João 1

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs VC

Sair da comparação
VC Versão Católica
1 Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.
1 No princípio era o Verbo, e o Verbo estava junto de Deus e o Verbo era Deus.
2 Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture.
2 Ele estava no princípio junto de Deus.
3 Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
3 Tudo foi feito por ele, e sem ele nada foi feito.
4 Jireenyi isa keessa ture; jireenyi sunis ifa namootaa ture.
4 Nele havia a vida, e a vida era a luz dos homens.
5 Ifni sun dukkana keessatti ni ibsa; dukkanni garuu isa hin moʼanne.
5 A luz resplandece nas trevas, e as trevas não a compreenderam.
6 Nama Waaqa biraa ergame kan maqaan isaa Yohannis jedhamu tokkotu ture.
6 Houve um homem, enviado por Deus, que se chamava João.
7 Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe.
7 Este veio como testemunha, para dar testemunho da luz, a fim de que todos cressem por meio dele.
8 Waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuu dhufe malee inni mataan isaa ifa hin turre.
8 Não era ele a luz, mas veio para dar testemunho da luz.
9 Ifni dhugaa kan nama hundaaf ifa kennu sun gara addunyaa dhufaa ture.
9 {O Verbo} era a verdadeira luz que, vindo ao mundo, ilumina todo homem.
10 Inni addunyaa keessa ture; addunyaan isaan uumame; addunyaan garuu isa hin beekne.
10 Estava no mundo e o mundo foi feito por ele, e o mundo não o reconheceu.
11 Innis gara saba isaa dhufe; sabni isaa garuu isa hin fudhanne.
11 Veio para o que era seu, mas os seus não o receberam.
12 Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
12 Mas a todos aqueles que o receberam, aos que crêem no seu nome, deu-lhes o poder de se tornarem filhos de Deus,
13 Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
13 os quais não nasceram do sangue, nem da vontade da carne, nem da vontade do homem, mas sim de Deus.
14 Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.
14 E o Verbo se fez carne e habitou entre nós, e vimos sua glória, a glória que o Filho único recebe do seu Pai, cheio de graça e de verdade.
15 Yohannisis waaʼee isaa dhugaa baʼe. Sagalee isaas ol fudhatee akkana jedhe; “Inni ani, ‘Inni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.”
15 João dá testemunho dele, e exclama: Eis aquele de quem eu disse: O que vem depois de mim é maior do que eu, porque existia antes de mim.
16 Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.
16 Todos nós recebemos da sua plenitude graça sobre graça.
17 Seerri karaa Museetiin kennameetii; ayyaannii fi dhugaan garuu karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe.
17 Pois a lei foi dada por Moisés, a graça e a verdade vieram por Jesus Cristo.
18 Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.
18 Ninguém jamais viu Deus. O Filho único, que está no seio do Pai, foi quem o revelou.
19 Yommuu Yihuudoonni lubootaa fi Lewwota Yerusaalem Yohannisitti erganii, “Ati eenyu?” jedhanii gaafachiisanitti dhuga baʼumsi Yohannis kenne kana ture.
19 Este foi o testemunho de João, quando os judeus lhe enviaram de Jerusalém sacerdotes e levitas para perguntar-lhe: Quem és tu?
20 Inni dhugaa baʼe malee hin ganne; “Ani Kiristoos miti” jedhee dhugaa baʼe.
20 Ele fez esta declaração que confirmou sem hesitar: Eu não sou o Cristo.
21 Isaanis, “Yoos ati eenyu ree? Eeliyaas moo?” jedhanii isa gaafatan.
21 Pois, então, quem és?, perguntaram-lhe eles. És tu Elias? Disse ele: Não o sou. És tu o profeta? Ele respondeu: Não.
22 Isaanis, “Ati eenyu ree? Akka warra nu erganiif deebii kenninuuf ati eenyu ofiin jetta?” jedhaniin.
22 Perguntaram-lhe de novo: Dize-nos, afinal, quem és, para que possamos dar uma resposta aos que nos enviaram. Que dizes de ti mesmo?
23 Yohannisis dubbii Isaayyaas raajichi dubbate sanaan deebisee, “Ani sagalee gammoojjii keessaa, ‘Gooftaaf karaa qajeelchaa’ jedhee iyyu sanaa dha” jedheen.
23 Ele respondeu: Eu sou a voz que clama no deserto: Endireitai o caminho do Senhor, como o disse o profeta Isaías {40,3}.
24 Fariisonni ergaman tokko tokkos,
24 Alguns dos emissários eram fariseus.
25 akkana jedhanii isa gaafatan; “Ati erga Kiristoos yookaan Eeliyaas yookaan raajicha taʼuu baattee maaliif cuuphxa ree?”
25 Continuaram a perguntar-lhe: Como, pois, batizas, se tu não és o Cristo, nem Elias, nem o profeta?
26 Yohannis immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani bishaaniin nan cuupha; namni isin isa hin beekne tokko garuu isin gidduu dhaabata.
26 João respondeu: Eu batizo com água, mas no meio de vós está quem vós não conheceis.
27 Innis isa na duubaan dhufu kan ani hidhaa kophee isaa iyyuu hiikuufii hin mallee dha.”
27 Esse é quem vem depois de mim; e eu não sou digno de lhe desatar a correia do calçado.
28 Wanni kun hundi Yordaanos gama iddoo Yohannis itti cuuphaa ture Biitaaniyaa keessatti taʼe.
28 Este diálogo se passou em Betânia, além do Jordão, onde João estava batizando.
29 Guyyaa itti aanutti Yohannis utuu Yesuus gara isaa dhufuu argee akkana jedhe; “Ilaa Hoolaa Waaqaa isa cubbuu addunyaa balleessu!
