Judas 1
Kitaaba Qulqulluu, Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa, Loqoda Dhiʼaa (GAZ) vs ARC
1 Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa,
1 Judas, servo de Jesus Cristo e irmão de Tiago, aos chamados, queridos em Deus Pai e conservados por Jesus Cristo:
2 Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
2 a misericórdia, e a paz, e o amor vos sejam multiplicadas.
3 Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
3 Amados, procurando eu escrever-vos com toda a diligência acerca da comum salvação, tive por necessidade escrever-vos e exortar-vos a batalhar pela fé que uma vez foi dada aos santos.
4 Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
4 Porque se introduziram alguns, que já antes estavam escritos para este mesmo juízo, homens ímpios, que convertem em dissolução a graça de Deus e negam a Deus, único dominador e Senhor nosso, Jesus Cristo.
5 Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
5 Mas quero lembrar-vos, como a quem já uma vez soube isto, que, havendo o Senhor salvo um povo, tirando-o da terra do Egito, destruiu, depois, os que não creram;
6 Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera.
6 e aos anjos que não guardaram o seu principado, mas deixaram a sua própria habitação, reservou na escuridão e em prisões eternas até ao juízo daquele grande Dia;
7 Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru.
7 assim como Sodoma, e Gomorra, e as cidades circunvizinhas, que, havendo-se corrompido como aqueles e ido após outra carne, foram postas por exemplo, sofrendo a pena do fogo eterno.
8 Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
8 E, contudo, também estes, semelhantemente adormecidos, contaminam a sua carne, e rejeitam a dominação, e vituperam as autoridades.
9 Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
9 Mas o arcanjo Miguel, quando contendia com o diabo e disputava a respeito do corpo de Moisés, não ousou pronunciar juízo de maldição contra ele; mas disse: O Senhor te repreenda.
10 Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
10 Estes, porém, dizem mal do que não sabem; e, naquilo que naturalmente conhecem, como animais irracionais, se corrompem.
11 Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
11 Ai deles! Porque entraram pelo caminho de Caim, e foram levados pelo engano do prêmio de Balaão, e pereceram na contradição de Corá.
12 Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
12 Estes são manchas em vossas festas de fraternidade, banqueteando-se convosco e apascentando-se a si mesmos sem temor; são nuvens sem água, levadas pelos ventos de uma para outra parte; são como árvores murchas, infrutíferas, duas vezes mortas, desarraigadas;
13 Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti.
13 ondas impetuosas do mar, que escumam as suas mesmas abominações, estrelas errantes, para os quais está eternamente reservada a negrura das trevas.
14 Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
14 E destes profetizou também Enoque, o sétimo depois de Adão, dizendo: Eis que é vindo o Senhor com milhares de seus santos,
15 innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
15 para fazer juízo contra todos e condenar dentre eles todos os ímpios, por todas as suas obras de impiedade que impiamente cometeram e por todas as duras palavras que ímpios pecadores disseram contra ele.
16 Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
16 Estes são murmuradores, queixosos da sua sorte, andando segundo as suas concupiscências, e cuja boca diz coisas mui arrogantes, admirando as pessoas por causa do interesse.
17 Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
17 Mas vós, amados, lembrai-vos das palavras que vos foram preditas pelos apóstolos de nosso Senhor Jesus Cristo,
18 Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
18 os quais vos diziam que, no último tempo, haveria escarnecedores que andariam segundo as suas ímpias concupiscências.
19 Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
19 Estes são os que causam divisões, sensuais, que não têm o Espírito.
20 Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
20 Mas vós, amados, edificando-vos a vós mesmos sobre a vossa santíssima fé, orando no Espírito Santo,
21 Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa.
21 conservai a vós mesmos no amor de Deus, esperando a misericórdia de nosso Senhor Jesus Cristo, para a vida eterna.
22 Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
22 E apiedai-vos de alguns que estão duvidosos;
23 Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
23 e salvai alguns, arrebatando-os do fogo; tende deles misericórdia com temor, aborrecendo até a roupa manchada da carne.
24 Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
24 Ora, àquele que é poderoso para vos guardar de tropeçar e apresentar-vos irrepreensíveis, com alegria, perante a sua glória,
25 Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen.
25 ao único Deus, Salvador nosso, por Jesus Cristo, nosso Senhor, seja glória e majestade, domínio e poder, antes de todos os séculos, agora e para todo o sempre. Amém!
Atalhos do teclado
- Capítulo anterior←
- Próximo capítulo→
- Versículo anteriork
- Próximo versículoj
- Limpar seleçãoEsc
- Esta ajuda?
Estude este capítulo no WhatsApp
Peça à IA da Bíblia Fala para explicar Judas 1, comparar traduções ou montar um estudo — tudo direto pelo WhatsApp.