João 20

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA

Sair da comparação
NAA Nova Almeida Atualizada 2017
1 Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii utuma dukkanaaʼee jiruu Maariyaam isheen Magdalaa gara awwaalaa dhaqxee akka dhagaan afaan awwaala sanaa irraa fuudhame argite.
1 No primeiro dia da semana, de madrugada, quando ainda estava escuro, Maria Madalena foi ao túmulo e viu que a pedra da entrada tinha sido removida.
2 Kanaafuu isheen fiigaa gara Simoon Phexrosii fi gara barataa biraa kan Yesuus isa jaallate sanaa dhaqxee, “Gooftaa awwaala keessaa fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis hin beeknu!” jetteen.
2 Então correu e foi até onde estavam Simão Pedro e o outro discípulo, a quem Jesus amava, e disse-lhes: — Tiraram o Senhor do túmulo, e não sabemos onde o colocaram.
3 Kanaafuu Phexrosii fi barataan kaan baʼanii gara awwaalichaa dhaqan.
3 Com isso, Pedro e o outro discípulo saíram e foram até o túmulo.
4 Lachan isaanii iyyuu ni fiigu turan; barataan kaan garuu Phexros bira darbee fiiguudhaan dursee iddoo awwaalaa sana gaʼe.
4 Ambos corriam juntos, mas o outro discípulo correu mais depressa do que Pedro e chegou primeiro ao túmulo.
5 Innis gad jedhee ilaalee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame lafatti arge malee awwaalicha keessa hin seenne.
5 E, abaixando-se, viu os lençóis de linho, mas não entrou.
6 Simoon Phexros immoo isa duubaan dhufee awwaalicha keessa seene. Huccuu sanas lafatti arge;
6 Simão Pedro, seguindo-o, chegou e entrou no túmulo. Ele também viu os lençóis
7 akkanumas huccuu mataa Yesuusitti maramee ture arge. Huccuun sunis kophaa isaa dachaafamee iddoo biraa ture malee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame sana bira hin turre.
7 e o lenço que tinha estado sobre a cabeça de Jesus, e que não estava com os lençóis, mas enrolado num lugar à parte.
8 Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane.
8 Então o outro discípulo, que havia chegado primeiro ao túmulo, também entrou. Ele viu e creu.
9 Isaan akka Yesuus warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.
9 Pois ainda não tinham compreendido a Escritura, que era necessário que ele ressuscitasse dentre os mortos.
10 Barattoonni sunis gara mana isaaniitti deebiʼan.
10 E os discípulos voltaram outra vez para casa.
11 Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte;
11 Maria, no entanto, permanecia junto à entrada do túmulo, chorando. Enquanto chorava, abaixou-se e olhou para dentro do túmulo.
12 isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
12 Ela viu dois anjos vestidos de branco, sentados onde o corpo de Jesus tinha sido colocado, um à cabeceira e outro aos pés.
13 Isaanis, “Dubartii nana, maaliif boossa?” jedhaniin.
13 Então eles perguntaram: — Mulher, por que você está chorando? Ela respondeu: — Porque levaram o meu Senhor, e não sei onde o puseram.
14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Yesuusin isaa achi dhaabatu argite; garuu Yesuus taʼuu isaa hin beekne.
14 Depois de dizer isso, ela se virou para trás e viu Jesus em pé, mas não reconheceu que era Jesus.
15 Yesuusis, “Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?” jedheen.
15 Jesus lhe perguntou: Ela, supondo que ele fosse o jardineiro, respondeu: — Se o senhor o tirou daqui, diga-me onde o colocou, e eu o levarei.
16 Yesuusis, “Maariyaam!” jedheen.
16 Jesus disse: Ela, voltando-se, lhe disse, em hebraico: — Raboni! (“Raboni” quer dizer “Mestre”.)
17 Yesuus immoo, “Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi” jedheen.
17 Jesus continuou:
18 Maariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, “Ani Gooftaa argeera!” jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.
18 Então Maria Madalena foi e anunciou aos discípulos: — Eu vi o Senhor! E contava que Jesus lhe tinha dito essas coisas.
19 Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
19 Ao cair da tarde daquele dia, o primeiro da semana, estando trancadas as portas da casa onde estavam os discípulos, com medo dos judeus, Jesus veio e se pôs no meio deles, dizendo:
20 Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
20 E, dizendo isso, lhes mostrou as mãos e o lado. Então os discípulos se alegraram ao ver o Senhor.
21 Yesuus amma illee, “Nagaan isiniif haa taʼu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga” jedheen.
21 E Jesus lhes disse outra vez:
22 Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; “Hafuura Qulqulluu fudhadhaa.
22 E, havendo dito isso, soprou sobre eles e disse-lhes:
23 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu.”
23 Se de alguns vocês perdoarem os pecados, são-lhes perdoados; mas, se os retiverem, são retidos.
24 Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre.
24 Tomé, um dos doze, chamado Dídimo, não estava com eles quando Jesus veio.
25 Kanaafuu barattoonni warri kaan, “Nu Gooftaa argineerra!” jedhanii isatti himan.
25 Então os outros discípulos disseram a Tomé: — Vimos o Senhor. Mas ele respondeu: — Se eu não vir o sinal dos pregos nas mãos dele, ali não puser o dedo e não puser a minha mão no lado dele, de modo nenhum acreditarei.
26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedheen.
26 Passados oito dias, os discípulos de Jesus estavam outra vez reunidos, e Tomé estava com eles. Estando as portas trancadas, Jesus veio, pôs-se no meio deles e disse:
27 Innis Toomaasiin, “Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin” jedhe.
27 E logo disse a Tomé:
28 Toomaas immoo, “Gooftaa koo! Waaqa koo!” jedheen.
28 Ao que Tomé lhe respondeu: — Senhor meu e Deus meu!
29 Yesuusis, “Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha” jedheen.
29 Jesus lhe disse:
30 Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete.
30 Na verdade, Jesus fez diante dos seus discípulos muitos outros sinais que não estão escritos neste livro.
31 Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.
31 Estes, porém, foram registrados para que vocês creiam que Jesus é o Cristo, o Filho de Deus, e para que, crendo, tenham vida em seu nome.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 20, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.