João 10
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs NTLH
1 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.
1 Jesus disse:
2 Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti.
2 Mas quem entra pela porta é o pastor do rebanho.
3 Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa.
3 O porteiro abre a porta para ele. As ovelhas reconhecem a sua voz quando ele as chama pelo nome, e ele as leva para fora do curral.
4 Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.
4 Quando todas estão do lado de fora, ele vai na frente delas, e elas o seguem porque conhecem a voz dele.
5 Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”
5 Mas de jeito nenhum seguirão um estranho! Pelo contrário, elas fugirão, pois não conhecem a voz de estranhos.
6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
6 Jesus fez esta comparação, mas ninguém entendeu o que ele queria dizer.
7 Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.
7 Então Jesus continuou:
8 Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye.
8 Todos os que vieram antes de mim são ladrões e bandidos, mas as ovelhas não deram atenção à voz deles.
9 Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.
9 Eu sou a porta. Quem entrar por mim será salvo; poderá entrar e sair e achará comida.
10 Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
10 O ladrão só vem para roubar, matar e destruir; mas eu vim para que as ovelhas tenham vida, a vida completa.
11 “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
11 — Eu sou o bom pastor; o bom pastor dá a vida pelas ovelhas.
12 Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas.
12 Um empregado trabalha somente por dinheiro; ele não é pastor, e as ovelhas não são dele. Por isso, quando vê um lobo chegando, ele abandona as ovelhas e foge. Então o lobo ataca e espalha as ovelhas.
13 Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
13 O empregado foge porque trabalha somente por dinheiro e não se importa com as ovelhas. Eu sou o bom pastor. Assim como o Pai me conhece, e eu conheço o Pai, assim também conheço as minhas ovelhas, e elas me conhecem. E estou pronto para morrer por elas.
14 “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;
14 — ausente —
15 kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.
15 — ausente —
16 Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
16 Tenho outras ovelhas que não estão neste curral. Eu preciso trazer essas também, e elas ouvirão a minha voz. Então elas se tornarão um só rebanho com um só pastor.
17 Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.
17 — O Pai me ama porque eu dou a minha vida para recebê-la outra vez.
18 Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
18 Ninguém tira a minha vida de mim, mas eu a dou por minha própria vontade. Tenho o direito de dá-la e de tornar a recebê-la, pois foi isso o que o meu Pai me mandou fazer.
19 Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame.
19 Quando ouviu isso, o povo se dividiu outra vez. Muitos diziam:
20 Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
20 — Ele está dominado por um demônio! Está louco! Por que é que vocês escutam o que ele diz?
21 Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
21 Outros afirmavam: — Quem está dominado por um demônio não fala assim! Será que um demônio pode dar vista aos cegos?
22 Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture;
22 Era inverno, e em Jerusalém estavam comemorando a Festa da Dedicação .
23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture.
23 Jesus estava andando pelo pátio do Templo, perto da entrada chamada “ Alpendre de Salomão ”.
24 Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
24 Então o povo se ajuntou em volta dele e perguntou: — Até quando você vai nos deixar na dúvida? Diga com franqueza: você é ou não é o
25 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa.
25 Jesus respondeu:
26 Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan.
26 mas vocês não creem porque não são minhas ovelhas.
27 Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.
27 As minhas ovelhas escutam a minha voz; eu as conheço, e elas me seguem.
28 Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.
28 Eu lhes dou a vida eterna, e por isso elas nunca morrerão. Ninguém poderá arrancá-las da minha mão.
29 Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.
29 O poder que o Pai me deu é maior do que tudo, e ninguém pode arrancá-las da mão dele.
30 Anii fi Abbaan tokkuma.”
30 Eu e o Pai somos um.
31 Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan.
31 Então eles tornaram a pegar pedras para matar Jesus.
32 Yesuusis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
32 E ele disse:
33 Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
33 Eles responderam: — Não é por causa de nenhuma coisa boa que queremos matá-lo, mas porque, ao dizer isso, você está
34 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’jedhamee barreeffameera mitii?
34 Então Jesus afirmou:
35 Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,
35 Sabemos que as
36 sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu?
36 Quanto a mim, o Pai me escolheu e me enviou ao mundo. Então por que vocês dizem que blasfemo contra Deus quando afirmo que sou Filho dele?
37 Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa.
37 Se não faço o que o meu Pai manda, não creiam em mim.
38 Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.”
38 Mas, se eu faço, e vocês não creem em mim, então creiam pelo menos nas coisas que faço. E isso para que vocês fiquem sabendo de uma vez por todas que o Pai vive em mim e que eu vivo no Pai.
39 Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
39 A essa altura tentaram novamente prendê-lo, mas Jesus escapou das mãos deles.
40 Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture.
40 Ele voltou de novo para o lado leste do rio Jordão, foi para o lugar onde João Batista tinha batizado antes e ficou lá.
41 Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan.
41 E muita gente ia vê-lo, dizendo: — João não fez nenhum milagre, mas tudo o que ele disse sobre Jesus é verdade.
42 Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan.
42 E naquele lugar muita gente creu em Jesus.
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar João 10, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.