João 18
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan.
1 Depois de dizer isso, Jesus saiu juntamente com os seus discípulos para o outro lado do ribeiro de Cedrom, onde havia um jardim; e aí entrou com eles.
2 Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture.
2 Judas, o traidor, também conhecia aquele lugar, porque Jesus muitas vezes havia se reunido ali com os seus discípulos.
3 Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan.
3 Tendo, pois, Judas recebido a escolta e alguns guardas da parte dos principais sacerdotes e fariseus, chegou a esse lugar com lanternas, tochas e armas.
4 Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
4 Então Jesus, sabendo de tudo o que ia acontecer com ele, adiantou-se e perguntou-lhes:
5 Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.
5 Eles responderam: — A Jesus, o Nazareno. Então Jesus lhes disse: Ora, Judas, o traidor, também estava com eles.
6 Yommuu Yesuus, “Ani isaa dha” isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan.
6 Quando Jesus lhes disse: “Sou eu”, recuaram e caíram por terra.
7 Inni ammas, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
7 Jesus, de novo, lhes perguntou: Responderam: — A Jesus, o Nazareno.
8 Yesuusis deebisee, “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!” jedhe.
8 Então Jesus disse:
9 Kunis akka dubbiin inni, “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne” jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
9 Ele disse isso para se cumprir a palavra que tinha dito anteriormente: “Não perdi nenhum dos que me deste.”
10 Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha.
10 Então Simão Pedro puxou da espada que trazia e feriu o servo do sumo sacerdote, cortando-lhe a orelha direita. E o nome do servo era Malco.
11 Yesuusis Phexrosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?” jedhe.
11 Mas Jesus disse a Pedro:
12 Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan.
12 Assim, a escolta, o comandante e os guardas dos judeus prenderam Jesus e o amarraram.
13 Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture.
13 Então o levaram primeiramente a Anás, sogro de Caifás, sumo sacerdote naquele ano.
14 Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha.
14 Ora, Caifás era quem havia declarado aos judeus ser conveniente morrer um homem pelo povo.
15 Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene;
15 Simão Pedro e outro discípulo seguiam Jesus. Esse discípulo era conhecido do sumo sacerdote e, por isso, conseguiu entrar no pátio da casa deste com Jesus.
16 Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.
16 Pedro, porém, ficou de fora, junto à porta. O outro discípulo, que era conhecido do sumo sacerdote, saiu, falou com a encarregada da porta e levou Pedro para dentro.
17 Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette.
17 Então a empregada, encarregada da porta, perguntou a Pedro: — Você também não é um dos discípulos desse homem? Ele respondeu: — Não, não sou.
18 Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.
18 Os servos e os guardas estavam ali, tendo acendido uma fogueira por causa do frio, e se aqueciam. Pedro estava no meio deles, aquecendo-se também.
19 Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate.
19 Então o sumo sacerdote interrogou Jesus a respeito dos seus discípulos e da sua doutrina.
20 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne.
20 Jesus lhe respondeu:
21 Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”
21 Por que o senhor está perguntando para mim? Pergunte aos que ouviram o que lhes falei. Eles sabem muito bem o que eu disse.
22 Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale.
22 Quando Jesus disse isto, um dos guardas que estavam ali deu-lhe uma bofetada, dizendo: — É assim que você fala com o sumo sacerdote?
23 Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe.
23 Jesus lhe respondeu:
24 Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.
24 Então Anás o enviou, amarrado, à presença de Caifás, o sumo sacerdote.
25 Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin.
25 Simão Pedro estava em pé, aquecendo-se. Então lhe perguntaram: — Você também não é um dos discípulos dele? Ele negou e disse: — Não, não sou.
26 Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen.
26 Um dos servos do sumo sacerdote, parente daquele a quem Pedro tinha decepado a orelha, perguntou: — Não é verdade que eu vi você no jardim com ele?
27 Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye.
27 De novo, Pedro negou. E no mesmo instante o galo cantou.
28 Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif.
28 Depois, levaram Jesus da casa de Caifás para o Pretório. Era cedo de manhã. Eles não entraram no Pretório para não se contaminar, pois somente assim poderiam comer a Páscoa.
29 Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.
29 Então Pilatos saiu para falar com eles e perguntou: — Que acusação vocês trazem contra este homem?
30 Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.
30 Eles responderam: — Se este não fosse malfeitor, não o teríamos entregue ao senhor.
31 Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen.
31 Então Pilatos disse: — Levem-no daqui e julguem-no segundo a lei de vocês. Ao que os judeus responderam: — Não nos é lícito matar ninguém.
32 Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.
32 Isso aconteceu para que se cumprisse a palavra de Jesus, significando com que tipo de morte estava para morrer.
33 Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.
33 Pilatos entrou novamente no Pretório, chamou Jesus e lhe perguntou: — Você é o rei dos judeus?
34 Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.
34 Jesus respondeu:
35 Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.
35 Pilatos respondeu: — Por acaso sou judeu? A sua própria gente e os principais sacerdotes é que o entregaram a mim. Que foi que você fez?
36 Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.
36 Jesus respondeu:
37 Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen.
37 Pilatos perguntou: — Então você é rei? Jesus respondeu:
38 Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.
38 Pilatos perguntou: — O que é a verdade? Depois de dizer isso, Pilatos voltou aos judeus e lhes disse: — Eu não acho nele crime algum.
39 Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”
39 Mas é costume entre vocês que eu solte alguém por ocasião da Páscoa. Vocês querem que eu lhes solte o rei dos judeus?
40 Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.
40 Então todos gritaram, novamente: — Não este, mas Barrabás! Ora, Barrabás era salteador.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 18, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.