29 No dia seguinte, João viu Jesus que vinha a ele e disse: Eis o Cordeiro de Deus, que tira o pecado do mundo.
30 Inni ani, ‘Namni na duubaan dhufu na caala; inni na dura tureetii’ jedhee waaʼee isaa dubbadhe sun isa kana.
30 É este de quem eu disse: Depois de mim virá um homem, que me é superior, porque existe antes de mim.
31 Ani mataan koo iyyuu isa hin beekun ture; sababiin ani bishaaniin cuuphaa dhufeef garuu akka inni saba Israaʼelitti mulʼifamuuf.”
31 Eu não o conhecia, mas, se vim batizar em água, é para que ele se torne conhecido em Israel.
32 Yohannis itti fufee akkana jedhee dhugaa baʼe; “Ani utuu Hafuurri akkuma gugeetti samii irraa gad buʼee isa irra jiraatuu nan arge.
32 {João havia declarado: Vi o Espírito descer do céu em forma de uma pomba e repousar sobre ele.}
33 Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, ‘Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dha’ jedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.
33 Eu não o conhecia, mas aquele que me mandou batizar em água disse-me: Sobre quem vires descer e repousar o Espírito, este é quem batiza no Espírito Santo.
34 Anis argeera; akka inni Ilma Waaqaa taʼes dhugaa baʼeera.”
34 Eu o vi e dou testemunho de que ele é o Filho de Deus.
35 Guyyaa itti aanutti Yohannis ammas barattoota isaa keessaa lama wajjin achi ture.
35 No dia seguinte, estava lá João outra vez com dois dos seus discípulos.
36 Innis utuu Yesuus achi irra darbuu argee, “Ilaa, Hoolaa Waaqaa!” jedhe.
36 E, avistando Jesus que ia passando, disse: Eis o Cordeiro de Deus.
37 Barattoonni lamaanis waan kana dubbachuu isaa dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan.
37 Os dois discípulos ouviram-no falar e seguiram Jesus.
38 Yesuusis of irra garagalee isa duukaa buʼuu isaanii argee, “Isin maal barbaaddu?” jedheen.
38 Voltando-se Jesus e vendo que o seguiam, perguntou-lhes: Que procurais? Disseram-lhe: Rabi {que quer dizer Mestre}, onde moras?
39 Innis, “Kottaatii ilaalaa” jedheen.
39 Vinde e vede, respondeu-lhes ele. Foram aonde ele morava e ficaram com ele aquele dia. Era cerca da hora décima.
40 Warra waan Yohannis dubbate dhagaʼanii Yesuus duukaa buʼan lamaan keessaa inni tokko Indiriiyaas obboleessa Simoon Phexros ture.
40 André, irmão de Simão Pedro, era um dos dois que tinham ouvido João e que o tinham seguido.
41 Innis duraan dursee obboleessa isaa Simoonin argatee, “Nu Masiihicha arganneerra” jedheen; Masiihii jechuun Kiristoos jechuu dha.
41 Foi ele então logo à procura de seu irmão e disse-lhe: Achamos o Messias {que quer dizer o Cristo}.
42 Indiriiyaasis Simʼoonin gara Yesuusitti fide.
42 Levou-o a Jesus, e Jesus, fixando nele o olhar, disse: Tu és Simão, filho de João; serás chamado Cefas {que quer dizer pedra}.
43 Yesuusis guyyaa itti aanutti Galiilaa dhaquu barbaade. Innis Fiiliphoosin argee, “Na duukaa buʼi” jedheen.
43 No dia seguinte, tinha Jesus a intenção de dirigir-se à Galiléia. Encontra Filipe e diz-lhe: Segue-me.
44 Fiiliphoosis akkuma Indiriiyaasii fi Phexros nama magaalaa Beetisayidaa ture.
44 {Filipe era natural de Betsaida, cidade de André e Pedro.}
45 Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, “Isa Museen kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa raajonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yoosef, Yesuus nama Naazreeti arganneerra” jedheen.
45 Filipe encontra Natanael e diz-lhe: Achamos aquele de quem Moisés escreveu na lei e que os profetas anunciaram: é Jesus de Nazaré, filho de José.
46 Naatnaaʼelis, “Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?” jedhee gaafate.
46 Respondeu-lhe Natanael: Pode, porventura, vir coisa boa de Nazaré? Filipe retrucou: Vem e vê.
47 Yesuusis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, “Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!” jedhee waaʼee isaa dubbate.
47 Jesus vê Natanael, que lhe vem ao encontro, e diz: Eis um verdadeiro israelita, no qual não há falsidade.
48 Naatnaaʼelis, “Ati eessatti na beekta?” jedheen.
48 Natanael pergunta-lhe: Donde me conheces? Respondeu Jesus: Antes que Filipe te chamasse, eu te vi quando estavas debaixo da figueira.
49 Naatnaaʼelis, “Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel” jedheen.
49 Falou-lhe Natanael: Mestre, tu és o Filho de Deus, tu és o rei de Israel.
50 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta.”
50 Jesus replicou-lhe: Porque eu te disse que te vi debaixo da figueira, crês! Verás coisas maiores do que esta.
51 Innis itti dabalee, “Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu” jedheen.
51 E ajuntou: Em verdade, em verdade vos digo: vereis o céu aberto e os anjos de Deus subindo e descendo sobre o Filho do Homem.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.