam escritos.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 21, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.