João 11
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NAA
1 Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha.
1 Um homem chamado Lázaro estava doente. Ele era de Betânia, da aldeia de Maria e de sua irmã Marta.
2 Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha.
2 Esta Maria, cujo irmão Lázaro estava doente, era a mesma que ungiu o Senhor com perfume e lhe enxugou os pés com os seus cabelos.
3 Kanaaf obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira” jedhanii Yesuusitti dhaaman.
3 Por isso, as irmãs de Lázaro mandaram dizer a Jesus: — Aquele que o Senhor ama está doente.
4 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu” jedhe.
4 Ao receber a notícia, Jesus disse:
5 Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture.
5 Ora, Jesus amava Marta e a irmã dela, e também Lázaro.
6 Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture.
6 Quando soube que Lázaro estava doente, ainda se demorou dois dias no lugar onde estava.
7 Innis ergasii barattoota isaatiin, “Kottaa Yihuudaatti deebinaa” jedhe.
7 Depois, disse aos seus discípulos:
8 Barattoonni isaa immoo, “Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?” jedhaniin.
8 Os discípulos disseram: — Mestre, ainda há pouco os judeus queriam apedrejá-lo! E o senhor quer voltar para lá?
9 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu.
9 Jesus respondeu:
10 Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata.”
10 Mas, se andar de noite, tropeça, porque nele não há luz.
11 Innis erga waan kana dubbatee booddee, “Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa” isaaniin jedhe.
11 Tendo dito isso, acrescentou:
12 Barattoonni isaas, “Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya” jedhaniin.
12 Então os discípulos disseram: — Senhor, se dorme, estará salvo.
13 Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
13 Jesus falava da morte de Lázaro, mas eles pensavam que tivesse falado do repouso do sono.
14 Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; “Alʼaazaar duʼeera;
14 Então Jesus lhes disse claramente:
15 akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa.”
15 Por causa de vocês me alegro de que não estivesse lá, para que vocês possam crer. Mas vamos até ele.
16 Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, “Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa” jedhe.
16 Então Tomé, chamado Dídimo, disse aos outros discípulos: — Vamos também nós para morrer com o Mestre!
17 Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke.
17 Quando Jesus chegou, encontrou Lázaro já sepultado havia quatro dias.
18 Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte;
18 Ora, Betânia ficava a mais ou menos três quilômetros de Jerusalém.
19 Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan.
19 Muitos dos judeus vieram visitar Marta e Maria, a fim de consolá-las por causa do irmão.
20 Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse.
20 Marta, quando soube que Jesus estava chegando, foi encontrar-se com ele; Maria, porém, ficou sentada em casa.
21 Maartaanis Yesuusiin akkana jette; “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.
21 Então Marta disse a Jesus: — Se o Senhor estivesse aqui, o meu irmão não teria morrido.
22 Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka.”
22 Mas também sei que, mesmo agora, tudo o que o senhor pedir a Deus, ele concederá.
23 Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedheen.
23 Jesus disse a ela:
24 Maartaanis deebiftee, “Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka” jetteen.
24 Ao que Marta respondeu: — Eu sei que ele há de ressurgir na ressurreição, no último dia.
25 Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
25 Então Jesus declarou:
26 kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?”
26 E todo o que vive e crê em mim não morrerá eternamente. Você crê nisto?
27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
27 Marta respondeu: — Sim, Senhor! Eu creio que o senhor é o Cristo, o Filho de Deus que devia vir ao mundo.
28 Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, “Barsiisaan dhufeera; si waamas” jetteen.
28 Depois de dizer isto, Marta foi chamar Maria, a sua irmã, e lhe disse em particular: — O Mestre chegou e está chamando você.
29 Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe.
29 Quando Maria ouviu isso, levantou-se depressa e foi até ele,
30 Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne.
30 pois Jesus ainda não tinha entrado na aldeia, mas permanecia onde Marta o havia encontrado.
31 Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
31 Os judeus que estavam com Maria em casa e a consolavam, vendo-a levantar-se depressa e sair, seguiram-na, pensando que ela ia ao túmulo para chorar.
32 Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen.
32 Quando Maria chegou ao lugar onde Jesus estava, ao vê-lo, lançou-se aos seus pés, dizendo: — Se o Senhor estivesse aqui, o meu irmão não teria morrido.
33 Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates.
33 Quando Jesus viu que ela chorava, e que os judeus que a acompanhavam também choravam, agitou-se no espírito e se comoveu.
34 Innis, “Eessa isa keessan?” jedhee isaan gaafate.
34 E perguntou: Eles responderam: — Senhor, venha ver!
35 Yesuusis imimmaan dhangalaase.
35 Jesus chorou.
36 Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan.
