João 17

Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC

Sair da comparação
ARC Almeida Revista e Corrigida 2009
1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe:
1 Jesus falou essas coisas e, levantando os olhos ao céu, disse: Pai, é chegada a hora; glorifica a teu Filho, para que também o teu Filho te glorifique a ti,
2 Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii.
2 assim como lhe deste poder sobre toda carne, para que dê a vida eterna a todos quantos lhe deste.
3 Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif.
3 E a vida eterna é esta: que conheçam a ti só por único Deus verdadeiro e a Jesus Cristo, a quem enviaste.
4 Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.
4 Eu glorifiquei-te na terra, tendo consumado a obra que me deste a fazer.
5 Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.
5 E, agora, glorifica-me tu, ó Pai, junto de ti mesmo, com aquela glória que tinha contigo antes que o mundo existisse.
6 “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
6 Manifestei o teu nome aos homens que do mundo me deste; eram teus, e tu mos deste, e guardaram a tua palavra.
7 Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.
7 Agora,
8 Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.
8 porque lhes dei as palavras que me deste; e eles e têm verdadeiramente conhecido que saí de ti, e creram que me enviaste.
9 Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.
9 Eu rogo por eles; não rogo pelo mundo, mas por aqueles que me deste, porque são teus.
10 Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.
10 E todas as minhas coisas são tuas, e as tuas coisas são minhas; e nisso sou glorificado.
11 Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.
11 E eu já não estou mais no mundo; mas eles estão no mundo, e eu vou para ti. Pai santo, guarda em teu nome aqueles que me deste, para que sejam um, assim como nós.
12 Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
12 Estando eu com eles no mundo, guardava-os em teu nome. Tenho guardado aqueles que tu me deste, e nenhum deles se perdeu, senão o filho da perdição, para que a Escritura se cumprisse.
13 “Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.
13 Mas, agora, vou para ti e digo isto no mundo, para que tenham a minha alegria completa em si mesmos.
14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
14 Dei-lhes a tua palavra, e o mundo os odiou, porque não são do mundo, assim como eu não sou do mundo.
15 Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
15 Não peço que os tires do mundo, mas que os livres do mal.
16 Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.
16 Não são do mundo, como eu do mundo não sou.
17 Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
17 Santifica-os na verdade; a tua palavra é a verdade.
18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.
18 Assim como tu me enviaste ao mundo, também eu os enviei ao mundo.
19 Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
19 E por eles me santifico a mim mesmo, para que também eles sejam santificados na verdade.
20 “Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;
20 Eu não rogo somente por estes, mas também por aqueles que, pela sua palavra, hão de crer em mim;
21 kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
21 para que todos sejam um, como tu, ó Pai, o és em mim, e eu, em ti; que também eles sejam um em nós, para que o mundo creia que tu me enviaste.
22 Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;
22 E eu dei-lhes a glória que a mim me deste, para que sejam um, como nós somos um.
23 kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
23 Eu neles, e tu em mim, para que eles sejam perfeitos em unidade, e para que o mundo conheça que tu me enviaste a mim e que tens amado a eles como me tens amado a mim.
24 “Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
24 Pai, aqueles que me deste quero que, onde eu estiver, também eles estejam comigo, para que vejam a minha glória que me deste; porque tu me hás amado antes da criação do mundo.
25 “Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.
25 Pai justo, o mundo não te conheceu; mas eu te conheci, e estes conheceram que tu me enviaste a mim.
26 Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”
26 E eu lhes fiz conhecer o teu nome e que me tens amado esteja neles, e eu neles esteja.

Ler em outra tradução

Comparar com outra

Estude este capítulo no WhatsApp

Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 17, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.