36 Então os judeus disseram: — Vejam o quanto ele o amava.
37 Isaan keessaa tokko tokko garuu, “Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan.
37 Mas alguns disseram: — Será que ele, que abriu os olhos ao cego, não podia fazer com que Lázaro não morresse?
38 Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture.
38 Jesus, agitando-se novamente em si mesmo, foi até o túmulo, que era uma gruta em cuja entrada tinham colocado uma pedra.
39 Yesuusis, “Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!” jedhe.
39 Então Jesus ordenou: Marta, irmã do falecido, disse a Jesus: — Senhor, já cheira mal, porque está morto há quatro dias.
40 Yesuus immoo, “Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?” jedheen.
40 Jesus respondeu:
41 Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha.
41 Então tiraram a pedra. E Jesus, levantando os olhos para o céu, disse:
42 Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe.”
42 Eu sei que sempre me ouves, mas falei isso por causa da multidão presente, para que creiam que tu me enviaste.
43 Yesuusis waan kana dubbatee, “Alʼaazaar, as baʼi!” jedhee sagalee guddaadhaan iyye.
43 E, depois de dizer isso, clamou em alta voz:
44 Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe.
44 Aquele que tinha morrido saiu, tendo os pés e as mãos amarrados com ataduras e o rosto envolto num lenço. Então Jesus lhes ordenou:
45 Kanaafuu Yihuudoota gara Maariyaam dhufanii waan Yesuus hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan.
45 Muitos dos judeus que tinham vindo visitar Maria, vendo o que Jesus havia feito, creram nele.
46 Isaan keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Yesuus hojjete itti himan.
46 Outros, porém, foram até os fariseus e lhes contaram o que Jesus havia feito.
47 Kana irratti luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yaaʼii Yihuudootaa waaman.
47 Então os principais sacerdotes e os fariseus convocaram o Sinédrio e disseram: — O que estamos fazendo, uma vez que este homem opera muitos sinais?
48 Yoo akkasumatti isa dhiifne namni hundi isatti amana; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya nurraa fudhatu.”
48 Se o deixarmos assim, todos crerão nele; depois, virão os romanos e tomarão não só o nosso lugar, mas a própria nação.
49 Isaan keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; “Isin waan tokko illee hin beektan!
49 Mas um deles, Caifás, que era sumo sacerdote naquele ano, advertiu-os, dizendo: — Vocês não sabem nada,
50 Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf duʼuun akka isinii wayyu hin hubattan.”
50 nem entendem que é melhor para vocês que morra um só homem pelo povo e que não venha a perecer toda a nação.
51 Inni bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Yesuus saba sanaaf duʼu raajii dubbachuu isaati malee dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne;
51 Ora, Caifás não disse isto por conta própria, mas, sendo sumo sacerdote naquele ano, profetizou que Jesus estava para morrer pela nação.
52 kunis ijoollee Waaqaa kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti.
52 E não somente pela nação, mas também para reunir em um só corpo os filhos de Deus, que andam dispersos.
53 Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan.
53 Desde aquele dia, resolveram matar Jesus.
54 Kanaafuu Yesuus ifatti baʼee Yihuudoota gidduu hin deddeebine. Achii kaʼee gara magaalaa Efreem jedhamu kan gammoojjiitti dhiʼaatu tokkoo dhaqe; barattoota isaa wajjinis achi ture.
54 Assim sendo, Jesus já não andava publicamente entre os judeus, mas retirou-se para uma região vizinha ao deserto, para uma cidade chamada Efraim, onde permaneceu com os discípulos.
55 Faasiikaan Yihuudootaa waan dhiʼaatee tureef, namoonni hedduun utuu Faasiikaan hin gaʼin of qulqulleessuuf jedhanii baadiyyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼan.
55 Estava próxima a Páscoa dos judeus, e muitos daquela região foram a Jerusalém antes da Páscoa para se purificar.
56 Isaanis Yesuusin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, “Isin maal seetu? Inni gara Ayyaana kanaa hin dhufuu laata?” waliin jedhan.
56 Lá, procuravam Jesus e, estando eles no templo, diziam uns aos outros: — O que vocês acham? Ele não virá à festa?
57 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Yesuusin qabuuf jedhanii namni iddoo inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennanii turan.
57 Ora, os principais sacerdotes e os fariseus haviam ordenado que, se alguém soubesse onde ele estava, o denunciasse, para que pudessem prendê-lo.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 11, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.